Qaamooleen Israa'el bakka bu'uun mari'ataa turan Kaataarii akka deebii'aniif ajajaman

Qondaaltoonni tika Israa'el biyyattii bakka bu'uun dhukaasa dhaabuuf mari'ataa turan erga mariichi socha'u dideen booda Kaataarirraa gara biyyaatti akka deebii'aniif ajajamu ejansiin tika biyyattii Mosaad beeksiise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hordoftootaa tamsaasa haaraa eegalleerra!

    Hordoftootaa tamsaasa haaraa waan eegalleef karaa sanaan nu hodofu dandeessu.

    Odeessaalee haaraa argachuufhaaf Tamsasa kallattii haaraa.

    Olamaa gaarii qabaadhaa!

  2. Humnootiin Israa'el sarara qarqara galaan dhiheenya magaala Gaazaa gahan

    Antoonii Bilinkan Baagdaadii haasaa wayita taasisaa jiraniitti, dubbii himaan waraana Israa'el, Daani'eel Haagarii ammoo, duulasaanii Gaazaa keessaa irratti miidiyaatti dubbatan.

    Akkasi jedhan:

    • Raayyaan Ittisa Israa'el Magaala Gaazaa ''marseera''
    • Loltoonni Gaazaa ''Kaabaa Gaazaa fi Kibba Gaazaatti'' akka kutuudhaan sarara qarqara galaanaa gahaniiru.
    • Israa'el ammalleen jiraattoonni Kaabaa gaazaa fi magaala Gaazaa gara kibbaa deemaniif ''daandii ni dhiistiif''
    • Israa'el ''cimsitee haleellaa raawwachuu fi dula lafoo keenya kaaba gaazaa fi Magaalaa Gaazaa caalaa keessatti cimsuu itti fufna.''

    Ministeerri Fayyaa Hamaasiin durfamu namoonni Gaazaa keessatti ajjeeffaman gara 10,000 qaqabu beeksiise.

    Teessuma Gaazaa
  3. Ameerikaan lolli Israa’el-Gaazaa akka hin babal'anneef 'hojii murteessaa fi ariifachiisaa' hojjachuu itti fuftee jirti - Bilinken

    Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken
    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken waraanni kun kutaalee Baha Giddugaleessaa birootti akka hin babal’anneef Ameerikaan tattaaffiirra jirti jedhan.

    Qaamoleen naannoo kessatti qooda qaban biroo waraana kanatti hirmaachuu malu jedhamee sodaatama.

    ''Kun hojii baayyee barbaachisaa fi ariifachiisaa dippilomaasii Ameerikaati,'' jedhan.

    Har’a daangaa Libaanonirratti Israa’el hidhattoota Iraaniin deeggaraman wajjin walitti dhukaasni tureera.

    Gama biraatiin ammoo, dhukaasa dhaabuun yeroo qaamoolee hundaan ni simatama jedhan Bilinkan.

    Bilinkan yaalii deeggarsi namoomaa gara Gaazaa akka seenuuf dhukaasni yeroo gabaabaaf akka dhaabbatu gochuuf taasisaa jiran ilaalchisuun, dureewwan jidduugala bahaa imalasaanitiin waliin mari'atan yaadicha simachu himan.

    ''Namoomaaf dhukaasa dhaabuu hundi akka simatuun yaada, waa'eesaa shakkii hin qabu'' jedhan.

    Dhukaasa dhaabuun namoomaa baayyee gabaabaafi kan kaayyoo murtaa'ef - deeggarsa namoommaa ummmata nagaatiif qaqabsiisuuf jecha kan hojiirra oolfamu yoo ta'u, akka dhukaasa dhaabuu idilee adeemsa siyaasaa dheeraa gara mariitii geessuu hin hammatu.

  4. Manneen Gaazaa keessaa harki walakkaan barbadaa’era jedhe Abbaan Taayitaa Filisxeem

    Suura walakkeessa Gaazaa torban sadii dura kaafame

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Suura walakkeessa Gaazaa torban sadii dura kaafame

    Ministeerri Fayyaa Abbaa Taayitaa Filisxeem teessoosaa Weesti Baankii godhate dhiibbaa waraanni Gaazaa qaqqabsiise himan.

    • Manneen jireenyaa Gaazaa %50 ol barbadaa'aniiru.
    • Ummata Gaazaa keessaa gara %70 buqqa'aniiru.
    • Hospitaalota dhukkubsattoota mana yaalaa keessa jiran fudhachuu danda'an 35 keessaa 16 hojii dhaabaniiru.
    • Gamoonni Ejensii Gargaarsaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNRWA) 42 barbadaa’era.

