'Wanti Lixa Oromiyaatti ta'aa jiru kanuma Tigraay keessatti ta'aa turedha'- Obbo Geetaachoo Raddaa

Madda suuraa, Komikeeshinii Giddaa Ayyaanaa
Tibbana haleellaa qaamoleen hidhatan [kan jiraattonni finxaalettii Maaraa ykn Faannoo jedhaniin] Godina Wallaggaa Bahaa Aanaalee Kiiramuu fi Giddaa Ayyaanaatti raawwataniin namoonni hedduun du’anii, kumaatamaan kan lakkaa’aman ammoo qe’eerraa buqqa’uu jiraattonni, qondaaltonni mootummaa fi jaarmiyaaleen mirga namoomaa ibsaa iru.
Haleellaa kanaan Finxaaleyyuu Amaaraa, Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaa Shanee jedhee waamu fi poolisii human addaa Oromiyaatu qaamolee garaagaraan komatamu.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa haleellaa suukanneessaa, qaama mootummaa dabalatee qaamoleen hidhatani socho’an uummata nagaarratti raawwataniin dhiittaan mirga namoomaa hammaataa ta’e raawwachuu ibseera.
Taatee tibbana mudate mormuuf hiriirri nagaa maneen barnootaa fi dhaabbilee barnootaa olaanoo [yunivesritoota] keessatti gaggeeffamaa jira.
Qondaaltonni siyaasaa fi paartileen siyaasaa mormitoota ta’anis rakkoon amma dhalate isaan yaaddessuu fi nageenya Itoophiyaaf balaa ta’uu karaa miidiyaa hawaasummaasaanii ibsaa jiru.
Qondaala TPLF kan ta’an Obbo Geetaachoo Raddaa rakkoon Tigraay mudate Wallaggattis dabalamaa jira jechuun yaaddoo qaban ibsan.
‘’Wayita Piriitooriyaatti waliigaltee mallatteessinu rakkoo siyaasaa keenyaaf furmaanni siyaasaa akka barbaachisu sirriitti amanneeti. Waahillan walin waliigaltee mallatteessines murtee kana fudhatanii hojiirra oolchu jennee abdannee turre, ammas ni abdanna,’’ jechuun tiwiitara isaaniirratti barreessan.
‘’Lixa Oromiyaa dabalatee kutaalee biyyatti garaagaraa keessatti wanti raawwatamaa jiru garuu kan Tigraay keessatti mudachaa tureen adda miti. Taateema walfakkataatu irra deebi’amaa jira.’’
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Bu’uurri rakkoo kanaa akkaataa heera mootummaan rakkoowwan siyaasaa bal’aa ta’an irratti mari’atanii furmaataa siyaasaa fiduuf ifaajuu dhabuudha jedhan Obbo Geetaachoon.
‘’Inumaa qondaaltonni mootummaa federaalaa hedduun rakkoo uumame karaa ittiin hammeessan irratti hojjechuun paartilee siyaasaa qabsoo karaa naga filatan hadheessaa jiru,’’ jechuun kun ammoo qormaata biraa biyyatti akka fidu ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paartiin Ezema jedhamu kan Ministira Barnootaa Itoophiyaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan durfamu mootummaan iddoo humni nageenyaa mootummaa salphaatti ga’uu hin dandeenyetti akka ‘’hawaasa hidhachiisu’’ gaafateera.
Paartichi haala tibbana Wallaggatti mudateefi rakkoo kutaalee biyyattii garaagaraa ilaalchisuun ibsa kenneen, ‘’mootummaan naannoofi federaalaa nageenyaafi tasgabbii lammiilee eegsisuuf dirqama qaba.
Seera kabachiisuun dirqamasaanii ta’ee osoo jiruu kana gochuu dhabuun xiyyeeffannaa kennuu dhabuusaanii mul’isa.
Uummataaf xiyyeeffannoo barbaachisu kennuu dhabuu agarsiisa,’’ jedha.
Obbo Geetaachoo Raddaa qondaala adda baasanii quba itti qabuu baatanis qaamoleen mootummaa keessa jiran rakkoo hammeessuu akka hin qabne dhaaman.
