Jijjiiramni tarree siyaasaa Itoophiyaa keessatti uumamaa jiraa?

Yeroo dhiyoo as qondaalota siyaasaa paartii mormituu kan ta'an Jawaar Mohaammadiifi Lidatuu Ayyaalewu barreeffama dhedheeraa sagantaa siyaasaa fakkaatu qopheessunis, Itoophiyaa keessatti hiriirri siyaasaa jijjiiramuuf kun agarsiistudha kan jedhan jiru

Bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahimad warraaqsa uummataa bara 2018tti umameen gara aangootti erga dhufeen booda Itoophiyaa keessatti haalonni saffisaan jijjiiramaa jiru.

Waraana Tigraayiifi Oromiyaa, raafamuu diinagdee, goolama siyaasaa, dhiibbaa hawaasa idila-addunyaafi kanneen biroo hedduu biyyattiin keessumeessiteetti.

Addumatti waraanni Tigraayitti waggoota lamaaf gaggeeffamuun gaaga'ama lubbuu hedduufi qabeenya biyyattii guddaa irraan qaqqabsiisuu bira darbee, siyaasa biyyattii duraanuu daddaaqamaa ture ittuu hammeesse.

Oromiyaatti ajjeechaa artist Hacaaluu Hundeessaa hordofee qondaaltonni siyaasaa hedduun erga hidhamaniin booda, haalli siyaasaa naannoo Oromiyaa keessaa kan geeddarame ture.

Akkasumas dhiheenya ifatti mootummaan taa'ee mari'achuuf fedhii akka qabu dubbatulleen, waggoota sadan darbanii oliif waraanni kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan Shanee jedhuuniifi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamu kan jireenya ummata naannichaa hedduu miidhee ture.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa waliigaltee nagaa Piritooriyaatin furmaata argachuu isaa hordofee, Oromiyaattis nagaan akka bu'uuf alaa keessaa dhiibbaan taasifamaa jira.

Kanumaan wal-qabatee yeroo dhiyoo as qondaaltota siyaasaa fi aktivistoota Oromoo biraa akka dur mormii fi qeeqni guddaan dhagahamaa hin jiru.

Gama biraan ammoo, qondaaltonni siyaasaa fi hawaasni diyaasporaa sabaan Amaaraa tahan harki hedduu MM Abiy "nu ganeera" jechuun mormii cimaa dhageessisaa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Paartii Badhaadhinaa Oromiyaafi Amaaraa gidduus jecha walitti darbachuufi dubbii ciigoon wal-qoccoluun mul'ataa ture.

Namoonni hedduu kanuma bu'uura godhachuun yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti hiriirri haala siyaasaa jijjiiramaa jira (shift of alliance) kan jedhan jiru.

Yeroo dhiyoo as qondaalota siyaasaa paartii mormituu kan ta'an Jawaar Mohaammadiifi Lidatuu Ayyaalewu barreeffama dhedheeraa sagantaa siyaasaa fakkaatu qopheessunis, Itoophiyaa keessatti hiriirri siyaasaa jijjiiramuuf kun agarsiistudha kan jedhanis jiru.

Ofii haalli siyaasa Itoophiyaa amma jiru maal akeeka? Mootummaan Itoophiyaa fi TPLF akkuma waliigalan, mariin araaraa mootummaa fi WBO gidduutti ni ta'a abdiin jedhu qaama mufachiise qabaa?

Akkuma jedhamu mootummaa dabalatee mormitoonni ilaalcha siyaasa isaanii cimsachuuf kaan walirra goraa kaan ammoo walirraa goraa jiruu?

Yaadoota kanneen irratti BBC'n xiinxaltoota siyaasaa lama wajjin turtii taasisee kana qixeesseera.

'Walta'iinsi ture kan kaayyoo siyaasaa waloorratti hundaa'e miti'

Warraaqsi uummataa sirna ADWUI kuffisee MM Abiy Ahimad bara 2018 gara aangotti akkuma dhufaniin, hatattamaan walitti dhufeenya Itoophiyaafi Ertiraa gidduu waggoota 20 oliif addaan cite akka itti fufu godhan.

Baay'ee osoo hin turin garuu Sadaasa, 2020 waraanni mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti eegale. Hidhattoota Naannoo Amaaraa dabalatee, waraana Ertiraas hirmaachise.

Lixni Tigraay - kan naannoo Amaaraa wajjin abbummaaf yeroo dheeraf irratti wal-falman, humnoota Amaaraan to'atame.

