Waraana Israa'eliifi Hamaas gidduu adeemaa jiruun namuu maaliif waa'ee Iraan dubbata?

Alaabaa Iraan Teehraan keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Haleellaa Hamaas Israa'elirratti raawwateen booda hogganaa olaanaan Iraan Hamaas jajuun kuni Israa'eliif ''kirkira lafaa cimaadha'' jechuun ibsan. Itti dabaluunis, ''harka namoota haleellicha karoorse ni dhunganna'' jedhan.

Haata'u malee, Ayaatolaah Alii Khaameenii biyyisaanii haleellaa raawwatame keessaa harka akka hin qabne haaluuf yeroo itti hin fudhanne.

Haleellaa Hamaas Onko. 7 Israa'el irratti raawwateen namoonni 1,200 ajjeefamanii 240 kan ta'an ammoo butamanii ture.

Erga yeroo sanaatii kaasee Israa'el haleellaa haaloo bahuu qilleensaafi duula lafoo Gaazaa keessatti gaggeessituun namoonni 11,000 ol ajjeeffamuu Ministeerri fayyaa Hamaasiin durfamu himeera.

Harkan keessaa hinqabu jechuun ishee akkuma jiruutti ta'e Iraan maaliif maqaanshee miidiyaalee hawaasummaafi idileerratti haleellaa Hamaas waliin maqaanshee ka'aa?

Sababiin kana duuba jiru tarii kallatttiidhaan: sababii deeggarsa Iraan hinjijjiiramneefi 'Axis of Resistance' jedhamee beekamuutiifidha.

Kunis walta'iinsa gareewwan Jiddugala Bahaa keessatti Israa'eliifi US mormaniiti. Kunis Hamaas, Hezboollaa Libaanoon keessaa, Milishoota Iraaqiifi finciltoota Huutii Yaman keessaa hammata.

Iraan kan sababii kaayyoo gabbisa nikularaa fi sarbama mirga namoomaatiin qoqqobbiin idil-addunyaa irra kaa'ame, rakkoolee dinagdeefi siyaasaatiin dararamaa jirti.

Iraan faayidaashee eegsisuuf jecha, deeggartootaafi diinota naannichatti fayyadamti jedhamuun himatamti. Hizboollaafi Hamaas sochii Israa'el irratti gaggeeffamu dursuudhaan deeggarsa Iraan taasiftu irraa fayyadamoodha.

Seenaan Israa'eliifi Iraan duuba jiru maali?

Loltoota Israa'el

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Israa'el
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa'eliifi Iraan yeroo hunda walitti duulaa hin turre. Warraaqsa Islaamaa fi hundeeffama Riippablika Islaamaa bara 1979 dura, Iraan biyya Araba hin taane, deeggartuu tarsimoo Israa'el taate turte.

Haata'u malee, yeroo warraaqsi Ayaatolaa Ruhollaah Kaameenii aangootti fide booda, biyya gaggeessuummaa amantaaf eddoo guddaa kennitu ta'un haalli kun jijjiramee farra-Israa'el dubbachuu eegalte.

Dhimmi Filisxeem ammoo baay'ee osoo hin turre qaama hololaa guddaa ta'e. Kunis hawaasa Islaamaa jidduutti qofaatti osoo hin taane hayyootaafi hawaasa kaan birattis fudhatama argate.

Waraaqsi eegalamee guyyoota jaha qofa keessatti, Yaasiir Arafaati, dursaan Dhaabbata Bilisa Baasaa Filisxeem (PLO) yeroo sanaa, Ayaatolaah Kaamenii fi mootummaa yeroo Tehiraan waliin wal arguudhaan aanga'aa biyya alaa jalqabaa ta'an.

Araafaatiin wal arganii sa'aatii muraasa booda Iraan walitti dhufeenya dippilomaasii Israa'el waliin qabdu adda kutte. Haata'u malee, dhimmoonni akka ilaalamanitti kan sorooran hin turre.

