Haleellaa Aanaa Giddaa Ayyaanaafi Kiiramuutti hammaateen jiraattonni birmannaa gaafatan

Aanaa Kiiramuurraa kanneen buqqa'an hedduun Giddaa Ayyaanaatti baqatan.

Madda suuraa, Kominikeeshinii Giddaa Ayyaanaa

Haleellaa qaamoleen hidhatan tibbana aanota Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaafi Aanaa Kiiramuutti raawwataniin rakkoo jabaaf saaxilamuu jiraattonnifi qondaaltonni bakkeewwan kanaa BBC'tti himan.

Akka BBC'n odeeffateetti haleellaa tibbanaan lubbuun darbeera, kumaatamaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqa'aniiru.

Hawaasi lamaan bakkeewwan kanaa BBC'n dubbise hidhattoota gosa lamaa maqaa sabaa dhahataniifi lolan himatu, birmannaas gaafatan.

Haleellaan raawwatame rakkoo hamaaf uummata saaxilus mootummaan naannoo fi federaalaa dhimma kanarratti waan dubbatan hin qabani.

Haleellaan Aanaa Giddaa Ayyaanaa xumura torban darbe yoo raawwatu kan Kiiramuu garuu torbanoota muraasa darbaniif kan raawwateefi lammiilee hedduu kan buqqaasedha.

Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa 'humni shaneefi finxaaleyyiin ummata Oromoofi Amaaraa walitti buusuuf' hojjetaa jiru jechuun torban darbe miidiyaaleef ibsa kennanii turan.

Mootummaan hidhattoota kana irratti tarkaanfii fudhachuu akka itti fufu ibsan.

Miidhaan hagami?

Jiraataan Aanaa Kiiramuu haleellaa finxaaleyyiin Amaaraa raawwataniin jedhaniin homaa akka isaaniif hin hafne dubbatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maanguddoon umrii ganna 67 maatiisaanii waliin baqatanii jiran kun qabeenyaasaanii qofa osoo hin taane waanti hunduu barbadaa’uu ibsan.

‘’Homaa nuuf hin hafne. Lubbuu namaa hedduu dhabne. Qabeenyi keenya guutummaatti barbadaa’eera. Tajaajilli fayyaa, manni barumsaa, barsiisaan, barataan homtuu bakka hin jiran. Nuti baqannee hurufa keessa mataa dhokfannee jirra,'' jechuun bakka dhokatanii jiranii dubbatan.

Haleellaan kun ALI Sadaasa bultii 09, 2014 eegaluu kan himan jiraataan kun ergasii nyaataa fi dhugaatii malee akka jiran himan.

''Lubbuu keenya dhabuu caalaa namummaa keenyas dhabneerra,'' jedhan.

''Haleellaa kanaan ummati hedduun dhumeera, humni addaa mootummaa, abbaan seeraa, hojjettoonni mootummaa dhumaniiru. Manni murtii, buufati fayyaa fi waajjiraaleen mootummaa kaan barbadaa’aniiru. Aanaan kun qullaatti hafteetti,'' jedhan.

Haleellaan akkanaan erga eegalee waggaa lama caaluu kan himan namni kun, kan ammaa kun akkaan suukaneessaa ta’uu eeran.

''Amma namni hedduun dhumeera. Mootummaan warra irraa hafeef akka dhaqqabu gaafanna.''

''Yoo nuuf ta’uu baatellee dhalootaaf nuuf qaqqabaa. Kanneen baqatan keessaa dubartoota garaatti baatan hedduutu jiru. Kanneen reefuu da’aniis jiru. Kunneen harkaa daa’imman dhumaa jiru. Sanyiitu lafarraa nu badaa jira,'' jechuun yaaddoo qaban ibsatan.

Wayita haleellaan uummatarratti raawwatu qaamni nageenya naannichaa eegsisuuf dirqama fudhatee ramadamee jiru eessa ture? Gaaffii jedhu akkanaan deebisan.

