Waraana Israa’el-Gaazaa torban afur guuteerratti wantota haaraa shan iftatti mul'atan

Madda suuraa, Reuters
Jalqaba wanti hubatamuu qabu, gabaasaaleen oduu, xiinxalawwaniifi yaadawwan Onkoloolessa 7 gaafa Hamaas Israa’el irratti haleellaa gaggeesseerraa kaasee roobaa jiraatanis eenyuyyu oduu guutuu ta’e hin qabu.
Odeeffannoo sirrii guutuu dhabuu qofa miti, hurrii waraanaa sana keessa cabsanii seenuun waan dirree waraanaarratti qabatamaan ta’aa jiru baasuuf rakkisaadha.
Walitti bu’insi Israa’elootaafi Filisxeemota gidduu jiru bifti haaraan ammallee achii as hin ba’iin jira.
Wanti jiru amma saffisaan deemaa jira. Sodaa waraanni kun babal’achuu mala jedhus waan hin oolledha.
Baha Giddu-galeessaatti wanti haaraa mul’achuuf jira, garuu bifa akkamiin mul’ata, akkamiin ammoo hojjeta kan jedhu waraanni kun wagga kana keessa ykn ammoo tarii waggaa itti aanu akkamiin akka deemurratti hundaa’uuf ta’a.
Wanta muraasa nuti beeknu kunooti, akkasumas wanta xiqqoo nuti hin beeknes isaan kana. Qabxiiwwan ijoon tarreeffaman hanga dhumaatti ballinaan kan ibsaman miti.
Bara 2003 yeroo US Iraan irratti waraana bante yaadachuun gaariidha. Bara sana hogganaa humna ittisaa US kan ture Donaald Raamsifiild haasaa isaa keessatti, “wanta hin beekamne, wantota hinbeekamne” jedha ture.
Haata’u malee, kutaa addunyaa kana keessa akkuma bakka kaanii ni jiru – kanaaf yeroo bahanitti jijjiirama fiduu ni danda’u.
1. Israa'eloonni tarkaanfii waraanaa deeggaru
Wanti ifatti beekamu tokko Israa’eloonni duula waraanaa humna Hamaas Gaazaa keessaa jiruufi michuu isaa Islaamik Jihaad cabsuuf taasisu ni deeggaru.
Israa’eloota haleellaa tasaa Hamaas Onkoloolessa 7 raawwachuun Israa’eloota 1,400 ajjeesee 240 kan ta’an ammoo butee fudhachuun hanga ammaa Gaazaa keessatti qabatee jiru akka malee isaan aarseera.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga Hamaas Onkoloolessa 7 haleellaa gaggeessee akkamitti akka haadha warraasaa waliin gara Nahaal Oz’tti akka deeme dhaga’uuf janaraala waraanaa humna ittisaa Israa’el keessaa soorama kan bahe Nohaam Tiboon waliin wal argeera.
Nahaal Oz mandara qubsumaa Israa’el [kibuutz] daangaa Gaazaarratti argamudha.
Ergamni janaraalli kun qabatanii gara mandara qubsumaa kanatti bu’aniif ilma isaa, haadha warraa ilmasaafi ijoollee durbaasaanii lama oolchuudhaaf ture.
Maatiin isaa kun yeroo hidhattoonni Hamaas naannoo sana diida keessa marsan mana keessa taa’anii dhaga’aa turan. Ergamni Nohaam Tiboon ijoolleesaa baasuus milkaa’eera.
Nohaam Tiboon soorama baheera garuu ga’eessa umuriin isaa wagga 62 guute ta’ee garuu ammallee cimaadha.
Guyyaa ilmasaafi maatii ilmasaa baraaruuf gara mandara qubsumaa Israa’el deemaa turetti loltuu Israa’el du’e tokkorra ba’e.
Achumaan qawweefi helmeetii loltuu du’e sanarraa fudhatee balaa guyyaa sana dhalate keessatti garee loltootaa gurmeessuun mandara qubsumaa sana qulqulleessuun maatiisaa dabalatee namoota hedduu lubbuu oolcheera.
Janaraalli soorama bahe kun nama barnoota durii barate, qondaala Israa’el ifatti fuulaafi fuulatti dubbatudha.
