Sababoota ijoo shan rakkoo hamaan Oromiyaa keessa jiru gurra addunyaa dhabeef

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaafi walitti bu’iinsi keessumaa Lixaafi Kibba Oromiyaatti waraana Tigraay dura kan jalqabe ta’us xiyyeeffannoo addunyaa hin argatiin jira.
Haleellaawwan sabaafi ilaalcha siyaasaa irratti bu’uura godhatanii raawwatamaniin garuu ammallee namoonni ajjeefamaa, lammmiileen qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu itti fufaniiru.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegaleefi waggoota lamaaf ture lammiilee gaaga’ama guddaarra buuse, biyyattiis ijoo dubbii addunyaa taasise.
Waraanni kuni baatii tokko dura waliigalteen nagaa erga raawwatameen booda tasgabbaa’us haleellaan Oromiyaa keessaa garuu hin dhaabbatiin jira.
Rakkoon kunis waliigalteen kaabatti raawwatame qofaan nagaa waaraa Itoophiyaa keessatti dhufuu akka hin dandeenye kan agarsiisedha.
Eega dhihoo immoo rakkoon nageenyaa kuni gara giddugaleessa biyyattiitti babal’atus ijaafi gurra addunyaa hin arganne jedhu xiinxaltoonni itti dhiheenyaan hordofan.
Xiyyeeffannoo idil-addunyaa maaliif dhabe? Sababooti ijoo maali? Xiyyeeffannoon mootummaa Federaalaa irraa argatewoo hangam?
Sababoota shan xiinxaltoonni dhiheessan kunooti.
'Dhimma keessoo'
Kanneen dhimma Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofan hawaasi addunyaa gara caalu rakkoo Oromiyaa keessaa kan Tigraay caalaa ‘dhimma keessooti’’ jedhee yaada jedhu.
Dabalataan, hawaasuma idil-addunyaa gidduu akkaataan hubannoo garaagartee akka jiru kan amanan jiru.
Seenaa Jimjimoon, dhaabbata Oromo Legacy Leadership and Advocacy Association (OLLAA) gaggeessiti. Dhaabbati buufati isaa US ta’e kuni waa’ee ummata Oromoo sagalee ta’uuf akka dalagu ibsa.
Aadde Seenaan hawaasi addunyaa maaliif gurra laachuu dhabe isa jedhu baruuf waan hedduu ilaaluu barbaachisa jechuun ibsiti.
‘‘Yoo ilaaltee jette rakkoon Oromiyaarra jiru rakkoo keessaati,’’ jechuun kan Tigraay irraa adda ta’uu himti.
‘‘Ati sii ollaa kan kee tumtuufi si’i obboleessaa ykn obboleettii tantee tumtu poolisiinis ta’e ollaanis, addunyaanis ija tokkoon hin ilaaltu.’’
Gama kaaniin ummanni Oromoo biyyattii keessatti lakkoofsaan guddaa ta’uun isaa akka saba bicuu xiyyeeffannoo argachuu dhabuu mala kan jedhan jiru.
Dhaabbati OLLAA xalayaa ergamoota addaa US, AU fi EU’tti baatii Sadaasa keessa barreesseen walitti bu’iinsa Oromiyaan lammiileen guddoo hubamaniis xiyyeeffannoo dhabuu ibse.
‘’Nagaa waaraa Gaanfa Afrikaatti mirkaneessuuf’’ rakkoon ummati baay’inaan Itoophiyaa keessaa jalqabarra jiru murteessaa ta’u ibse.
Jaarmayaan Amhara Association of America (AAA) buufata isaa Ameerikaa keessa gochuun dhimma ummata Amaaraaratti dalaga.
Dhaabbati kunis ‘‘Ummata Amaaraa Naannoo Oromiyaa keessatti ajjeesuun xiyyeeffannoo isaaf malu hin arganne jennee amanna,’’ jechuun himata.
Paarrtileen siyaasaa mormituu gama isaaniin biyyoonni alaa rakkoo Tigraayiif fala barbaadanii kan Oromiyaa keessaa ‘itti dhiisan’ jechuun komatu.
Gaaddidduu waraana Tigraay
Kaaba Itoophiyaatti wal-waraansi yeroo adeemaa turetti, bakkeewwan Oromiyaa gara garaattis haleellaafi ajjeechaan ittuma fufeera.
Sababoota waraanni Tigraay xiyyeeffannoo idil-addunyaa harkise keessaa gosi waraanaa adeemu qaamolee haalaan hidhataniin gidduu ta’uu isaati. Miidhaan isaas guddaadha.
Waraanichi qaamolee alaa hirmaachisuu, Gaanfa Afrikaa sodaachisuu, lammiileen hedduu haala beela fakkaatuuf saaxilamuu, dhimma buqqaatota Ertiraa Tigraayitti danqamaniifi kaanis sababoota biraati.
