Hasan Nasrallaa dursaa olaanaan Hezbollaa eenyu turan?

Madda suuraa, Jamaran
Israa’el haleellaa qilleensaa Beerut irratti raawwateen nama ganna 64 kana ajjeesuushee erga ibsiteen booda, Hezboollaan hogganaa isaa Sheek Hasan Nasrallaa mirkaneesse.
Hogganaa sochii hidhattoota Islaamummaa Shi’aa Libaanos kan turan Nasrallaan, namoota Baha Giddu Galeessaa keessatti beekamaa fi kan dhiibbaa olaanaa qaban keessaa tokko ture.
Nasrallaa ajjeeffamusaatiin duras sababii Israa'el na ajjeesti jedhanii sodaataniif waggootaaf ummata duratti hin mul'anne ture.
Ammas guyyaa Sambataa waraanni Israa’el haleellaa magaalaa guddoo Libaanos Beerut irratti raawwateen Nasrallaa ajjeesuu isaa ibse.
Nasrallaa nama jabaa ta’eefi Iraan waliin walitti dhufeenya dhuunfaa cimaa kan qaban yoo ta’u, Hezbullaa gara humna siyaasaa fi waraana sadarkaa har’a irratti argamuutti jijjiiruuf gahee olaanaa kan taphate ture. Deeggartoota garee kanaa biratti kabaja guddaa qaba ture.
Hezboollaan Hoggansa Nasrallaa jalatti loltoota garee hidhattoota Filsxeem kan ta'e Hamaas akkasumas milishoota Iraaqii fi Yeman keessa jiran leenjisuuf kan gargaaree yoo ta'u, Israa'el irratti fayyadamuufis misaa’elaa fi rookkeettii Iraan irraa argateera.
Hezbollaa milishaa Israa’el Libaanos dhuunfatan loluuf hundeeffame irraa gara humna waraanaa kan waraana Libaanos caalaa cimaa ta'e, kan siyaasa Libaanos keessatti aangoo olaanaa qabu, kan tajaajiloota fayyaa, barnootaa fi hawaasummaa guddaa kennuufi qaama ijoo deeggartuu isaa Iraan keessaatti qajeelche olaantummaa naannoof sochoosuutti jijjiran.
Hazan Nasrallaan bara 1960 kan dhalate yoo ta'u, baha Beeruti naannoo Bourj Hammoud jedhamutti kan guddate. Abbaan isaanii Abdul Kaarim suuqii ataakiltii xiqqaa daldalu ture. Ijoollee abbaansaanii godhatan sagal keessaas ilama hangafa ture.
Ofii Hasan Nasrallaa eenyu turan?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haasan Nasraallaah gaggeessaa amantaa Shiyaa fi erga Guraandhala bara 1992 kaasee Libaanos keessatti dursaa garee Hezbollaati. Hezbollaan Waraana Biyyaaleessaa Libaanosiin alatti humna waraanaa mataasaa kan qabuufi biyyattii keessatti akka paartiiwwan siyaasaa ijoo keessaa tokkotti ilaalamudha.
Nasraallaa, kan Lebaananiifi biyyoota Arabaa kaan biratti beekamu, fuula Hezbollaa mummee taasisamee kan ilaalamu yoo ta’u, sochii seena qabeessa gareensaa siyaasaa keessa akka galu taasisuufi caasaa motummaa keessatti aangoo akka qabatu gochuu keessatti gahee olaanaa kan baheedha.
Inni Riipablika Islaam Iraaniifi dursaa isaanii, Ayaatoollaah Alii Khaameenii waliin walitti dhufeenya addaa qaba. Hezbollaan Ameerikaan tarree dhaabbilee shororkeessaatti galmaa’ulleen, Nasraallaa ta’ee dureewwan Iraan hidhata walii qaban dhoksanii hin beekan.
Haasaan Nasraallaa akkuma diinoota cimsanii isa jibban qabuutti leelliiftoota hedduu qaba. Sababii kanaatiin, Israa’eliin akka hin ajjeeffamne sodaachuun waggoota dheeraaf ifatti mul’atee hin beeku.