“Gaazaan rakkoo keessa galuuf deemti… biyyi kamiyyu hollaan kee lafaa ka’ee ijoollee kee, dubartoota ykn ummata qaluusaatti waliif hin galu. Akkuma ati (Biriteen) Waraana Addunyaa Lamaffaa irratti diina kee cabsite sana jechuudha. Kun wanta nutis Gaazaa keessatti gochuu feenudha. Haraarri hin jiru.”
Filisxeemonni siviilii ta’an osoo waan tokko keessaa gahee hin qabaatiin qulqulluun ajjeefamaa jiran haa maalta’u? jedheen gaafadhe.
“Kan nama gaddisiisu, wanti kun ta’aa jira. Hollaa hamaa jiraataa jirra waan ta’eef lubbuun jiraachuu barbaadna… hamoo ta’uu qabna. Filannoo hin qabnu.”
Israa’eloonni baayyeen waanuma qondaalli duraanii waraana Israa’el kun jedhu dubbatu. Du’aatiin Filisxeemota sivilii (nagaa) ta’an nama gaddisiisa, garuu kan isaan ajjeefamaa jiran sababii Hamaasiifidha jedhu.
2. Bohicha Gaazaa dhaabachu dadhabe
Tarkaanfii Israa’el Hamaasirrattifudhachaa jirtu dhiigni akka dhangala’u taasisaa jiraachuun ifadha.
Ragaan dhiyoo ministirri fayyaa Gaazaa baase akka agarsiisutti Filisxeemonni ajjeefaman 9,000 kan darbe yoo ta’u, isaan keessaa %65 kan ta’u daa’immaniifi dubartootadha.
Warra ajjeefaman kana keessa hangam isaaniitu dhiira akka ta’eefi Hamaasiif ykn Islaamik Jihaadiif lola kan jedhu ifa miti.
Pirezidantiin US Joo Baayidan fi warri Israa’el lakkoofsa himame kana hin amanan. Walitti bu’insawwan darban keessa garuu, lakkoofsi Filisxeemota ajjeefamanii dhaabbilee addunyaa biratti baayyee sirrii akka ta’etti fudhatama.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) akka jedhetti erga Raashiyaan Yukireen irratti waraana bane ji’oota 21 keessatti Yukireenon sivilii ta’an 9,700 ajjeefamaniiru.
Filisxeemota ajjeefaman keessaa hangi tokko Hamaas ta’u. Ta’uuyyu dhiisuu danda’a malee garuu Filisxeemota ajjeefaman kana keessaa %10 Hamaas ta’u haa jennu.
Akkas taanaan Israa’el ji’a tokko keessatti qofa Filisxeemota siviloota ta’an kan Raashiyaan erga Guraandhala 2022 kaasee Yukireen keessatti ajjeesete caala jechuudha.

Madda suuraa, Reuters
UNtti waajirri mirgoota namaa haleellaa qilleensarraan Israa’el gaggeessituun siviliyaanonni (namoonni nagaa) baayyeen ajjeefamanii, madaa’aniiru jechuun haleellaan gaggeeffamaa jiru kun madaalawaa waan hin taaneef yakkawwan waraanaa ta’a kan jedhuun yaaddoo guddaa qaba.
Guyyuma jalqabaa Hamaas haleellaa itti raawwaterra kaasee, Pirezidant Baayidan murtoo Israael humna waraanaa fayyadamuun Hamaasiin aangoorraa kaasuu fudhatte deeggaraniiru.
Garuu ulaagaa itti dabaluun “karaa sirrii ta’een” raawwatamuu barbaachisa jedhan. Kana jechuun Israa’el seerota waraanaa akkaataa sivilootaaf eegumsi itti tasifamuu qabuun raawwachuu qabdiidha.
Ministirri dhimma alaa US Antoonii Bilinkan Sadaasa 3 Israa’el daawatan. Daawwannaa isaanii kana dura waan tokko dubbatanii ture.
“Yeroo daa’ima warra Filisxeem, dhiira haa ta’u durba gamoo jijjige jalaa harkisanii baasan akkuma daa’ima Israa’el ykn naa’ima eessaayyu haa ta’u onnee koo na cabsa.”
Waraanawwan Israa’el hunda waggoota 30 darban keessa turan hunda gabaaseera. Yeroo bulchiinsi US ifatti Israa’el seerota waraanaa kabajuu qabdi itti jedhe hin yaadadhu.
Daawwannaan Bilinkan tasisan kan akeeku Israa’el gorsa Baayidan hordofaa hin jirtu kan jedhudha.
