Haadha ijoolleeshee dubaraa lama akkuma hammattetti ajjeefamtee argamte

Dubartiin kun Liyaan jedhamti. Lammii UK fi Israa'el kan qabdu yoo taatu, gaafa Hamaas Israa'el seenuun haleellaa gaggeesse sana Israa'el manadara Kibuutz Bi'eerii jedhamu keessa ijoolleeshee dubaraa lama waliin turte.
Haleellaa Hamaas gaafa Onkoloolessa 7 gaggeessen manashee keessatti ijoolleeshee lama wajjin ajjeefamte.
Maatiinshee akka jedhanitti, reeffishee gaafa argamu ijoolleeshee lamaan akkuma hammattetti bakka tokkotti ajjeefamanii jiru.
Liyaan "haadha cimtuu hanga dhumaatti ijoolleeshee dubaraa tiksuuf kutatteedha," jedhan maatiinshee.
"Liyaan waanti haati tokko gochuu qabdu gochaa turte- ijoolleeshee garaashee jala kaayyachuu."
Giiliifi Piit Birislee abbaafi haadha Laayin ijoolleeshee waliin ajjeefamtetti. Waa'ee intalasaaniifi ijoollee intalasaanii BBC'tti yoo himan, "Kana booda ijoollee keenya durbaa babbareedoo sana arguu hin dandeenyu," jedha.

Hanga Hamaas haleellaa raawwatutti Israa'el bakki intallisaanii ijoolleeshee waliin jiraataa turte naga qabeessafi guddinaafi baruumsa ijoolleef illee bakka mijataa akka ta'e dubbatu.
Abbaan Liyaan Obbo Piit Birislee waa'ee haleellaa Hamaas TV irraa akka argan dubbatu.
"Rakkoon akka jiru TV irratti argeen Liyaan nagaa ta'uushee barreessef. Garuu deebiin tokko hin turre."
"Yeroo sana waan ajjeefamte natti fakkaata. Manni isaanii daangaa karaa Hamaas ittiin cabsee seeneetti baay'ee dhiyoodha. Namoonni [mannisaanii] daandirra ta'e hundisaanii yookii ajjeeefamaniiru ykn madaa'aniiru," jedha.
Boodarra intallisaanii ijoolleeshee akkuma hammattee jirtutti ajjeefamtee loltoonni Israa'el reeffasaanii arguu akka dhagahan dubbatti harmeen Liyaan.
"Sammuu koo keessa suura sodaachisaatu jira. Yeroon rafus, yeroon deemus kanumatu natti mul'ata. Kanin hawwu dafee du'uudha," jetti intalasheefi ijoollee akkawootti ooltuuf lama dhabuun akka itti ulfaate yoo himtu.

Liyaan nama ganna 48 yoo taatu, ijoolleeshee dubaraa ganna 13fi 16 wajjin bakka tokkotti haleellaa Hamaasin ajjeefamte.
Isheen ganna 13 Yaahel yoo jedhamtu isheen ganna 16 ammoo Nooyaa akka taatete dubbatti akkayoonsaanii Aadde Giil.
"Isaan ijoollee babbareeduufi baay'ee namatti kan tolaniidha. Yaahel waa'ee uumamaa, bineensota, urjiilee fa'aa qorachuutu ishee gammachiisa."
"Nooyan callistuufi garaa namaa gadduu qabdi. Yeroo baay'ee ijoollee qaama miidhamoo ta'an gargaaruu irratti yerooshee dabarsiti. Gara fuulduraatti hojii hawaasummaarratti bobba'uu feeti ture," jetti.
Aadde Giil intalasheefi ijoollee akkawootti ooltuuf yeroo dhumaaf kan agarte ji'a Adoolessaa keessa akka ta'e himti.
Haatiifi abbaan Liyaan UK keessa jiraachurraa kan ka'e sirna awwaalcha intalasaaniifi ijoolleesheerratti argamuu hin dandeenye.
Fageenyumarraa viidiyoo sirna awwaalchaa hordofaa akka turan BBC'tti himan.












