Israa’eloonni kuma dhibbaan lakkaa'aman maaliif hayyama meeshaa hidhachuu gaafachaa jiru?

Madda suuraa, Getty Images
Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’elirratti haleellaa gaggeessuun lammilee 1,400 ol ajjeese. Kana hordofee Israa’el ammoo tarkaanfii ijaa ba’uu fudhachuu itti fufteetti.
Kun osoo kanaan jiruu Israa’eloonni kuma 120 ta’an hayyamni meeshaa waraanaa akka kennamuuf iyyataniiru. Sababa kanaaf, haala kanaan dura argamee hin beekneen karaa seera-qabeessa ta’e hordofuun hidhachuudhaaf iyyata galfachaa jiru.
Wiirtuuwwan qiyyaafannaa dhukaasaa itti shaakalamanis haala kanaan dura argamee hin beekneen lammileen guutanii argamu.
Isra’eloonni hedduun haleellaa hin eegamiinirraa of ittisuuf qiyyaafannaa dhukaasaa shaakaluurratti argamu.
Dukkaanawwan meshaa waraanaa itti gurguramanisnamoota meeshaa bitachuu barbaadaniin guuteera. Lammileen kanaan dura meeshaa waraanaa bitanii hin beekne osoo hin hafiin, Meesha abitachuudhaaf namoonni hiriirawwan dhedheeraarra obsaa dhaabbatanii yeroo eeggatan ni mul’atu.
Haala yeroo ammaa jiru hordofees Israa’el haal-dureewwan Meesha ahidhachuuf barbaachisan lammileef salphaa taasifteetti.
Kanaan dura lammileen rakkoo fayyaa hin qabneefi seenaa yakkaa hin qabne yeroo torban tokko hin guutne keessatti hayyamni kennamaaf.
Fakkeenyaaf, namni tokko kan rasaasa 100 nyaatuti kennamaaf. Kanaan dura kan rasaasa 50 nyaatu qofatu hayyamamaaf ture.
“Amma haal-dureewwan salphaa ta‘uu isaatiin meeshaa hidhachuun lammileef salphaa ta’eera,” jedha Omrii Shinaayidar. Omriin ga’eessa wagga 41 yoo ta’u, ogummaan isaa abokaatoodha. Jiraataa Kibuutiz nama ta’edha. Kubuutiz ammoo magaalaa Yerusaalem keessaa xiqqoo baatee argamtudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Shinaayidar murteen lammilee jumlaafi duulaan meeshaa hidhachiisuu kun baayyee isa hin gammachiifne. Sivilootaaf sadarkaa kanatti meeshaa kennuun booda rakkoo fidee dhufa qaba yaaddoo jedhu qaba.
“Dhugaadha faayidaa ni qaba; miidhaas ni qaba. Miidhaa isaa ilaaluudhaaf Ameerikaa ilaaluudha. Achitti wanta yeroo yerootti ta’u ni argina. Murtee salphaa miti. Haata’u malee, Israa’eloonni nageenyi akka itti dhaga’amu gochuuf waan gochuu qabnu gochaa jirra,” ministirri Itaamaan Been Viir.
Ministirri kun miseensa paartii warra leellisummaan beekamanii, ministira nageenya biyyaalessaafi namoonni mirgi hidhachuu isaanii kennamuufiif qaba jechuun yeroo dheeraaf nama qabsaa’aa turedha.
Namni kun akka jedhanitti, yeroo ammaa meeshaan rabsamaa kan jiru lammileen naannawaa daangaa Gaazaa jiraataniifidha. Keessumaa ammoo magaalota Yihudoonniifi Araboonni walmakanii keessa jiraatan keessattidha. Amma Yihudoonni hunduu safarasaaniitti garee nageenyaa akka hundeessan jajjabeeffamaa jiru. Araboonni lammilee biyyattii ta’an garuu hiree kana hin qaban.
Magaalaa Shinaayidar jiraatu Kiibuutiz keessa abbootii warraa 200 ta’anitu jiraatu. Kaka’umsa jiraattotaatiin tajaajilli eegumsa nageenyaa bakka hundatti jalqabuun isaa nii deeggarama.
“Fakkeenyaaf, haala Kibuutiz keessa jiru ilaalcha keessa galchuudhaan hidhachuun akka nurra jiru hubanneerra. Jette hin jedhiin malee, akkuma yeroo darbee haleellaan yoo raawwatame ofirra ittisuudhaaf nu gargaara,” jedhu.
Yihudoonni warra Israa’el nageenyi akka itti dhaga’amuuf hidhachaa kan jiran ta’us, harka dhibba keessaa 20 kan ta’an Araboonni warra Israa’el garuu soda keessa jiru.
Qoollifatamuu, loogiin irratti taasifamuu, itti ga’ifamuufi haleellaawwan bifa biroo guyyuun akka isaan mudatu BBCn gabaasaaleen kanaan dura hojjeterraa hubachuu danda’eera.
Magaalaan handhuura Israa’el keessatti argamtu Lodii jedhamtu keessatti kanaan dura walitti bu’insi dhiiga hedduu dhangalaase Araboota Israa’eliifi Yihudoota Israa’el gidduutti dhalatee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Suhayidar Hamdunii barsiistuu barattoota hir’ina qama aqaban kunuunsitudha. Umuriishee guutuu magaalaa Lodii jedhamtu keessa jiraatte.
Karaa gamaan Yihudoota karaa gamanaan ammoo Israa’elootatu jiraata.
Suhayidar akka jettutti, haleellaa Hamaas hordofee gabaa deemuunillee sodaachisaa itti ta’eera. Keessumaa safara Yihudoonni itti baayyatan Supparmaarket deemuuf yaaduuniyyu waan yaadamu miti.
Kanaaf, suuqii Araboota Israa’el fagoo jiru deemuudhaaf dirqamti.
“Kanaan dura ana keenya keessa teenyeeyyu haleellaan nurratti raawwatameera. Sodaan duraan ture sun ammallee nu hin gadhiisiin jira,” jetti.
Israa’el keessatti Arab-Israa’eloonni tajaajila loltummaa biyyaalessaaf hin dirqisiifaman. Filisxeemota akka ta’anitti yaadamu. Leenjiin loltummaas waan isaaniif hin kennamneef hayyama meeshaa waraanaa baafachuudhaaf carraa hin qaban.
“Yihudoonni akka ofirraa ittisaniif shaakala akka taasisaniif yeroo jajjabeeffaman, [nuti] aniifi ijoolleen kiyya garuu du’aa akka dandeenyu yaadna. Du’a kiyya kanan yaadu balleessaa hojjedhee miti.
''Sanyii Arabaa waanan of keessaa qabiifidha malee. Yihudoonni hollaa koo jiran akka ofirraa ittisanif meeshaa hidhachuun yoo hayyamameef, maaliif nuuf ammoo hi hayyamamuu?” jechuun gaafatti.
Haleellaa Hamaas hordofee magaalonni Israa’el turistoota daawwataniin guutamanii mu’achuun beekaman, amma qullaadha. Restoraantonniifi suuqiiwwan baayyeen cufaadha.
“Maamiltoonni restoraantiiwwan harka dhibba keessaa 60 kan ta’an Yihudootadha,” jedha Abuu Amiir. Amiir abbaa-qabeenyaa Restoraantii Lodiiti.
“Amma garuu enyullee na bira dhufaa hin jiru. Wanti amma jiru sodaachisaadha. Araboonni gara safara Yihudootaa deemuu ni sodaatu. Yihudoonni ammoo gara safara Arabootaa deemuu ni sodaatu.”












