Fincila WBO qe'ee Ministira Muummee Itoophiyaatti hidda babal'ifataa jiru

Madda suuraa, Mooneet Badhaasaa/Facebook
- Barreessaa, Ammayyuu Ittaanaa
- Gahee, Gaazexeessaa BBC News Afaan Oromoo
Haalli rakkisaa Itoophiyaa keessaa jiru booda kanammoo walitti bu’iinsi naannoo bal’aa Oromiyaa keessaa - qe’ee Ministira Muummee Abiy Ahimaditti - muddama siyaasaafi eenyummaan walqabateen hammaataa jira.
Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) magaalota kana dura bira gahuun isaan rakkisurratti haleellaa raawwachaa miseensota haaraa horatan leenjisaa, eebbisiisaa jiru.
Isaan waliin marii taa’uu akka hin feene kan ibse mootummaan immoo waraana bobbaasuuniifi haleellaa dirooniin deebii kennaa jira.
Milishoonni saba Amaaraa immoo gara daangaa Naannoo Oromiyaatti seenuun isaanii bal’inaan amanama. Kunimmoo rakkinicha ittuu hammeesse.
Hidhattoonni WBO sabboonumaa Oromoon dhaadatan kuni kana dura miidiyaalee mormituutti hidhata qaban biratti akka siyaasa Itoophiyaa keessa qooda xiqqaa qabanitti ilaalamaa turan, amma beekkamtiin isaanii dabaleera.
Dhaabbati mootummaan hundaa’e Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) akka jedhette, baatiiwwan shanan darban Oromiyaa keessatti namoonni ‘’dhibbaan’’ lakka’aman ‘’haala suukaneessaan’’ ajjeefamaniiru.
Eejansiin UN immoo gama Lixa Oromiyaa lakkoofsi lammiilee qe’eefi qabeenyarraa buqqa’an Sadaasa keessa 700,000 caaluu ibseera. Mudde keessa dabalataan 220,000 buqqa’uu hime.
Qaamoleen walitti bu’iinsa Oromiyaa keessa jiran marti himannaa sarbama mirgaa hin raawwanne jechuun waakkatu.
Irreen hidhattoota WBO cimuu kan agarsiise hidhattooti isaanii magaalaa Naqamtee daandiin gara qe’ee MM Abiy Ahimad, gara Finfinneefi lafa Hidhi Abbayyaa jiru geessu keessa bahu irratti yeroo haleellaa bananidha.
Mootummaan akkuma yeroo kaanii haleellaa magaalaa Naqamteetti dhaqqabeerratti waan dubbate hin qabu. Haata’u malee, WBO’n mana hidhaa keessaa ‘’hidhamtoota siyaasaa’’ hiiksisuu dubbate.
Jiraattonni BBC’n dubbise dhukaasi loltoota mootummaafi finciltoota gidduu taasifameen lammiileen nagaa lubbuu dhabuu dubbatan. Waan walitti hin qabamneef lakkoofsa waliigalaa ibsuuf ni rakkatu.
Haleellaa guyyaa Dilbataa dhaqqabeen jiraataan magaalichaa tokko ilma umrii 27 ta’eefi dubartii ganna 16 barumsaan qaxalee taate dhabuu himan.
‘’Waldaa dhaquuf hirribaa kaane turre garuu dhukaasni waan jiruuf ala hin baane. Lamaanuu kutaa ciisichaa keessa osoo jiranii ajjeefaman,’’ jechuun ajjeechaa raawwateef humnoota mootummaa himatan.
'Harcaatuma isaaniillee dhabne'
Jiraattonni magaalaa biroo keessa jiraniis wantoota gaddisiisoo dubbatu.
Magaalaa Goroo, Finfinneerraa fageenya 100km booda argamtutti, finciltonni WBO humnoota mootummaa irratti haleellaa banani.
Eegasiimmoo ijoollee dhiiraa mana keessa dhokatanii turan dirqiin baasanii madoo isaanii baachuu akka gargaaraniif taasisuu jiraattoti BBC’tti himaniiru.
Yeroo kanatti haleellaan diroonii ijoollee kanaafi hidhattoota keessaammoo muraasa rukute.
Ajjeechaa raawwateen rifaatuu keessa kan jiran jiraataan bakkichaa BBC’n dubbise obbolaa isaanii sadii barattoota ta’an achumatti hafuu dubbatan.
