Daa'ima Filisxeem erga du'ee booda beekamtii guddaa argate-Eldohuus

Awni Aldohus daa'ima ol adeemaa guddoo abdatan akka ta'e miseensonni maatii himan

Madda suuraa, YOUTUBE

Awnii Eldohuus, daa'ima Filisxeem umuriin isaa ganna 13 YouTube irratti beekamuun abjuusaa ganamaa ture.

Abjuun daa'ima kana garuu jiraatti otoo hin taane erga lubbuun darbee dhugoome.

Viidiyoo bara 2022 maxxanfamerratti Eldohuus maayikii qabatee, seeqaa Youtube gubbaatti dorgommii taphaa injifachuu akka barbaadu dubbata ture.

''Mee ofiin beeksisa: Ani daa'ima Filisxeem Gaazaa keessatti dhalate. Umriin koo ganna 12.

Kaayyoon chaanalii kootii maamila 100,000 ykn 500,000 ykn miliyoona tokko horachuudha,'' jedhe Eldohuus.

Viidiyoo sana xumurarratti'' nagaatti '' jedhee ija daawwattootaa duraa sokke.

Waggaa tokko booda garuu Awnii Eldohuus daa'imman Filisxeem waraana Gaazaa keessatti ajjeefaman keessatti eerame.

Firoonni daa'ima kanaa akka himanitti, manni warra Eldohuus Onkolooleessa 7, 2023 haleellaa Hamaas Israa'elitti raawwachuun namoota 1,200 ajjeese sa'aatiiwwan muraasa booda xiyyaarri manasaanii haleele.

Awni Eldohuus, daa'imni viidiyoosaa yeroo eegalu daawwattootasaa 1,000 ta'an galateeffataa ture, amma erga lubbuun isaa dabartee daawwattoota miliyoona 4 ol horate.

Viidiyoon Eldohuus tokko otoo sagalee hin dhageessisiin wayita geemii fi kubbaa miilaa taphatu agarsiisu daawwattoota miliyoonaan lakkaa'aman horateera.

Maamiltoonni toora Youtube Eldohuus irratti galma'aan miliyoona 1.5tti dhiyaataniiru, lakkoofsi isaanii ammallee dabalaa jira.

Namoonni hedduun yaadasaanii barreessuuf.

Namni tokko akkas jedhee barreesse;''Dhiifama nuuf godhi, yeroo lubbuun jirtu otoo si barree gaarii ture,'' jedhee barreesse.

Namni biraammoo ''Awnii Eldohuus simbirroo jennataati,'' jedhee barreesse.

Adaadaan isaa Ala'aa jedhamtu Eldohuus daa'ima ''baayyee gammadaafi ofitti amanufi carraa gaarii naaf uuma jettee abdattu ture.

Miseensi maatii Eldohuus kan biraas'' Injininar Aldohus'' jechuun leellise, sababni isaa daa'imni kun kompiyuutara jaalata.

Namoota biroof duuti daa'imni ganna 13 kun daa'imman Gaazaa keessatti du'an bakka bu'a.

Ministeerri Fayyaa Gaazaa akka himetti, namoonni 20,000 erga waraanni Gaazaa keessatti banamee du'aniiru.

Namoota du'an keessa harka sadii keessaa tokko ol daa'immani.

Ejensiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii UNICEF Gaazaan addunyaarratti bakka hunda caalaa ijoolleef balaa qaba,'' jechuun ibse.

Awni Aldohus jalaala kompiyuutaraaf qabuun beekama

Madda suuraa, FACEBOOK

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyaa Hamaas haleellaa raawwate sana Israa'el haleellaa haaloo-bayiinsaa raawwachuu eegalte.

Adaadaa Eldohuus kan taate Ala'aan boombiin guyyuma kana mana maatiishee magaalaa Gaazaatti argamu mancaasu akka hin oolle yaaddee turte.

Namoonni hedduun halkan sana manni maatii Eldohuus boombiin haleelamuu karaa dhaamsa bilbilaatiin ergaafiif turan.

Gamoon abbaa darbii sadii qabuufi firoonni maatii tokko keessa jiraataa mandara Zayituun jedhamutti haleelame.