Garuu ammo dhokachuunsaa haala torbaniin jechisiisuun deeggartoota isaa haasaa dhagurraa hin dhorkine. Haasaawwan isaa kunneenis Nasraallaa, waan dhimmoota hedduu Libaanosifi addunyaa irratti yaada kennuun akkasumas diinoota isaarratti dhiibbaa taasisuudhaaf aangoosaa akka itti fayyadamuuf akka meeshaa barbaachisaatti isa tajaajilaa jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Daa’imummaa fi dargaggummaa
Hasan Nasraallaah Hagayya 1960 keessaa ollaa hiyyeettii tokkotti baha Beerutiitti dhalate. Abbaan isaas suuqii xiqqoo tokko kan qaban yoo ta’u, Haasanis ijoollee abbaasaa sagal keessaa kan jalqbaati.
Waraana wal waliinii Libaanos keessaatti wayita eegalu inni mucaa wagga shanii ture. Biyyi xiqqoon Galaana Meeditiriyaanii irratti argamtu kunis, lammiileenshee daangaa sararuudhaafi amanaataafi saba irratti bu’urreeffachuun waraana cimaa wal waliinii wagga 15’f gaggeessan.
Jalqabbiin waraanichaas abbaan Haasaan Nasraallaah Beeruut gadhiisee gara mandara firootasaa kibba Libaanositti akka deebii’uuf murteessu taasise. Ollaan sunis ‘‘Al-Bazuuriyeeh’’ kan jedhamtuufi jiraattooni ishee shiyaat kan ta’aniidha.
Inni barnoota sadarkaa tokkooffaafi lammaffaa achuma Shiiyaati keessatti kibba Libaanos dabarse. Hordoftoonni Shiyaati kunneenis yeroo giti bittaa gurguddaan kan akka Impaayarii Otomaan Turkii fi Faransaay fa’aa turanitti loogiifi walqixxummaan dhabameera jedhanii amanu turan. Miirrii kunis bara Kirsitaanniifi hayyoonni Sunnii aangoo qabataniittis itti fufe.
Yeroo kanattis milishoonni gareewwan Kirisitaanaafi Sunnii milakaa’ina waraanaa argachuuf biyya alaarra deeggaramu jedhamuun himatamu.
Haala akkasii keessatti, Haasan Naasraallaah eenyummaa Shiyaa fi madda sanyisaatti deebii’u qofas osoo hin taane, wagga 15tti miseensa garee siyaasaa-waraanaa Shiyaa Libaanos ijoo yeroo sanaa, Sochii Amaal, ta’e. Innis garee si’omaafi dhiibbaa taasisu, kan dursaa amantaa Iraanootaa Musaa al-Saadir jedhamuun kan hundeeffame ture.

Madda suuraa, Fars News
Libaanosifi qabsoo hidhannootti deebi'uu
Haasaan Nasraallaah waggaa 16tti gara Naajaafaatiitti baqate. Yeroo sanatti Iraaqi biyya waggoota digdamaaf warraaqsa waliitti fufaa, fonqolcha ajjeechaan ittii raawwatameefi ajjeechaawwan siyaasaa waan mudateef tasgabbooftuiu hin turre. Yeroo sanatti Haasaan al-Baakar aangoorra kan turan ta'ulleen, Saadaam Husseen, ittaanaa pirezidantii Iraaqi yeroo sanaa, garuu beekkamtii olaanaa argatan.
Haasaan Nasraallaah wagga lamaaf qofa Naajaaf keessa akkuma tureen, dureewwan Paartii Baa’aath fi Saadaam Shiyaa dadhabsiisuuf tarkaanfii dabalataa fudhachu akka qaban waliigalteerra gahan. Murteessaa saanii keessaa tokko barattoota Libaanos seeminaarawwan Shiyaa Iqaaqi irraa ari’achu ture.
