Afrikaan Kibbaa Netaniyaahoo hidhamuu qaba jenneen Israa'el Ambasaaddarashee achii waamte

Madda suuraa, AFP
Israa'el ambsaaddarashee Afrikaa Kibbaatti argamu gara biyyaatti waamte. Kunis kan dhagahame Afrikaan Kibbaa dhimma waraana Gaazaatti gaggeeffamaa jirurratti Israa'el irratti himannaa guddaa dhiyeessuu hordofeeti.
Waraanni Israa'elfi Hamaas erga eegalee kaasee Afrikaa Kibbaa haleellaa Israa'el Gaazaa irratti gaggeessitu mormuun Israa'el dhaadhessitee komataa turte.
Gaafa Wiixata, Sadaasa 20, ammoo Manni Muurtii Yakka Idil-addunyaa (ICC) Muummee Ministeeraa Israa'el kan ta'an Beeniyaamin Netanaahoo irratti ajaja hidhaa akka baasu jechuun Afrikaan Kibbaa waamicha dhiyeessite.
Ibsa Afrikaa Kibbaa kana hordofee Israa'el ambaasaaddarashee Afrikaa Kibbaatii gara biyyaatti waamuu Ministeerri Dhimma Alaa Israa'el beeksise.
Dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaa Israa'el kan ta'an Liyoor Hayi'at fuula X irratti akka barreessanitti tarkaanfin Israa'el kun ibsa Afrikaan Kibbaa kennite ilaalchiseeti.
Israa'el ambasaaddarashee Eliyaav Belotserkoviskii Afrikaa Kibbaatii gara biyyaatti waamunshee Afrikaan Kibbaa yeroo wal-gahii biyyoota BRICS karaa onlaayinii gaggeessuf jirtuttiidha.
Walgahiin BRICS Afrikaan Kibbaa waamte kun dhimma waraana Israa'elifi Hamaas irratti kan mariyatuudha jedhame.
Wal-gahii kana pirezidaantiin biyyattii Siriil Raamafosan kan gaggeessan yoo ta'u, biyyoonni akka Chaayinaafi Raashiyaa fa'aa irratti hirmaachuun dhimma waraana Gaazatti gaggeeffamurratti waliigaltee waloorra ni gahu jedhamees eegama.
Gama biroon ammoo paarlaamaan Afrikaa Kibbaa embasii Israa'el biyyattii keessa jiru cufuufi walitti dhufeenya dippilomaasii biyyattiin Israa'el wajjin qabdu guutummaatti adda kutuufi dhiisurratti har'a, Sadaasa 21, sagalee ni kenna jedhamees eegama.
Paarlaaman biyyattii kan murteessu yoo ta'e hanga Israa'el waraana dhaabdufi murtee Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) kenne hojiirra oolchitutti kan turu ta'a.
Waraana Israa'elifi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiruun, hanga ammaa lammiileen Filisxeem 13,000 du'uu ministeerri fayyaa Gaazaa beeksise.
Afrikaan Kibbaa yeroo dheeraaf kaayyoo uummata Filisxeem kan deeggartu yoo taatu, tarkaanfii Israa'el Gaazaa keessatti fudhataa jirtutti hin gammanne.
Inumaayyuu hawaasni idil-addunyaa Israa'el irratti dhiibbaa garaa garaa akka taasisuuf waamicha dhiyeessaa turte.
Manni Murtii Yakka Idil-adunyaa Gaazaa keessatti yakka waraanaa akka qoratuuf Afrikaan Kibbaa biyyoota akka Boliviyaa, Baangilaadish, Komoroosifi Jibuutii waliin ta'uun iyyata galchaniiru.












