Ameerikaan rakkoo Oromiyaa furuuf abdii ta'uu dandeessii?

Madda suuraa, Antony Blinken/Twitter
Waraanni Kaaba Itoophiyaa dhiigni danuu irratti dhangala’eefi waggootii lamaaf adeemaa ture mootummaafi TPLF waliigaltee nagaa erga raawwatanii booda nagaan bu’eera.
Lolli biraa waggoota shanan darbaniif naannoo guddicha Itoophiyaa – Oromiyaatti adeemaa jiruufi gara caalu xiyyeeffannoo dhabetti garuu ammallee furmaata hin argamiin jira.
Bakka dhaloota Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimaditti humnoonni mootummaa hidhattoota gara caalu riphanii lolan loluu itti fufaniiru.
Waraana kaaba Itoophiyaa furuuf Gamtaan Afrikaa qooda olaanaa fudhatus qaamoleen waraana keessa jiraniifi dhaabbileen kaan tumsa gurguddaa taasisan jiru.
Kanneen keessaa tokko Yunaayitid Isteetidha. US waraanichi dhaabatee mariin akka furamu ergamoota addaa ergaa, mariin akka xumura argatu waamichaafi dhiibbaa gochaa turte.
Waliigalteerras akka gahamu gumaachi Ameerikaa guddaa ta’u qondaalli mootummaan Itoophiyaa kana dura ifatti ibsaniiru.
Waliigalteen nagaa kan Ameerikaanillee keessatti qooda qabdu eega milkaa’e garuu Itoophiyaan suutuma hariiroo biyyoota lixaa waliin qabduufi badee ture fooyyessaa jirti.
US rakkoo Oromiyaa akkamiin hubatti?
Kaaba Itoophiyaatti wal-waraansi yeroo adeemaa turetti, bakkeewwan Oromiyaa gara garaattis haleellaafi ajjeechaan ittuma fufeera.
Ta’us, lolaafi hookkara Naannoo Oromiyaa keessa adeemaa jiruf hanga waraana kaaba Itoophiyaa xiyyeeffannoon hin kennine jechuun xinxaltoonni himu.
Waraanni kaabaaf dursi kennamuun, bulchaan Itoophiyaa Naannoo Oromiyaa irraa ta’u, akkasumas sababooti kaan xiyyeeffannoo akka hin arganne taasisuu dubbatu.
Haala kana akeekuun eega waraanni kaaba Itoophiyaa xumura argate biyyoonni Lixaa keessumaa US dhimma Naannoo Oromiyaa irratti irra-deddeebbiin dubbachuu eegalteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baatii Ebla bara kana keessa Itoophiyaa kan daawwatan Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan dhimmoota Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin kaasan keessaa tokko dhimma Oromiyaati.
''Haala keessoo Oromiyaa irratti yaaddoo isaanii ibsaniiru. Karaa mariin furmaata akka argatu,'' gaafatuu isaanii waajjirri isaanii ibseera.
Biliinkan hoggantoota dhaabbilee sivilii waliin Finfinneetti yeroo marii gaggeessan kanneen keessatti hirmaatan keessaa tokko Dr Mangistuu Asaffaadha.
‘’Dhimma lola Oromiyaa keessaa ilaalchisee yaaddoo dhiibbaan lola kanaa lammiilee irraan gahu kaafnee turre.
‘’Ministirichis dhimma kana mootummaan isaanii xiyyeeffannaan akka hordofaa jiruu fi sodaa (concern) akka qaban kaasanii turan,’’ jechuun barreeffamaan BBC’tti himan.
Dr Bizunaa Yimanuu (PhD) - UK, Yuunivarsiitii Barmingihamitti barsiisaafi dhimmoota siyaasaa, federaalizimiifi misoomaa irratti xinxala dhiheessu.
‘’US quba qabdi…. Walitti bu’iinsi karaa nagaan akka furamu fedhii ni qabdi, hubannoos ni qabdi, hin hordoftiis jedheen yaada,’’ jechuun himu.
Hangam dhiibbaa goote?
Waraanni Kaaba Itoophiyaa xumura akka argatu Gamtaan Afrikaa gahee guddaa gumaacheera.
Fedhii qaamoleen waraana keessa jiran agarsiisaniifi Ameerikaa dabalatee tumsi dhaabbileen kaan taasisan murteessaadha.
