Obbo Getaachaw Raddaa waa'ee dhimmoota ijoo irratti xiyyeeffatan maal jedhan?

Madda suuraa, TIGRAY TV
Pirezidantiin yeroo ce’umsaa Naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa bulchiinsi isaanii rakkoowwan yeroo waraanaa raawwatan furuurratti akka xiyyeeffatu himan.
Eega pirezidantii bulchiinsa yeroo naannoo waraana waggaa lamaan hubame haa bulchaniif MM Abiy Ahimad muudamanii yeroo jalqabaaf guyyaa Jimaataa ibsa kennaniiru.
Ibsi miidiyaalee naannichaaf kennan kuni waan bulchiinsi isaanii irratti xiyyeeffatu kan itti ibsan ture.
Obbo Getaachaw nageenya waaraafi jijjiirama siyaasaa haaraa naannicha keessatti akka dhufu, akkasumas yakkawwan waraanaaf itti-gaafatamni akka jiraatuuf ni hojjenna jechuun isaanii gabaafameera.
Waliigalteen erga mallattaa'een booda tarkaanfiiwwan mootumman federaalaa nagaa waara'aa taasisuufi wal amantaan akka dhufuuf fudhataa jiru jajjabeessaa ta'uu himaniiru.
Bulchiinsi yeroo ce'umsaa haaraa kunis hariiroo mootummaa giddu-galeessaa waliin qabu kana cimsachuun wal amantaan akka daran guddatuuf ni hojjeta jechuun himan.
Ministira Muummee Abiy Ahimad (PhD)n pirezidantii yeroo ce’umsaa Tigraay gochuun Obbo Getaachaw kan muudan guyyaa Kamisaa ture.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad Obbo Getaachoo muuduu isaanii wayita waajjirri isaanii ibse imaanaa itti kennamuus hime.
‘’Bulchiinsa bakka bu’uumsa humnoota siyaasaa naannicha keessa sosso’an mirkaneessuufi hunda galeessa ijaaruun, qaama hojii raawwachiistuu naannichaa hogganuufi qindeessuuf,’’ itti gaafatamani akka kennameef ibsa.
Obbo Getaachoon maal jedhan?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni waggaa lamaaf adeeme ummata naannichaa guddoo hubeera. Ibsa isaaniin ammallee badiin raawwatamaa akka jiru akeekan.
"Tigiray Lixaa, Tigiraay Kibbaa, akkasumas Tselemtii kan Kaaba Tigraay keessatti argamu akkuma qabatamaniin jiraachuu qofa osoo hin taane dararri ummatarra ga'u itti fufee namoonni nagaa akkuma buqqa'anitti jiru," jechuun kan himan .
Obbo Getaachoon, daangaan naannoo Tigraay akkaataa waliigaltee Piritooriyaatiin bu'uura Heera Mootummaatiin furama jechuunis dubbatan.
Qondaaltonni Tigraay torban kana ibsa baasaniin humnoota Amaaraa daangaarra jiran badiin himataniiru.
Humnoonni Amaaraa qaama waliigaltee nagaa ta'udhaa baatanis mootummaa federaalaa deeggaruun lolaa turan. Himannaa dhihaaterratti homaa hin jenne.
"Humnoonni nageenyaa Amhaaraa kana hubatanii yakka raawwachuurraa akka of qusataniifi nagaa jalqabame akka hin booressine nan gaafadha.
''Gochi akkasii hariiroo uummatoota lamaan gidduu jiruuf waan gaarii hin fidu," jechuun Obbo Getaachoon dubbatan.
Itti-dabaluun, humni waraanaa Ertiraa Amajji darbe irraa kaasee bakka gara garaa akka Lixaafi giddu-galeessa Tigraay keessaa ba'aniiru, garuu ammallee guutummaan guutuutti akka hin ba'iin jiran kaasan Obbo Getaachoon.
Waraanni waggaa lamaaf gaggeeffamaa ture Sadaasa 2022 Piritooriyaa fi Naayiroobiitti nagaa buusuuf waliigaltee mootummaa Federaaalaafi naannoo Tigraay hordofee dhaabbateera.
Haa ta'u malee, bulchiinsa yeroo hundeessuun duubatti harkifateera.
Dhimmoota ijoo
Bu'uuraalee misoomaafi wiirtuuwwan tajaajila hawaasaa waraanaan manca'an deebisanii ijaaruu, uummata sababa waraanaan qe'ee isaarraa buqqa'e bakkatti deebisuufi miidhamtoota waraanaa deebisanii dandamachiisuun hojii ijoo bulchiinsa haaraa akka ta'e ibsan Obbo Getaachoon.
Mootummaan yeroo ce'umsaa hundeeffame akka hammataa taasisu gochuudhaaf hedduu carraaqameera jechuun ibsan.
Ammas caasaa ijaaraman keessatti humnaafi yaada naannicha keessa jiru gahumsaan hirmaachisuun hojiin hojjetamaa jiraachuu kaasan.
"Hanqina baayyee qabaatullee, jijjiiramni kun duubatti deebiyuu, ykn gufachuu hin qabu.
''Uummanni Tigraay yeroo kamiyyu caalaa akka jabaatuuf cinaa dhaabbachuu qabu.
''TPLF ammoo gama isaatiin imala haaraafi jijjiirama kana keessatti hojii fakkeenyummaa qabu hojjeta" jechuun dubbatan.
Turtiin bulchiinsa yeroo ce'umsaa gabaabaa ta'uu himuun, yeroo turtii isaa kanatti bulchiinsichi egeree naannichaaf wantoota murteessoo ta'an ammoo itti-gaafatamummaa olaanaatiin akka hojjetu himan.

Madda suuraa, Getty Images
Manni Maree bakka bu'ootaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) irraa shororkeessummaan akka haqamuuf sagalee caalmaan Bitootessa 22, 2023 murteesseera.
Obbo Getaachuun TPLF tarree shororkeessummaatii baasuu ilaalchisuun qaama waliigaltee Piritooriyaa hojiirra oolchuu keessaa tokko ta'u himan.
Walakkeessa Bitootessaa keessa Itoophiyaa kan daawwatan Ministirri Dhimma ALaa USA Antoonii Bilinkan humnoonni waraana Tigraay keessatti hirmaatan hunduu yakka waraanaa raawwachuu US mirkaneeffatteetti jedhanii ture.
Kanneen waraana keessa qooda fudhatan: miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Loltoota Ertiraa, hidhattoota TPLF fi humnoota naannoo Amaaraa yakka waraanaa raawwatuu ibsan..
Himannaa Bilinkan kanarratti mootummaa Itoophiyaa fi Ertiraan ibsa baasaniin fudhatama kan hin qabnedha jechuun mormaniiru.












