Rakkoon bu'uuraa nageenya Oromiyaa maali? Mariin maaliif hin furamne?

Loltoota WBO

Madda suuraa, Fuula FB KPO fi JONATHAN ALPEYRIE

Waraanni mootummaa federaalafi humnoota Tigraay gidduutti waggoota lamaan gaggeeffamaa ture lubbuu kumaamaa galaafate walii galtee nagaa qaamoleen lamaan Afrikaa Kibbaatti walii mallatteessaniin xumura argataa jira.

Qaamoleen lamaan nagaan rakkoo isaanii furachuuf walii galuu isaanitti namoota heddutu gammade.

Haata’u garuu nageenyi Itoophiyaa nama mataa gar-tokko aaddatee gar-tokkommoo dhiise fakkaate.

Waraanni naannoo Tigraay nagaan xumuramus waraanni Oromiyaa keessatti mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan "Shanee" ittiin jedhu gidduutti gaggeeffamu akkuma itti fufetti jira.

Marii marsaa lamaan kanaan dura mootummaa Federaalaafi WBO gidduutti gaggeeffameen waliigalteerra gahamuu baatus, ammas marsaan sadaffaan jiraachuu mala kan jedhu abdii namoota hedduuti.

Walitti bu'iinsi Oromiyaa keessaa kan Tigraayirraa maaliin adda ta'e? Mariif wantoonni danqaa ta’an maal fa’i? gaaffilee jedhan irratti BBCn waan odeeffate irraa akka armaan gadiitti qindeesseera.

Ka’uumsi Waraana Oromiyaa keessatti deemaa jiruu maali?

Ka’uumsa waraana Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf sababa garaa garaatu dhiyaata.

Mootummaan yeroo garaa garaatti Waraanni Bilisummaa Oromoo karaa nagaan waamicha dhiyaate didee hidhannoo filate jechuun himata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama biraan ammoo jijjiirama siyaasaa bara 2018 Itoophiyaatti uumameen Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) gara biyyaa erga galee booda waraana hiikkachiisuu irratti atakaroo uumamee ture.

Waraanni Bilisummaa Oromoo mootummaa irraa amantaan dhabe jedhee mootummaa wajjin wal waraanuu itti fufe. Kuni akka ka'uumsa rakkoo amma Oromiyaan keessa jirtuutti kan fudhatan jiru.

Kanarraa ka’uun Addi Bilisummaa Oromoo waraana Abbootii Gadaa fi uummata Oromootti kenneera jechuun waraana hogganu akka hin qabaanne beeksise.

Waraanni dur Adda Bilisummaa Oromoo jalatti hogganamaa tures sana booda Finfinnee irraa ajaja homaatuu fudhachuu akka hin dandeenye ibsuun ajaja mataa isaa akka muuddate labsate.

Kanarraa ka’uun mootummaan jalqaba bara 2020 duula “shiftaa balleessuu” jedhuun humna waraanaa Lixa fi Kibba Oromiyaatti bobbaase.

Ajaajaa humna waraanaa Itoophiyaa kan ta’an Fiild Maarshal Biraanuu Juulaa Guraandhala 22, 2020 BBCtti akka dubbatanitti, "Shiftoonni kanneen rukuttaa irraa hafan baqatanii jiru, isa baqate waraanni raayyaa ittisaa barbaadaa jira.

Hamma dhumaatti ni qulqulleessina" jechuun humni xiqqaan Qeellam keessatti akka hafeefi Gujiin lamaan guutummaatti qulqullaa’uu ibsanii turan.

Qabatamaan garuu hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo dur fageenya Lixaa fi Kibba Oromomiyaa qofaa keessa socho’an har’a godinaalee Oromiyaa gara giddu-galeessaatti osoo hin hafiin baballatanii mootummaa waliin wal waraanutti jiru.