''Obboloota kiyya argee hin awwaallanne. Harcaatuuma isaaniillee dhabne,'' jedhan.
Haleellaawwan diroonii imala WBO dhaabsisuuf mootummaan raawwataa jiru tooftaa humnoota Tigraay irratti waggaa darbe raawwatametu irra deebiin raawwatamaa jira sodaa jedhu uumeera.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni Tigraay keessaa erga Gamtaan Afrikaa (GA) gidduu seenee jaarsummaa taa’e booda mootummaafi TPLF gidduu waliigalteen raawwatameera.
‘’Waraana Tigraay irratti bakka namoonni nagaa jiran rukutuus dirooniin gara caalu konkolaattota waraanaafi meeshaalee ciccimoorratti dhukaafame.
‘’Oromiyaa keessatti garuu, eebba WBO fi erga hidhattooti magaalaa to’atanii booda immoo namoota nagaarratti raawwatame.
‘’Kuni tarii ummati finciltoota waan deeggareef adabuuf ta’a,’’ jechuun hima dhaabbata Intarnaashinaal Kiraayisiis Giruuppitti qorataa Itoophiyaa kan ta’e Wiiliyaam Deevisan.
Baatii Sadaasa keessa haleellaan qilleensaa ‘’sagantaa eebbaa’’ irratti Aanaa Cobiitti raawwatameera. Akka nami ijaan arge jedhanitti ummati fedhii ofiin sagantaa kana irratti hin hirmaanne.
‘’Jiraattonni sagantaa eebbaa irratti akka hirmaatan finciltotaan itti himame. Kanaafuu dhibbaan kan lakkaa’aman achi turan.
‘’Daqiiqaa 20 booda garuu dhiiga lafarra yaa’een arge. Dubartoonni, daa’imman, maanguddoofi miseensonni hidhattootaa muraasni ajjeefaman,’’ jechuun miidiyaa Asoosheetid Pireesitti dubbatan.
Eega baatii Onkololeessaa yoo xiqqaate haleellaan diroonii 12 raawwatameera. Kanneen keessaa badiin guddaa magaalaa Biilaa, Finfinneerraa 460km, gama Lixaan argamutti mudate.
Maddi medikaalaa magaalattii argamu BBC’tti akka himetti, haleellaa guyyaa gabaa namoonni itti baay’atanitti magaalaa qixxa lamaanitti raawwateen namoonni 80 ol ajjeefamaniiru.
Lubi tokko fira isaanii dabalatee namoota 11 owwaaluu himan.
‘’Ilma obboleettiikoo kutaa 11ffaa baratu of biraa dhabeera. Mana sadii keessaa nama lama lamatu du'e,’’ jechuun BBC’tti dubbatan.

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni mootummaa haleellaa dirooniin ala namoota hidhattoota WBO deeggaru jedhee shakku ajjeesuu, akkasumas yeroo tokko tokko immoo reeffallee dhowwuun himatama.
Fira dargaggoota bosona seenan dabalatee namoota mana murtiitti osoo hin dhiheessin yeroo dheeraaf hidhuunis himannaan irratti ka’a.
Nama butanii maallaqa gaafachuu
Xiinxalaan UK jiraatan Mabraatu Kallachaa badiiwwan raawwataman ummati Oromoo – Itoophiyaa keessa saba bal’aa ta’eefi MM Abiy aangootti akka bahan tumse – mootummaarraa fuula akka garagalfatu gochuu danda’a jedhu.
‘’WBO’n wanta kana ololaaf qofa osoo hin taane ummata gidduu deeggarsa akka argatuufi tumsa [fakkeenyaaf nyaata] akka bal’ifatan itti dhimma bahuu danda’u,’’ jechuun ibsu.
Bosona Lixa Oromiyaa keessa riphuun tooftaa riphee loltummaarratti kan xiyyeeffatan hidhattooti WBO, fincilli gaggeessaa jiran biyya Itoophiyaa biyya bal’inaan Afrikaarraa lammaffaa taatetti waldhibdeen hammaataa akka jiru agarsiisa.
Biyya ummata miiliyoona 100 ol qabdu keessa gareewwan sabaan ijaaraman aangoofi lafa to’achuuf wal qoodanii wal waraanu.
Afaan Amaaraa afaan hojii mootummaa federaalaa ta’us sabooti tokkoon tokkoon isaanii eenyummaa, aadaa, akkasumas afaan isaaniitti akkaan boonu.