Waggaa lama booda waraanni dhaabatee parlaamaan Itoophiyaa TPLF galmee shororkeessummaarraa yeroo haqu, miseensota paarlaamaa naannoo Amaaraa bakka bu'an tokko tokko dabalatee qondaaltonni siyaasaa, aktivistoonnifi diyaaspooran dhalattoota Amaaraa ta'an "TPLF galmee shororkeessummaa irraa haqamuu hin qabu" jechuun falman.

Gama biraan ammoo Paartii Badhaadhinaa Oromiyaas ta'ee paartilee mormituu Oromiyaa keessa socho'an dabalatee, aktivistoonni ilaalcha sirna federaalizimii hordofan TPLF galmee shororkeessaarraa haqamuu hin mormine.

Inumaayyuu "tarkaanfii gaaridha" jechuun deeggaran. Mormiifi deeggarsi gamaa gamanaa kun maal agarsiisa?

Hundeessituu barruu Addis Standard kan taatefi siyaasa Itoophiyaarratti miidiyaalee idil-addunyaarratti kan dhiyaattu Tsadaala Lammaa haala sochiifi dhaabbii siyaasaa Itoophiyaa amma jirurratti walta'iinsi haaraan uumame akka hin jirre dubbatti.

"Raafamni amma jiru wal-ta'insi haaraan (shift of alliance) uumamee osoo hin taane wal-ta'iinsuma duraan waraanaaf jecha uumamee turetu diigameeti," jetti Tsadaalan.

Naannoo Amaaraa dabalatee paartileen mormituu kanneen akka EZEMA, ABINfi Baldaraas fa'aa yeroo waraanni Tigraay gaggeeffamaa turetti mootummaa federaalaf karaa garaa garaan deeggarsa isaanii mul'isaa turan, amma erga waraanichi mariin xumuramee deeggarsi sun gara caalu mufiifi mormiitti jijjiirameera.

Kanaaf agarsiistuu kan ta'u Ebla 2, 2023 magaalawwan Oromiyaa hedduu keessatti hiriirri deeggarsaa MM Abiyyiif yoo bahamu faallaa kanaa naannoo Amaaraa magaalota muraasa keessatti hiriirri bulchiinsa MM Abiy mormu bahameera.

Waraanni tokko erga raawwateen booda qaamoleen waraanicha wal-ta'anii loluuf walii galan walitti mufachuun isaanii waanuma jiru akka ta'e himti Tsadaalan.

"Walta'iinsi yeroo waraanaa taasifamu, waraanni erga xumuramee booda diigamuun isaa waanuma jirudha. Waanti tokkichi qaamolee kana walitti fide waraana. Waraanni gaafa dhume wal-ta'iinsi sun diigamuun waan hin oolledha.

"Jalqabayyuu kaayyoo siyaasaa tokko qabaatanii osoo hin taane [Paartin Badhaadhinaa Oromiyaafi Amaaraa akkasumas mootummaan Ertiraa fi paartileen akka EZEMA fa'aa] wal ta'iinsa faayidaarratti hundaa'e (transaction alliance)dha kan taasisan" jetti.

Akka isheen jettutti qaamoleen kun wal-ta'uun isaanii 'diina waloo' kan ta'e TPLF balleessuu irratti kan xiyyeeffateedha.

Iyaasped Tasfaayee gaazexeessaafi siyaasa Itoophiyaa irratti xiinxala kennuufi barreessuun beekama. Siyaasa amma jiru kanaan namuu garee ykn kaampii isaa jabeeffachuuf socha'aa akka jiru dubbata.

"Badhaadhinni Oromiyaa beektota magaalaa kanneen akka EZEMAfi humnoota siyaasa Amaaraa fayyadamuun mormii Oromiyaafi Tigraay isa mudate cabsuu danda'eera.

"MM Abiy Ahimad aangoo cimsachuu itti fufuuf dhumarratti humna isa dura dhaabbatan 'qaruxeewwan' magaalaa [warra bu'uurri siyaasasaanii magaalaa maandheffate]fi humnoota Amaaraa rukutuutti waan garagale fakkaata," jedha Iyaasipeed.

Akka inni jedhutti 'humnoonni Itoophiyummaa dhaadhessan' keessaa kanneen qabxiiwwan marii nagaatti hin gammannes jiru.

"Fakkeenyaaf dhimmi Walqaayit akkaataa heeraan furama jechuun gama biraan Tigraayif deebi'a jechuudha. Kuni ammoo komii keessa waan isaan [naannoo Amaaraa] buuse fakkaata."