Gara biraan ammoo Addi Bilisummaa Oromoo waraanan hogganu hin qabu jedhee ibsus, yeroo garaa garaatti angawoonni mootummaa Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin akka hidhata qaban isaan himatu. Miilla tokkoon bosona kaa'anii miilla tokkoon Finfinnee jiru jechuun ABO komatu.

Qondaala Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Battee Urgeessaa komii kana mootummaan ittiin dhaabicha rukutuuf akka itti fayyadamu himuun, waraana waggoota darban Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf mootummaan dhibdee siyaasaa karaa nagaan furuuf fedha akka hin qabne BBCtti himan.

“Rakkoon [siyaasa] Oromoo gaafa impaayerittiin [Itoophiyaan] hundeeffamtee kaasee kan dhalateedha.

''Dhibdeen siyaasaa Oromoon impaayera kana keessatti qabu karaa sirrii ta’een hin hiikamne,” jechuun bu'uurri rakkoo waan waggaa sadii ykn afur dura uumame akka hin taane dubbatu.

Rakkoon Oromiyaan har'a keessa jirtu kan dhale siyaasa Oromoo ukkaamsuuf yaaluun hanga har’aatti itti fufe akka ta'e himu.

Dabaluunis, diddaan Oromoo mootummaa TPLFn durfamu aagoo irraa erga buusee booda warri aangotti bahan “barcuma dhiiga ilmaan Oromootin argame sana maqaa ‘jijjiiramaatin’ aangoo impaayerummaa itti fufsiisan” jechuun mootummaa komatu.

Hayyuu Seenaafi dhimma Itoophiyaa xiinxaluudhan beekamu Itaanaa Habtee (PhD), rakkoo bu’uuraa siyaasa Oromoof saba lama tarreessu: akkaataa hundeeffama Itoophiyaafi wal-diddaa qabsoo Oromoo keessatti uumameedha.

“Rakkoon jalqabaa biyyi Itoophiyaa gaafa dhaabbatu impaayera ta’ee hundeeffame. Impaayerri lafa namaa dhaqee saama, qabeenya namaa gargar qooddata, isa tokko gararraa kaa’ee isa tokkommoo gajjallaa kaa’a.

Oromoo dabalatee uummanni Itoophiyaa gara Kibbaa jiru akka lammii lammaffaatti ilaalamaa turan.

Bara Hayilasillaasee warrumti Oromoo ta’anii mootummaaf hojjatan uummanni Oromoo miidhamuu arganii karaa nagaa gaaffii gaafannaan 'Isteetin' Itoophiyaa baay’ee rifatee humnaan deebii kenne.

Maammoo Mazammir ni fannisani, Taaddasaa Birruu hidhaa umurii guutuu itti faradani,” jedhan Dr. Itaanan. 

Kuni ammoo yeroo garaa garaatti qabsoofi fincilli uummataa akka gaggeeffamu taasisus rakkoon siyaasa biyyattii bu’uura irraa furamuu dhabuun rakkoo har’a jiruuf sababa ta’ee akka jiru himu.

Gama biraan ammoo Itoophiyaa keessatti Oromoon bifa qindaa’en falmachuu erga eegale waggaa 50 guutus rakkoo keessoo isaa furatee galma isaa gahuu dadhabuun rakkoo biraa akka ta’e kaasan.

Mootummaan akkuma yeroo heddu waadaa gale hidhattoota WBO balleessuu maaf dhabe?

Naannoo Oromiyaa keessatti waraana hidhattoota WBO fi humnoota nageenya mootummaa gidduutti gaggeeffamuun lammiilen nagaa waggoota afran darbaniif dararama keessa jiru.

Bara 2018 dura yeroo guutuu Oromiyaatti fincilli Qeerroo Oromo Protest gaggeeffamaa ture, dargaggoota heddutu ajjeeffame.

