'Naannoo Oromiyaatti sarbama mirgoota namoomaa hamaatu gaggeeffamaa jira'- KMNI

Madda suuraa, Getty Images
Nannoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti walitti bu'iinsa fi haleellaa gaggeefamuun ajjeechaa, miidhaa qaamaa fi qe'ee irraa buqqa'uu qaqqabaa jiruun sarbamni mirga namoomaa baay'ee hamaa ta'e raawwatamaa jiraachuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) beeksise.
Gabaasa ji'a Adoolessaa hanga Mudde 4, 2022ti jedhee Komishiniin Mirgoota Namoomaa baasen godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti haleellaa qaamoleen hidhatan garaa garaa raawwataniin namoonni dhibbaan lakkaa'aman bifa suukaneessan yoo ajjeefaman kan lakkoofsi isaanii hin beekamne ammoo miidhamni qaamaa irra gahuu ibse.
Ibsa komishinichi Mudee 7, 2022 baasen ajjeechawwan, miidhaa qaamaa, lammiilen kuma dhibbaan lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa buqqa'uu ji'aa Adoolessaa kaasee hanga Mude 2022 jiru ifa godheera.
Naannolee kanneenitti lammiilee nagaadhan alatti humnoonni nageenya mootummaa fi hojjattoonni mootummaa fi namoonni sivilii yoo ajjeefaman qabeenyi hedduun manca'ee kaan ammoo saamameera.
Dabalataanis bu'uuraaleen misoomaa fi tajaajilli garaa garaa manca'uu fi tajaajilaan ala ta'uu ibsi Komishinichi baase ni akeeka. Ibsa kanaan namoonni qe'ee isaanii irraa buqqa'an kuma dhibbaan lakkaa'aman haala deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf rakkisaa ta'e keessatti gidiraa argaa jiraachuutu eerame.
Walitti bu'iinsaa fi haleellaa ji'oota darban keessatti dhaqqaban qorachuun ibsa baaseen akkaataa qajeelfama mirgoota namoomatiin sarbamni mirgoota namoomaa baay'ee hamaa ta'e raawwateera jedhe komishinichi.
Bakkeewwan haleellawwan itti raawwataa jiran
Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa bakkeewwan qaamaan dhaqqabee qorachuu hin dandeenyetti warra ijaan argan, fira namoota miidhamanii fi namoota naannicha irraa buqqa'an irraa odeeffannoo sassaabbachuun qorannoo akka gaggeesse ibse.
Bakkeewwan hedduutti haleellaa fi walitti bu'iinsi yerodhaa gara yerotti babal'achaa akka deemes ibsa komishinichaa kana keessatti taa'era.
Naannoo Oromiyaa godiinota akka Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Bahaa, Shawaa kibba Lixaa, Qeellam Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa, Bunnoo Beddellee, Arsii fi Godiinota Gujii lamaan keessatti walitti bu'iinsi fi haleellaan gaggeeffamaa jiraachuu ibse KMNI.
Godinaalee kanneen keessaa aanaalee akka Kiraamuu, Giddaa Ayyaanaa, Algee, Hurruumuu, Amuruu, Horroo Bulluq, Jaardagaa Jaartee, Boosat, Gindabarat, Cobii, Darraa, Kuyyuu, Martii Jajjuu, fi aanaalee ollaa Godiina Arsii keessatti walitti bu'iinsa fi haleellaa gaggeefaman hordofaa jiraachuus ibse komishinichi.
Sarbama mirgoota namoomaa kana eenyutu raawwate?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannolee maqaa dhahaman kanneen keessatti lakkoofsi fi gosti hidhattootaa dabalaa deemuun akkasumas gareewwan garaa garaa yeroof ganda ykn aanaalee to'atanii kan turan ta'uu irraa kan ka'e sarbamni mirga namoomaa akka hammaatu gochuu bira darbee lakkoofsa namoota miidhamanii sirrii ta'e argachuu dhabuun qorannoo naannolee sana madaalan gaggeessuu akka hin daneenye ibseera komishinichi.
