Ajjeechan lammiileerratti raawwatamu akka dhaabatuuf baratoonni Yunivarsiitiwwan garagaraa hiriira bahuun gaafatan

Madda suuraa, FB Battee Urgeessaa, Qondaala ABO
Ajeechan uummata Oromoo irratti bakkeewwan gara garaatti qaamolee gara garaatiin raawwatamu akka dhaabbatuuuf barattoonni Yunivarsiitiwwan garaa garaa hiriira bahuun gaafatan.
Barattoonni yunivarsiitiiwwan garaa garaa irraa BBCn dubbise akka jedhanitti, hiriira mormii kanaaf kan isaan dirqisiise ajjeechaa hidhattoota finxaaleyyii Amaaraa [isaan Faannoo jedhanii waamaniin] lammiilee nagaa irratti keessumaa Wallaga Bahaafi Horroo Guduruutti raawwatuudha.
Mormiin barattoonni gaggeessaa jiran kun dheengadda (Wiixata) galgala Yunivarsiitii Dirree Dawaatti kan jalqabe yoo ta'u, kaleessaafi har'a ammoo yunivarsiitiiwwan birootti babbal'ateera.
Yunivarsiitin Dillaa bakkeewwan hiriirri mormii itti gaggeeffame keessaa tokko yoo ta'u, barataan BBCn dubbise har'a ganama irraa kaasee barattonni sabaan Oromoo ta'an wal gahanii ajjeechaa Ormiyaa keessatti lammiilee nagaa irratti gaggeeffamu balaaleffachuuf hiriira bahuu isaanii hima.
"Ganamaan kaanee waliin mariyachuun nyaata lagannee sagalee keenya dhageessifachuuf baanee turre. Ajjeechan Oromoorratti deemaa jiru haa dhaabbatu. Mirgi lammiilee nagaa haa kabajamu, humni Faannoo ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatu haa dhaabbatu," jechuun hiriira mormii akka bahan ibsa.
Dabalataanis haleellaa diroonitiin lammiillee nagaa ajjeesuun dhaabachuu akka qabu dhaadannoo isaan dhageessisan keessaa ta'uu hima.
Hiriirri mormii Yunivarsiitii Dillaatti gaggeeffame nagaadhan xumuramuu isaas hime.
Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknoolojii Adaamaa (ASTU) irraa barataan Injinaringii waggaa 3ffaa hiriira mormii kana qindeessan keessaa tokko ta'eefi nageenya isaaf maqaan akka hin dhahamne BBC gaafate akka jedhetti, ajeechaan uummata Oromoo nagaa irratti raawwatu akka dhaabatuuf guyyaa kaleessaa hiriira bahuu hima.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kaayyon hiriira mormii isaanii ajjeechaa uummata Oromoo nagaa irratti raawwatu akka dhaabatu balaaleffachuu akka ta'e kan ibsu barataan kun, hiriirichi baay'ee osoo hin turiin humnoota nageenyan akka bittimfamu godhamuu hima.
"Kaleessa [Mudde 6] ganama naannoo sa'aatii lamaa irraa kaasee akkuma hiriira baaneen humni federeelaa mooraa seenun gaazii imimmanessu dhukaase.
Sana booda hiriirichi ni bittamfame. Humna dabalaataa poolisii humna addaa fi milishaas mooraatti galchanii bittimsan," jedha.
Hiriira mormii barattoonni Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknoolojii Adaamaa gaggeessan kana humnoonni nageenyaa erga bittimsanii booda barattoota hedduu akka reebaniifi kaan bubburaqanii mana yaalaa kan deemanis akka jiran hima barataan kun.
Kaan ammoo qabamanii mana hidhaatti geeffamuus dubbata barataan kun.
Waggaa tokkoo oliif haleellaa hidhattoonni Amaaraa kan hawaasni naanoo 'Faannoo' ykn finxaaleyyii Amaaraa jedhu godinaalee Oromiaa Lixaa, keessumaa Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuufi Giddaa Ayyaanaa, akkasumas Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee Jaardgaa Jaarteefi Amuru keessatti gaggeessaniin lubbuun namoota nagaa hedduu darbeera.
Hawaasniifi aanga'onni BBCn yeroo gara garaatti dubbise akka himanitti, gareen kun Oromoo hunda 'Shanee' jechuun ajjeesuu, qabeenya isaa saamuufi barbadeessuutti bobba'aniiru.
