Wallagga Bahaa, Kiiramuutti namoonni nagaa hedduun ajjeefamanii kaan qe'eerraa buqqa'uun rakkoo hamaa keessa jiru -Jiraattota

Kaartaa

Madda suuraa, Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuutti namootni nagaa ajjeefaman

Haleellaa Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuufi naannoosheetti raawwatameen lubbuun namoota nagaa hedduu darbuufi kaan qe'eerraa buqqa'uu jiraattonniifi aanga'oonni BBC'tti himan.

"'Finxaaleyyiin Amaaraa' uummata nagaa haala argamee hin beekneefi suukaneessaa taheen ajjeesaa jiru," jedhan Qondaalli Bulchiinsaafi Nageenya Kiiramuu BBC'n dubbise.

"Namuma waliin nyaannee dhugnutu deebisee nu waraanaa jira. Ergama isaa hin beeknu, dhimma daangaa fakkaatee duguugguuaa sanyiitu nurratti gaggeeffamaa jira," jechuun haala hamaa aanicha keessa jiru kan himan aanga'aan aanichaa erga ijoolleefi maatiisaarraa adda baheellee torbaniin ol ta'uu dubbata.

Jiraataan aanaa Kiiramuu BBC’n dubbise haleellaa kanaan lubbuu namoota hedduu darbuu himanii, "qabeenyi akka jiruun gubachaa jira, daa'imman, haadhotiifi maanguddoota dabalatee buqqa'anii rakkoon keessa jirru hamaadha," jechuun mootummaafi qaamni namoomni itti dhagahamu akka birmataniif gaafatan.

Namoonni ajjeefaman haleellaa tibba kana aanaa Kiraamuutti ajjeefaman Namoota nagaa ajjeefaman jedhame BBCn qaama walabaarraa hin mirkaneeffanne.

Gareen uummanni naannichaa 'Faannoo' jedhuufi aanga'oonni naannoo ammoo 'Finxaaleyyii Amaaraa' ittiin jedhan kunneen aanaa Kiiramuutti uummata nagaarratti haleellaa yeroo gaggeessan kun kan jalqabaa miti.

Waggoota lamaan darban keessa yeroo gara garaatti haleellaa isaan gaggeessaniin namoonni nagaa baayyeen ajjeefamanii, qabeenyi uummataa barbadaa'aa akka ture gabaafamaa tureera.

Mootummaan humna dabalataa ergus hanqinni jiraachuu kaasuun, "'finxaaleyyiin Amaaraa' dursanii dahoo qoatatnii eeggataa waan turaniif karaatti rukutan," jedhan qondaalli bulchiinsaafi nageenyaa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabalataan Godina Horroo Guduruu karaa aanaa Abee Dongoroo, Jaardagaa Jaartee, Hagamsaafi Wallagga Bahaa keessaa ammoo aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Alii jedhamurraa gareen hidhataa kun humna dabalatee itti bobba'aa akka jiran jiraattonniifi aanga'oonni aanichaa yaaddoo qaban himachaa jiru.

Kaayyoon jara kanaa uummata buqqisuudha kan jedhan qondaalichi, "namootuma [nagaa] Afaan Oromoo dubbatan ajjeesanii qabeenya barbdeessu," jedhan.

Jiraataa kana dabalatee uummanni baqatee jiru nyaataafi bishaan argataa akka hin jirre kan dubbatan qondaalli mootummaa kun, wayita BBC’n isaan dubbisetti dhukaasni akka jiru himu.

Bulchaan aanaa Kiiramuu Obbo Fiqaaduu Hundee wayita BBC'n bilbiluuf ''waraana keessa waan jirruuf dubbachuuf naaf hin mijatu,'' jedhan.

Godina Wallagga Bahaa keessaa aanaa ollaa Kiiramuu kan taate Giddaa Ayyaanaa irraa qondaalli mootummaa BBCn torban darbe dubbise, 'finxaaleyyiin Amaaraa' aanicha keessatti bakka gammoojjii qubatanii jiranirraa gara baddaatti bahuun uummata nagaa ajjeesuufi qabeenya mancaasuun rakkoo uumaa jiraachuu himaniiru.

Gareen kun daandii guddaa Naannoo Amaaraafi magaalaa Naqamtee wal qunnamsiisu bakka Dichoo jedhamutti kutuun uummata nagaarraan miidhaa geessisaa jiraachuu dubbatu.

Gama biraan ammoo rakkoon nageenyaa aanicha keessa jiru daran akka hammaatu kan taasise tuttuqqaa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan 'ABO-Shanee' ittiin jedhan baddaarraan geessisaa jiran ta'uu himu aanga'aan aanaa Giddaa Ayyaanaa kun.

Haata'u malee, WBO himannaa aanga'aan aanichaa dhiyeessan kanaafi yeroo gara garaa muutummaan ajjeechaa namoota nagaarratti raawwatamuuf himatu akka hin raawwatiin dubbata.

Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa guyyoota dura miidiyaaf kennanaiin, "humni shororkeessaa 'Shanee', akkasumas 'finxaaleyyiin' ummata Oromoofi Amaaraa walitti buusuudhaaf yeroo adda addaa jeequmsa kaasaa jiru.