3. Rakkoo Netaniyaahuun keessa galan
Wanti biraa nuti baruu qabnuufi mirkanaa'aa ta'e, Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaniyaahuu dhiibbaa jala jiru.
Akka qondaaltota nageenyaafi waraanaa Israa'el biroo dogoggora hamaa akka Israa'eloonni haleellaa Onkoloolessa 7 raawwatame sanaan dhuman taasiseef itti gaafatama dhuunfaa hin fudhanne.
Haleellaa uummata Israa'el daangaatti dhiyoo jiran irratti raawwateef itti gaafatama hin fudhanne MM Netaniyaahuun.
Onkoloolessa 29, ergaa X (duraan tiwiitara ture) irratti ergaa barreessaniin ejensiiwwan tikaa isaaniitti dheejkkamanii ture MM Netaniyaahuun. Booda garuu ergaa kana haqanii dhiifama gaafatan.

Madda suuraa, Reuters
Israa'eloonni sadii-tokko nama kananan dura marii nagaa bakka bu'ee hojjetu, kan lameffaa ammoo dursaa ejensii basaasaa biyya keessaa Israa'el Shin Bet, akkasumas abbaa-qabeenyaa tekinooloo barruu Dhimmoota Alaa irratti oduu tokko waliin barreessaniiru.
Barreeffama isaanii kana keessatti Mr Netaniyaahuun waraana kana keessatti waan fedheyyu ta'u gahee qabaachuu hin qabu. MM Israa'el kun deeggartoota amanamoo qaba, garuu humna waraanaafi nageenyaa Israa'el keessatti ofitti amanamummaa nama cimaa jedhamu dhabeera jedhan.
Qondaalli waraanaa Israa'el sooramarra jiran, Nohaam Tiboon, Mr Netaniyaahuu ministira muummee Biriitish durii Naavilii Chaaberleyin kan bara 1940 akka aangoo gadhiisaniif dirqamanii booda Winiston Charchil bakka bu'ee sana waliin dorgomsiisaa jira.
Qondaalli waraanaa duraanii Nohaam Tiboon ilmasaa, maatii ilmasaafi namoota mandara qubsumaa Nahaal Oz jedhamu Hamaas keessatti haleellaa bane keessaa nama baraaredha.
Tiboon akkas jechuun natti hime: "Seenaa biyya Israa'el keessatti kun kufaatii guddaadha. Kufaatii waraanaadha. Kufaatii tikaa/intelejensiiti.
Akkasumas kufaatii mootummaati... kan aangoo qabatee jiru... kufaatii hundaaf isatu itti-gaafatamaadha....MM Benjaamiin Netaniyaahuu... Seenaa Israa'el keessatti kufaatii mudateef isatu itti gaafatamaadha.
Waan namatti hin tolleefi balaa qabudha. Haata'u malee, hanga tokko waan hamaa keessatti tasgabbii kan qabu fakkaata.
4. Haallii gutummaan jijjiramuu
Ammas wanti baramuu qabu maqaafi bakki dur itti ilaalamuus caccabuun isaa ifadha.
Xumura mormii Filisxeemotaa bara 2005 irraa kaasee Mr. Netaniyaahuun hanga yeroo hin beekamneetti turuu danda'a jedhanii kan amanan uumameera.
Kun ammoo warra isaan ilaallatu hundaaf-Filisxeemotaafis ta'e Israa'elootaaf abjuu hamaa ture.
Falmiin ture Filisxeemonni Israa'elootaaf yaaddoo miti kan jedhudha. Rakkoowwan sirreeffamuun irra jiraatu turaniiru. Kana keessatti tooftaa 'sossobaafi sodaachisaa' akkasumas 'qoqqoodanuu bulchuu' kan jedhutti amanuuti jira. MM Netaniyaahuun tooftaa kana fayyadamu.
Bara 2009 irraa kaasee yeroo baayyee aangoorra kan turan Mr. Netaniyaahuun, Israa'el michuu nagaa hin qabdu jechuun osoo walirraa hin kutiin falmu.
Ta'uu danda'a, ta'eeras. Masaanuu Hamaas isa guddaa kan ta'e Abbaan-taayitaa Filisxeem (PA) dhaabbata hanqina qabudha.
Warri baayyinaan deeggaranis dulluma keessa kan jiran Pirezidant Muhaammud Abbaas ka'uu akka qabuamanu. Haata'u malee, baroota 1990n keessa yaada Israa'el waliin mootummaa Filisxeem ijaaruu fudhateera.