    Yoo xiqqaate Waldaaleen Kiirstaanaa torbaa fi masjiidoonni 55 manca’aniiru.

    Israa’el Hamaas boolla lafa jalaa bu’uuralee misooma siiviilii kanneen akka hospitaala jalatti ijaarrateera jechuun himatti.

    Israa'el Gaazaa keessatti maadheewwan dhaabbata ‘‘shororkeessaa’’Hamaas jettuun 11,000 ol haleelu beeksifte.

  5. Haleellaan Israa'eliifi Hezbollaa daangaa qaxxaamuru tibbana irra dedeebiin dhagahamu itti fufeera

    Libaanan

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'el farra taankii Hezbollaan Libaanan irraa dhukaaseen namoonni nagaa ajjeeffamu yoo himattu, Libaana gamasheetiin haleellaa Israa'eliin daa'imman sadiifi akkoonsaanii ajjeeffamun gabaafame.

    Dubbi himaan waraana Israa'el akka jedheetti, misaa'el Hezbollaan Libaanan irraa dhukaaseen namni nagaa tokko daangaa Israa'eliifi Libaanaiitti ajjeeffame.

    Itti dabalunis dubbi himaan kun, Hezbollaan ''buufataalee waraana Israa'eliifi magaaloota namoota nagaatti'' dhukaasaa jira.

    Gama biraatinis miidiyaaleen mootummaa Libaanan akka gabaasaniitti, haleellaa Israa'el raawwatteen daa'imti sadiifi maanguddoon tokko ajjeeffaman.

    Namoonni kunneen kan ajjeeffamanis erga konkolaataan ittiin deemaa turan bulchiinsa Bint Jbeil keessatti daandiirratti haleelamteen booda yoo ta'u, daa'imman ajjeeffamanis kan waggaa 10, 12 fi 14 ta'u gabaafame.

    Dhiheenya kana keessa dhukaasni daangaa qaxxamuru garee Hezbollaa Libaanan keessaafi waraana Israa'el jidduutti irra deddebii'aa dhufeera.

  6. Gaazaa keessatti tajaajilli bilbilaafi intarneetii ammas adda cite

    Kaampaaniin telekominikeshinii Filisxeem Paltel, ammas Gaazaa keessatti gutummaatti tajaajilli bilbilaafi interneetii adda citu beeksiise.

    Kaampaanichi akka jedheniitti, tajaajilli kan adda cite ''sababii sararrii mummeen duraan suphamee ture amma waan'' haleellaa Israa'eliif saaxilameefiidha.

    Gareen Intarneet too'atu Netblocks gamasaatiin, akka sa'aatii biyyaatti 18:50 irratti ''konnekshiniin adda cite haaraan'' Gaazaa keessatti mudachuu himeera. ''Kunis Paltel kaampaanii tokkicha naannicha keesatti tajaajila kennaa jiru irratti dhiibbaa olaanaa qabaata'' jedhe.

    Netblocks akka jedheetti paatii darbe keessa konnekshiniin haala kanaan adda yoo citu kun yeroo sadaffaadha.

    Tajaajila kennekshinii adda cite

    Madda suuraa, Netblocks

  7. Israa'el waraana yeroof dhaabuun tarkaanfii namoota butaman gadhiisuu hammachu qabaata jette

    Gorsaa Olaanaa MM Beenjaamiin Netaaniyaahu

    Israa'el waamicha deeggarsa namoomaatiif waraana dhaabuu jedhe raawwachun ni danda'ama, garuu ''sochii dhimma namoota butaman gadhiisuu'' hammachu qaabaata jette.

    Gorsaa olaanaan MM Beenjaamiin Netaaniyaahu, Maark Reegeev, waliigalteen yeroof waraana dhaabuu ''kallattii keenyaan namoota butaman gadhiisuu'' hammachu qabaata jedhan.

    Reegeev kan gabaastuu BBC Liis Duuset'n waa'ee jedha Hamaas namoonni Israa'elii butaman 60 haleellaa Israa'eliin ajjeeffamaniiru jedhurratti gaaffiin dhiyaateefii ture.

    ''Sana mirkanneessuu hin danda'u...Kunis qaama holola xin-sammuu Hamaas akka ta'en amana,'' jedhan.

    “Ummata keenya ajjeessaa akka jirruu kan nutti himan, akka isaan haleeluu dhiifnuufiidha. Isaadha akka nuti amannu kan isaan barbaadan...Kun garuu dhugaa miti.''

    Gaaffii boba'aan konkolaatawwan deeggarsaatiin Gaazaa seenuu yoo danda'e jedhurrattis, Reegeev Israa'el nyaanni, qorichii fi bishaan daangaa tokko malee akka galuuf waliigaltee jirti.