Darbii gamoo kanaa boombiin haleelame keessaa tokko mana warra Eldohuus yoo ta'u, haadha, abbaafi obboloota isaa durbaa lamaafi obboloota isaa dhiiraa lamatu keessa ture.

Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Aministii Intarnaashinaal haleellaan kun Onkolooleessa keessa raawwatamuu galmeesse.

''Boombiiwwan lama tasa gamoowwan lamarratti erga darbatamee booda gamoowwan kana barbadeesse.

Haati warraakoofi ani akka carraa lubbuun oolle, sababni isaa nuti gamicha darbii irra keessa turre,'' jedhe eessuma Eldohuus kan ta'e Mohaammad.

Mohaammadis ta'ee holloonni isaa haleellaan sun raawwatamuf akka karoofame quba hin qabnu ture jedhan,'' tasuma dhuka'e,'' jedhan warri hollaa.

Awni Aldohus fi obbolootasaa hunda ajjeefaman

Madda suuraa, FAMILY HANDOUT

‘Hordoftootaafi dinqisiifattoota horachuu barbaade’

Ala’aan dhaamsa ishee qaqqabu amanuuf rakkatte. Wayita miidiyaa hawaasaa bantu firoottan ishee suura firoottan ishee dhiyoo du’an qoodanii’’ nagaan boqodhu’’ jedhan argite.

Suura qoodame sana keessatti obboleessi isheen ni argama.

Namoonni akka reeffa miseensa maatii ishee ilaaltu gaaafatan, garuu abbaan warraa ishee ‘’fuulasaanii miidhagaa yeroo isaan lubbuun turanii yaadadhu’’ jedhe akka reeffa hin ilaalle dhorkuusaa dhaamsa Feeskuurratti kibba Gaazaarraa, iddoo ammatti baqattee jirtuu maxxansite.

Ala’aan halkan tokkichatti miseensa maatii ishee 15 dhabde, isaan keessaa tokko AwniiEldohuus.

Ala’aan daa’ima ganna 13 Eldohuus yeroo ibsitu: Nama qabbana, maatii gargaaru jetteen. Abbaan Eldohuus injinara kompiyuutaraati, daa’mni kunillee abbasaa duukaa bu’ee koompiyuutara diigee deebisee sirreessa.

Suuraan AEldohuus toora Feesbuukiirratti qoodame wayita gabatee gurraacha fuulduratti boordii kompiyiitaraa barattoota biroo wajjin qabatee dhaabatu agarsiisa.

Suuraan mana baranootasaatiin otoo daa’imni kun hin du’iin yeroo yartuu dura maxxanfame akka agarsiisutti, daa’imni kun badhaasota hedduu injifachuun daa’ima gammachuun fuulasaarraa hin fagaanne ta’uu ibse.

Ala’aan yeroo xumuraaf daa’ima kana kan argite du’uusaa torban sadii dura ture.

Gaafas daa’ima obboleessa ishee kanaan’’ guddate’’ jechaa ture.

Akka adaadaan Eldohuus jettutti, daaimni kun kompiyuutaraafi tapha jalaata.

’’Eldohuus hordoftootaafi dinqisiifatamuu barbaada ture’ jetti Ala’an.

Waraanni Israa'el maal jedha?

Waraanni Israa'el haleellaa iddoo murtaa'erratti raawwatame kanarratti yaada hin kennine, garuu maadhewwaan waraanaa haleeluurratti akka qiiyyafatu beeksise.

Hamaas iddoowwan qubsumni namootaa itti hedduummatuufi iddoowwan tajaajila siviliif oolan waraanaaf oolchuun himama.

Waraanni Israa'el akkas jedha;'' maadheewwan waraanaa haleelaman seera idil-addunyaan kan tumame. Ofeeggannoo taasifamee, miidhaan inni namoota siviliifi bu'uuralee misoomaa siviliirraan gahu guddaa akka hin taane sakatta'amee raawwatama,'' jedhe.

Itti dabaluun, Waraanni Israa'el miidhaa namoota nagaafi bu'uuraalee misoomaa sivilirra sababii waraanaaf gahetti akka gaabbuufi akka qoratu ibse.