MM Abiy Ahimad eenyummaa biyyaalessaa ijaaruun paartileen sabummaa akka lagatan yaalaniis carraaqqii isaanii mormiin mudateera.
Kanneen cichanii morman keessaa tokko hidhattoota WBO ‘’hiree murteeffannaa’’ ummata Oromoof qabsaa’aa jiranidha.
Galmi qabsoo isaanii kuni maal akka ta’e ifa ta’u baatus, qeeqxonni isaanii garuu Oromiyaa fottoqsuun Itoophiyaa diiguuf socho’u jechuun sodaa ibsatu.
Hojii dhabdummaan akkaan guddatee, paartileen mormituu hacuucamaniifi MM Abiy Afaan Amaaraa biratti Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu dhabuun, dargaggoonni WBO akka mararfatan taasiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Deevisan garuu cimina hidhattoota WBO kana irratti gaaffii kaasa.
‘’Waggoota muraasa darban, WBO’n lakkoofsa loltuufi bakkee socho’u babal’isuun guddina agarsiiseera. Kuni yeroo mootummaan paartilee mormituu hacuucaa jirutti ta’e.
‘’Taatullee, sochiin hidhattoota mootummaa Federaalaaf mitiitii mootummaa naannoofillee sadarkaa yaaddoo ta’urra hin geenye,’’ jechuun hima.
Lakkoofsi hidhattoota WBO’n qabu ifatti hin beekamu, garuu guddaadha jedhamee hin yaadamu.
Mabraatuun sochiin hidhattootaa ‘’saffisaa, lola xixxiqqaafi dheerateen humna mootummaa laaffisuurratti,’’ xiyyeeffate jechuun ibsu.
Sochii isaanii tumsuuf hidhattooti baankii saamuun, akkasumas daldaltoota, hojjettootaafi qondaalota mootummaa butuun himatamu.
Fakkeenyi dura aantummaan ka’uu danda’u, hidhattooti hojjettoota Warshaa Simintoo Daangotee kan Alikoo Daangotee - biiliyoonara Naayijeeriyaafi dureessa Afrikaa tokkoffaa ta’e – butuu isaaniiti.
Taateen kuni baatii Sadaasaa keessa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaa, Finfinneerraa 90km gadi ta'etti argamuttti, raawwatame.
Guyyoota muraasa booda namoonni 17 birrii Itoophiyaa 300,000 – 500,000 ($5000 - $9000 ) kanfaluun gadhiifamuu isaanii maddeen BBC’tti himaniiru. Dhaabbatichi dhimma kanarratti hin dubbanne.
Waraana milishaa
Hidhattooti WBO namoota dhalattootaa Amaaraa ta'an dhibbaan lakka’amaniifi qonnaan bultoota ta’an ajjeesuunis himatamu.
Dhalattooti Amaaraa hidhattooti WBO Oromiyaa keessaa nu baasuuf barbaadu jechuun sodaa ibsatu. Yeroo ammaa Wallaggarraa kan buqqa’aniifi kumaan kan lakkaa’aman buufata baqattootaa Naannoo Amaaraa keessa jiru.
Milishoonni Amaaraa – Faannoo jedhamanammoo lammileen nagaa irratti badiiwwan raawwachuun himatamu.
Baatiiwwan muraasa qofa Lixa Oromiyaatti yoo xiqqaate magaalota shan irratti haleellaa bananiiru.
Akka qondaala Aanaa Kiiramuutti, aanaa isaanii keessa qofa hidhattooti Amaaraa dhalattoota Oromoo 244 ajjeesaniiru, manneen 568 gubaniiru, akkasumas horii 25,000 caalu ooffataniiru.
Pirezidantiin Yun. Wallaggaa Dr Hasan Yuusuf haleellaa magaalaa Hangar Guuteetti raawwateen maatii isaanii keessaa namoota saddeet dhabuu himan.
Haleellaa Aanaa Kiiramuutti hidhattoota Amaaraan raawwateen abbaa seeraafi hojjettoonni mootummaallee ajjeefamuu gabaasonni ni mul’isu.

Madda suuraa, Getty Images
Baatii Hagayya keessa haleellaa Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaatti raawwateen lammiileen nagaa 60 ajjeefamaniiru.
Haleellaa kana kan dhaqqabsiisan keessaa kanneen Naannoo Amaaraa irraa ce’anis akka jiran Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa himeera. Garuu maqaa Faannoo jedhu Komishinichi hin dhoofne.