    ''Bobabaa'an caalaa dhimma of eeggannoo barbaachisudha, sababii janaretaroota hospitaalotaa hojjachiisuu danda'uuf, kun waan gaariidha. Garuu ammoo, boba'aan akkasuma maashina Hamaasiif aannisaa kennu danda'a, keessattuu gara Israa'eliitti rookkeettii akka dhokaasaniif humna kennuufii danda'a.''

  8. Pirezidantiin Filisxeem Gaazaatti atattamaan dhukaasni akka dhaabbatu waamicha dhiyeessan

    Bilinkaniifi Abbaas

    Madda suuraa, EPA

    Har'a Ministirra Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan waliin kan mari'atan Pirezidantiin bulchiinsa Filisxeem Mahaammud Abbaas Gaazaa keessatti atattamaan dhukaasni akka dhaabbatuuf waamicha dhiyeessan.

    Pirezidantichi waamicha kana kan dhiyeessan turtii Bilinkan waliin taasisanii yoo ta'u, Gaazaa kan Israa'el marfama gutuu keessa galcheera jette keessatti deeggarsi namomaa akka seenuuf gaafachusaanii dubbii himaan Naabiil Abbu Rudiyiinih Rooyitarsiitti himan.

    Dureewwan biyyoota jidduugala Bahaa hedduunis haaluma walfakkaatuun Gaazaa keessatti dhukaasni akka dhaabbatuuf waamicha taasisaniiru.

    Bilinkan ibsa waloo guyyaa Sambataa Ministiroota Dhimma Alaa Jordaan fi Masrii waliin ta'un kennaniin, yaadni dhukaasa dhaabu Hamaas akka deebiise of ijaaru taasisa jechuun morman.

    Bakka isaa dhukaasa dhaabuun namoomaa yeroodhaaf akka ta'u yaada kennanii ture.

  9. Hamaas Gaazaatti lakkoofsi namoota ajjeefamanii 9,770 gahe jedhe

    Filisxeemoota namoota gamoo kaampii Maghaazi jijjige jala barbaada jiran

    Madda suuraa, EPA

    Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganamu lakkoofsa namoota Gaazaa keessatti haleellaa Israa'eliin ajjeefamanii haaraa ifoomse.

    Onkoloolessaa 7 erga guyyaa Hamaas Israa'el keessatti haleellaa raawwatee kaasee daa’imman 4,800 dabalatee, walumagalatti Filisxeemoonni 9,770 ajjeefamaniiru jedhe Ministeerichi.

    Onkolooleessa 7 haleellaa hidhattoonni Hamaas akka tasaa Israa’elirratti bananiin namoota 1,400 ajjeesuun, namootaa 240tti dhiyaatan ammoo butanii gara Gaazaa geessutu ni yaadatama.

  10. Gaazaa: ‘Haati warraa lubbuukoo turte daqiiqaa shan keessatti duute’

  11. Waraanni Israa'el xiyyaara nama-maleessa Libaanon keessattin kuffise jedhe

    Diroonii

    Madda suuraa, Getty Images

    Waraanni Israa'el akka jedheetti xiyyaarri nama-maleessi ''fageenya daangaa Libaanon keessaa'' gara Israa'el'tti imalaa ture tokko humnoota isaatiin kufiifamu beeksiise.

    Waraanich akka jedheetti, xiyyarri kunis ''Libaanon keessa fagootti'' akka kufu ta'e.

    Akkasumas Humni Ittisa Israa'el misaa'eloonni farra taankii hedduun Libaanon irraa gara Israa'elitti dhukaafamu himuun, humnoonni Israa'el ammoo moortaara dhukaasuun deebii kennuu dubbate.

  12. ‘Dho’insi mana barnootaatti mudate dhukaasa bakka biraatti xiyyeeffate ta’uu mala’-Waraana Israa’el

    Nyaanni qabeenyaa manni barumsaa inni kaampii baqattoota Jabaaliyaa keessatti kana cinatti ni mul'ata

    Madda suuraa, Rooyitars

    Sambata darbe kana Ejensiin Baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNRWA)n manni barumsaa kan kaampii baqattoota Jabaaliyaa keessatti bulchu haleelamuu mirkaneesse.

    Daarektarri komunikeeshinii UNRWA Juuliyeet Toomaa BBC'tti akka himtetti, namoota waraanaa jalaa mana barumsichatti baqataanitu bakka lamatti haleelame.

    Mooraa keessaa godoo ykn daasii namoota buqqa’aniitu ture, dallaatti aane immoo dubartoonni daabboo tolchaa turan.

