'Itoophiyaa keessatti qaamni na galcha jedhu hundi yoo mari'ate qofa nagaan dhufa' - Abbootii amantiifi Abbaa Gadaa

Bitaa gara mirgaatti: Luba Balaay, Luba Fiqaaduu, Abbaa Gadaa Goobana Hoola

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa

Rakkoon nageenyaa kutaalee Itoophiyaa garaagaraa keessatti hammaataa jiru akkaan isaan yaaddessuu abbootiin amantii fi Abbaan Gadaa BBC'f ibsan.

Waraana kaaba biyyattii marii nagaan furuuf wayita waliigalamee jirutti, kutaaleen biyyattii garagaraa keessa garuu rakkoo nageenyaa ammallee jira.

Keessattuu haleellaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiruun dhiittaan mirga namoomaa hammaataa ta'e raawwatamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa-mootummaa aangoorra jiruun muudame ibseera.

Komishinichi ibsa gaafa Muddee 7, 2022 baaseen haleellaa Godina Wallaggaa Bahaa Aanaalee Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuutti raawwate ilaalchisee sababa rakkoo nageenyaatiin miidhaa raawwatee fi lakkoofsa namoota ajjeefamaniillee adda baasuuf akka rakkate eere.

Badiiwwan tibbanaaf hidhattooti maqaa sabaa dhahatan lamaanuu badiiwwan raawwateef maqaan isaanii eeramuu komishinichi ibseera.

Qaamolee waldhaban gidduutti sabni goolamaa jira kan jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa fi Walitti Qabaan Gumii Abbootii Gadaa Oromoo Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, naannoon Oromiyaa erga rakkoo hammaataa keessa seenee bubbuleera jedhan.

''Naannoon Oromiyaa erga tasgabbii dhabee rakkoo hamaa keessa galee waggaa lama lakkoofsisee jira. Kan ammaa kun ammoo kan saba kana qaanessedha. Uummanni Oromoo takkaa haala kanaan miidhamee hin beeku. Salphinni akkanaa takkaa isa quunnamee hin beeku.''

''Waraanni obbolaa gidduutti gaggeeffamu baayyee nu yaaddessa''

Duree amantii Ortodoksii Itoophiyaa kan ta'an Luba Balaay Mokonnin, wanti Itoophiyaa keessatti mudataa jiru seenaa biyyattii kan gurraachessee darbuudha jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Wanti mudataa jiru kan nama gaddisiisuu fi nama boochisuudha. Namni namooma keessaa kan itti ba’eedha. Obboleessi walirratti kan raawwachaa jiru diinummaa hamaadha,'' jechuun taatee mudachaa jiruun guddoo yaadda'uu ibsan.

Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa, ''Waraanni obboleessi obboleessa waraanaa jiru, waraanni ilmi abbaa waraanaa jiru, kan maatiisaatti deebi’ee gubu, qe’eerraa buqqaasu kun baayyee kan nama qaanessuudha,'' jedhan.

''Oromoon hammataadha jennee osoo duudhaa sirna Gadaan dhaadannuu, har’a ammoo waliin jiraachuu dadhabuun keenya akka nama Gadaa gaggeessuutti guddoo nu yaaddessa.''

Gargaaraa barreessaa olaanaa Waldaa Makkaana Yasuusii Itoophiyaa kan ta'an Luba Fiqaaduu Beenyaa Gannaalaa, rakkoon amma biyyi keessa jirtu yeroo kamuu caalaa nu yaaddessa jedhan.

''Haalli mudataa jiru baayyee nu yaaddessa, keessattuu uummata keenya gara lixaa jiran wanti mudataa jiru baayyee nu yaaddessa. Waldaan keenyas qaama hawaasaa waan taateef, keessattuu gara lixaatti hordoftoota hedduu waan qabduuf haalli kun guddoo ishee yaaddessa.''

Haleellaa mudataa jiruun tibba darbe namoonni waldaa isaanii osoo kadhannaarra jiranii 15 ajjeefamuu yaadachiisuun, hordoftoonni amantichaa hedduun haleellaaf saaxilamoo ta'uu eeran Luba Fiqaaduu Beenyaa.