Torbanuma darbe keessa haleellaa aanaa Kiiramuutti gaggeeffameen lammileen nagaa gandoota aanichaa 19 keessaa guutummaatti buqqa'anii gara aanaa hollaa taate Giddaa Ayaanaatti baqatanii jiraachuu BBCn odeeffateera.
Haleellaa finxaaleyyiin kun gaggeessaniin daandiin guddaan aanaaleefi magaalaa godinaa, Naqamteeen walqunnamsiisu addaan cituun uummanni aangaalee godinichaa karaa ittiin hospitaala fayyaa deemuufi meeshaalee jireenyaaf bu'uura ta'an ittiin argatu dhabee rakkachaa turuu aanga'oonni ni dubbatu.
Gama biraan ammoo waraana mootummaa Federaalaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan 'Shanee' jechuun waamu gidduutti waggoota sadii oliif Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru gidduutti uummanni nagaa waggoota sadan darbaniin ol rakkoo hamaa keessa jiraachuu irra deddeebiin himachaa turan.
Haashtaagin '#OB' jedhu maalidha?
Tibba kana ajjeechaafi buqqaatiin lammiilee nagaa irratti Godiina Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaatti "hidhattoota Amaaratiin" raawwachuu hordofee miidyaa hawaasaa gubbaatti duulli hashtaagii Oromoo Baraaruu (#OB) jedhu baay'ee qoodamaa jira.
Keessumaa viidiyoon yeroo gareen qawwee hidhataniifi afaan Amaaraa dubbatan nama morma isaa kutanii mukatti fannisanii baatanii deeman mul'isu (BBCn kan hin mirkaneeffanne) miidiyaa hawaasaa gubbatti erga qoodamee booda aktivistoonni hedduun hashtaagii '#OB' jedhu fayyadamuun miidiyaa irratti duula gaggeessaa jiru.
Barataan ASTU irraa BBCtti dubbate akka jedhutti, kaayyon hiriira mormii Yunivarsiitii isaanitti gaggeeffamee tokko waamicha karaa miidiyaa hawaasaa hashtaagii kanaan taasifameef deebii kennuudha.
Barataan biraa Yunivarsiitii Madda Walaabuu irraa maqaan isaa akka hin dhahamne gaafachuun BBCtti dubbate akka jedhetti, har'a ganama irraa kaasee hiriira mormii ajeechaafi buqqaatin uummata Oromoo nagaa irratti gaggeeffamu balaaleffachuun hiriira bahuu hima.
Kanaanis, qaamoleen nageenyaa si'a lama isaan bittimsanii boodarra bulchiinsa yunivarsiitichaa wajjin barattoota walitti qabuun akka mariisisan hime.
"Hiriira baanee baay'ee osoo hin turiin humni nageenyaa gaazii imimmaanessu dhukaasee ijoollenis ni bittinaa'an.
Si'a lammaffaas yeroo hiriira gaggeessan ammas bittimsani. Sadaffaa irraatti hirirrii guddaan gaggeeffame. Humna nageenyaa mooraa jiruun ala taanan humni dabalataa alaa galfamee ijoollee irratti reebicha gaggeessan.
Uummanni keenya osoo du'aa jiruu barachuuf hamilee hin qabnu. Waan hunda caalaa nageenyatu dursa kan jedhu ture kaayyon hiriirichaa," jedha barataan kun.
Mooraa Yunivarsiitii Madda Walaabuu keessa amma nagaa akka ta'eefi humnoonni nageenyas mooraa gadhiisanii bahuu dubbata barataan BBCn dubbise kun.
Guyyaa kaleessaa irraa kaasee Yunivarsiitota garaa garaa keessatti mormiin ajjeechaa lammiilee Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru balaaleffatu gaggeeffamaa jiraachuu miidiyaa hawaasaa irratti suuraleefi viidiyoowwan garaa garaa mul'ataa jira.
Barattoota Yunivarsiitii qofa osoo hin taane iddoowwan tokko tokkotti barattoonni manneen baruumsa sadarkaa lammaffaafi sadarkaa 1ffaa illee yeroo mormii dhageessisan miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa jira.