Ittuma fufuun bara 2018 boodas ajjeechan, qe'ee irraa buqqa'uun, qabeenyi barbadaa'uufi namni murtoo seeraa malee ajjeefamuun ittuma fufe jechuun jiraattonni yeroo gara garaatti BBCn dubbise ni himu.

Rakkoo kana hundaaf mootummaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo quba walitti qabu.

Jiraattonni ammoo ajjeechaa, dararaa fi mancaatii qabeenyaa isaanirra gahuuf qaama lachuu himatu..

Mootummaan jiraattotaan "shiftaa ykn Shanee" soortu jechuun mana jiraattotaa akka gubu, hidhattoonni WBOs mootummaa deeggartu nama jedhan irratti tarkaanfii wal fakkaataa akka fudhatan yeroo garaa garaatti jiraattonni BBCtti himaa turan.

Gidiraa lammiilee nagaarra gahu furuuf mootummaan yeroo adda addaatti duula "Shanee balleessuu" jedhu labsaa ture.

Takka 'torban lamatti', takka 'ji'a tokkotti' ni balleessina jedhee mootummaan waadaa galaa ture. Yeroo biraa ammoo sadarkaa yaaddoorra ta'uurra hin jiran qulqulleessineerra jedhee yeroonmootummaan itti ibsa kenne illee jira.

"Duula Shanee barbaaduu" jedhuun bakkeewwan garaa garaatti uummanni eeboofi ulee illee qabatee bosona keessa hidhattoota WBO irratti akka duulanis godhameera.

MM Abiy Ahmad Ebla 14, 2022 walgahii qondaalota waraanaa wajjin godhatan irratti, "Humnooti diinota mara hiikkachiisuutu barbaachisa. Shanee, ganee, banee, kanneen jedhaman hunda hiikkachiisuu barbaachisa. Hidhannoowwan qaamolee raayyaa ittisaan morkatan harka jiran hunda hiikkachiisuu barbaachisa,'' jedhan.

Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa jalqaba ji'a Bitootessaa Caffee Oromiyaatti dhiyaachun ibsa kennaniin, humnooni nageenyaa Oromiyaa aarsaa guddaa baasaa akka jiraniifi ji'oota muraasa keessatti hidhattoota WBO akka balleessan waadaa galanii turan.

Ergasii ammoo humnoonni "Shanee" mo'amanii gara biyyoota ollaatti baqatanii akka jiranis mootummaan ibsee ture.

Waanti waggoota arfan darban keessatti ta'e garuu akka mootummaan yeroo addaa addaatti 'balleessera' ykn 'dadhabsiisera' jedhe osoo hin taane sochiin hidhattoota WBO godiinota garaa garaatti babal'atee mul'ate.

Keessumaa erga mariin nagaa mootummaafi humnoota Tigraay gidduutti raawwatee Oromiyaa keessatti lolli akkaan jabaatee jira.

Mootummaan bifa adda ta'een haleellaawwan qilleensarraa Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti fudhateen lammiilen nagaan heddu ajjeefamuun gabaafamaa ture.

Kana malees, hidhattoonni finxaaleyyii Amaaraa godinaalee Wallagga Bahaa, Horroo Guduu Walaggaafi aanaalee Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaafi Shawaa Bahaa tokko tokko keessatti lammilee nagaa ajjeesuufi qabeenya barbadeessuun uummata Oromoof rakkoo dabalataa ta'aa jira.

Keessumaa godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaafi Wallagga Bahaa keessatti hidhattoonni Amaaraa isin 'Shanee'dha maqaa jedhuun uummata nagaa ajjeesaafi qe'eerraa buqqisaa jiraachuu aanga'oonni BBCtti himu.

Kunis rakkoodhuma ykn qaawwa waraana WBO fi mootummaa gidduu jiruun kan dhalatedha.

Ofii mootummaan akka dubbate maalif hidhattoota WBO balleessuu dadhabe?