Waraanichi biyya saba heddu qabdu qooduu mala jechuun hawaasi addunyaa yaadda’e.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Walitti bu’iinsi Oromiyaa keessaa gara caalu waraana mootummaafi riphee lolaa gidduutti taasifamu ykn hidhattoonni adda addaa lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuudha.
Kaameron Haadsan, xinxalaa dhimma Afrikaafi basaasaa duraanii CIA dha.
Hawaasi idil-addunyaa adeemsa tarsimowaa dhimma Itoophiyaa ittiin hordofu hin qabu jechuun ibsu.
‘‘Walitti bu’iinsi Tigraay xiyeeffannoo atattamaa waan fedhuuf xiyyeeffannoo kenne [hawaasi addunyaa],’’ jechuun himu.
Tigraay booda hawaasi addunyaa ‘‘naannolee kaan jeeqaman ykn gaaffilee heeraafi siyaasaa egeree biyyattii murteessanirratti’’ xiyyeeffannoo kenna kan jedhu kan ilaalamu ta’a jechuun ibsu.
Taatullee, rakkoon Oromiyaa keessaa sadarkaa xiyyeeffannoo barbaadutti guddataa akka jiru himu.
Buufati isaanii Landan Iskuul of Ikonomiiks kan taasifatan qorataan waldhibdeefi nagaa Dr Mabraatuu Kallachaa, dhimma Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofu.
‘’Hammi badiifi miidhaan Tigraayitti dhaqqabe guddaa waan ta’eef hawaasi idil-addunyaa walitti bu’iinsa Tigraay keessaaf xiyyeefannoo guddaa kennuun isaa ifadha,’’ jedhu.
Waraana Tigraay dura qondaaloti Ameerikaa dhimma Naannoo Oromiyaa keessaa dubbataa turuun ni yaadatama.
Akka waliigalaatti garuu hawaasi addunyaa mootummaan walitti bu'iinsa bakkeewwan biyyattii adda addaa mudatu karaa nagaan akka furu dhaamaa ture.
Gabaasni idil-addunyaafi walabaa xiqqaachuu
Qorattoonni mirga namoomaa badiiwwan naannicha keessa qaamota hidhataniifi humnoota mootummaan raawwatu hordofaa hin jiran jechuun qeeqamu.
Qorattootaan ala miidiyaaleen idil-addunyaas xiyyeeffannoo kennuu dhabuun qeeqamu.
Dhaabbatni Intarnaashinaal Kiraayisiis Giruup dhaabbata addunyaa walitti bu’iinsi akka hin uumamneefi karaa ittiin furamuu danda’an qorachuun beeksisudha.
Dhaabbatichatti qorataan Itoophiyaa Wiiliyaam Deevisan ‘’walumaagala, walitti bu’iinsa Itoophiyaa keessatti gabaasni idil-addunyaa [miidiyaa] hamma tokko hanqinatu jira,’’ jechuun ibsa.
Kan Oromiyaa immoo ‘’xiyyeeffannoon waraana Tigraayirratti ta’un hammesseera,’’ jechuun hima.
‘’… lixa Oromiyaatti intarneetiin yeroo dheeraaf cufamuu, gabaasi bakkichaa bahu baay’ee xiqqaa ta’uufi qorattoonni mirga namoomaa seenanii akka qoratan eeyyama dhabuu,’’ akka sababaatti kaase.
Gaazexeessituu Tsadaaleef immoo walitti bu’insi kun ija sabaa-himaaleefi gareewwan mirgoota namaaf falman jalaa kan dhokateef bakka waraanni kun itti gaggeeffamu baayyee fageenyarra ta’uu isaati.
“Oromiyaa Lixaafi Kibbaa irraa kaasee amma babal’atee gara giddu-galeessaatti dhiyaachaa jira.
‘’Tajaajilawwan komunikeeshinii addaan cituunis miidiyaan akka hin gabaasne gochuu keessatti gahee qaba,” jedhan.
Yaada kanaan Aadde Seenaanis walii galti. ‘’Odeeffannoon gahaa amanamaa ta’e bahaa jiru hin jiru.
‘’Hawaasa idil-addunyaa dhiisiiti mee ilaali miidiyaa [walabaafi dhageettii qabu] kamtu wanta Oromiyaa keessa deemaa jiru gabaasaa jira?’’ jechuun gaafatu.
Mootummaan waan Oromiyaa keessa adeemaa jiru ‘’odeeffannoon akka achi keessaa hin baane qabe’’ kan jettu Seenaan, kunis hawaasi addunyaa biratti hanga Tigraay xiyyeeffannoo dhabuu isaaf sababa tokko jetti.