Haasaan Nasraallaah wagga lama qofaaf Naajaaf keessatti barate biyyattii bahuuf dirqamulleen, achu turuunsaa garuu jireenya dargagummaasaa irratti dhiibbaa olaanaa taasiseera. Naajaaf keessatti dursaa amantaa gara biraa Abbaas Musaavii jedhamuun wal argan.
Muusaavii yeroo ta’e Libaanos keessatti barattoota Musaa al-Saadir keessaa tokkoo akka ta’eefi yeroo Naajaaf turettis yaadi siyaasa Ruhollaah Komeenii dhiibbaa irratti uumutu himama. Innis Naasraallaah wagga saddeet qofaan caalee ture saffisaan barsiisaa cimaafi gorsaa jireenya Haasaan Nasraallaah keessatti dhageettii qabu kan ta’e.
Erga Libaanositti deebii’een booda, waraanaa wal waliinitti makaman lamaanuu. Yeroo kana garuu, Nasraallaah gara Sulula Beeqaa magaala mana Abbaas Muusaavii deemuun achitti barate.

Madda suuraa, Getty Images
Warraaqsa Iraanootaafi hundeeffama Hezbollaah
Haasan Nasraallaah gara Libaanositti deebii’e waggaan booda, Iraan keessatti warraaqsi uumame. Akka Abbaa Musaavii fi Haasaan Nasraallaah kan diniqisiifannaa abbootii amantaa argate Ruhulaah Kumaniin aango qabate. Taateen kunis walitti dhufeenya Siyaa Libaanosifi Iraan jidduu haalan geeddare. Dabalataanis, jireenyi siyaasaafi qabsoon hidhannoo Shiyaa Libaanos baayyee taateewwan Iraan keessaa fi ilaalcha Islaamummaa Shiyaa irratti dhiibbaa olaanaa taasiseera.
Haasaan Nasraallaaf jijjiramni olaanaa kunis irra caalaa sababii Ruhulaah Kumaaniitiin. Bara 1981 keessa, Nasraalaah dursaa Rippablika Islaama Iraan yeroo sanaa Teehraaniitti wal arge. Kumaaniin ammo Libaanos keessatti bakka bu’aasaa kan ‘‘dhimmoota faayinaansii hordofuufi maallaqaa qabuuf’’ muude.
Kanaafu Nasraalaah Iraanitti yeroo yerootti deedebii’aa ture. Kanaanis qaamoolee murtee dabarsan olaanoo fi qondaaltoota mootummaa Iraan keessaa waliin walitti dhufeenya uummate.
Hordoftoonni Shiiyaa Iraan keessaa kanneen Libaanos keessa waliin hidhata seenaa fi amantaa olaanaa qabaniif eddo olaanaa kennu.
Miirrii farra warra lixaa Islaamummaa Shiyaa Iraanii Ruholaah Kumaniin babalifameef dhagaa bu’uraa ture. Imaammanni jiddu gala Bahaa keessatti oduu uumnaa jedhu, farra Israa’elummaa hordofuun ejjannoo kanaaf qabatamaan kan ittiin ibsamuudha. Kanaafu, ‘‘dhimmi Filisxeem’’ imaammata alaa warraaqsa Iraan keessatti kanneen dursi kennamuuf keessaa tokko ta’e.
Yeroo kanattis, Libaanos kan al waraanaan dadhabde fi hin tasgabboofne, loltoota Filisxeemiif bu’uura cimaa taate. Isaaniis Beeruutiin alatti, kibba Libaanos keessatti hirmaannaa cimaa qabu.
Libaanos keessatti tasgabbii dhabiinsi cimaa dhufnaan, Israa’el Waxabajjii 1982 keessa biyyatti irratti haleellaa raawwattee battalatti eddoowwan baayyee to’atte.
Weerara Israa’el booda osoo baayyee hin turiin, ajajjoonni waraanaa garee Eegumsa Waraaqsa Islaamummaa Iraan (IRGC), sababii Iraaqi Iraan irratti haleellaa raawwatteef kanneen waraanaan muxannoo qaban, garee milishaa gutuummaan Iraan waliin hidhata qabu Libaanos keessatti hundeessuuf murteessan. Maqaa masoo Iraan keessatti ittiin beekaman, Hezbollaah (paartii Waaqaa) jechuun moggaasan.
