Pirezidantii yeroo ce'umsaa Tigraay ta'uun kan muudaman Obbo Getaachoo Raddaa eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Qondaaltotaafi namoota siyaasaa yeroo ammaa kana Itoophiyaa keessatti gurra qaban keessaa tokkodha.
Namoonni baay'een dhimmoota gara garaa irratti yeroo ibsa kennanitti jechoota itti fayyadamuufi yaada adda ta'e itti ibsaniin isaan leellisu.
Pirezidantii yeroo ce'umsaa Tigraay ta'uun kan filataman Obbo Getaachoo Raddaa, hubannaa siyaasaafi xiixala gadi fageenya qabaniin beekamu.
Waggoota shanan darban yeroo paartii biyya bulchuufi TPLF gidduutti waldhibdeen uumame hordofee atakaaroo siyaasaa uumame keessatti addatti bahee mul'achuu danda'aniiru.
Erga waraanni Tigraay jalqabee booda aanga'aa maqaan isaanii irra deddeebiin ka'u ture qondaalli kun.
Obbo Getaachoo Raddaa garuu eenyu?
Ijoollummaafi barnoota
Getaachoo Raddaa Kibba Tigraay Allaamaaxaatti Obbo Raddaa Kaahisaay fi Aadde Aferraa Tabajjee irraa A L I bara 1967 dhalatan.
Umuriin isaanii barnootaaf yeroo qaqqabetti mana-barumsaa sadarkaa tokkoffaa magaalattii keessatti argamtu gale. Ijoollummaa isaarraa kaasee barachuufi dubbisuuf jaalala addaa qaba ture.
Hiriyyoota isaa mana-barumsaafi firoota waliin dabarsuufi taphachuu jaallatus jaalalli inni kitaaba dubbisuuf qabu garuu yeroo inni isaan waliin dabarsu jalaaa daangessa ture.
Barnoota sadarkaa tokkoffaafi lamaffaa kan barate magaalaa itti dhalate keessatti yoo ta'u, obboloota isaaf fakkeenya ture.
Keessumaa yeroo sadarkaa lamaffaa baratutti kitaabota barnootaa qofa osoo hin taane kitaabota Ingiliffaan barreeffaman haaraafi duraan turan dubbisuu irratti yeroo isaa dabarsuu filata ture.
Kitaabota yeroo sadarkaa lamaffaa baratu dubbise keessaa kitaabonni durii kan akka Liichee, Kaarl Maarkis, Leenin muraasadha. ።
A L I bara 1985 keessa barumsa sadarkaa lamaffaa mana-barumsaa 'Taaddaagiiwaa Itoophiyaa' jedhamutti xumuree Yunivarsiitii Finfinnee galuun Seera barate.
Barsiisummaa irraa gara siyaasaatti
Getaachoon Yunivarsiitii Finfinnee irraa Seeraan erga eebbifameen booda Yunivarsiitii Maqalee Kutaa Barnoota Seeraa waggootaaf tajaajileera.
A L I bara 1990 keessa Ameerikaa Yunivarsiitii Alabaamaa irraa Seeraan digirii isaa lamaffaa argachuu danda'eera.
\isaan booda gara Yuunivarsiitii Maqaleetti deebiyuudhaan barsiisummaan itti fufus osoo baayyee hin turiin A L I bara 1997 Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa keessatti itti-gaafatamummaan akka hojjetuuf waan muudameef gara Finfinnee deemeera.
Ogummaa barsiisummaa irraa gara siyaasaafi itti-gaafatamummaa mootummaatti keessumaa Ministeera Dhimma Alaafi Waajira Ministeera Muummee keessa tajaajileera.

Madda suuraa, Getty Images
Itti-gaafatama hojii mana mootummaa fudhatee hojjete keessaa...
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
MInisteera Dhimma Alaatti daarektera Pabilik DIppilomaas ta'uun hojjeteera.
Bara aangoo ministira muummee duraanii Obbo Hayila-maariyaam Dassaaleny ammoo daarektarummaa irraa gara daarektara olaanaatti guddate.
Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa ta'uunis tajaajileera.
Akkasumas bara ministirri muummee duraanii Hayila-maariyaam Dassaaleny aangoorra turan gorsaa addaa minisitra muummee ta'uun tajaajileera.
Allamaaxaatti ammoo miseensa mana-maree ta'uun filatameera.
Erga ministirri muumee Abiy Ahmad (PhD) gara aangootti dhufanii booda paartii yeroo sana biyya bulchaa ture ADWUI keessatti jijjiiramni guddaan mul'achuu jalqabe.
Sababa kanaan paartilee arfan Addicha hundeessan keessaa tokko kan ta'e TPLF waan hedduun mootummaa haaraafi amala isaa waliin wal simee deemuu dadhabuu isaatiin ADWUI keessaa of baase.
