Dhimmoonni mootummaa Itoophiyaa fi WBO irratti mari’atan maal fa’i?

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa
Mariin nageenyaa marsaa jalqabaa mootummaa Itoophiyaafi Waraanni Bilsummaa Oromoo -WBO gidduutti gaggeeffamaa ture waliigaltee guutuu irra gahamuu baatus wal hubannaadhaan xumuramun barame.
Mariin kun Taanzaaniyaa odola Zaanzibaar irratti torban tokkoo oliif gaggeeffamaa ture.
Dhimmoota jajjaboo marii kana irratti dhiyaatan keessaa tokko mootummaa waloo ykn ce’umsaa hundeessuu kan jedhu akka tahe BBC’n odeeffateera.
WBO'n rakkoo Oromiyaa keessaa furuuf paartilee siyaasaa Oromiyaa keessa socho’an kan akka ABO, KFO fi Paartii Badhaadhinaa dabalatee kaanis itti gaafatama fudhachuun mootummaa Waloo [Ce’umsaa] hundeessuun qooda fudhachuu qabu kan jedhu akka ta'e himame.
Marii marsaa jalqabaa kanaa irratti, yaada kana irratti falmii fi mariin qaamolee lamaan gidduutti gaggeeffamaa turuufi, garuu yaada kana irratti marii marsaa jalqabaa kanaan wal hubannaa xumuraa irra akka hin gahamne barame.
Dabalataanis araarri kun caasaa WBO biyya keessa jiran hunda waliin tahuu qaba yaada jedhu dhiyeessuu BBCn gama WBO irraa odeeffateera.
Kun maraammartoo waraanaa keessaa bahuuf kan gargaaru tahuu himuun, kanaaf ammoo wal amantaan akka jiraatu paartileen Oromiyaa keessaa socho'an mootummaa Waloo hundeessuun filannoo bilisaa fi haqa-qabeessa tahetti deemuu qabu yaada jedhu kaasun dhagame.
Mootummaan ammoo, hidhattoonni WBO meeshaa isaanii hiikkachuun gara qabsoo nagaatti akka makaman gaafachaa turun ni yaadatama.
Qaamoleen lameen marii kana booda ibsa qofaa qofaatti baasaniin marsaa jalqabaan wal hubannaan gaarii jiraachuu himuun, garuu fuulduratti mariin nagaa itti fufuu akka qabu waliigalteerra gahuu ibsaniiru.
Lamaan isaaniiyyuu [mootummaa Itoophiyaa fi WBO] rakkoo Oromiyaa keessaa halaa waaraa taheen furuuf, karaa nagaa itti fufuun mari'achuuf qophii tahuu himaniiru.
Mariin nagaa kun Taanzaaniyaa odola Zaanzibaar, qarqara Garba Hindii riizoortii Eemiraalditti keessatti guyyoota sagaliif gaggeeffamaa ture.
Qaamolee lamaan mariin dabalataa akka barbaachisu waliigaltee irra gahu haa ibsan malee, yoomiifi eessatti gaggeeffama kan jedhu garuu hanga ammaatti hin ibsine.
Lamaan isaanii gidduu wal hubannaan jiraachuu ibsanis dhimmoota kam irratti wal ta'uun kanneen irratti ammoo wal dhaban kan jedhu ilaalchisees kan BBC maddeen isaa irraa odeeffateen alatti bal’inaan gama lamaaniinuu kan jedhame hin jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan qajeelfama heera biyyattii eeguun marii nagaa kanaaf qophii tahuu himus, WBO rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessaaf furmaata waaraa kennuuf furmaanni siyaasaa argamuu akka qabu ibse. Marii nagaa itti aanuufis qophii tahuus himeera.
Mootummaa Itoophiyaa irraa namoonni jaha bakka bu’uun maricharratti kan hirmaatan yoo tahu, Ambaasadar Reedwaan Huseenii fi Ministerri Haqaa Dr Geediyoon Ximootiyoos kanneen maricha irratti argaman keessaayi.
Gama WBO'n ammoo jalqaba bakka bu’oota jaha marii kanarratti hirmaachun himame. Issaan keessaa hayyuu seenaa Ameerikaa Yuunvarsiitii Joorjiyaatii barsiisan pirofesar Mohaammad Hasan, gorsaa olaanaa ajajaa waliigalaa WBO, Jireenyaa Guddataa keessatti argamu.
Boodarra ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Kibbaa irraa loltoonni lama bakka bu’uun maricha irratti argamuu isaanii BBC’n maddeen isaa irraa odeeffateera.