Bara 1985 keessa ammo, Hezbollaa ifatti hundeeffamun labfame. Haasan Naasraallaah fi Abbaas Musaavii miseensoota sochii Amaal tokko tokoo waliin, garee haaraa hundeeffame kanatti makaman. Nama Subhi al-Xufaylii jedhamuun durfama ture. Gareen kun Libaanos keessatti humnoota Ameerikaa irratti tarkaanfii fudhachuun siyaasa naannichaa keessatti mallattoosaa saffiisaan kaa’e.

Madda suuraa, Getty Images
Daandii hoongasaa irratti
Naasraallaah wayita garee Hezboollaatt makamuutti, nama umuriin wagga 22 ture. Ulaagaa Shiyaa Mulaahiin akka jalqabatti lakkaa’ama ture.
Wallakkaa 80motaa keessa, Naasraallaah walitti dhufeenya Iraan waliin qabu cimsiichaa wayita adeemuutti, barnoota amantaasaa itti fufuudhaaf gara magaala Quumiitti darbuuf murteesse. Naasraallaah Semiinaarii Quum yeroo tureetti kan afaan Faariisii beekumsa argate ta’usaatiin alatti hayyoota siyaasaa-waraanaa hedduu Iraan keessa jiran hedduu waliin waliitti dhufeenya uummate.
Gara Libaanositti yoo deebi’u ammo baayyee osoo hin turre isaafi Abbaas Muusaavii jidduutti wal dhabdeen cimaan umame. Yeroo sanatti Muusaaviin baayyinaan sochii Sooriyaa deeggaruufi hooggansa Haafeez Asaad jalatti Libaanos keessatti dhiibbaa uumuu deeggareera. Faallaa isaatiin, Naasraallaah gariichi Ameerikaanotaafi loltoota Israael irratti haleellaa raawwachurratti akka xiyyeeffatu cimsee barbaade.
Naasraallaah michuuwwan Hezbollaa keessaa keessattii ofiisaa arge. Kanaanis osoo baayyee hin turiin, ‘‘Iraan keessatti bakka bu’aa Hezboollaa ta’uun’’ mudame. Aangoon kunis gara Iraaniitti akka deebii’u gochuun deebiisee isa fageesse.
Gubbaan yoo ilaalamu, dhiibbaan Iraan Hezboollaarratti qabdu hir’ataa kan dhufe fakkaata. Teehiraan deeggarsa hunda hammataa taasiftulleen, murteewwan Hezbollaarratti dhiibbaa taasisuun garuu rakkiisaa ture. Muddamni cimee, bara 1991tti waliitti dhufeenya Iraaq waliiniin sababii mormeetti Subhi al-Tufaayiliiwaas barreessuummaa Olaanaa Hezboollaa irra ka’uun, bakkasaa Abbaas Musaaviin mudaman.
Erga Al-Tufaayliin kaafamanii booda, Haasan Nasraallaah, gahee Sooriyaan Iraan irratti qabdurratti ilaalchisaa kan sirreeffame fakkaachuun, gara biyyaatti deebi’udhaaf ajajaa lammaaffaa garee Hezbollaa ta’u dand’eera.

Madda suuraa, Getty Images
Hooggansa Hezbollaah Libaanos
Abbaas Musaavii erga barreessaa olaanaa Hezbollaa ta’un filatamanii wagga tokko osoo hin guutiin tika Israa’eliin ajjeeffame. Baruma 1992 sanatti hooggansi garichaa harka Hasaan Naasraalaahitti kufe.
Yeroo sanatti, nama wagga 32 ture. Namoonni baayyeenis filmaanni isaa walitti dhufeenya addaa Iraan waliin qabuu kan wal qabate akka ta’etti ilaalu turan. Dureewwan kallattii Shiyaa baayyeen osoo hin hafne barnoota amantaa gahaa hin qabu ture. Sababii kanaatiin barnootasaa yeroodhuma sana eegale.