Torban muraasa darban haleellaa hidhattoota Amaaraan godinoota Wallagga Bahaafi Horro Guduruutti dhaqqabeen lammiileen kumaan lakkaa’aman qe’eerraa buqqa’aniiru.
‘’Kanneen buqqa’an keessaa hadholiin ulfa ta’an, akkasumas kan reefu ijoollee godhatan keessa jiru,’’ jechuun maanguddoon Oromoo BBC’tti himan.
Dhalattooti Oromoo baay’ee milishaan Faannoo daangaa keessoo Itoophiyaa jijjiiruuf lafa babal’ifataa akka jiran amanu.
Wanti Tigraayitti raawwate Oromiyaa keessa raawwachuu danda’a jedhanii yaadda’u.
Tigraayitti lola humnoota Tigraayitti baname tumsuun Naannoon Amaaraa lafa qonnaaf mijataa ta’e Lixa Tigraay akka to’atu gargaaraniiru.
Dhalattooti Amaaraa garuu Faannoon Oromiyaatti hin ceene jechuun falmu.
Milishoonni isaanii haleellaa waggootii afuriif WBO irraa itti baname qolachuuf mootummaa Naannoo Oromiyaan akka leenji’an dubbatu.
Dhalattooti Amaaraa baay’eefi Oromoonni MM Abiy deeggaran adeemsa WBO fi TPLF ija shakkiin ilaalu.
Qaamoleen lamaan waggaa darbe waliin ta’anii gara Finfinnee imaluun aangoo to’achuuf yaaliin isaan taasisan hin milkoofne.
Eegasii humnoonni Tigraay qe’ee isaanii Tigraayitti deebi’un hanga dhiibbaa hedduu booda mootummaa waliin waliigalteerra gahanitti waraana cimaa keessa turan.
Badiin waraanaa Tigraayitti dhaqqabe garuu kan Oromiyaa keessaa ni caala.
WBO’n tooftaa rukutanii baqachuun haleellaa osoo cimsee jiruu mootummaa MM Abiy Ahimad waliin marii taa’uu akka fedhus ibseera.
Mootummaan garuu waamicha marii isaanii dide. Sochii isaanii ‘’shororkeessummaadha’’ jechuun ‘’galma siyaasaafi fuuncaa ittiin taliigaman hin qaban’’ jechuun ibse.
Mootummaan ejjennoo isaa kana akka jijjiiru dhiibbaan itti cimeera. Dhihoo miseensonni Paarlaamaa Oromiyaarraa filataman hedduu mootummaan Oromiyaa keessa araara akka buusu gaafataniiru.
Isaan keessaa tokko Gar. Pirof. Buzaayyoo Daggafaa akka BBC’tti himanitti sochiin nagaa Tigraayitti eegalame ‘Oromiyaa keessas bu’uu’ qaba.

Madda suuraa, Gida Ayana Communication/ Facebook
Rogeeyyiin Oromoo immoo hawaasi idil-addunyaa ‘’waraana Itoophiyaa dagatame’’ akka xumura itti tolchu watwaachaa jiru.
Haalli ammaa yeroo MM Abiy Ahimad aangotti bahaniifi hacuuccaa waggootaa booda nagaafi dimookiraasiitti geessu jedhanii lammiileen Itoophiyaa abdatanirraa fagoo jira.
Inumaa muddama MM Abiy to’achuuf rakkatan dhale. Gareewwan siyaasaafi sabaa badii walirratti raawwachuun egereen Itoophiyaa maal ta’uu qaba waan jedhurratti yaada wal dhiibu leellisuu itti fufaniiru.
Qorataa kan ta’an Mabraatuun garaagartee jiru furuuf mariin biyyaalessaa paartiifi garee hundi irratti qooda fudhatan gaggeeffamuu qaba jedhu.
‘’Biyyattiin kuni walitti bu’iinsa bifa hedduu qabuufi rakkinoota keessaa akka baatu yoo barbaachise, adeemsi nagaa hunda hammateefi dhugaa ta’e taasifamu qaba jedheen amana.
‘’Walitti bu’iinsa amma jiraniif furmaatni nagaa yoo hin argamne, turtii keessa hubaatiin lammiilee nagaa ni dabala. Kunimmoo naannichaafis ta’e biyyattiif hamaadha,’’ jechuun dhaamu.