‘’Akkuma waliigalaatti tasgabbii dhabuun Itoophiyaa jara [biyyoota Lixaa] ni yaaddessa,’’ jechuun himu Dr Bizunaan.
‘’Haata’u malee, hangam dhiibbaa goote [US] ykn lolli [Oromiyaa] suni akka atattamaan goolabamu dhiibbaa akkamii goote kan jedhu nama shakkisiisa,’’ jechun ibsu hayyuun kuni.
Biyyoonni Lixaa Ameerikaafi Awurooppaa dabalatee walitti bu’iinsonni garagaraa biyyattii keessa jiran dhaabatanii mariin akka furaman waamicha akkasumas yaaddoo ibsaa turan.
‘’Garuu waraana kaabaa jiruufi waraana Oromiyaa keessa jiru walbira qabnee yoo ilaalle dhiibbaa Ameerikaan waraana Oromiyaa keessa jiru dhaabuuf goote hagas mara miti,’’ jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Seenaa Jimjimoon, dhaabbata Oromo Legacy Leadership and Advocacy Association (OLLAA) hoogganti.
Dhaabbati buufati isaa US ta’e kuni waa’ee ummata Oromoo sagalee ta’uuf akka dalagu ibsa.
Aadde Seenaanis Ameerikaan hanga waraana Kaabaa furmaata rakkoo Oromiyaa keessaaf furmaata kennuuf gumaacha hin taasifne jetti.
‘’Gahee guddaa hin taphanne. Ammallee taphachaati hin jiru[jirtu]. Dhugaadha dhiibbaa godhuutti jiru. Karaa fagoorraa dhufani,‘‘ jechuun ibsiti.
Sababa isaas yoo ibsan rakkoon Naannoo Tigraay keessa jiruufi rakkoon naannoo Oromiyaa keessa jiru gargar ta’u ibsu.
Sababoota waraanni Tigraay xiyyeeffannoo idil-addunyaa harkise keessaa gosi waraanaa adeemu qaamolee haalaan hidhataniin gidduu ta’uu isaati. Miidhaan isaas guddaadha.
Waraanichi qaamolee alaa hirmaachisuu, Gaanfa Afrikaa sodaachisuu, lammiileen hedduu haala beela fakkaatuuf saaxilamuu, dhimma buqqaatota Ertiraa Tigraayitti danqamaniifi sababoonni biroos jiru.
Walitti bu’iinsi Oromiyaa keessaa gara caalu waraana mootummaafi riphee lolaa gidduutti taasifamu ykn hidhattoonni adda addaa lammiilee nagaarratti haleellaa raawwataniin miidhaa gahudha.
Dr Mangistuun booda kana US dhimma Naannoo Oromiyaa ifatti kaasun ishii dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuu agarsiisa jechuun amanu.
Taatullee, ‘’qooda fudhataan lolichaas nageenya buusuuf kutannoon biyya keessaa fi tarkaanfiin qaamota wal dhabanii shoora bakka hin bu’amne qaba,’’ jechuun himu.
Ameerikaan abdii ta’u dandeessii?
Waraanni kaaba Itoophiyaa akka dhaabbatu dhiibbaafi watwaannaan darbees qoqqobbiin biyyoota Lixaa qaamolee lola keessa jiran gara mariitti akka deebi’an gumaacha taasise qaba.
Aadde Seenaan Ameerikaan rakkoo Oromiyaa keessaa furuuf gumaacha taasisuu dandeessi jechuun amanti.
Dr Mangistuun gama isaaniin yaada walfakkaataa ibsu, garuummoo shakkii qabu. ’’Odeeffannoo gahaa qabu jedhee hin amanu.
‘’Maaltu akka deemaa jiru, hubaatiin akkamii akka gahaa jiru, dhiibbaan inni gara fuulduraattis biyyattiirra geessisu haalaan qaacceffamee imaammata Ameerikaa influence [dhiibbaa] gochuuf sadarkaa ta’utti qophaa’eera jedhee hin amanu,’’ jedhan.
Baatii Guraandhala keessa mootummaan naannoo Oromiyaa hidhattootaaf waamicha araaraa taasiseera. Hidhattoonnis akka marii simatan ibsaniiru.
