Israa'el himannaa 'duguuggaa sanyii' Afrikaan Kibbaa irratti dhiyeessite dhugaa dabsuudha jette

Bakka bu'aa Israa'el ICJtti

Madda suuraa, Reuters

Himannaa Afrikaan Kibbaa "Israa'el duguuggaa sanyii Filisxeemotarratti raawwataa jirti" jechuun Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti dhiyeessite 'dhugaa dabsuudha' jechuun deebii laatte.

Isra'eel kana kan jette har'a dhaddacha mana murtichaatti dhiyaachun deebii kenniteeni.

Abbaan seeraa Israa'el bakka bu'uun har'a, Amajjii 13, 2023, dhaddacha Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ)rratti deebii kennan Taal Beekar Afrikaan faallaa dhugaa lafa jiruu dhiyeessite jedhan.

Waraana Gaazatti gaggeeffamaa jiruun Israa'el Filisxeemotarratti duguuggaa sanyii raawwataa jirti jechuun manni murtichaa Israa'el waraana akka dhaabduf ajaja akka kennuuf himannaa Afrikaan Kibbaa bante Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa kaleessa dhaggeeffataa oole.

Har'a ammoo himannaa irratti dhiyaatef Israa'el deebii kenniteetti.

Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa mana murtii olaanaa Daabbata Biyyoota Gamtoomaniiti. Akka yaadatti, murteen manni murtii kun kennu biyyoota miseensa qaamichaa ta'an irratti hojiirra oola. Garuu qabatamaan yeroo hojiitti hiikamu hin mul'atu.

Israa'el himannaa duguuggaa sanyii Afrikaan Kibbaa irratti dhiyeessiteef deebii kennaa jirti.

Mooraa mana murtii Za Heeg, Siwizarlaanditti argamutti namoonni gama lamaanuu hiriira bahan akka walitti hin buunef poolisiin gidduu saanitti daanga tolcheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Deeggartoonni Filisxeem alaabaa mirmirsaa dhaddacha kallattiin mana murtichaa keessaa darbu foddaa sikiriinii guddaan daawwatu. Barjaawwan suura Neelsan Mandeellaa qabus akkasuma fannifatanii jiru.

Meetira muraasa isaanirra fagaatee ammoo namoota Hamaas bute yaadachuuf teessofi minjaalli akkaataa duudhaa Yihudoonni guyya Sambataa itti kabajaniin dhiyatee suurri namoota butamanii teessowwan kanarra godhamee taa'era. Kunis namoota 130 ammallee harka Hamaasitti hafan bakka kan bu'uudha.

Afrikaan Kibbaa himannasheerratti akka ibsitetti Israa'el seera Walii-galtee Duguuggaa Sanyii (Genocide Convention) bara 1949 cabsiteetti jette. Seera kana biyyoonni lammanuu kan mallatteessan yoo ta'u, duguuggan sanyii akka hin raawwanne ittisuuf itti gaafatamummaa qabu. These show of some of the more than 130 Israelis who are still being held hostage by Hamas.

Waraana Israa'elifi Hamaas Gaazzatti gaggeeffamaa jiruun hanga ammaa Filisxeemonni 23,350, hedduunsaanii ijoollefi dubartoota ta'an, ajjeefamuu ibsa ministeerri fayyaa Gaazaa.

Israa'el bakka bu'uun abukaaton seeraa har'a Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti diyaatan Taal Beekar dubbii baniinsaa taasisaniin gidiraan lammiilee nagaa "waan nama gaddisiisu" jedhuun lammiilen nagaan gama lamaanii akka du'aniif sababni Hamaas ta'uu himan.

Afrikaan Kibbaa dhugaa jallisuun mana murtiitti dhiyeessite jechuun himanni dhiyaate itti yaadamee haqa dabsuuf akka ta'es mana murtiitti dhiyeessan.

Amajjii 11, abbootin seeraa 17 ta'an himannaa duguuggaa sanyii Afrikaan Kibbaa Israa'el irratti dhiyeessite dhaggeeffachuun deebii Israa'el dhagahuuf beellama har'a Amajjii 12tti qabatan.

Mana Murtii Olaanaa Afrikaa Kibbaarraa himannaa kana kan dhiyeessan Tembeka Ngcukaitobi Israa'el "kaayyoo duguuggaa sanyii qabaachunshee" akkaataa itti haleellan waraanaa gaggeeffamaa jirurraa kan mul'atuudha jedhan.

Israa'el Gaazaa "lafarraa balleessuf" karora qabdi ture jechuun ibsan. Namni biraa Afrika Kibba bakka bu'an Adiilaa Hasiim ammoo, "guyyaa guyyaan lubbuun namaa, qabeenyi, birmadummaafi kabaji uummata Filisxeem badaa jira" jechuun Ma Murtii Haqaa Idil-addunyatti himan.

"Ajaja mana murtii kana yoo ta'e malee gidiraa qaqqabaa jiru kan dhaabsisu tokkollee hin jiru," jedhan.

Irsaa'el sanyii Filisxeemotaa balleessuf kan karoorfatteedha kan jedhu himata Afrikaan Kibba dhiyeessite keessayi.

Kamisa, Amajjii 11, Muummen Ministeeraa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyahon "fakkeessan Afrikaa Kibbaa samii kan gahuudha," jechuun michoonni Hamaasa Sooriyaafi Yaman keessatti yakka yeroo raawwatan maaf akka hin dubbanne gaafatan.

"Har'a addunyaa fuggisoo arginee jirra. Israa'el duguuggaa sanyiitin osoo falmaa jirtuu duguuggaa sanyii raawwatte jedhamtee himatamte," jedhan Netaniyaahan.

Murteen Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa dabarsu maal ta'inna jedhamee kan eegamu ta'us sadarkuma yaadatti malee hojiirra oolmansaa rakkisaadha.

Himannaan kun murtee argachuuf yoo xiqqaate waggaa lama ni fudhata.