Qoqqobbiin Ameerikaa attamiin Iraan xayyaarota ammayyaa akka hin qabaanne dhorke?

Jeetii waraanaa Mig-29

Madda suuraa, Getty Images

Helikptarri pirezidaantiifi qondaalota olaanoo Iraan feetee deemaa turte kuftee caccabuudhaan Pirezidaani biyyattii Ibraahim Raa'isii fi ministiirri dhimma alaafi dippilomaatiin beekamaan biyyattii Hosseen Amir-Abdollahian du'aniiru.

Sababni balaa kanaa ammallee kan adda hin baane yoo ta'u, garuu dameen aviyeeshinii Iraan nageenyummaansaa seenaa gaarii hin qabu.

Kanaaf ammoo sababni guddaan qoqqobbii Ameerikaan waggoota kurna hedduuf biyyattiirra kaa'aa turteedha.

Qoqqobbiin Ameerikaan waggoota hedduuf Iraanirra kaa'aa turte, boba'aa Iraan qofa osoo hin tane damee industirii dabalatee aviyeeshiniin biyyattiis akka hin jijjiiramneefi balaa garaa garaaf akka saaxilamu godheera.

Sababni balaa helikoptara pirezidaantii Iraan galaafatee maal akka ta'e hanga ammaa ifa ta'uu baatus, helikoptarri pirezidaantichiifi qondalonni biroo ittiin imalaa turan, Bell 212, jedhamtu waggoota 40 oliif tajaajila kan kenneedha.

Kunis dhiibbaa qoqqobbii Ameerikaa irraa kan ka'e Iraan helikoptaroota, xayyaarota sivil aviyeeshiniis ta'ee kan waraanaa ammayyaa bitachuu hin dandeenye.

Caccabuu helikoptara kanaaf sababa ta'uu mala wantoota jedhaman keessaa tokko sababa dulloomef rakkoon teekinikaa mudateeti kan jedhuudha.

Helikoptarri pirezidaantiin Iraan ittiin osoo deemanuu caccabde kun, Bell 212, Ameerikaadan kan hojjatame yoo ta'u bara 1971tti Iraanitti akka gurgurame ragaalen ni agarsiisu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga Guraandhala1979tti Warraaqsi Islaamaa Iraan (Iran Slamic Revolution) biyyattiitti mudatee sirni mootii kufee as USfi Iraan gidduutti hariiron dippolomaasii adda cituurraa kan ka'e Ameerikaan gosa helikoptarootaa kanas ta'ee xayyaarota biroo gara Iraanitti erguu dhaabde.

Addumatti ammoo qoqqobbiin Ameerikaan dhaabbilee daldalaafi industirii Iraanirra keesse biyyattiin xaayyaarota siviliifi kan waraanaa haaraa bituus ta'ee kan jiran akka hin haaressine ishee godheera.

Iraan xayyaarota dhaabbileen Ameerikaa omishan qofa osoo hin taane biyyoota michuu Iraan ta'an kanneen akka Raashiyaafi Chaayinaa irraa illee xayyaarota waraanaa ykn meeshaalee xayyaarota sivil aviyeeshinii haaromsuuf gargaaran bitachuuf ni rakkatti.

Sababni isaa qaamoleen xayyaaraa hedduun biyyoota lixaatti omishamu waan ta'eefi. Biyyoonni ykn dhaabileen xayyaaras ta'ee qaamolee xayyaara haaromsuuf gargaaran Iraanitti gurguran kamiyyuu qoqqobbii Ameerikaaf saaxilamu. Kanarraa ka'uun xayyaaronni Iraan hedduunsaanii jijjiirraa waan hin arganneef rakkoolee teeknikaaf kan saaxilaman akka ta'antu himama.

Helikoptara Iraan

Madda suuraa, Reuters

USfi Iraan walitti dhufeenya daldalaas ta'ee dippilomaasii homaa hin qaban

Iraanitti warraaqsi uummataa bara 1979tti mootummaan Shah erga kufee Ayaatolaa Kameenin aangoo qabatanii as walitti dhufeenyi USfi Iraan gidduu jiru guutummaan adda cite.

Iraan gabbisa nikularaa misoomsaa jirtuun wal-qabatee US Iraanirratti waggoota hedduuf qoqqobbii garaa garaa kaa'aa as geesse. Har'ayyuu Iraan qoqqobbii US jala jirti.

Qoqqobbiin US kun Iraan wajjin daldala dhaabuu qofa osoo hin taane qabeenya mootummaan Iraan US keessaa qabu akka hin sochoone gochuu, deeggarsa alaa gochuu, meeshaalen waraanaa akka itti hin gurguramne kan hammatuudha jedha Rooyitars Congressional Research Service waabeffachuun akka gabaasetti.

Qoqqobbiin US Iraanirra keessu adda dureen gabaa boba'aa biyyattiirratti yoo ta'u, Iraan omisha boba'aa qabdu gabaa addunyaaf akka garaasheetti akka hin gurguranne danqaa dura kaa'udha.

US akka jettutti Iraan sagantaa gabbisa nikularaa taasisaa jirtu akka dhaabdufi mootummaan biyyattii amalasaa akka sirreeffatu gochuufi.