Madda suuraa, Reuters
Tooftaan Mr. Netaniyaahuu "qoqqoodanii bulchuu" jedhu ammoo karaa biraatiin PA dadhabsiisaa Gaazaa keessatti Hamaas akka humna godhatu taasisuu jechuudha.
Ministira muummee Israa'el yeroo dheeraa aangoorra turan kun wanta addabaabayyiitti dubbataniif yeroo hunda of eeggannoo taasisanillee, gochawwan waggoota dheeraaf raawwatan Filisxeemonni mootummaa bilisaa akka qabaatan hayyamuu akka hin barbaadne agarsiisa.
Kun ammoo Yerusaalem dabalatee lafa West Baan keessa jiru kan leellistoonni Israa'el lafa warra Yihudootaati jedhan dabarsanii kennuu gaafata.
Wanta Mr Netaniyaahuun jedhan miliqee ni baha. Bara 2019 maddeen Israa'el baayyeen akka jedhanitti, miseensota paarlamaa paartii isaa Liikiwud ta'anitti akkas jechuun dubbatan. Yoo mootummaa Filisxeem kan mormitan ta'e, sagantaa maallaqa sassaabuu - keessumaa kan Qaataar irraa dhufee Gaazaa seenu deeggaruu qabdu.
Hamaas kan Gaazaa keessa jiruufi PA kan West Baank jiru gidduutti garaagarummaan akka cimu gochuun biyya hundeessuun akka hin danda'amne godha jechuun isaanitti hime Mr. Netaniyaahuun.
5. Waraannii furmaata waaraa hin ta'u
Ammas wanti ifa ta'e tokko jira. Israa'el Ameerikaan deeggaramtee waliigaltee Hamaas akka aangoorra turu akka hin fudhanne beekamaadha. Kun ammoo caalaa dhiigni baayyeen akka dhangala'u taasisa. Gaaffiin enyuti, akkamiin bakka bu'a jedhus deebii kan hin arganneefi ammallee ka'aa jirudha.
Lafa Laga Yordaanosiifi Galaana Mediteraaniyaan gidduu jiru to'achuudhaaf Arabootaafi Yihudoota gidduu ammoo walitti bu'insi waggoota 100 ol lakkoofsiseera.
Seenaa dheeraa dhiiga dhangalaasuurraa wanti baratte furaanni waraanaan akka hin jirredha.
Baroota 1990n keessa adeemsi Nagaa Osloo kan hundeeffame Israa'el waliin mootummaa Filisxeem magaalaan guddooshee Yerusaalem Bahaa taate hundeessuudhaan walitti bu'insicha dhaabuudha.
Waggoota dheeraaf ka'aafi dagatamaa, yeroo dhumaa deebiyee dhimmi kun akka ka'u kan taasifame bara bulchiinsa Baraak Obaamaa keessa ture. Kunis kan ta'e waggoota 10duradha, garuu waan hin milkoofneef yeroo sanarraa kaasee walitti bu'insa daran hammaataa akka deemu taasiseera.

Madda suuraa, Reuters
Akkuma pirezidant Baayidaniifi kanneen biroon baayyeen jedhan, waraanawwan dabalataa hambisuudhaaf carraan tokkichi jiru Israa'el cinaatti mootummaa Filisxeem hundeessuudha. Wanti kun ammoo gaggeessitoonni amma gama lamaaniin jiranitti ta'uu hin danda'u.
Leellistoonni gama Israa'eliifi Filisxeemiin jiran ammoo akkuma baroota 1990oota keeessa godhan, yaadicha duuba deebisuudhaaf waan danda'an mara ni godhu.
Tokko tokko akka hayyama Waaqayyoo hordofaniitti amanu. Kun ammoo waliigaltee biyya lafaa akka fudhatan taasisuuf kan hin danda'amne taasisa.
Haata'u malee, jibsa hundee gadi fageeffate cabsuudhaaf yaadawwan mootota lamaanii hojiitti hiikuudhaaf carraaqqii ture waraanni kun rifaatuu uumee duuba hin deebisu taanaan, wanti kana caalaa dhalatu hin jiraatu.
Kanaaf, waliigaltee gama lamaaniinuu fudhatama qabuun walitti bu'insa kana dhaabuu baannaan, dhaloota Israa'elootaafi Filisxeemotaa waraana dabalataa itti fufanii akka keessummeessan itti murteessuu ta'a.