Ministira Muummee Oromoo
Ummanni Oromoo mootummaa dhufaa darbaa Itoophiyaaf waggoota dheeraaf hacuuccaa siyaasaafi diinagdee keessa akka ture ibsaa tureera.
Mormii ummataan waggaa afur dura aangoo kan qabatan Ministirri Muummee Abiy Ahimad, bulchaa jalqabaa ummata bal’aa biyyattiirraa - ummata Oromoo - Itoophiyaa bulchaa jiranidha.
Hawaasni idil-addunyaa Ministirri Muummee “gaaffii Oromootiif deebiidha” jedhee waan yaaduuf haalli Oromiyaa keessa jiru xiyyeeffannaa argachuu dhabe jedhu gaazexeessituu Tsadaalee Lammaan.
‘’Mootummaan aangoorra jiru mootummaa Oromoo jedhama,’’ jechuun kan ibsitu Seenaan gama ishiitiin, kuni hawaasa idil-addunyaa biratti xiyyeeffannoo akka dhabuu himti.
Qeeqxonni MM Abiy Ahimad bulchaan Itoophiyaa yeroo aangoo qabatan waadaa seenan cabsuun olaantummaa paartii tokko dagaagsuun paartilee morkattootaa dhiibaniiru jechuun qeequ.
Haalli amma Itoophiyaa keessa jiru yeroo MM Abiy Ahimad aangotti bahaniifi hacuuccaa waggootaa booda nagaafi dimookiraasiitti geessu jedhanii lammiileen abdatanirraa fagoo jira.
Inumaa muddama MM Abiy to’achuuf rakkatan dhaleera.
Gareewwan siyaasaafi sabaa badii walirratti raawwachuun egereen Itoophiyaa maal ta’uu qaba waan jedhurratti yaada wal dhiibu leellisuu itti fufaniiru.
MM Abiy gama isaaniin ‘ani Oromoof qofa osoo hin taane Ministira Muummee Itoophiyaa hundaati’ jechuun deebii kennanii turan.
MM Abiy aangotti bahuu dura rakkoon siyaasaa Oromiyaa keessaafi mormiin ummataa qalbii miidiyaalee addunyaa hawwatee ture.
'Qoodamiinsa guddaa'
Akka Aadde Seenaatti inumaa rakkoon ‘’inni guddaan qoodamiinsa Oromoo keessa, jirudha rakkoo naannicha keessa jiru gurra addunyaa akka hin geenye kan godhe," jetti.
‘’Mootummaa warra deeggaru qofa osoo hin ta’in mootummaa ala warra jiruufi [kanneen morman gidduu] qoodamiinsa guddaatu jira,’’ jechuun ibsiti.
‘’Mana kan kee keessatti yennaa ati qooddamtee jettu ollaan maal gochuu danda’a? Kuni kana himata, kun kaan himata.’’
Gareewwan siyaasaa Oromoo gidduu tokkummaan dhibuu paartiin biyya bulchuus ta’e paartiileen morkattootaa kanneen ifatti dubbatanidha.
Rakkoo amma Oromiyaa keessa adeemaa jiruuf innumti ijooyyuu waldhibdee kana jechuun kaasu xiinxaltoonni siyaasa biyyattii itti dhiheenyaan hordofan.
Dr Mabraatuun gama isaaniin rakkoo Oromiyaa keessaa xiyyeeffannoo dhabuu isaaf tokko namoonni siyaasaafi gareewwan siviilii Oromoo waan irraa eegamu hin baane jedhu.
Sadarkaa biyyaalessaatti gurra argatee?
Walitti bu’iinsi Oromiyaa keessaa xiyyeeffannoo idil-addunyaa qofa osoo hin taane kanuma biyyaalessaayyuu hin arganne komiin jedhu jira.
Mootummaan Federaalaas ta’e Naannoo Oromiyaa waldhibdeefi haleellaawwan irra-deddeebiin naannicha keessatti raawwataman irratti ifatti odeeffannoo kennuu dhabuun komatamu.
Miidiyaaleen to'annoo mootummaa jala ta'an rakkooleen jajjaboo osoo raawwatamanii akka waayyu hin jirre callisuun irra-deddeebiin mul'ataa jira.
Qondaalli duraanii UN Obbo Baay’isaa Waaqwayyaa dippilomaatota qofa osoo hin taane mootummaan Itoophiyaa rakkinichaaf xiyyeeffannoo gahaa hin kennine tilmaama jedhu qabu.
Kunimmoo ‘’dogongora’’ jechuun ibsu. ‘’Oromiyaa keessa nagaafi tasgabbiin hin jiru taanaan Itoophiyaan nagaafi tasgabbii hin qabaattu,’’ jechuun ibsu.












