Waraana keessatti mirgoonni akka hin sarbamneef seera addunyaatiin dhorkaman kam fa'i?

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaan nageenyaa qofaaf osoo hin taane, waraana keessatti dhimmoota sarbamuu hin qabnerratti waliigaltee tumuun seera baasan qabu.
Qabiyyee seera kanaaf bu’uurri ammoo waliigaltee Jeneevaa yoo ta’u, waliigaltee kanas biyyoota addunyaa 196 ta'aniitu raggaasise.
Sadarkaa addunyaatti waliigalteewwan hangasi fudhatama argatan muraasa qofaa akka ta'an himama.
Waliigalteen waraanaa kun fudhatama argatuyyuu waraana yeroo garaa garaatti addunyaa irratti ka'an keessatti balaan mirga namoomaa jajjabaan qaqqabutu himama.
Seerri waraanaa miidhaa dhala namaarra qaqqabu sadarkaa addunyaatti daangessuuf hundaa'e seera namoomaa idil-addunyaa (International Humanitarian Law) jedhama.

Madda suuraa, Getty Images
Mootummoonnis ta’e hidhattoonni waraanatti hirmaatan kamiyyuu seera namoomaa idil-addunyaa kabajuuf dirqama qabu.
Ofii seeroonni waraana keessatti cabuu akka hin qabne sadarkaa addunyaatti irratti waliigalaman ijoon maal fa’i?
Namoomaaf dursa kennuu
Seera namoomaa idil-addunyaa keessatti qajeelfamni bu’uura inni jalqabaa namummaaf (humanity) dursa kennudha.
Kunis seera tumaa ‘Martens Clause’ jedhamu keessatti eerameera.
Tumaan kun waliigaltee seera namoomaa idil-addunyaa iddoo baayyee keessatti sirnaan ibsameera.
Tumaan kunis Fiyodor Fiyodorovich Martiin booda kan moggaa’eedha.
Martiin bara 1899tti wixineen waliigaltee Heeg yeroo qophaa’u keeyyata kana yeroo jalqabaaf dhiyeesse ture.
Namoota nagaaf eegumsa gochuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qajeelfamni bu’uuraa seera namoomaa idil-addunyaa (international humanitarian law) inni lammaffaan namoonni nagaafi loltoota waraanatti hirmaatan (combatants) gargar ta'uu isaanii kan akeeku.
Haaluma kanaanis, bu’uraaleen misoomaa namoota nagaafi waraanaaf oolanis adda baafamuun, kanneen waraanaaf oolan qofarratti akka qiyyaafatamu akeeka.
Haala seera kanaatti haleellaan namoota nagaafi loltoota addaan hin foone jumlaan raawwachuus dhorkaadha.
Qajeelfamni seera waraana kan biraan haleellaa madaala hin qabneen lubbuu namoota nagaa baasu, madeessuu fi bu’uuralee misoomaa namoota nagaa mancaasu dhorka.
Namoota nagaa, kanneen waraana keessatti qooda hin qabne, waraana keessatti hirmaachuu hin dandeenye loogii tokko malee eegumsi akka taasifamuuf seerri namooma idil-addunyaa ni ajaja.
Akka seera kanaatti waraana keessattillee kunuunsa isaan barbaachisu argachuuf mirga qabu.
Tasumayyuu namoota nagaa haleeluuf irratti hin qiyyaafatamu jedha.
Waraana keessatti namoota nagaarratti qiyyaafachuun yakka waraanati jedha Serri Namoomaa idil-addunyaa dambiisaa 156 jalatti.
Haala seera kanaatti yekkooti namoomaa kanneen jedhamanis, tibba waraanaatti namoota ajjeesuu, dhabamsiisuu, dararuu, humnaan buqqisuu, itti yaaduun baay'inaan yakka gudeeddii raawwachuufi saal-quunnamtiif garboomfachuu fa'i dabalata.
Qabiinsa booji’amtoota fi hidhamtoota waraanaa
Loltoota waraana keessatti boji’aman ykn kanneen to’annoo qaama wal waraanan harka jiran kabajni namoomaa isaanii irraa hin mulqamu jedha seerri kun.
Akka seerri kun jedhutti, namoota boji'amtoota kanarra doorsisni gahuu hin qabaatu.
Seerri waraanaa idil-addunyaa namoota waraana keessatti to’ataman dararuu dhorkeera.
Yoo dhaddacha mana murtiitti dhiyaatanillee haala dhaddacha mana murtii idileerra adda ta’eetti hin ilaalaman jedha.
Nyaataaf dhugaatii hin dhorkaman. Firoottan isaanii waliin haasa’uun hin dhorman. Kabajni namoomaa isaanii eegame akka lubbuun turan ni eeyyamamaaf.
Kana malees namoota waraanaa keessatti booji'amaniifi hidhamtoota waraanaatiif eegumsa taasiisuun alattis, seerri idil-addunyaa kun meeshaalee ittiin wal waraanan irrattis daangaa qaba.
Haala kanaanis, meeshaalee waraanaa miidhaa garmaleefi dararaa suukkanneessa humnaa olii qaqqabsiisan fayyadamuun seeraan daanga’eera.
Mirga waraanaa keessatti wal’aansa argachuu
Namoonni waraana keessatti mada’aan kamiyyuu osoo gartuu qaama wal waraanan deeggaraniin adda hin baafamiin wal’aansa argachuuf mirga qabu.
Ogeeyyiin fayyaa hojii lubbuu baraarsuu irra hojjatanis kana hojiirra akka oolchaniif seerri waraanaa ni eeyyama.
‘’Loltuu garee kootii malee kan biraa wal’aanuu hin dandeessu’’ jedhamuun ogeeyyiin fayyaa hin doorsifaman jedha Koree Fannoo Diimaa Addunyaa (ICRC).
Hojjattoonni Fannoo Diimaa waraana keessatti hojii lubbu-baraarsaarratti boba’an akka hin haleelamne seerrii idil-addunyu kun ni ajaja.