Kana hordofee Obbo Getaachoo Raddaa qondaalota siyaasaafi aanga'oota olaanoo Tigraay biroo waliin gara naannichaatti deebiyuun yeroo hojjetaa turetti garaa garummaan siyaasaa aanga'oota mootummaa Federaalaafi TPLF gidduutti dhalate hammaatee gara waldhabuutti deeme.
Wayita siyaasni ho'aa tureefi waraanni gara jalaqabamuuf jedhu jala Obbo Getaachoon ifatti gorsaa Pirezidantii naannoo Tigraay Dr. Debretsihon Gabre-mikaa'el ta'ee tajaajilaa ture.
Waraana sana dura ji'oota muraasa turan keessa gorsaa pirezidantii ta'uutti dabalee, dubbi-himaa TPLF fi mootummaa naannichaa ta'uun mul'ataa tureera.
Waraana waggoota lamaaf dhiiga dhangalaasisaa ture keessatti TPLFn bakka bu'ee ibsawwan kennaa tureen bahee mul'achuu kan danda'e Obbo Getaachoon, waraanichaa boodas carraaqqii dippilomaasii ture keessatti Tigraayiin bakka bu'uun addatti marii nagaa waliigalteerra ga'uuf taasifamaa ture keessatti gahee olaanaa bahateera.
Marii nagaa buusuu Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaafi Keeniyaa, Naayiroobiitti gaggeeffamaa ture irratti jila Tigraay dursuudhaan mootummaa Itoophiyaa waliin marii nagaaa gaggeesseera Obbo Getaachoon.
Jaalala addaa kitaaba dubbisuuf qaban
Barataa sadarkaa lamaffaa yeroo turerraa kaasee kitaabota INgiliffaan barreeffaman kan dubbisuu jaallatu Obbo Getaachoon, ammumallee kitaabota waliin maatiin isaafi namoonni isatti dhiyaatan ni dubbatu.
Akaakuu kitaabota dubbisuu kan hin filanne ta'us garuu irra caalaa kitaabota Falaasamaa, Siyaasaafi Dinagdee, akkasumas Seenaa addunyaa irratti barreeffaman yeroo baayyee dubbisa.
"Barataa yeroo turerraa kaasee kitaabota barnootaa ala kan ta'an dubbisa ture. Kitaaba namarraa ergifate tokko bor deebisi yoo jedhame halkan guutuu taa'ee osoo dubbisuun isa arga ture," jechuun dubbata obboleessi isaa quxisuu Dr. Mollaa Raddaa.
Namoonni baayyeen waa'ee isaa yeroo odeessaniifi dinqisiifatan dhimmoota kaasan keessaa tokko dandeettii afaan Ingiliffaa isaati.
Dandeettii kana kan horate yeroo barataa turetti kitaabota qabiyyeen isaanii idil-addunyaa ture dubbisaa guddate irraa akka ta'e ragaa ba'a obboleessi isaa kun.
Hiriyyaa isaa itti dhiyaatuufi Yunivaarsiitii Maqaleetti waliin kan hojjechaa ture Mulu-warq Kidaane-maariyaam ammoo barreeffama barreesse tokko keessatti waa'ee Obbo Getaachoo fi kitaabota isaa yaada qabu kaa'ee ture.
"Obbo Getachoo Raddaa Yunivarsiitii Finfinnee irraa erga eebbifamee booda nu waliin Tigiraay keessatti dhaabbata barnoota olaanaa jalqabaa Biizinas Kollejjii duraaniitti qacarame. Yeroo keessummaa turetti yeroo jalqabaatiif nu waliin yeroo wal argutti kaaffee tokko keessa qarqara taa'ee osoo kitaaba dubbisuu ture," jedha.
Obbo Mulu-warq akka jedhutti Getaachoon nama reefuu eebbifame ta'ee kitaaba Albert Camus "The Myth of Sisyphus" jedhamu dubbisaa ture.
Osoo daamaa taphataa jiranii Getaachootiin "Kitaabni qabattee jirtu kun siif galee jennaan dubbisaa jirtaa" jechuun gaafate.
"Eyyeen" jechuun deebiseef Obbo Getaachoon. "Kanaan dura kitaabota biroo Albert Kaamusiin barreeffaman dubbiseera," jechuun mata-dureewwan kitaabota dubbisee hunda tokko tokkoon itti himuu yaadata Obbo Mulu-warq.
"Namni reefuu eebbifamu ogummaa isa ilaallatuun ala kitaabota Falaasamaa yeroo dubbisu waan na hin mudanneefan gaafficha gaafadhe. Yeroo sanarraa kaasee yeroo wal arginu maratti waa'ee kitaabotaafi yaadawwan gara garaa haasofna," jechuun ibsan Obbo Mulu-warq.
Har'as taanaan itti-gaafatamummaa mootummaa irras ta'ee yeroo boqonnaa isaatti kitaaba dubbisuu hin dhaabne.












