'Hammi ummata buqqa'ee sadarkaa Aanaan Giddaa Ayyaanaa gargaaru ol ta'eera' - Aangawoota

Aanaa Giddaa Ayyaanaa

Madda suuraa, Gida Ayana Communication

Ibsa waa'ee suuraa, Aanicha keessa kan jirun alatti jiraattoti aanolee ollaa gara Aanaa Giddaa Ayyaanaatti baqachuu aangawoonni BBC'tti himaniiru

Hammi jiraattota Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti baqatan waan baay’ateef deeggarsa namoomaaf xiyyeeffannoon guddaa akka kennamu aangawoonni gaafatan.

Haleellaa hidhattootaa hordofee waraanni raayyaa ittisa biyyaa magaalaa Hangar Guutee erga seenee ‘’fooyyeen jira’’ jechuun qondaaltoti BBC’tti himaniiru. Haata’u malee, sababa walitti bu’iinsaan jiraattonni aanaalee Giddaa Ayyaanaafi Kiiramuurraa buqqa’aniifi kumaan lakka’aman gara Aanaa Giddaa Ayyaanaa baqataniiru.

Sababa rakkoo nageenyaan daandiin waan cufameef gargaarsa ummata bira geessuun waan yaaddesseef kuni furmaata akka argatu aanichi ibsa baasen gaafateera.

‘’Ummanni kuni akka aanaa kenyaatti humna keenyaa ol ta’eera. Sadarkaa aanaan keenya gargaaru ol ta’eera waan ta’eef qaamni isa ilaallatu kamiyyuu akka deeggaru,’’ jechuun aangawaan BBC’tti himan.

‘’Daa’imman, dubartoonni garaatti baatan, harkatti daa’ima baatan rakkachaa jiru waan ta’eef dhimmi kuni dhimma xiyyeeffannoo barbaadu,’’ jechuun ibsan.

Haleellaa hidhattooti kan jiraattonni 'finxaaleyyii Amaaraa' jedhaniin raawwataniin jiraattotni Aanaa Kiramuu gandoota 19 keessa jiran Giddaa Ayyaanaatti baqachuu aanichi beeksiseera.

Dabalataan, achuma Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessaa kan buqqa’an alatti Aanaa Limmuu Galiilaa irraa 'Shaneen' buqqa’an kan jedhamanis aanicha kana keessa dahataniiru.

Dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii (UN) ibsa guyyoota dura baasen godinoota Wallagga afran sababa rakkoo nageenyaan gargaarsa geessuun rakkisaa ta’uu ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lakkoofsi namoota Lixa Oromiyaatti buqqa’aniis kuma dhibba hedduun akka lakkaa’amu beeksiseera ibsa isaa keessatti UN.

Haleellaawwan irra-deddeebiin raawwatamaniif dhalattooti Oromoo hidhattoota 'finxaaleyyii Amaaraa' jedhu himatu, dhalattooti Amaaraa ammoo hidhattoota 'Shanee' jedhanitti quba qabu.

Jiraattoti BBC’n dubbise hidhatooti 'finxaaleyyii Amaaraa 'jedhan namoota nagaa 'Shanee' jechuun haleellaa irratti dhaqqabsiisaa jiru jedhan.

Sababa kanaaf, haleellaa irra-deddeebiin torban muraasa darbaniif jiraattoti Aanaa Kiiramuu kumaatamaan lakkaa’aman baqachuufi gargaarsa dhabuu dubbatan.

Maanguddoon umrii ganna 67 maatiisaanii waliin baqatanii jiran qabeenyaasaanii qofa osoo hin taane waanti hunduu barbadaa’uu ibsan.

‘’Homaa nuuf hin hafne. Lubbuu namaa hedduu dhabne. Qabeenyi keenya guutummaatti barbadaa’eera.’’

Jiraattoti BBC’n dubbise waajjiraaleen mootummaafi humnooti nageenyaa dabalatee haleellaa kanaan ajjeefamuu himan.

Hangar Guuteetti maaltu ta’e?

Xumura torban darbe ammoo Aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Hangar Guutee [Guttiin jedhamuunis beekamti] walitti bu’iinsa dhalateen namoonni ajjeefamuu, kaan buqqa’uu ibsameera.

Magaalli kuni magaalaa sab-lammoonni garagaraa keessa jiraatanidha. Haata’u malee, waan tibbana raawwate irratti qaamoleen dubbisne waan garagaraa dubbatu.