Kanaan dura MM Abiy Ahmad haasaa Parlaamaatti taasisaniin hidhattoonni WBO kan isaan "Shanee" ittiin jedhan deeggarsa uummataa akka qabaniifi uummanni maalif akka isaan deeggaru "qorachuu qabna" jechuun dubbatanii turan.

Kuni ammoo akkuma MM Abiy jedhanii turan hidhattoonni WBO uummata keessa jiraachuufi deeggarsa uummataa qabaachun isaanii balleessuf rakkisaa akka ta'e agarsiisa.

Gama biraan ammoo karaa nagaan qabsoo gaggeessuuf carraan jiru baay'ee dhiphataa deemuufi dhiibbaan mootummaan dargaggootaafi paartilee Oromoo irratti taasisu hammaataa deemuu irraa kan ka'e namoonni hedduun qabsoon hidhannoo furmaata dhumaa akka ta'eetti akka amanamu taasisuu himu qondaalli ABO Obbo Battee Urgeessaa.

Bulchiinsi MM Abiy Ahmad fudhatama gara jalqabaa qabu sana hatattamaan dhabaa deemuun sababa biraa akka ta'e kaasu Dr. Itaanaa Habtee.

"Erga Haacaaluun ajjeefamee ammoo hoggantoota Oromoo hunda mana hidhaatti guure [MM Abiy]. Kuni ammoo dhiiga nama danfisee WBOn sirriidha akka jedhu taasise," jedhu.

Waggoota afran darbanii kaasee mootummaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) "nan balleessa" jedhee si'a heddu waadaa seenus balleessuu hin dandeenye.

Erga akkas ta'ee, akkuma himnoota Tigraay waliin nagaa buuse mootummaan hidhattoota WBO wajjinis maalif hin mariyatu? kan jedhu gaaffii namoota hedduuti.

Hoggantoota siyaasaa Oromoo

Mariin nagaa mootummaafi WBO gidduutti maalif hin gaggeeffamu?

Mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay waggaa lamaaf wal hadhanii nagaan fixanne erga jedhanii booda waraanni mootummaafi hidhattoota WBO gidduutti gaggeeffamus karaa nagaatin xumurama kan jedhu abdiitu ture.

MM Abiy Ahmad Sadaasa 15, 2022 dhimma TPLF wajjin mariyachuu irratti haasaa parlaamatti taasisaniin Waraann Bilisummaa Oromoo hoggansaafi caasaa qabatamaa wajjin marii taasisan akka hin qabne dubbatan.

''Shaneen hoggansa gidduugaleessaas hin qabu. Eenyu waliin akka dubbatamu isaanumtuu waan beekan miti. Shororkeesummaadhaan bilisummaan fidu hin jiru,'' jedhan.

Dabalataanis naannoofi gandaan wal-qoqqoodanii akka jiran dubbatan.

Mootummaan naannoo Oromiyaas ibsa Sadaasa 29, 2022 baasen yaaduma MM Abiy parlaamaa irratti dubbatan eerun, Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin araarri godhamu akka hin jirreefi balleessuf tarkaanfin qindaa'an fudhatamaa jiraachuu beeksise.

Dhuguma akka jedhame WBOn hoggansa wajjin mariyatan hin qabuu? Caasaa ittiin wal-hogganu hoo?

Yoo akkas ta'e, qaamni hoggansa mataa isaa hin qabneefi caasaa ittiin wal ajaju hin qabaanne akkamitti waggoota arfan darban keessatti balleessun dadhabame?

Akkamittis godiinota Oromiyaa keessatti sochiifi waraanni isaan humnoota mootummaa wajjin gaggeessan jabaataa dhufe?

Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatin yeroo garaa garaatti ibsa baasun bakka qaamni sadaffaan jirutti mariif qophii ta'uu isaa ni beeksisa.