Waamichumti mootummaa ifa akka hin taane kan ibsaniis jiru. Ta’us, eega waamichi taasifameefi deebiin gama hidhattootaa dhagahamee wanti raawwate hin jiru jechuun hidhattoonni ibsaniiru.
Miseensonni paarlaamaa Itoophiyaa Naannoo Oromiyaa irraa filamaniis torban darbe xalayaa Gamtaa Afrikaatti galchaniin giddu seentummaa gaafataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Gamtaan Afrikaa mootummaafi TPLF walitti fidee jaarsummaan akkuma araarse mootummaafi hidhattoota WBO illee akka araarsu gaafataniiru.
Kanas kan godhaniif mootummaan paartii isaaniin hoogganamu eega waamicha godhe tarkaanfii qabatamaa waan hin taasifneefi jechuun himani.
Hidhattoonni marii taa’uf qaama sadaffaa waan gaafataniif seera tumtoonni kunneen namoota marii taa’u danda’aniifi bakka mariin taasifamuurratti yaada dhiheessaniiru.
UK, Yuunivarsiitii Barmingihamitti barsiisaafi dhimmoota siyaasaa irratti xiinxala kana dhiheessan Dr Bizunaan wanta Ameerikaan gochuu dandeessi jedhan akkanaan ibsu.
‘’Qaamoleen waraansa keessa jiran walitti dhufanii, gad taa’anii akka mariidhaan furaniif haala mijeessuu, akkasumas jajjabeessuu, maallaqaan baasiidhaan ykn loojistikinillee akkasumas hidhattootaaf wabii kennuudhaan bakka mariitti akka argaman haala mijeessuu ni dandeessi.’’
Akka xinxalaa kanaatti furmaanni qaamolee alarraa qofa kan eegamu miti.
Daandii furmaataa
Walitti bu’iinsaafi hookkara darbees haleellaa ifatti lammiilee nagaarratti keessumaa hidhattoota maqaa sabaa himataniin raawwatamaa tureen kumaan kan lakkaa’aman lubbuu dhabaniiru.
Rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessaan baruufi barsiisuun danqamuu dabalatee bu’uuraaleen misoomaa faayidaan ala ta’aniis danuudha.
Kanneen du’an ala ummanni kuma dhibbaan lakkaa’amu buqqa’u mootummaan Naannoo Oromiyaafi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii kana dura ibsanii turan.
Kanaaf furmaanni marii qofa ta’u qaamoleen hundi ni dubbatu. Garuu, wanti ammatti mul’ataa hin jirrees immoo mariidha.
Dr Mangistuun mariin akka furamu qaamoleen biyya keessaa, qaamoleen lola keessa jiraniifi kan alaa qaamota lamaaniin fudhatama qaban tumsa gochuu akka danda’an ibsu.

Madda suuraa, FUULA FB KPO FI JONATHAN ALPEYRIE
Dr Bizunaan qaamoleen lola keessa jiran marii taa’uuf fedha ibsuu qofa osoo hin taane ‘’tarkaanfii mul’atu tokko, tarkaanfii abdii namatti horu’’ fuchachaa kutannoon akka sosso’an gaafatu.
‘’Hidhattoonni mootummaadhaaf beekamtii kennanii dubbii kana wal kabajaan, ilaaf ilaameedhaan furuudhaaf…
‘’Akkasumas mootummaanis gaaffii hidhattootaa dhaggeeffachuuf qalbii qulqulluudhaan itti adeemee waan kana mariidhaan furuu qofadha furmaanni.’’
Xiinxaltoonni lolli kuni yeroo gabaabaatti yoo hin furamne dheeratee (protracted) rakkoo biraa dhala jechuun akeekkachiisu.
‘’Waraaanni kuni gam lamaaniinuu injifannoodhaan ni xumurama jedhanii yaaduun gowwummaadha. Kanaafuu falli jiru mariidhaan hiikuu qofaadha,’’ jechuun ibsu.
Naannoon Oromiyaa siyaasaafi dinagdeen naannoo ‘’baay’ee barbaachisaa waan ta’ef’’ nagaan naannicha keessa jiraachuun biyyattiif murteessaa ta’u gorsu.












