Gaazaa: ‘Haati warraa lubbuukoo turte daqiiqaa shan keessatti duute’

 Kaaliid El-Estaal

Madda suuraa, RTE

Maqaansaa Kaaliid El-Estaal jedhama. Gaheessa umuriin wagga 30 yoo ta’u, maatii isaa Filisxeem keessatti dhiisee ofiin Saawud Arabiyaa keessa hojjata ture.

Beelfaast keessatti guddate Kaaliid, erga haatii warraa fi miseensoonni maatii kaan Gaazaa bakka itti ajjeeffamaniitti deebi’ani booda kan Ayilaandiitti deebi’e.

Gaazaa walitti bu’insa Hamaasiin waliin mudateen wal qabatee Israa’eliin boombii haleelamaa jirti.

Kaaliid ‘‘waan qabu hundaa dhabuu’’ dubbachuun, garuu ijoolleensaa xixqoon lama lubbuun hafan Dubliin keessatti isatti akka makaman abdata.

‘‘Isaan baasuun barbaada. Mootummaarraa jecha dhagahun barbaada. Isaan lammii Ayirishiidha,’’ jechuun miidiyaa Ayirishi RTEtti dubbate.

Ijoolleensaa kan umuriin wagga tokkoofi afur yoo ta’an, akkoowwan isaanii waliin Gaazaa keesa jiru.

Deeggarsa mootummaa Ayiriishiin alatti lubbuu ijoolleesaatiif akka yaadda’e dubbata.

‘Isheen lubbuukoo turte’

Kaaliid Beelfaast keessatti dhalatee barnoota sadarkaa tokkoffaa kan barate ammoo Bootaanik’tti ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan isaa Yunivarsitii Kuuwin keessatti barsiisaa ta’un hojjataa turan.

Yeroo inni mucaa wagga saddeeti tureetti maatiinsaa gara Gaazaa, bakka inni itti haadha warraasaa Ashwaak Jendiyaa Yunivarsitiitti argateetti geedaraman.

‘‘Isheenis lubbuukoo turte’’ jedha.

Wayita torbanoota darban keessa waraanni naannichatti cimaa adeemu, Kaaliid hanga gargaarsaaf qondaaltoota Ayirish gaafatuutti haati warraasaa gara Kibba Gaazaatti imaluun firootasaa waliin akka turtu gaafate ture.

‘‘Guyaadhuma isheen mana maatiikoo qaqabdeetti naannichi boombiin haleelame’’ jedha.

Boombichis haadhaa fi obbooleessa isaa ‘‘battalumatti’’ ajjeesuu hima. Itti dabalunis, eessuumni fi ijoolleen dubaraa eessumasaa lama (lamaanu doktaroota kan ta’an) dhohiinsichaan ajjeeffamuun, ijoolleen Kaaliid lamaan jijjigaa jalatti akka awwaalaman yaadata.

Ashiwak, haatii warraasaa miidhamte mana yaalaatti geeffamtulleen, miidhaa qaamashee harka 60 ta’u gubeerraa hafu dadhabdee akka duute hima.

Haadha warraa fi mucaasaa

Madda suuraa, RTE

Taateen kunis ‘‘Anas na ajjeessaa jira’’ jedha. ‘‘Waanan qabu hundan dhabe. Ana qofas miti haalli akkasii kana mudate. Ummata Gaazaa keessaa baayyeerra ana wayya,’’ jedha ijoolleen lubbuun hafuutti galateeffataa.

Amma ijoollee isaatiin haatiisaanii du’u itti himuudhaaf gara sanatti imalu akka hin dandeenye dubbata.

Israa’el erga Hamaas Onkololeessa 7 Israa’el irratti haleellaa banuun namoota 1,400 ajjeessee kaan 200 ol ta’an butee fudhatee kaasee Gaazaa irratti haleellaa raawwataa jirti.

Ministeerri Fayyaa Hamaasiin durfamus erga haleellaan kun Israa‘eliin raawwatamu eegalee kaasee namoonni 9,400 ol Gaazaa keessa ajjeeffamu himeera.

Dubbi himaan Qajeelcha Dhimmoota Alaa Ayirish ibsa baasee keessatti, lammiileen biyya biraa 8,000 fi kanneen lammummaa biyya lamaa qaban Gaazaa keessatti argamu jedhe.

Kunis daa’imman kumaatama biyyoota garaa garaa keessatti lammummaa biyya lamaa qaban dabalata.

Haata’u malee, namoota kanneen baasuun waan yeroo fudhatuudha jedhe dubbii himaan kun.

‘‘Yeroo? Yeroo jechuun du’adha. Haatii warraakoo daqiiqaa shan keessatti ajjeeffamte’’ jedhe Kaaliid.