Atileet Xirunash Dibaabaaf gulantaan Komaandarummaa kennameef

Madda suuraa, EAF
Komishiniin Mana-Sirreessaa Federaalaa Atileet Xirunash Dibaabaatiif badhaasa niishaanii addaafi gulantaa komaandarummaa kenneef.
Komishiniin Mana-Sirreessaa ateleetoota miseensa kilabii ispoortii dirree irratti bobba’aniin qabxii olaanaa galmeesiisan 78f badhaasa maallaqaafi niishaanii addaa kenneeraaf.
Kilabiin isoopoortii Mana-Sirreessaa waggoota sadan darban keessatti warqee 26, meetii 31, naasa 38, walumaagalatti meedaaliyaa 95, waancaawwan 8 fi dippiloomaawwan 47 dorgommiiwwan biyya keessaafi biyya alaa irratti argachuun himameera.
Sirna badhaasichaa irratti Atileet Xirunash Dibaabaatiif niishaanii addaa kan kennameef yoo ta’u, Koomishinichatti sadarkaan Komaandarummaas kennameefiira.
Komaandar Xirunash Dibabaas sadarkaa kennameefitti gammaduu kan ibste yoo ta’u, kilbii ispoortii Mana-Sirreessaa keessatti daa’imummaan qacaramuun sadarkaa amma irra geessee qaqabuu kaaftee jirti.
Kaayyoon badhaasichaas atileetoonni dargaggoonni kilabicha keessaa cimanii akka hojjatan, akka jajjabeefamaniifi sadarkaa fooyya’aa irra akka gahan ni taasisa kan jette Atileet Xirunash, atileetoonni Komishinichaa dameewwan dorgommii adda addaatiin milkaa’oo ta’usaanii ibsite jirti.
Komishinichi isporteessitoota 34f saajiinii ittaanummaa irraa kaasee hanga gulaantaa komaandarummaaatti guddina yoo kennuuf, ispoorteessitoota 19f ammoo badhaasa maallaqaa, akkasums 13f ammoo guddina gulantaafi maallaqatu kenname.
Badhaasni niishaanii addaa Xirumashiif kenname kunis Komishinara gargaartuu Daraartuu Tulluutti aanee yeroo lammaaffaatiif kan kennammee akka ta’e Federeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa ibseera.
atileet Xirunash eenyuu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xirunash Dibaabaa bara 1985 kana dhalattee yoo taa’u, atliileetii seenaa atileetiksii keessatti umurii ijoollummaatiin shaampiyoonaa dubartootaatti makamuun, dorgommiiwwan Oloompikii fageenya meetira 5,000/10,000 milkaa’u dandeesse kan jalqabaati.
Isheenis atileetii dubartii fiigiicha dheeraa lamaan dorgommii tokko irratti mo’achuu dandeesse kan jalqabaati.
Xirunash Dibaabaa Asrii magaalaa Boqajjiitti dhalatte.
Boqojjii bakkeen Xurunash itti dhalatte kun bakka atileetoota bebbeekamoo biyyattii kan akka Daraatuu Tulluu, Qananiisaa Baqalaa addunyaa atileetiksii keessatti maqaa horatan irraa argamaniidha.
Xirunash milkaa’ina fiigiichaa ishee kanaaf kan gumaacheef wayita tokko yoo dubbatteetti, ‘‘mana barnootaan booda guyyaa hunda haadha koo bishaan lagaa waraabuun gargaaruuf dhaqaa gala fiigaan gudadhee," jettee turte.
Xiruunash maatii ishee keessaa kan atileetitksiin hawwatame ishee qofaa miti. Obboolaa ishee dubaraa afur waliin addunyaa atileetiksii keessatti milkaa’inaan maatii maqaa gaarii horatedha.
Xirunash malee, Ejigaayyoo, Ganzabee, Haannaa fi Meelaati obboolooteshee maqaan qee’ee atileetiksii addunyaarratti yeroo huda kaafaman keessaati.