''Nuti gama keenyaan mootummaan garee biyya keessa socho’anii dhala namaa ajjeesan akka nurraa ittisu gaafanneerra. Kana qofarrattis hin dhaabbanne. Hamma danda’ametti kanneen gamasii fi gamana taa’anii wal qoollifatan gadi taa’anii akka mari’atan, haalli akkasii akka mijatu dhaamsa keenya dabarsineerra,'' jedhan.

Luba Balaay Mokonnin gamasaaniin, siyaasaaf jecha obbolaan haala kanaan walitti diinomuun waan seenaa biyya kanaa keessatti ta'ee hin beekne jedhan.

''Diina jechuun yoo ta’ellee kan daangaa ce’ee biyya biraatii weeraraaf dhufe malee obbolaan lama sababa siyaasaaf waldhabanii diinummaa akkasii walirratti raawwachuun baayyee nama gaddisiisa.''

''Akka aadaa fi duudhaa biyya keenyaatti yoo daangaa fi dhimmoota wal nama dhabsiisan biroo irratti walitti bu’anillee waraana keessatti nama kufe haala suukanneessaan itti hin taphatan, morma qalanii waan barbaadan irratti raawwachuun yaa hafuutii,'' jedhan.

Bu’aa siyaasaaf jedhamee jibba obboloota lamaan jidduutti dhalateen sabni Oromoo walakkaatti goolamaa jira jedhan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa.

‘’Paartiin Biltsiginnaa garana darba, Waraanni Bilisummaa Oromoo garas darba. Uummanni Oromoo walakkaa kana keessatti salphina hamaa keessa akka jiru waggoota lamaan kana hubanneerra,'' jedhan.

''Oromiyaan qaamolee walqoccolan kunneeniif ga’uu dhabdee miti. Odoo walta’anii ka biyya biraatuu nutti baqatee nu keessa jiraata.''

Kun walumaa galatti biyyi keenya maal keessa akka jirtu mul’isa jedhan Luba Balaay.

''Namni namummaa gatee gara bineensaatti jijjiiramaa jira. Namni uumamaan akka namaatti yoo yaadee jiraate qofa namummaansaa.''

''Kan na yaaddessu ajjeechaa ammaa kana qofaa miti. Dhaloonni amma lafaa dhufaa jiru sammuunsaa kana shaakalaa guddata. Akkamitti gocha akkanaa dhalootatti dabarsan? Kun dhalootatti osoo hin darbin asumarratti dhaabbachuu qaba,'' jechuun dhaaman.

''Lolli obbolaa gidduu eenyuunuu hin fayyadu, gootas nama hin jechisiisu. Duutus, ajjeeftus gadhummaadha, karaa lachuu kisaaraadha. Inumaa kan ta’aa jiru ajjeechaa qofa osoo hin taane diinummaa hamaadha. Kun asirratti hin dhaabbatu taanaan biyyi balaarra buuti.''

''Hunduu nagaaf hiriiruu qaba''

Mootummaan biyya bulchaa jiruu fi hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo yoo dhugaadhaan uummata kanaaf qabsaa’u ta’e rakkoo jiru mari’atanii hiikuu qabu jechuun dhaamu Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.

''Hayyuu qabna, jaarsa qabna, sirna boonsaa- Sirna Gadaa qabna. Oromoon hammataadha, danda’aadha jechaa nuti akkamiin waldadhabna jennee gadi teenyee rakkoo keenya furachuu qabna.''

''Salphina kana jalaa biyya baraaruuf paartiin siyaasaa maqaa Oromoo dhahattu martuu rakkoo jiru nagaan furuuf kutannoo agarsiisuu qabu. Marii fi marabbaa malee furmaati biraa hin jiru,'' jedhan.

Rakkoon biyya mudate kan nama tokko, lamaa miti kan jedhan Luba Balaay Mokonnin, kanaaf hunduu nagaa fi tokkummaaf hiriiruu qaba jechuun gorsu.

''Rakkoo keessa seenne jalaa biyya keenya baraaruuf abbootiin amantii kadhannaa cimsuu qabna. Kadhannaa bira darbees uummata keenya karaa gaarii barsiisuu qabna,'' jedhan.