''Poolisiinis humni nageenyaas qaamni mootummaas ajjeefamee dhumeera. Humnoonni Amaaraa kunneen qabeenya uummataas kan mootummaas, jiraattotas hojjettootas, qaamolee nageenyaa mootummaas hunda walitti qabanii barbadeessan.‘‘

''Namni hedduun dhumee kaan ammoo guutummaatti waan baqatee jiruuf reenfallee awwaallachuu hin dandeenye,'' jedhan.

Jiraataama aanaa kanaa kan ta’e dargaggoon baqatee jiraachuu himu maatiisaanii faffaca’ee jiru barbaaduun nyaata kennaafii jirra jedhe.

''Namoonni keenya kanneen hafan baqatanii faffaca’anii jiru. Kanarratti qaamni finxaaleyyii ammas nu adamsaa jira. Jarri kun humnisaanii baayyee cimaadha.

''Qaamni nageenyaa godinarraa dhufellee baayyeetu dhume. Waajjirri mootummaa hafe tokkollee hin jiru. Kanaaf birmannaa hatattamaa feena,'' jedha.

'Shaneefi humna addaatu haleellaa nurratti bane'

Jiraataan Aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Hangar Guutee [Guttiin jedhamuunis beekamti] sabaan Amaaraa ta'an ammoo xumura torban darbe humnoota Shanee fi poolisii Oromiyaatu qindaa'uun haleellaa nurratti bane jedhan.

Jiraataan aanaa Giddaa Ayyaanaa sabaan Amaara ta'an akka jedhanitti Sambata ALI Sadaasa 24, 2015 barii irraa eegalee waraanni hamaan deemaa jiraachuu himan.

''Guyyaa Jimaataa humni addaa poolisii Oromiyaa torba ta'an magaalattii kutanii darbanii bosona keessa bulan.

''Borumtaasaa konkolaataa waraanaarratti diishqaa fe'anii magaalaa seenuun haleellaa eegalan. Namoota hedduu ajjeesan, manneen hedduu barbadeessan,'' jedhan.

Akka jiraataa kanaatti dhalattooti Oromoo magaalaa Guttiin jiran eega magaalattii gadhiisanii torban lama ta’eera jedhu.

‘’Maaliif bahan jennee bulchiinsa mana qopheessaa gaafannuus ‘sodaa waan qabaniif, maatii isaaniif jedhaniiti’ nuun jedhan,’’ jechuun dubbata.

Jiraataan magaalaa Hangar Guutee biroo guyyoota muraasa darban lakkoofsa namoota lubbuu dhabanii gaafatamanii lakkoofsa sirrii dubbachuu wallaalanis kan beekan akkanaan himan.

‘’Bataskaana Gabreeliitti namota 18 awwaalleerra. Musliimota bira 32 owwaalleerra. Qaamni namoota 16 immoo haa ka’an jedhamee sharaan maramaa jiru,’’ jedhan.

Yeroo ammaa Magaalaa Hangar Guutee jiraattoti dubbisne Guttiin jedhan keessa Raayyaan Ittisa Biyyaa seenus namoonni baqataa akka jiran himu.

Waggoota lamaan dura hidhattooti WBO kan mootummaan Shanee jedhu dhalattoota Amaaraa Godinoota Wallaggaa jiran irratti haleellaa banuun himatamu.

Gareen kuni garuu kana ni waakkata. Eegasii booda ture hidhattooti Amaaraa haleellaa haalo fakkaatuufi kaaniin himatamuu kan eegalan.

'Shanee jedhanii ummata nagaa haleelu'

Qondaalli nageenyaa BBC’n Aanaa Kiiramuu irraa dubbise hidhattoota finxaaleyyii jedhaniin ‘duguggaa sanyiitu’ raawwate jechuun himatu.

''Qaamoleen kunneen daangaa as ce‘anii uummataa dararaa jiru. Kaan ammoo namootuma wajjin nyaannee dhugaa turretu nutti garagale.

''Mootummaanis humna kana ofirraa deebisuu hin dandeenye. Humna Amaaraa kana qofatu akkas jabaadha jedhanii dubbachuuf nama dhiba,'' jedhan.

