'Mootummaan nagaan jiraachuu lammiilee mirkaneessuu qaba' – Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa

Godina Wallagga Bahaa

Mootummaan mirga nagaan jiraachuu lammiilee mirkaneessuu akka qabu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa hime.

Haleellaa tibbana Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaafi Kiiramuutti raawwateen namootni baay'een yoo ajjeefaman kumi heddu buqqa’uu aangawootni himaniiru.

Jiraattoti qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’an deeggarsi atattamaa akka isaan barbaachisu ibsameera.

 ‘’Rakkoon kuni sadarkaa kanarra osoo hin gahiin irra-deddeebiin mootummaaf kaasaa turre. Ammas sanuma gochuutti jirra,’’ jedhan Komishinichatti qorataa kan ta’an Imaad Abdulfattaah.

 ‘Lammiileen nageenyaan jiraachuu qabu. Mootummaan kana mirkaneessuutu irra jiraata.

‘’Qaamoleen hidhatanii naannoo sanatti socho’an saba kamuu haa ta’ani namoota nagaa irratti xiyyeeffachuurra of qusatuutu irra jiraata. Seerri idil-addunyaa illee dirqama kana kaa’a,’’ jechuun himan.

Haleellaan kun aanaa Kiiramuu irra darbuun gara aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Hangar Guuteetti babbal'atee ture.

Haa tahu malee, Raayyaan Ittisa Biyyaa erga Hangar guutetti ajjeechaan raawwate booda gaafa Dilbataa magaalattii seenuufi eegasii ‘’fooyyeen jira’’ jechuun qondaalli aanichaa BBC’tti himaniiru.

Godinoota Wallaggatti hidhattooti maqaa sabaa dhahatan badiiwwan irra-deddeebbiin raawwatuuf himatamu. Mootummaanis lammiilee nagaa tiksuu dhabuun komatama.

Bakkeewwan godinoota Wallaggatti badiiwwan irra-deddeebiin raawwataa turan ammallee itti fufaniiru.

Haleellaa mootummaan naannoofi federaalaa hanga yoonaa homaa irratti hin dubbanne kana paartileen mormituu balaaleffataniiru.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) namoonni ajjeefamaa jiran namoota nagaa ta’u eeruun namoonni ‘akka ofirraa ittisan’ waamicha dhiheesse.

Qondaalli dhaabichaa Lammii Gammachuu ‘’Ummatni isaa kaaniif golbaa ture ofumaa buqqa’aa jira’’ jechuun BBC’tti dubbatan.

Sosochiin Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) gama isaan mootummaan Naannoo Oromiyaa ajjeechaa, dararaafi saamicha dhaabsisuuf ‘’humnaafi fedhii akka hin qabne irra-deddeebiin agarsiiseera,’’ jedhe.

Jiraattoti sodaa isaanii ibsaniif deeggarsa namoomaa dabalatee nagaan waaraa akka bu’u gaafataniiru.

'Lammiin kamiyyuu ajjeefamuun nu yaachisuu qaba'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajjeechaafi rakkoo Lixa Oromiyaa wal xaxaa dhufe kanaan lammiileen sabaan fo’amanii yeroo ajjeefamanis mudataa jira.

‘’Ajjeechaan lammiilee nagaarratti xiyyeeffatu kuni sabaan nama irratti xiyyeeffachuun gama hundaanuu akka jiru nuti odeeffannoon qabnu. Hammi isaa haa wal caalu malee,’’ jedhan Obbo Imaad.

‘’Kanaan duras miidhaan walfakkaataa qaqqabaati ture. Garuu kan tibba kanaa wanti adda godhu hammeenyummaan isaas babal’inni isaas kan dabale ta’u isaati’’

Tibbana viidiyoon hin mirkanoofneefi suukaneessaa ta’e qoqqoodamuu isaan namoonni miidiyaa hawaasummaa gubbaa mufii ibsaa turan.

Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa kana dura wantoota adeemuuf deeman eeraan yaaddoo ibsaa ture.

‘’Namoonni yeroo dheeraadhaaf saba isaaniin irratti xiyyeeffatee miidhaan irra gahaa, ajjeefamaa turan, qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqifamaa turani.

‘’Haa ta’uuti yeroo dheeraadhaaf xiyyeeffannoo hin arganne. Dhimmichi adeemee sadarkaa kanarra gahe jechaadha,’’ jedhu qorataan dhaabbatichaa turtii BBC waliin taasisaniin.

‘’Ilma namaa kan ta’e hundaafuu ni dubbanna. Lammiin kamiyyuu ajjeefamu nu yaachisuu qaba,’’ jechuun dhaaman.