    Juuliyeet Toomaa sababa haleellaa sanaa akka hin beekne kan himan.

    Ministeerri Fayyaa Gaazaa garuu haleellaa Israa’eliitu raawwateedha jedhee, haleellaa sanaanis yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefamuu fi namoonni 70 biroo mada’uu eere.

    Ganama har'aa ammoo Ejjansiin oduu Rooyitarsiif Raayyaan Ittisaa Israa'el (IDF) eeruun akkagabaasetti, qorannoon marsaa duraa akka akeekutti bakka sana haleeluuf irratti hin xiyyeeffanne ture.

    ''Garuu dhohinsi kun dhukaasa Waraana Israa’el, kan bakka biraarratti qiyyaafatee ta'uu mala'' jedhe.

  13. Bilinkan Weest Baankiitti pirezidantii Filisxeem waliin wal argan

    Bilinkan Abbaas waliin

    Madda suuraa, EPA

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan imala dippilomaasii isaanii Baha Giddugalessaatti taasisaniin Jimaata Teel Aviiv, guyyaa Sambataa ammoo Amaan turan.

    Har'a ammoo osoo karoora isaanii duraarratti hin ibsamiin Raamaalaah bakka to'annoo Israa'el jalaa jiru Weest Baankiitti imaluun Pirezidantii bulchiinsa Filisxeem Mahaammud Abbaasiin wal argan.

    Abbaas, kan Abbu Maazeen jedhamuun beekamanis erga bara 2005 kaasee Paartii siyaasaa Faataah bakka bu'uun Pirezidantii Abbaa Taayitaa Filisxeem kan Weest Baank ta'un tajaajilaa jiru.

    Abbaas ammoo garee Hamaas kan Gaazaa keessatiin cimsanii wal mormu.

    Bilinkan marii Abbaas waliin taasisaniin booda gara Turkiitti akka imalan eegama.

    Bilikan osoo konkolaataa bahaa jiranu

    Madda suuraa, EPA

  14. Haleellaa kaampii baqattoota al- Maghaaziirra qaqqabeen heduun ajjeeffaman

    Bakka haleellaan irratti raawwatame

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa Ministeerri Fayyaa Hamaas baayyee sukanneessaadha jedheen fi Sambata waaree booda kaampii baqqattoota al-Maghaazii irratti mudateen namoonni heduun ajjeeffamun himane.

    Haleellaa kanaanis namoonni 30 ol ajjeeffamudha kan Ministeerichi hime.

    Dubbii himaan waraanaa Israa'el ammoo yeroo haleellaan kun raawwatamutti waraanni isaanii naannicha keessa socho'aa jiraachu ni qoranna jechuu ejjansiin oduu AFP gabaaseera.

    BBC waan ta'eefi baayyina lakkoofsa namoota ajjeeffamanii addatti mirkanneeffachu hin dandeenye.

    Gamoo barbadaa'e

    Madda suuraa, Reuters

  15. Baayidan dhukaasni namoomaaf ta'u akka malu akeekan

    Pirezedantii Ameerikaa Joo Baayiden

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantii Ameerikaa Joo Baayiden

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan waraana Israa’el- Hamaas giddutti adeemaa jiru keessatti namoomaaf dhukaasni dhaabachuu akka malu akeekan.

    Sambata darbe kana dhukaasni namoomaa milkaa’aa jiraachuu kan gaazexessitootaan gaafataman Baayidan, wayita waldaa Delaware bahaniitti gabaabumatti "eeyyee " jechuun quba abbudduu ol qabanii deebisan.

    Torban darbe Baayidan lolli Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiru ''namoomaaf’' akka dhaabatu gaafatanii turan.

    Baayidan qophii Miniiyaappolisitti gaggeeffamerratti namoonni butaman akka bahaniif ''yeroo murtaa’eef dhukaasa addaan kutuu barbaachisa" jedhan.

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkanis tibbana Baha Giddugaleessaa kan jiran yoo ta’u, dhukaasni namoomaa akka jiraatuuf hoggantoota biyyoota naannichaa waliin haasa’aa jiru.

  16. Peentaagan diroonii basaasaa hidhannoo hinqabne samii Gaazaarra balaliisu amane

  17. Garaagarummaan dhukaasa dhaabuufi dhukaasa namoomaaf dhaabu jiddu maali?

    Antoonii Bilinkan

    Madda suuraa, Reuters

    Biyyoonni hedduuniifi dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii waraanaa Israa'eliifi Gaazaa jidduutti gaggeeffamaa jiruun dhukaasni akka dhaabbatuuf waamicha taasisan.