Jiraataan dhalataa Amaaraa magaalichaa BBC’n dubbise humnoota 'Shanee fi Poolisii Oromiyaatu qindaa'uun ALI Sadaasa 24, 2015 barii irraa eegalee haleellaa nurratti bane jedhan.

''Guyyaa Jimaataa Humni Addaa Poolisii Oromiyaa torba ta'an magaalattii kutanii darbanii bosona keessa bulan.

''Borumtaasaa konkolaataa waraanaarratti diishqaa fe'anii magaalaa seenuun haleellaa eegalan. Namoota hedduu ajjeesan, manneen hedduu barbadeessan,'' jedhan.

Qondaalli Aanaa Giddaa Ayyaanaa garuu wanti kuni sirrii miti jedhu.

‘’Waraana humna addaa Oromiyaafi hidhattoota Amaaraa duukaadha [walitti bu’iinsi]. Kanarraa ka’uudhaan rakkoon uumameera.

‘’Duraan ummanni kuni waliin jiraataa yeroo tureetti finxaaleyyii saba kamiyyuu kan ta’an ofirraa eegaa ture, nageenya isaa eeggachaa ture,’’ jedhan.

Sababa kanaan humnoonni finxaaleyyii jedhan dhalattoota Oromoo irratti ‘’ajjeechaa jumlaa’’ raawwatan jechuun ibsan.

Wantoota kanaaf sababa ta’an keessaa hidhattooti WBO kan mootummaan 'Shanee jedhu dhalattoota Amaaraa waggoota lamaan darbaaf ‘xuxxuqaa’ turaniiru jedhan.

‘’Walitti bu’iinsa gama kanaan uumameerraa kan ka’e haaloo kuufannaarraa kan maddedha jennee fudhanna’’ jechuun ibsan.

Hidhattooti WBO dhimma kana irra deddeebiin ni waakkatu.

Kanneen badii kanaaf himataman jiraattota achi turaniifi hidhatan alatti kana dura ‘’Karaa Abbayyaa bifa dhoksaan galaa turani’’ jechuun himan.

Aanaa Giddaa Ayyaanaa
Ibsa waa'ee suuraa, Aanaa Giddaa Ayyaanaatti kana duras haleellaan irra-deddeebiin raawwataa ture

Haleellaa hidhattooti Amaaraa raawwatan jedhan ‘’qaamni nageenyaa tasgabbeessuudhaaf gidduugalee yeroo adda addaatti yaalii godheera.

‘’Inumaayyuummoo kanarra darbanii qaama nageenyaa keenyarratti iddoo adda addaatti tarkaanfii hadhaawaa fudhatan,’’ jechuun ibsan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyaa Dilbataa magaalaa Hangar Guutee seenuu aangawaan himaniiru.

‘’Garuu hidhattoonni lafa waraanni jirurraa baqatanii ammallee tarkaanfii ajjeechaa fudhachuutti jiru,’’ jedhan.

Kanaan alas raayyaan gara Guttiin yeroo imalu karaarratti humnoonni finxaaleyyii Amaaraa jedhaniin haleellaa banuu dubbatan.

'Humnaa ol ta’eera'

Yeroo ammaa ummata sababa rakkoo nageenyaan qe’eefi qabeenya isaa dhiisee baqate kana gargaaruun humna aanichaa ol ta’u aangawaan BBC’n dubbise himaniiru.

‘’Gargaarsa gochuuf sadarkaa aanaa keenyaa olitti ta’ee jira. Deeggarsa biraa nu barbaachiseera. Namni mana mana isaatii fideeti deeggarsa gochaafi kan jiru.’’

Qaamoleen gargaarsa gochuu fedhan jiraatanillee ‘’karaa deeggarsa kana ummata rakkachaa jiru kanaaf geessisudhaafillee yerootti daandiin dhibe waan hundaan dukkanaa’aadha jechuu dandeenya,’’ jedhan.

Itoophiyaa biyya waraanni Kaaba biyyattiitti waggaa lamaaf raasen walqabatee ummanni miiliyoonaan lakkaa’amu deeggarsa namoomaan jiraachuuf saaxilameera.

Walitti bu’iinsi gama gidduugala biyyattii Oromiyaa keessa adeemaa jiru garuu xiyyeeffannoo hin arganne komiin jedhu jira.