''Biyya amantii, aadaa, waliigaltee qabdu, biyya safuun jirutti akkamiin gochi namummaa fi naamusa hin qabne akkanaa raawwata?'' jechuun gaafatu.

''Badii kana keessatti kan hirmaachaa jiru hundumaadha. Kanaafuu osoo manni amantii wangeela barsiisuu, Qur’aana barsiisuu akkamiin gochi faallaa namummaa kun raawwata kan jedhu hunduu of gaafachuu qaba.''

''Mootummaanis of jijjiiruu, of fooyyessuu qaba jedheen yaada. Caasaa isaa keessatti faayidaa dhuunfaaf ykn fedhii siyaasaa qaba galmaan ga’achuudhaaf jecha uummata mufachiisuun heddumminaan mul’ata,'' jedhu Luba Balaay.

Waldaan Makkaana Yasuusii Itoophiyaa hordoftoota miiliyoona 11 caalan qabaachuu kan himan Luba Fiqaaduu Beenyaa gamasaaniin, ''Waldaan kun sagalee guddaa qabdi. Kanaaf, nutis ammas kan jennu waraanni badii malee bu’aa fidu tokko hin qabu,'' jechuun dhaamu.

''Bu’aa kan qabu wal-dhaggeeffachuudha, waliin mari’achuudha. Mootummaan kun warra hidhatanii bosona jiran dhaggeeffatee, rakkoo jiru waliin mari’atee hiikuu qaba. Isaanis taa’anii karaa nagaa mari’achuuf fedhii qabaachuu qabu.''

Bakkeen waraanni seene, keessattuu bakki waraanni waliinii seene duudhaa fi safuu Oromoo akka balleessaa deemu hubachuu qaba jechuun uummataaf dhaaman Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.

Uummanni Oromoo waggootaaf saboota biroo [saba Amaaraa] waliin nagana jiraataa ture kan jedhan Aab Goobana Hoolaa, ''Taateen Wallaggaati mudate kun waldhabbii Oromoo gidduutti mudaterraa madda. Isa kanatu miidhaa kanaaf karaa bane,'' jedhan.

''Miidhaa kana mootummaan to’atuu dadhabee osoo hin taane gidiraatu keessa jira. Sabaa fi sablammii haala kanaan walitti buusuun kun badii hamaadha.''

Riphee lolaan Oromoo keessa jira, riphee lolaa biyyoonni nurra guddatanuu ni dadhaban. Fakkeenyaaf, al-Qaa’idaa, al-Shabaab, Bokooharaam hanga ammaa to’achuun hin danda’amne.

Waltuffachuu fi haaloo walitti qabachuutu rakkoo hammeessaa jira. Mootummaan waraana riphee lolaa kana ni tuffata. Waraanni kun garuu seenaa qaba.

Kanaafuu yoo uummata mari’atee walii hin galle, yoo tokko hin taane badii caalutti deemna.

''Itoophiyaan nagaa ta'uuf Oromiyaan nagaa ta'uu qabdi''

Kutaalee biyyaa Itoophiyaan qabdu naannoon Oromiyaa naannoo Tigraay irraa kan hafe naannolee hundaan waldaangessiti.

Sabaa fi sab-lammiin naannoo Oromiyaa keessa hin jirre hin jiru, giddu gala biyyaa darbees teessoo jaarmiyaalee idil-addunyaa fi dippiloomaatotaati.

Kanarraa ka'uun nageenyi Oromiyaa Itoophiyaa keessatti nagaa mirkaneessuuf bu'uura ta'a jedhu namoonni gameeyyiin dubbisne kunneen.

Waraana kaaba biyyattii waggoota lamaaf turee fi lubbuu lammiilee hedduu gaaga'e marii nagaan furuuf waliigaluun oduu aagaati kan jedhan Luba Balaay Mokonnin garuu kun qofti biyyaaf nagaa hin mirkaneessu jedhan.

Abbaa Gadaa Goobana Hoolaas yaaduma kana qooddatu.