"Kuni ammoo sarbamni mirgoota namoomaa dhaqqabe akkaataa qajeelfama seeraa fi qajeelfamoota mirgoota namoomatiin kana jedhanii kaa'uun rakkisaa akka ta'u godheera," jedha ibsi bahe kun.
"Danqaaleen jiran akkuma jiranitti ta'ee komishinichi hordofii godheen bakkeewwan eeraman kanneenitti humnoonni nageenya mootummaa fi jiraattonni naannichaa akka of eeganiif jedhee mootummaan hidhachiise, hidhattoonni saba Amaaraa bakka biraatii dhufani fi Waraanni Bilisummaa Oromoo ("ABO Shanee" jedhamuun kan waamaman) ni socho'u."
Akkaataa ibsa kanaatti qaamoleen hidhatan kunii fi humnoonni mootummaa yeroo wal waraanan akkasumas yeroo biraa ammoo dhuunfaa dhuunfaan haleellaa gaggeessaniin lubbuun namoota nagaa heddu yoo darbu, baay'en madaa'anii kumaatamni ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'uun qabeenyi danuun barbadaaa'eera.
"Gandoonni ykn magaalonni baadiyyaa tokko tokko guutummaatti ykn walakkaan barbadaa'aniiru," jedha ibsi kun.
Gama biraan naannolee to'annoo hidhattootaa jala galan keessatti, "Mootummaa ykn garee hidhattoota biroo deeggartu" jechuudhaan ajeechaa, saamicha, maallaqa humnaan gaafachuu fi jiraattota naannichaa gidiraa keessa akka jiraatan taasisaa jiru jedha ibsichi.
Komishinichi ragaa qaba jedhee ibsa baasen mootummaan ammoo gama isaatiin "hidhattoota deeggartu" jechuudhaan haqa tokko malee ajjeechawwan raawwachuu isaa, sirriitti osoo adda hin baasin hidhattootan haleela jechuun namoota nagaa irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu, hidhaa jumlaa, shakkamtoota hiraarsu fi namoota nagaa irratti miidhaa cimaa geessisaa jiraachuu ifa godhe KMNI.
Dabalataanis, "Dhiyeessiin deeggarsa namoomaafi tajaajilawwan bu'uuraa boodatti harkifachuu ykn dhabamuu, akkasumas sababa walitti bu'iinsatiin hojiin omishaa, daandin, baruumsi, tajaajilli fayyaa fi kanneen biroo adda cituun jirattonni naannichaa rakkoo fi gidiraa hamaadhaaf akka saaxilaman isaan taasiseera," jedha ibsi KMNI baase.
Furmaanni maali?
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) yaada furmaatati jedheen mootummaan naannichaa fi federaalaa waliin ta'uun xiyyeeffannoo guutun akka hojjaan akkasumas furmaata itti fufiinsa qabu akka laatan cimsee gaafateera.
Gama biraan mootummaan nageenya jiraattotaa akka tiksu, deeggarsa namoomaa hatattamaan qaqqabsiisuf qaamolee dhimmi ilaallatu wajjin akka hojjatuu fi humna nageenyaa gahaa ta'e naannichatti akka ramadu cimsee dhaame komishinichi.
“Godinaalee kanneen keessatti yeroo ammaa jiraattonni walitti bu'iinsa qaamolee hidhatan gidduutti gaggeeffamu keessatti danqamanii jiraachun isaanii haala gahaa ta'een ibsamuu dhabuun sarabama mirga namoomaa dhaqqabeen adda baafamee ilaalamuu kan hin qabneedha.
Walumaa galatti gidiraan jiru kana caalaa itti fufuu [waan hin qabneef] osoo oolee hin bulin furmaanni nagaa fi itti fufiinsa qabu kennamuu qaba," jedhan Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr. Daani'eel Baqqalaa.
Haqni namoota nagaa sarbamni mirga namoomaa irratti raawwatee fi itti gaafatamummaan dagatamuu akka hin qabnes dhaaman.