Yeroo kanatti kaka'umsi Haasn Nasraallaah barbaachisaan filannoo Libaananiin waltaatoota tokko tokko fi miseensoota 'Hezbollaa'' muduudha.
Sawudii Arabiyaan wal waraansa Libanan keessatti jaarsummaa erga seeneete fi erga xumuramee waggaa tokkicha. Haasn Nasraallaah damee waraanaatiin maddiittis damee siyaasa Hezbollaa biyyattii keessatti gahee olaanaa kan bahu gochu barbaade.
Haala kanaanis Hezbollaan paarlaamaa Libaanos keessatti teessuma saddeeti injifachu danda'e.
Haaluma walfakkaatuun, gareen Hezbollaa sochiiwwan shororkeessummaa karoorsuufi raawwachuun himamtamaa jira. Haleellaa boombii Wiirtuu Jawuush AMIA Arjeentinaa keessaa fi haleellaan Imbaasii Israa'el Arjantiinaa keessaatti mudate tibba tokkicha.
Gama biraatiin ammoo, waliigaltee Taif kan waraana wal walii Libaanos dhuma itti godherratti hundaa'unis, Hezbollaan qawweesaa qabate akka turu hayyamameef. Yeroo sanatti, Israa'el kibba Libaanos weerartee jirti. Hezboollaan akka dhaabbata humnoota weerartootaa irratti qabsaa'utti, hidhannoo waliin ture. Qabatamaadhaan, qawween isaa kunis seerra qabeessa ta'aniif.
Deeggarsi maallaqaa Iraan garee Hezboollaa Libaanos keessaaf taasiftu ammoo Nasraallaah akka tajaajila nageenyaafi hawaasaa shiyaatoota Libaanos hedduuf akka dhiyeessuu dandeessise. Kunis karaa hidhata manneen barnootaa, hospitaalootaa fi waldaalee gargaaraa wal xaxaa ta'e uumuutiin ture. Imaammanni hanga har'aatti itti fufe kunis, kallattiiwwan barbaachisaa sochii siyaasa-hawaasa Shiyaa Libaanos keessaa ta'e.

Madda suuraa, Getty Images
Bahuu Israa'eliifi Maqaa guddaa Naasraallaah
Israa'el kibba Libaanos bara 2000tti qabattee turte gutummaatti gadhiiftee akka baatuu wayita beeksiifteetti, Hezboollaan akka injifanniisaatti kan fudhate yoo ta'u, Nasraallaanis ittiin leelliifameera.
Israa'el fedhee isheetiin marii tokko malee daangaa Libaanos keessaa baatulleen Hezbollaan hidhannoosaa aakuma qabateetti siyaasa keessatti olaantummaa qabatee hanga ammaatti jira.
Yeroo kanatti Nasraallaah yeroo kamuu caalaa cimaa fi dhiibbaa kan taasisuu godhamee ilaalame. Sababii kanaanis mormiitoonni siyaasa Libaanos Nasraallaan dorgomuu fi dhiibbaa isaa siyaasa biyyattii keessatti babal'ataa dhufe ittisuun rakkoo cimaa itti ta'e.

Madda suuraa, Getty Images
Ajjeechaa MM Hariirii fi bahuu Sooriyaa
Ministirri Mummee Libaanos bara 2005tti ajjeeffamuun ilaalcha ummataarratti jijjirama fide. Ministirri Mummee Raafiik Hariirii, kan Sawudi Arabiyaa waliin walitti dhiheenya cimaa qabaataa turaniifi ajjeefaman, cimaa dhufuu Hezbollaa ittisuuf yaalii cimaa gochaa turan.
Ajjeechaa isaatiin wal qabatees deeggartoota isaa Libaanosifi Sooriyaatti argaman dabalatee, ajjeechaa keessaa harka Hezbollaatu jira jechuudhaan dheekkamsi uummataa Hezboollaa irratti cimee ture. Mormiitoonni hiriira ummanni baayyeen irratti hirmaatee Beeruuti keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u, sababii kanaanis Sooriyaan loltoota biyyashee keessatti argaman akka baaftu beeksiifte turte.
