Lammiileen Filisxeem deebi'anii Gaazaa keessa jiraachuu danda'uu qabu- Antonii Bilinken

Madda suuraa, Reuters
Ministirri haajaa alaa US Antonii Bilinken lammiileen Filisxeem dacheesaanii Gaazaa irraa dhiibamuu hin qaban, haalli mijannaan qe'eesaaniitti deebi'uu danda'uu qabu jedhan.
Aab Bilinken isa ministiroonni Israa'el gariin lammiilee Filisxeem bakka biraa qubsiisuuf karoorsan mormaniiru.
Qondaalli US erga waraanni Israa'el fi Gaazaa eegalee Baha Giddugaleessaarra jooraa jiran kun, wayita yaada kana kennan Qataar turan.
Dhimmamanii kan dubbatanis erga haleellaa mooraa baqattootaa Kaaba Gaazaa jirurratti raawwateen hedduun du'aniiti.
Suuraan iddoo haleellaan kun irra ga'e, Jabaliyaa, irraa ba'aa ture reenfi namoota hedduu gamoo jijjige jalatti ugguramee jiraachuu mul'isa. Hedduun dubartootaa fi daa'immani.
Humni waraanaa Israa'el haleellaa kanarratti hanga ammaa homaa hin jenne.
Kaleessuma kibba magaalaa Kaan Yuunisitti lammiileen Filisxeem 60 caalan ajjeefamaniiru.
Erga waraanni eegalee mooraan Jabaliyaa yeroo hedduu haleelame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraana Onkoloolessa 7, 2023 eegaleen Israa'el irraa namoonni 1,200 ta'an du'aniiru, 240 kan ta'an ammoo garee hidhattoota Hamaasiin ukkaamfamaniiru jetti Israa'el.
Filisxeem irraa garuu namoonni du'an kuma 22 caalu, irra caalaan dubartootaa fi daa'immani.
Waggoota 24 darban keessatti haleellaa Israa'eliin namoonni Gaazaa 113 caalan ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hoogganamu ibseera.
Haleellaa Israa'el kanaan lammiileen Filisxeem miiliyoona lama caalan qe'eerraa buqqa'aniiru, aanga'oonni Israa'el akkasaan Gaazaatti deebi'an hin fedhan.
Bakka biraa qubsiifna jedhan, michuunsaanii Ameerikaan ammoo ni mormite.
''Lammiileen Filisxeem akkuma haalli mijateen qe'eesaaniitti deebi'uu qabu. Gaazaa keessaa dhiibamuu hin danda'an, hin qabaatanis,'' jedhan Antonii Bilinken.
Ministirri Maallaqaa Israa'el Bezaalel Ismootirich Filisxeemonni Gaazaa akka gadhiisanii fi Israa'eloonni ''Gaazaa misoomsuu'' danda'an akka qubatan gaafatan.
Ministirri Nageenya Biyyaalessaa Itaamaar Been- Giviir ammoo ''Filisxeemonni Gaazaa gadhiisanii yoo ba'an rakkoo mudateef furmaanni argama,'' jedhan.
Akka biyyaatti mootummaan Israa'el erga tasgabbiin uumamee haalli mijatee booda lammiileen Filisxeem qe'eesaanii Gaazaatti akka deebi'an barbaada.
Ministiroonni biyyattii garuu yaada dhuunfaan kennaniin lammiileen Filisxeem akka dachee Gaazaatti hin deebine ibsaniiru.
Haala Gaazaa yeroo ammaa
Haalli Gaazaa keessa jiru ammallee wayyaa hin qabu. Hospitaala dabalatee dhaabbileen fayyaallee yaaddoo nageenyaa keessa jiraachuu qondaaltonni fayyaa Gaazaa himu.
Jaarmiyaaleen gargaarsa fayyaa sadi Hospitaala Al-Aqsaa giddugaleessa Gaazaatti argamu keessaa ba'aa jiraachuu ibsaniiru.
Kunis erga ajaji Israa'el irraa isaan qaqqabeeti.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bakka bu'aan Waajjira Qindeessaa Gargaarsa Namoomaa (OCHA) Gemma Konnel haalli deemaa jiruu guddoo isaan yaaddessuu himan.
Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adhaanoom namoonni dhibamanii fi hojjettooni hospitaalichaa 600 ta'an akka ba'an dirqamsiifamaniiru jedhan.
Wayita waraanni Gaazaa ni babal'ata jedhamee sodaatamaa jirutti Baha Giddugaleessaa daawwataa kan turan Aab Bilinken, yaaddoo kana qooddataniiru.
Mootummaan Israa'el jala bultii bara haaraa faranjootaatti ibsa kenneen, waraanni Gaazaa bara 2024 akka itti fufu labseera.
Ajjeechaan qondaala waraanaa Hamaas Saaleeh al- Aruurii ammoo waraanicha daran hameesse, darbees Hizboollaa tuqeera.
Hoogganaan Hizboollaa Hasan Nasrallaa ajjeechaa al-Aruurii ''roorroo Israa'el'' jechuun ibsan. Israa;el gocha ishee kanaaf osoo hin adabamin hin haftu jechuunis dhaadatan.
Hizboollaan ajjeechaa al-Aruurii haajaa ba'uuf, Sambata darbe rookeetii jalqabaa gara Israa'el dhukaasteetti.
''Naannawaan kun dhiphina hamaa keessa jira. Walitti bu'iinsa hamaa yaaddoo nageenyaa cimaa fi dhumaatii jibbisiisaa fiduuf deemuudha,'' jechuun yaaddoo qaban ibsan Aab Bilinken.
Ministirri Muummee Qataar Mohammad bin Abdulrahmaan al- Saanii ajjeechaan al-Aruurii ''adeemsa jiru walxaxaa taasiseera,'' jedhan.
Ajjeechaan gaazexeessaa Hamza al-Dahduu yakka suukanneessaa amanuuf nama rakkisuudha jedhan Bilinken.
Gaazexeessaan ilma hoogganaa biiroo Al Jazeera Gaazaa jiruuti. Haleellaa qilleensaa Israa'eliin ajjeefame.