''Yoo Oromoon nagaa ta’e biyyi martuu nagaa argata. Yoo Oromiyaan nagaa dhabde biyti tun nagaa hin taatu. Oromiyaan lafee dugdaa biyyattiitti. Dirree siyaasaa fi diinagdee guddoodha. Dacheen sabaa fi sab-lammii hedduu hammattee jirtu kun dirree waraanaa ta’uu hin qabdu,'' jedhan.

Luba Fiqaaduu Beenyaas gamasaaniin akkuma rakkoo kaaba biyyattiirratti irratti xiyyeeffatamee araarri bu'e kan lixa biyyattiis xiyyeeffannaan ilaalamuu qaba jedhan.

Kana ta'uu baanaan nageenyi guutuu akka hin taanes eeran.

Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa akka jedhanitti, rakkoon riphee lolaa dhale xiyyeeffannaa argatee yeroon hin furamu taanaan hammaataa deema jedhan.

Nagaa fi tasgabbii biyya kanaaf fiduuf qaamni lammii biyya kanaa ta'e hunduu mari'atee waliigaluu qaba kan jedhan Luba Balaay Mokonnin, waltuffachuun gatii nama baasisa jedhan.

''Hin danda’amu malee seexana waliinuu araaramuun gaariidha. Nama hundaan araaramuun dirqama. Biyya kanaaf qorichi araara malee homtuu hin jiru. Rakkoon waraanaan hiikkatu tokko hin jiru.''

Hunduu karaa nagaan mari‘atee araara hin buusu taanaan badii caalutu mudata jedhan Luba Balaay.

''Namni du’uunis, qabeenyi barbadaa’uunis, jibbiinsis hammaatee itti fufa. Sammuun lola yaadu homaa hin yaadu, balleessuu fi baduu malee. Kanaafuu qaamni waldhabee jiru hunduu gadi taa’aa yaa mari’atu.''

''Namni hunduu siyaasa oofuun rakkoo hammeesse''

Yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti kan dhaabbatee deemu hunduu nama siyaasaa ta'e kan jedhan Luba Balaay, kun bu'uura rakkooti jedhu.

''Uummannis waan sirreeffachuu qabutu jira. Bara kana kan dhaabbatee deemu hunduu nama siyaasaa ta’e. Qotee-bulaan, daldalaan, hojjetaan, barataan, barsiisaan, abbootiin amantaa hundumtuu siyaasa oofa. Kana keessaa haa baanu,'' jechuun gorsan.

Namni hunduu laaqaa siyaasaa kana keessaa ba’ee hojiisaarratti hin fuulleffatu taanaan biyyi kun hin fayyitu jedhan.

''Siyaasa biyya keenyaa gara hin qabne kana sanuu karaan ittiin hordofnu karaa Feesbuukiiti. Namoonni ittiin hordoftoota argatanii fayyadamuuf fudhatanii Feesbuukiitti fiigu. Hunduu gurraa fi ija qaratee akka Feesbuukii jala taa’aa oolu kan nama godhuudha. Kanaafuu siyaasa akkanaa keessaa baanee hojii keenya hojjechuu qabna.''

Erga mootummaan amma aangoorra jiru dhufee Waldaan Makkaana Yasuusii mootummaatti maxxanuun isa qofa tumsiti kan jedhamu dubbatamaa turuu hin haalle Luba Fiqaaduu Beenyaa.

''Garuu dhugaan jiru kana miti. Warri kaan waldaa kana keessa Oromoon waan baayyatuuf isaan ABO [Shaneedha] nuun jedhu. Gama keenya kanaan ammoo waan biraatu nuun jedhama. Nuti gidduutti dhiphanneerra,'' jedhan.

Waldaan kiristaanaa [Makkaana Yasuusii] gara mootummaas, gara WBO bosona jiraniis miti. Kan waaqaati, dhugaa jiru dubbatti. Dhugaa jiru akki itti dubbatan ammoo akka qaba.''

''Akka Feesbuukiirratti [miidiyaa hawaasaarratti] taa’anii dubbatan kanatti miti. Gaaffii keenya karaa seera-qabeessaan kallattiidhaan mootummaatti dhiyeessuun waan sirrachuu qaburratti ni dhiyeessina.''