Sadaasa 30, 20222 ibsa Ajaja Olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo irraa bahe jechuun dubbi-himaan isaa Odaa Tarbii fuula tiwiitara isaarratti baasen mootummaan fedha yoo qabaate bakka qaamni sadaffaan jirutti waliin dubbiif WBO qophii ta'uu beeksise.

Waraana Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru karaa nagaan akka furamu kan hin barbaanne mootummaa ta'uu ibsu Dr. Itaanaa Habtee.

"Isaan [WBO] ajaja hin qabanii, gargar qooqqodamoodha kan jedhu waan dhiyeenya jalqabeedha. Humni WBO jabaataa deemnan beekamtii dhoowwachuuf jecha kan yaadameedha.

Bu'uurri aangoo keenyaa Oromiyaadha waan ta'eef yoo mariyanne barcuma keenyatu caba jedhanii sodaatan," jedhu.

Mootummaan akka humnoota Tigraay wajjin mariyatetti WBO wajjin mariyachuuf akka itti ulfaatu himu; sababni isaa yoo dhugaadhan WBO wajjin mariyatan Oromiyaa keessatti aangoo barcuma mootummaatu qooddatama ykn waan qabatamaa tokkotu godhamuu qaba waan taa'ef.

"Iddoo jara kanaa [mootummaa] teessee gaafa ilaaltu akka Tigraayitti WBO wajjin taa'anii haasa'uun baay'ee itti ulfaata. Dargiinis akkanuma 'shiftaa' jedhaa ture, isaanis [mootummaan] akkasuma 'shiftaa' jedha" jedhan.

Haata'u garuu, paartii biyya bulchu irraa naannoo Oromiyaa irraa filatamuun kanneen parlaamaa seenan lakkoofsan 80 ta'an xalayaa qabxii 10 qabuun nagaan Kaabatti ta'e Oromiyaattis akka ta'uufi lammiilen Oromiyaa keessa jiran nagaa akka argataniif tibba kana gaafataniiru.

Godina Wallagga Bahaa, Buufata filannoo Aanaa Jimmaa Arjootti filamanii paarlaamaa kan seenan Gargaaraa Pirofeesaraa Buzaayyoo Daggafaa turtii BBC waliin taasisaniin: "Tigraayis kaleessa nagaa hin qabdu turte, har’a hanga tokko namni bahee gala. Kunis asitti [Oromiyaatti] ta’uu qaba jenne. Kan hidhate waliin, kan hin hidhanne waliin haa ta’u, garuu qaama kana keessatti gahee qabu hunda waliinuu ta’amee [mari’atamuu qaba]," jechuun uummanni Oromoo akka boqotuuf marrin nagaa Tigraayitti ta'e Oromiyaattis ta'uu akka qabu abdii guutun akka jiru dubbatan.

'Tokkoof furmaanni nagaadha jechaa tokkoof ammoo waraana jechuun hin ta'u'

Waraana Oromiyaa keessatti waggoota arfan darbanii kaasee gaggeeffamaa jiru lubbuu namoota meeqaa akka galaafateefi qabeenyi hangam akka barbadaa'e namuu waan beeku hin qabu.

Mootummaas taanan dhimma kanarratti dubbachuu irraa baay'ee of qusata. Akka waan homtuu hin taanetti ilaalaas jira.

Haata'u malee, biyyattiin Kaaban humnoota Tigraay waliin Oromiyaatti ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin gaggeessiteen kasaaraa hedduu keessummeessiteetti.

Keessumaa waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame lubbuu hedduu galaafatee, qabeenyi biliyoona heddutti tilmaamamu manca'eedha.

Obbo Baayisaa Waaqwayyaa Hayyuu Seeraa idila-addunyaafi waggoota dheeraaf UN keessa dhimmoota nagaa irratti kan hojjetanidha.

Mootummaan Itoophiyaa humnoota Tigraay wajjin akkuma nagaan waraana xumure, hidhattoota Oromiyaa keessa socho'an waliinis nagaan fixachuu akka qabu himu.