Qondaalli kuni hidhattoota kana gudeeddiifi badiiwwan suukaneessaa kaaniin himatu. Kaayyoon isaanii ''lafa babal’ifannaadha'' jechuunis dubbatu.

Humnoota nageenyaa federaalaa bakkeewwan kanatti ramadaman hidhattooti finxaaleyyiifi mootummaan Shanee jedhu haleellaa irratti banuu jiraattonni himu.

Bakkeewwan Wallagga Bahaa haleellaan itti cime kanatti hawaasi Oromoo fi Amaaraa dabalatee saboonni hedduun waliin jiraatu.

Uummata qe'eerraa buqqa'e

Madda suuraa, Kominkeeshinii Giddaa Ayyaanaa

Torban darbe Waajjirri Kominkeeshinii Aanaa Giddaa Ayyaanaa haleellaa finxaaleyyiin Aanaa Kiiramuutti raawwataniin jedheen jiraattoti gandoota Aanaa Kiiramuu 19 irraa ‘‘guutummaatti buqqa’aniiru’’ jechuun feesbuukiisaarratti barreesse.

Wanti dhihoo raawwate ‘haala kanaan dura ta’ee hin beeknee fi suukanneessaa’ ta’u ibse. Kanneen buqqa’an Aanaa Giddaa Ayyaanaa Magaalaa Ayyaanaatti baqatuu ibseera.

Qondaalli nageenyaa Kiiramuu irraa BBC’n dubbise finxaaleyyii Amaaraa jedhaniin kunneen ‘’maqaa Shanee haleella jedhuun uummata nagaa fixaa jiru,’’ jedhu.

''Sobanii Shanee waraanna jedhu. Kan waraanamaa jiru garuu jiraataadha. Uummata nagaa, uummata qotatee jiraatu, nama manasaa bulu, nama daldalatee maatiisaa bulchatu sababa haleellaa kanaa har’a kadhatee jiraachuuf dirqame.''

Qondaalli kuni sababa rakkoo nageenyaan maatii waliin gargar bahuu himan.

Qondaalli Aanaa Giddaa Ayyaan irraa BBC’n dubbise ‘uummanni karaa baddaa humnoota Shaneen, karaa gammoojjiin ammoo humnoota finxaleyyii’gidduutti dararamaa jira jedhan.

''Qaamni finxaaleyyii kun maqaa Shanee adamsuu jedhuun guyyaa guyyaan uummata qe’eerraa buqqisuun, qabeenya gubuun konkolaataa gubuun tureera,'' jedhan.

Qaamni nageenyaa mootummaa hanga wareegama lubbuu kaffaluutti nageenya naannawa kanaa eegsisuurratti hojjetaa jira kan jedhan qondaalli kuni, ''garuu humni kun humna riphee lolu waan ta’eef dagachiisee haleellaa hamaa raawwata,'' jedhan.

''Mootummaa naannoo Oromiyaaf gabaafnee jirra. Akka mootummaatti humni dabalataa naannawa kanatti ramadameera. Nutis humna kana eegna jechuudha.''

Akka qondaala kanaatti humnoonni Shanee fi fixaaleyyii jedhan jiruu fi jireenya uummataaf walqixa yaaddessoodha.

''Gama kilaastara gammoojjiin humni finxaaleyyii Amaaraa humna cimaadhaan ijaaramanii jiru. Gama baddaan humnoota Shaneetu jiru. Isaan kunneen lameenuu waldubbisu.

‘’Humni finxaaleyyii kun humna baddaa jiruuf qormaata ta’uu danda’a. Gama kaaniin humni Shanee kun finxaaleyyiitti bu’ee ajandaa uumee uummata ficcisiisa.

‘’Tuqanii biraa deebi’u. Bira dhaabataniimmoo ummata hin gargaaran. Dubbii kaasanii biraa deemu. Humni finxaaleyyii ammoo achii ka’ee uummata jumlaan fixa jechuudha.''