‘’Namoonni akkasii eessaa ergama [ajaja] fudhatu? Asmara moo Addis? Daddabalanii dhala namaa ajjeesuun gonkumaa furmaata hin ta’u,’’ jedhan.
Gama tokkoon kaaba biyyattii [Tigraay] keessatti nageenya buusuuf jecha hidhattoota hiikkachiisaa, gama kaaniin ammoo kaan akka hidhatu waamicha dhageessisuun waan qondaala mootummaarra eegamu miti jechuun qondaaltonni siyaasaa fi namoonni kaan Pirofeesar Birhaanuu qeeqaa jiru.
Ibsi Ezema kun erga dhagahamee miidiyaa hawaasummaarratti ijoo dubbii ta’eera.
Qondaalli siyaasaa Paartii Kongiresii Federaalawaa Oromoo [KFO] Obbo Jawaar Mohammad yeroo ammaatti Itoophiyaan meeshaa waraanaa xiqqeessuu qabdi malee heddummeesuu hin qabdu jechuun wamichi qondaala mootummaa kanaan dhihaate ‘’qoosaa, sababaan kan hin deeggaramneefi itti gaafatamummaa kan hin qabneedha,’’ jedhan barreeffama tiwiitara isaaniirratti maxxansaniin.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Paartiin Ezema ibsa karaa dura taa’aa isaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa dabarseen, wayita haleellaan akkanaa uummatarratti raawwatu mootummaan caasaa isaa keessaa kanneen keessaa qooda qaban saffisaan tarkaanfii irratti fudhatee uummataaf beeksisuu qaba jedhe.
Paartileen mormitootaa biroon afuris torbee kana keessa mootummaan rakkoo mudate kana dhaabsisuu dhabuusaa komachuun ibsa baasaniiru.
Kanneen keessaa sadan isaanii godinaaleen Wallggaa rakkoo nageenyaa keessa jiran ajajá humna waraanaa jala akka galan gaafataniiru.
Mootummaan gamasaan humna nageenyaa ramaduun nageenyaa uummataa kabachiisaa jiraachuu himata.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) ‘’haleellaa fokkisaa fi suukanneesaa mootummaan raawwate’’ jedhe akka mormuu fi uummanni akka ofirraa ittisuu qabu dhaameera.
Oromiyaan yeroo kamuuu caalaa goolama keessa jirti kan jedhan qondaalli siyaasaa KFO Obbo Jawaar Mohammad, rakkoo kanaaf furmaata waan jedhan akeekaniiru.
‘’Hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo waliin gadi taa’anii mari’achuu, milishaa Faaannoo jedhamu Oromiyaaa gadhiisee ba’u gochuufi kanneen buqqa’na qe’eesaaniitti deebisuu akkasumas Marii Biyyaalessaa hunda hammate gaggeessuu qofatu furmaata,’’ jedhan.
Walitti bu’iinsi kun yeroodhaan hin dhaabbatu taanaan gara naannolee biraatti babal’atee biyya rakkoo hamaaf saaxiluunsaa mirkana jedhan.
Rakkoon kun to’annoon ala ta’aa jiraachuu watwaataa turre kan jedhan Obbo Jawaar, ‘’rakkoo hamaa fi rifaasisaan kun ammaan tana dhaabbachuu qaba. Mootummaanis akka waan homaa hin uumamneetti callisuusaa dhaabuu qaba,’’ jechuun dhaaman.
Waraanni Kaaba Itoophiyaati lubbuu lammiilee hedduu gaaga’e karaa nagaan akka furmauuf waliigalamuutti gammachuu qabaatanis, milkaa’inni garuu osoo kutaan byyattii biraan dhiiguu hin milkaa’u jedhan.
‘’Itoophiyaaf nageenya hunda hammatetu barbaachisa. Hawaasi idil-addunyaa fi moootummaanis dhimma Oromiyaa irratti xiyyeeffachuu kan qaban kanaan dura ture.
Kanneen walwaraanan uummata gidduutti dararuu dhiisanii taa’anii mari’achuu qabu.
Lammiilee nagaan rakkoo kanaan midhaman gargaarsa argachuu qabu. Kana ta’uu baannaan osoo naannoon tokko goolama bakka biraatti nagaa mirkaneessina jechuun gowwummaadha.’’