"Kana hunda gaafa ilaaltu hunduu garee [kaampii] isaa waan jabeeffataa jiru fakkaata," jechuun haalli siyaasaa biyyattii kan duraarraa bifa adda ta'een jijjiiramaa jiraachuu kaasa.

Paartileen akka ODP fi ADP walitti dhufanii gaafa Paartii Badhaadhinaa hundeessan, ilaalcha siyaasaa wal-fakkaataa akka hin qabne ibsawwan yeroo sana bahan irraayyuu akka hubatamu kaasa Iyaasipeed.

"Paartin ADP Paartii Badhaadhinaatti makamuuf kora waliigalaa dhumaa gaggeesserratti ibsa ijjannoo abbaa qabxii 12 baase keessaa inni jalqabaa, 'heerichi uummata Amaaraa diinummaan waan farrajeef heericha jijjiiruf ni qabsoofna' jedha.

"Badhaadhinni Oromiyaas gaafa [ODPn] diigamu isaanis ijjannoo mataasaanii qabu jechuudha. Amma gaafa ilaalamu, Badhaadhinni eenyu caalaa heeraaf kan dhaabatu ana jedha," jechuun jalqabayyuu paartileen gaafa walitti dhufan ilaalcha dugdaafi garaa ta'e qabatanii akka ta'e kaasuun yaada Tsadaala qooddata.

'Itti gaafatamummaa jalaa bahuuf walirratti duulaa jiru'

Tsadaalan akka jettutti qaamoleen waraana Tigraay keessatti hirmaatan yeroo ammaa kan walitti duulaniif, itti gaafatamummaa kana booda dhufu jalaa bahuuf akka ta'e dubbatti.

Naannon Amaaraa naannoo Tigraay wajjin ollaa ta'uu qofa osoo hin taane, bakkeewwan Tigraay tokko tokkorraa falmii abbummaa yeroo dheeraaf ture qabaachuun waraanicha keessatti kallattiin akka hirmaatu taasiseera.

Kanumaan wal-qabatee Tigraayitti sarbama mirgoota namoomaa raawwachuun kanneen himataman keessaa tokko ammoo humnoota Amaaraati.

Sarbama mirgoota namaa raawwateef qaamoleen waraanicha keessatti hirmaatan kan itti gaafataman ta'uun isaa, amma itti gaafatamummaa kana walirratti laaquf dhama'aa jiru malee tarreen siyaasaa haaraan uumamee akka hin jirre dubbatti Tsadaalan.

"Qaamoleen kun wal-ta'iinsa fayidaarratti hundaa'e, kana siifan godha kana naaf godhi. Yoo kana naaf gochuu baatte kanan sirratti raawwadha akka jechuuti.

"Walta'iinsi isaanii kan tarsiimoo haa haafuutii kan taaktikiiyyuu hin turre. Kan kanan sii kenna sana naaf kenniiti (transaction alliance) isa jedhu. Waraanichi [inni isaan irratti wal ta'an] dhumnaan amma walitti dacha'an."

"Mootummaan Abiy bitaattis ta'ee mirgatti waan jijjiirame hin qabu," jechuun ibsiti.

Iyaasipeed ammoo hammacama siyaasa Itoophiyaan amma keessa jirtu kana "itti gaafatamummaa jalaa miliquufi" kan jedhu baay'ee hin deeggaru.

Sirna haqaa yeroo cehumsaa keessatti adabbii caalaa dhiifamaafi beenyaa ykn gumaa baasun akka raawwatu hima.

"Qaamoleen sarbama kana keessatti hirmaatan baay'een isaanii mana murtiitti dhiyaatanii adabamu jedhee hin yaadu.

"Sirna haqaa yeroo cehumsaa keessatti dhiifama, araaraafi kan miidhameef beenyaa baasudhaan xumurama," jedha.

'PP'n Oromiyaa waggoota sadan jalqabaa humna Oromoo isaanin falmu cabsuurratti xiyyeeffate'

MM Abiy Ahimad aangotti akkuma dhufaniin murteewwan siyaasaa hedduu fudhataniin alaa keessaa deeggarsa guddaa argatanii turan.

Keessumaa aangotti dhufuu isaanif gahee guddaa kan taphate naannoo Oromiyaa keessatti deeggarsa guddaa argatan. Deeggarsifi gammachuun uummataa baay'ee hin turre.

Gaaddisni Paartilee Oromoo ni diigame; walitti dhufeenyi ABOfi mootummaa ture daddaaqe.