    Garuu ammoo biyyoonni kaan, kan akka UK, US fi Gamtaan Awurooppaa yaadni kun Hamaas fayyada jechuun hin deeggaran. Hamaas US fi mootummoota wara lixaa kaaniin dhaabbata shororkeessaa jedhamuun galmaa'e.

    Ameerikaan dhukaasa dhaabuun namoomaa (humanitarian pause) akka taasifamu barbaaddi.

    Garaararummaan kana lamaan jidduu maali?

    Dhukaasa dhaabuu idileetiin wal-bira yoo madaalchifame, dhukaasa dhaabu namoomaan kan yeroo gabaabaaf turudha.

    Yeroo tokko tokkoos sa'aatiiwwaniif kan turu ta'ee, iddoofi yeroo murtaa'e qofaaf kan hojjatuudha.

    Inni addatti deeggarsa namoomaa dhiyeessuurratti kaayyeefachuun kan hojiirra oolfamu yoo ta'u, faallaa is furmaata siyaasa yeroo dheeraa argachu ta'u, dhaabbanni Mootummoota Gamtomanii ni ibsa.

    Haaluma walfakkaatuun, dhukaasa dhaabuu jechuun ammoo, kan yeroo dheeraa turuufi yeroo baayyee waliigaltee siyaasaa dhaabbataarra gahuu dabalatee, qaamoleen wal dhaban akka mari'atan kan kaayyeefame ta'u hima UN.

  18. Odeeffannoo fayyaa dogoggoraa miidiyaa hawaasummaarraa akkamiin of eegna?

  19. Waraanni Israa'el ummanni Gaazaa gara kibbaatti akka imaluuf daandii nan saaqa jedhe

    Waraanni Israa'el namoonni Gaazaa kaabaa keessaa gara kibbaatti akka imalaniif sa'aatii afuriif daandii akka banu beeksiise.

    Daandiin ittiin bahamus daandii guddiicha qaxxaamuraa Gaazaa keessaa kaabaa -kibba geessuu daandii Saalaah al-Diin yoo ta'u akka biyyaatti sa'aatii 10:00- 14:00 banaa ta'a jedheera.

    Guyyaa Sambataas karoorri walfakkaatu kan ture yoo ta'u, garuu hidhattoonni Hamaas kanneen ''dahannoo namaa'' barbaachuun namoonni nagaa akka hin baane barbaadan loltoota Israa'el daandiicharra socha'aa turan irratti haleellaa banan jechuun himate.

    Yaadachiisaaf, Israa'el kaabni Gaazaa bakka keessaa bahamu jechuun erga labsteen booda, achittis haleellaa raawwatulleen, jiraattoonni gara kibbaatti akka imalaniif gaafattee turte.

    Haata'u malee ammalleen namoonni 350,000-400,000 ta'an kaaba Gaazaa keessatti akka argaman ergamaan US himan.

    Kaarraawwan Gaazaa keessaa bahamu
  20. Waraanni Israa'el erga duula lafootii as iddoowwan qiyyeeffannaa 2,500 haleele jedhe

    Bakkeewwan haleelaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Waraanni Israa'el (IDF) ibsa ganama kana kenneen, humni lafoo, qilleensaafi galaanaa erga duulli lafoo Gaazaa keessatti eegalamee as ''iddoowwan qiyyeeffannaa 2,500 haleele'' jedhe.

    Halkan darbes loltoonni Israa'el xiyyaarri dallaa waraanaa Hamaas, kan ''jidduugala ajajaafi to'annoo, buufataalee basaasaa fi bu'uraalee shororkeessummaa dabalataa'' qaba jedheen akka haleelaniif qajeelchu hime.

    Itti dabalunis loltoonni Israa'el ''lola dhiheenyaa gaggeeffamu dabalatee shororkeessitoota barbadeessuu ittifufeera'' jedhe.

    Ministeerri Fayyaa Hamaasiin durfamu ammoo, haleellaa qilleensa Israa'el kaampii baqatootaarratti raawwatteen dabalataan namoonni 30 du'u beeksise.

    Israa'el ammoo yeroo sanatti humnootiin isaa naannawa sana keessa socha'aa jiraachuufi dhiisuu nan qoradha jedhe.

    Waliigalattis erga Onkololessaa 7 as namoonni 9,400 ol Gaazaa keessatti ajjeeffamu beeksiise Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hoogganamu.

    Israa'el haleellaa Hamaas raawwachuun namoota 1,400 kibba biyyattii keessa ajjeessuun, kaan 240 ta'an bute deemeen booda haleellaa haaloo bahuu Gaazaarratti raawwataa jirti.