Filisxeem waliin hiriyyummaa jaalalaa taasiftulleen, Iraan Israa'el irraa deeggarsa waraanaa fudhachuuf yeroo itti hin fudhanne.

Waggoota jalqabaa waraanaa Iraan-Iraaqi bara 1980-1988'tti gaggeeffameetti Israa'el karaa kanneen jidduu deddeemaniitiin, karaa ifa hin taaneen, Iraaniif deeggarsa waraanaa garaagaraa taasiftee jirti.

Kunis walitti dhufeenya hin fakkaanne ture. Ta'us garuu, Israa'eliif waraanni wayita gaggeeffamaa deemuutti, Iraaniifi Iraaq waliif akka yaadan taasiseera.

Haata'u malee, kunis weerara, doorsiisoo fi wal himannaa dhaabbii hin qabne keessatti adda ture.

Bara 1980'oota fi 1990'oota keessa Israa'eliifi Ameerikaan lamaanu Iraan walitti fufinsaan haleellaawwan boombii namoonni ittiin ajjeeffaman keessatti hirmaatteetti jechuun yoo himatan, Iraan ammoo kana ni haalti.

Iraan ammoo Israa'el ajjeechaa saayintistoota nikulaara Iraan duuba akka jirtu ibsuun, biyyoonni lamaan haleellaa saayibarii itti fufaadhaaf wal himachuu itti fufan.

Walitti dhufeenyi Iraan Hamaas waliin qabdu maaliidha?

Hidhattoota Hezbollaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoota Hezbollaa

Gareen milishaa Filisxeem fi paartiin siyaasa Hamaas bara 1987 kan hundeeffame yoo ta'u, bara 2007 irraa kaasee Gaazaa Istirippii to'ataniiru.

Irra deddeebiin gareen hidhate kun rokkeettiiwwan magaalota Israa'el irratti kiyyeeffatan raawwata. US, UK fi kan biroo garee kan akka dhaabbata shororkeessaatti farrajuun imaammata qolleeffannaa hordofan.

Baroota 1990 fi 2000'oota keessa Iraan Hamaasiin deeggaruudhaan gahee olaanaa taphattee jirti.

Adda durummaadhaan ilaalcha amantaa ykn siyaasaan ala, jibba waloo diina wal fakkaatuuf qaban qooddatu.

Hamaasiifi mootummaan Iraan Islaama damee garaa garaa hordofu. Hamaas Sunnii yoo ta'u, bulchiinsii Iraan kan hundeeffame ammo Islaama Shiiyaatiin.

Haata'u malee, bara 2012'tti Hamaas deeggaraa Iraan kan ta'an pirezidantii Sooriyaa Bashaar Al-Asaadiin waraana wal walii biyyasaanii deeggaruuf hayyamamaa waan hin taaneef walitti dhufeenyisaanii badaa dhufe.

Deebiisaatiif Iraan deeggarsa maallaqaa Hamaasiif taasiftu dhaabuudhaan deeggarsa sochii garee hidhattootaaf taasiiftu hir'iftee jirti.

Bara 2015 keessa, Hamaas diina bara dheeraa Iraan kan taate Saawudi Arabiyaa waliin waan walitti dhufeef dhibdeen cimee ture.

Iraan waraana wal walii Yemaniitti gaggeeffamu keessatti hidhattoota finciltoota Shiiyaa, Huutii, deeggarti. Kunis Sa'udii Arabiyaa kan humnoota mootummaa Yaman deeggaruun faallaadha.

Qoodinsi Iraaniifi Hamaas jidduufi deeggarsi maallaqaa dhaabbachuun gareen Filisxeem madda maallaqaa muummee dhabe jechuudha.

Sunis maallaqa kan warra Gaazaa irratti hirkatan ture. Isa malee lammiileen nagaa rakkoon jabaa isaan qunname.