Haata’u malee filannoo paarlaamaa bara sana gaggeeffameen teessoon Hezboollaan argate dabalu qofa osoo hin taane, miseensoonni isaa lama mootummaa keessatti aangoo ministirrummaa waan qabataniif garichi aangoo argataa dhufe.
Bara 2006tti ammo Hezbollaan gara daangaa ISraa’el seenuudhaan loltuu tokko ajjeessee, lama bute fudhate. Gochaa kanaan kan aarte Israa’el ammoo tarkaanfii deebii guyyoota 33’f fudhatteen lammiileen Libaanan gara 1,200tti siqan ajjeeffaman.
Sababii kanaanis beekkamtiin Naasraallaah kan dabale yoo ta’u, biyyoota Arabaa birattiis Nasraallaah Israa’el fuldura dhaabbachuuf nama dhumaa taasifamee fudhatame.
Naasraallaah ammaan tana Libaanos keessatti dursaa Shiyaa beekamaadha.

Madda suuraa, Getty Images
Olaantummaafi cimuu aangoo Naasraallaah
Aangoonni Hezbollaa fi humnisaa cimaa dhufnaan gareewwan mormitootaa Liibaana keessattuu gareewwan siyaasaa Suunii, Hezbollaan mootummaa keessatti mootummaa hundeesseera jechuun, diinagdee biyyaafi nageenya biyyaa dadhabsiisa jechuun yaaddoo saanii ibsataa turan.
Waldhabdee siyaasaa baatiiwwaniif tureen booda bara 2007tti mootummaan Libaanan sirna telekominikeshinii to’annoo Hezbollaa jala ture gutummaan mootummaa jala akka galuuf murteessee. Naasraallaah garuu murtee kana mormuusaanitiin allatti yeroo gabaabaa keessatti hidhattoota isaa magaalaa Beeruuti guutummaatti to’annoo jala galchan.
Tarkaanfiin kunis Naasraallaah irratti gama biyyoota lixaatii qeequumsa cimaa itti fide. Haata’u malee mariiwwan siyaasaa erga taasifameen booda Hezboolaan aangoon kaabiinee biyyattii keessatti qabuu akka dabalu waan ta’ef, kaabinee keessatti aangoo sagalee sagaleedhaan kuffiisuu argate.Isaan boodas gareen Naasraallaah akkuma hidhateetti akka turuuf waliigalteerra gahame.
Kanaan wal qabatees Haasan Naasraallaah, qaamni siyaasaa Libaanan keessatti argamu ykn waltajjiin siyaasa biyyattii kamuu isa kaasuu ykn dhiibbaa isaan qaban hir’isuu danda’u hin jiru.
Naasraallaah Libaanan keessatti olaantummaan waggootaaf ijaaratan, qaamooleen siyaasaas ta’e motummoonni cimoon gara biraa isa dura dhaabbachuu ykn sadarkaa isa maddiitti dhiibuu hin dandeenyeerra gahaniiru.
Haasan Naasraallaah Hezboollaa dursuudhaan waggoota sodomma caalu keessatti deeggarsa Iraan irraa argataniin, warraaqsa Arabaa, wal waraansa Siiriyaa fi rakkoolee seenaa diinagdee Liibanan keessatti mudate keessa darbu danda’eera.
Ammatti gaheessa wagga 63 jan ta’an Hasaan Naasraallaah Libaanan keessatti humna siyaasaa fi waraanaa addaa taasifamanii ilaalamuun alattis, waggooota kudhaniifis seenaa qabsoo qabu.
Maqaa ykn leegaasii kanatti fayyadamunis mormiitoota siyaasaa isaa xiqqeessuun, ilaalcha bu’uura Isalaama Shiyaa babaliisuuf itti fayyadama.