"Godina Horroo Guduruu Wallaggaafi Wallagga Bahaa keessatti finxaaleyyiiniifi humni shororkeessaa 'Shanee' gocha badii yeroo isaan raawwatan ni mullata" jechuun uummanni kana beekuu akka waloon irratti qabsaauu qabu dubbatan.

Erga qe'ee irraa baqatanii guyyaa sadii ta'uu kan dubbatan jiraataan BBCn dubbise, "Waajjira mootummaa dabalatee qabeenyi barbadaa’eera. Warra ajjeefaman kan awwaalu hin jiru. Jaartiifi jaarsi danda’anii hin deemne lagatti rakkataniiru. Dubartiin ulfa baqachuu hin dandeenye," jechuun rakkoo hamtuu keessa jiran ibsa.

Akka jiraataan kun jedhanitti, humna poolisii Oromiyaa dabalatee hojjetoonni mootummaa, abbaan seeraa, barsiisaan haleellaa raawwachaa jiruun ajjeefamaniiru.

Gama mootummaa naannoo Oromiyaatiin haleellaa 'finxaaleyyiin Amaaraa' aanaa Kiiramuutti ummatarratti raawwatamaa jiru ilaalchisuun wanti jedhame hin jiru.

Gareen 'finxaaleyyii Amaaraa' himannaan uummataafi aanga'oota mootummaatiin irratti dhiyeessan kanaaf deebii hin kennine.

Torbanoota darban keessa 'finxaaleyyiin Amaaraa' aanaa Jaardagaa Jaartee magaalaa Aliiboo mancaasuu isaanii jiraattonni himaniiru.

Jiraattotni magaalitti kumaatamni gara aanolee ollaafi magaalaa Shaambuutti baqataniiru.

Haleellaa uummata nagaa irratti hammaate

Wagoota arfan darban keessa rakkoon nageenyaa Lixa Oromiyaa keessaa hammaachaa dhufeera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Lixa, giduugaleessaa fi Kibba Oromiyaa keessa kan socho’u yoo tahu, hidhattoota kanneeniifi human nageenyaa mootummaa gidduutti waraanni gaggeeffamaa jirus rakkoo nageenyaa uummata naannichaarra akka bubbulu gochaa jira.

Godinaalee Oromiyaa Lixaa keessatti hidhattootni WBO namoota nagaa sabaan Amaara tahan haleelan jedhamuun himatamaa turus, inni garuu hin raawwanne jedha.

Haatahu malee, dhiyeenya addatti Godina Horroo Guduruu aanolee akka Jaardagaa Jaartee, Horroo Bulluqii fi Amuru akkasumas Wallagga Bahaa keessaa aanolee akka Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaafi Limmuu Galiilaa keessatti 'finxaaleyyiin Amaaraa' uummata nagaa irratti haleellaa raawwachaa jiraachuu jiraattotni naannolee kanneenii buqqa’an himaniiru.

Lubbuu namoota nagaa hedduu darbeera. Kaan ammoo gara bosonaatti baqatanii kaan gara magaalota ollaatti baqataniiru.Uummata nagaa qe’ee isaa irraa buqqa’eef deeggarsi gahaan kennamaa akka hin jirru namootni BBC’n dubbise himaniiru.

Lixa Oromiyaa keessa qaamoleen hidhatanii socho’an humna nageenyaa mootummaa, Waraana Bilisummaa Oromoo fi Finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jedhaman gidduutti yeroo adda addaa dhukaasni gaggeeffamaa ture.

As gidduutti miidhaan uummata nagaa irra gahaa jiru ammoo daran hammaataa dhufeera.

Hidhattootni WBO Godina Horroo Guduruu keessaa magaala aanolee tokko tokko yoo qabatan dhukaasa isaanii fi humna nageenyaa mootummaa gidduutti banamuunis namootni nagana akka ajjeefaman himama.

Rakkoo nageenyaa Lixa Oromiyaa fi kutaalee naannichaa kaan keessa jiruuf mariin nagaa akka barbaachisu hayyoonni siyaasaa dhaamanis mootummaan naannoo Oromiyaa hidhattoota waliin mariin taa’amu akka hin jirre himeera.

ABO-WBO karaa dubbii himaa isaa Odaa Tarbii ibsa baaseen mootummaan karra marii nageenyaa cufeera jechuun ibsa baase.

Itoophiyaan waggoota lamaan darban waraana naannoo kaabaa keessa turte, keessatti lubbuun namoota kuma dhibbaan lakkaa'amuu darbuutu himama.

Qabeenyi biliyoonaa hedduun tilmaamamus manca’e. Dhumarratti qaamoleen wal waraanaan lamaan aduu torbanootaa keessatti waliigaltee nagaa mallatteessuun TPLF hidhattoota isaa hiikkachisuuf wlaiigale.

Haatahu malee, waraanni fuula adunyaa irraa dhokatee fi xiyyeeffannoo gahaa hin arganne Oromiyaa kutaalee adda addaa keessatti deemaa jira.

Aanolee Horroo Guduruufi Wallagga Bahaa tokko tokko keessa ammoo tajaajilli bilbilaas adda citeera.

Sababa lola deemuun bakkeewan adda addaatti geejibni gahaan dhabamuun wal’aansa yaalaa warra barbaadaniif rakkoo dabalataa taheera.