Haata'u malee, erga 2017 kaasee keessattuu biyyoonni Arabaa tokko tokko Israa'el waliin walitti dhufeenya cimaa uumuudhaan, walitti dhufeenyi Iraaniifi Hamaas jidduu salphataa adeemuun, irra-deddeebiin gamtaa uummachuuf yaalii qindaa'e taasifame.

Kun osoo akkasiin jiruu Israa'eliin kan deeggartu Ameerikaan walitti dhufeenya kallattii qabaachuusheef ragaa kamuu qabaachuu baattulleen, Iraan haleellaa dameen waraana Hamaas Onkololeessa 7 raawwate baroota darban keessa maallaqaan deeggaruun gahee mataashee baatee jirti jetti.

Hezbollaa waraanichaan maaltu walitti fida?

Hogganaa i/aanaa Hezbollaa Sheeh Nayiim Qaasim
Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaa i/aanaa Hezbollaa Sheeh Nayiim Qaasim

Hezboollaa gareen milishaa Shiiyaa Libaanoon keessatti daangaa kaaba Israa'eliitti bu'ureeffate, waraaqsa 'Axis Risistance' jedhamu keessatti humna cimaa biraa hundesseera.

Iraanis ijaarsa Hamaas kan Ameerikaa, UK fi kaan akka garee shororkaatti ilaalan kana hundeessuu keessatti gahee olaanaa taphatteeti.

Waggoota 40'n darban keessa dursaan garee kanaa Hasan Naasrallaa amanamummaa dursaa olaanaa Iraaniif qaban ifatti labsuudhaan deeggarsi Iraan isaaniif taasiftus akkuma jiruutti itti fufe.

Haata'u malee, Hezbollaah baay'ee ammayyaa'aafi Hamaas caalaa baay'ee cimaadha. Gareen kunis Jiddugala Bahaatti sochiilee siyaasaa garaa garaa keessatti hirmaannaa taasiseera.

Kutaan milishaa garee kanaas har'a qaamolee miti mootummaa dandeettii olaanaa qaban keessaa tokko yoo ta'u, naannichaatti waraanaa idilee tokko tokkoo caalaa kan leenji'anidha.

Bara 2006'tti yeroo xumuraaf Israa'el waliin yeroo wal waraananitti meeshaan hidhataniifi naamusi waraana isaanii hedduun kan hineegne ture.

Wal jijjiraaan dhukaasaa Hezbollaa fi Israa'el jidduuti taasifamu torban dhiheenya keessa itti cimeera.

Iraan walitti bu'iinsa Israa'el-Hamaas jidduu seentii laata?

Hoogganaa olaanaa Iraan Ayaatolaah Ali Kaamenii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaa olaanaa Iraan Ayaatolaah Ali Kaamenii

Marii ministiroonni dhimma alaa Biritaaniyaafi Iraan jalqaba baatii Sadaasaarratti taasisaniin, Jamsi Kilevarliin, Amiir Abdollaahiyaan Iraan waraanichi akka hin hammaanne ittisuuf dhiibbaa ishee akka gootu gaafataniiru.

Haleellaa Onkololeessa 7'n booda, yeroo gochaa Hamaas irratti balaaleeffannaan idil-addunyaa dhagahameetti, Hoseen Amiir Abdolaahiin dursaa Hamaas Ismaa'el Haaniyeen Kataariitti arganii ture.

Ministirri Iraaniis sanatti fayyadamuun Israa'el haleellaa Gaazaatti raawwattu yoo itti fufte, naannicha keessatti rakkooleen hin eegamne mudachuu akka danda'an akeekkachiisan.

Akeekkachiifni kunis Dursaa Olaanaa Iraan Ayaatolaa Alii Kaameenii, ''Humnootiin diddaa obsasaanii fixachuu danda'u. Yeroo sanatti ammoo kan isaan dhaabu homtuu hin jiraatu'' jechuun dubbatan.