Hundaa ol artist Hacaaluu Hundeessaa ajjeefamuu hordofee qondaaltonni ABO dabalatee namoonni akka Jawaar Mohaammadifi Baqqalaa Garbaa fa'aa mana hidhaa galan.

Baay'ee osoo hin turin Obbo Lammaa Magarsaa dhiibameera jechuun siyaasa Itoophiyaa keessa bahan.

Mootummaafi humnoota Oromoo gidduutti atakaroon hanguma baay'ataa deemu, hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaarraa amantaa hin qabnu jechuun sochii hidhannoo itti fufan.

Taatewwan kana mala mootummaan humnoota Oromiyaa keessatti "na dura dhaabbachuu danda'u" jedhu cabsuuf itti fayyadame akka ta'e hima Iyaasipeed.

"PPn [Paartii Badhaadhinaa] waggoota lamaan sadan jalqabaa humna Oromoo keessaa isaan dura dhaabbatu dadhabsiisuurratti humna guddaa baasaa kan turan.

"Kana galmaan gahuuf gama tokkoon Badhaadhina Amaaraa waliin, gama kaanin humna tokkummaa warra jedhaman kanneen akka [paartii] EZEMAfi namoota dhuunfaa ilaalcha wal-fakkaataa qaban waliin walitti dhufeenya gaarii qabu turan," gareen lachuu faayidaa mataasaaf jecha wal-duuka hiriiraa akka turan hima Iyaasipeed.

Iyaasipeed akka jedhutti mootummaan humnoota siyaasaa Oromiyaa keessa jiran dadhabsiisuf Badhaadhina Amaarafi 'humnoota tokkummaa' warra jedhaman wajjin hiriiruun isaa, waggaa lamaan sadan jalqabaa Oromiyaa keessatti dhiibbaan mootummaatti kan dhufu harka wayyaba deeggartoota Jawaar fi ABO irraayi.

Mormii Oromiyaarraa isaan mudatu cabsuuf "qofaa keenya humna asitti fixuurra humna alaa dabalannee humna kana [humna Oromiyaarraa isaan dura dhaabatu] dadhabsiisuu qabna jedhanii itti galan.

"Waggoota lamaan sadan afran darban, guutummaatti bifa jechuun danda'amuun bu'uurri deeggarsa MM Abiy 'qaruxeewwan' magaalaa [warra bu'uurri siyaasasaanii magaalaa maandheffate]fi kaampii siyaasa Amaaraati," jedha.

'Muddama amma jiru kana qalbiifi tasgabbiin ilaalun gaaridha'

Wal-gaarreffannaafi wal-diddaan paartii biyya bulchu keessaafi humnoota siyaasaa kanaan dura waraana Tigraay keessatti qooda fudhatan gidduutti deemaa jiru, biyya gara hin malletti oofuu akka malu yaaddoo qabaachuu himti Tsadaalan.

"Hiriirri siyaasaa faayidaa ofii eeggachuuf jecha taasifamee ture erga waraanni dhumee booda diigamee jira waan ta'eef, kana booda maaltu uumama kan jedhu na yaaddessa. Kuni ammoo of-eeggannoo guddaa barbaada.

"Yeroo ammaa Badhaadhinni Oromiyaafi TPLF walitti michoomaniiru jechuun gareen siyaasaa itti gaafatamummaa jalaa miliquuf yaalaa jiru jira," jetti.

Gareen siyaasaa ykn paartileen kun kanneen waraana Tigraay keessatti kallattiin hirmaatan, meeshaafi yaadaan deeggaran akka ta'e himti.

"Ani farrisuullee hin barbaadu, garuu cidhi isaanii [wal-ta'iinsi isaanii] rakkoo hamma kanaa kan uume, gargar bahuun isaanii rakkoo akkamii fiduu akka danda'u yaaddessaadha.

"Muddamni siyaasaa gidduu isaanitti [Paartii Badhaadhina Oromiyaafi Amaaraa] gidduutti deemaa jiru garamitti deema kan jedhu namni hunduu of-eeggannoofi qalbiin ilaaluu qaba," jechuun haala kanaan yoo itti fufe rakkoon hamaan kan Tigraay caalu dhalachuu akka malu akeekti Tsadalaan.

Gama biraan ammoo mootummaan humnoota hidhatanii biyya keessa jiraniifi hokkara ka'u guutummaan to'achuu dhabuun isaa yaaddoo biraa akka ta'e kaasti.