Itoophiyaan guutummaatti kan nagaa argattu garuu Oromiyaa keessattis warra hidhannoon lolu wajjin araarri yoo bu'edhaa jedhu.

Rakkoon Oromiyaa keessa jiruuf gaaffiin ka'u waraana Tigraay duras akka tureefi xiyyeeffannoo maluuf akka hin argannee dubbatan.

"Gaaffi Oromoon gaafatu salphaadha, mirga abbaa biyyummaa kan jedhuudha," jechuun waanti rakkoo Oromoo dhugaadhan gadi taa'anii mariyannaan furuuf salphaa ta'uu BBCtti himan.

Gama biraan ammoo waraanni Oromiyaatti deemaa jiruuf falli salphaan jiraachuu baatus "furmaanni jira" jedhu Dr. Ittaanan. Garuu, "Waggaa afur dura rakkoon kun akka dhufuufi furmaanni yeroon akka itti kennamu wawwaataa turre," jedhan.

Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Battee Urgeessaa: "Tokkoof furmaanni nagaadha jechaa tokkoof ammoo furmaanni waraana jechuun ofumasaanii akka mootummaattuu of-faallessuudha.

Rakkoon Oromiyaa keessa jiru hin furamu taanan biyyattii [Itoophiyaa] jigsa. Oromiyaan akka Tigraay fiixerra hin jirtu, Oromiyaa keessa sabaafi sab-lammoota heddutu jira waan ta'eef karaa nagaan hin furamne taanan gaaga'ama guddaatu biyyattii mudachuuf deema," jedhan.

Mootummaan Oromiyaa keessatti qaama hawaasaa tokko hidhachiisee qaama kan biraa irraa hiikkachiisuudhan nagaan dhufu akka hin jirre akeeku Obbo Batteen haasaa kanaan dura Ittaanaa MM Obbo Dammaqaa Makonnin hawaasa siviliin akka haleellaa ofirraa qolatuuf "hidhachiisuu qabna" jedhan akka ragaatti fudhachuun.

"Qaamni humnoota Tigraay wajjin nagaa buusuu danda'e nuun- ABO fi KFO- Finfinneetti ugguree, uummata Oromoo irratti waraana labsee itti fufuu hin danda'u.

Waraanni Bilisummaa Oromoo akka hoggana qabu isaanuu beeku, waliin mariyachuu qabu. Yoo dhuguma rakkoo siyaasaa Oromiyaafi kan Itoophiyaa furuu barbaadan nagaan haasa'uu, dhibdee siyaasaf furmaata siyaasaa barbaaduu," qabu jedhan.

Dr. Ittaanan ammoo Waraanni Bilisummaa Oromoofi mootummaan nagaa buusuuf tarkaanfii jalqabaa wal-amantaa uumuu akka qaban himu.

"Wal-amantaa uumuf jalqaba mootummaan haleellaa gaggeessu dhaabuu qaba...balabala wal-amantaa xiqqootu jira. Kan biraa ammoo namoota mana hidhaa keessa jiran hiikuu qaba. Kun wal-amantaan akka jiraatu godha.

"Gama Waraana Bilisummaa Oromoo fi paartilee biroon ammoo, uummataaf jecha beekamtii kenneefii akka sirna tokkootti mootummaa kana wajjin nan haasa'a jedhanii of-amansiisuu qabu.

Isa siyaasaf jecha nuti haasa'uuf qophiidha jedhamu qofa osoo hin taane qabatamaan qophii ta'uu gaaffata," jechuun balballi nagaa ammayyuu akka abdii qabu dubbatu.

Komiifi gaaffilee mootummaa irratti ka'aniif angawoota mootummaa argachuuf yaalin yeroo gara garaatti goone hin milkoofne. Haata'u malee, kan yeroo gara garaatti bakka gara garaatti dubbatan waabeffanneerra.