Addumatti USfi Israa'el Iraan gabbisa nikularaa hojjataa jirtu kaayyoo misooma anniisaf osoo hin taane, boombii nikularaa hidhachuufi jechuun qeeqe.

Iraan garuu gabbisa nikularaa itti jirtu anniisaa maddisiisuf malee kaayyoo biraaf ykn biyya kamittuu yaaddoo uumuf miti jechuun waakkatti.

Sagantaa gabbisa nikularaa, sektara anniisaa, seektara ittisaafi baankiwwan, qondaalota olaanoofi dameewwan diinagdee Iraan hedduun qoqqobbii US jala jiru.

Pirezidaantii Iraan balaa helikoptaraan amma du'an, Ibraahim Raa'isii, dabalatee Ministeerri Ittisaa Iraan, Humni Quds, Loojistikii Humna Waraanaa Iraan, Humna Eegdota Warraaqsa Iraan, dhaabbileefi namoonni dhuunfaa biroon hedduun qoqqobbii US jala jiru.

Rakkoo qoqqobbiin US irraan gaheen xayyaaronni sivilii Iraan hedduunsaanii hojii dhaabanii akka jiran ragaalen garaa garaa ni agarsiisu.

Iraan yeroo garaa garaatti xayyaarota sivilii bitachuuf kampaaniwwan akka Airbusfi Boeng waliin walii galtee mallatteessitus, milkaa'un ishee rakkiseera.

Haa ta'u garuu bara 2016tti carraa qoqqobbiin irraa ka'uu fayyadamuun xayyaarota heddu Faransaayi irraa bituuf yaalii gootetti.

Dolaara biliyeena 25 baasii gochuun xayyoorota sivilii 118 dhaabata Faransaayi xaayyaara omishu Aierbus irraa bituuf walii galtee mallatteessite.

Bara 2017tti waggaa 40 keessatti yeroo jalqabaaf Iraan xayyaarota biyyoota lixaa of-harka galfatte. Xayyaarota Airbus Faransaayi irraa ajajje keessaa 100 kan ta'u harka ishee akka gahe gabaasaalen ni agarsiisu.

Iraan xayyarota bara 1979, osoo Ayaatolaa Kameenin aangotti hin dhufin, dura bitaman 250 ta'an qabdi ture. Hanga xayyaarota Airbus haaraa bitte of harkaan geessutti kanneen waggaa 40 dura bitaman keessaa kan tajaajila kennan 160 hin caalan jedhama.

Hedduunsaanii hojii kan dhaaban meeshaalee jijjiirraf barbaachisan biyyattiin sababa qoqqobbii Ameerikaatin biyya kamirraayyuu argachuu waan hin dandeenyefi.

Waliigaltee nikularaa Iraan bara 2015 fi Tiraamp aangotti dhufuun waan jijjiire

Bara bulchiinsa Baarak Obamaa Ameerikaan Iraan wajjin diinummaa bara dheeraa furuuf tattaaffii gootetti milkooftetee turte.

Kunis Iraan sagantaa nikularaa misoomsaa jirtu anniisaf qofa itti akka fayyadamtuufi amanamummaa uumuf US dabalatee biyyoota akka UK, Faransaayi, Chaayinaafi, Raashiyaafi Jarman waliin walii galteerra geesse.

Akkaataa walii galtee kanaatti Iraan sochii gabbisa nikularaa akka daangessituufi kanaan wal-qabatee waan yaaddoo uumu kamirraayyyuu akka of-qusattufi to'attoonni idil-addunyaa akka ilaalaniif karra akka bantu kan jedhuudha.

Bakka kanaa ammoo qoqqobbii US, UNfi Gamtaan Awurooppaa seektaroota daldalaasheerra kaa'an akka ka'u kan jedhu of keessaa qaba.

Carraa kanatti fayyadamuun Iraan bara 2016-2017 gidduutti xayyaarota sivilii haaraa heddu argachuu dandeessetti.

Hirmaattota JCPOA

Madda suuraa, AFP

US dabalatee UNfi Gamtaan Awurrooppaa qoqqobbiin isaan diinagdee Iranirra ka'an, bara 2012 kaasee hanga bara 2016 qofaatti galii boba'aarraa argachuu qabdu qofaa dolaara biliyeena 160 akka dhabdu ishee taasiseera.

Walii galtee bara 2015 mallattaa'en Iraan omisha boba'aashee gabaa idil-addunyaatti akka gurgurattuuf qoqqobbiin irraa ka'uu qofa osoo hin taane, kuusan qabeenyaa biyyattii jalaa qabame dolaara biliyeena 100 akka argatti ishee taasise.

Haa ta'u garuu Tiraamp walii galtee nikularaa Iraan bara 2015 Ameerikaan mallatteessite keessaa bahuu beeksisan.

Iraan fedhii nageenyaa Ameerika guutuu hin dandeenye, wadaashees hin kabajne jechuun bara 2018tti US waliigaltee nikularaa Iraan Joint Comprehensive Plan of Action (JCPOA) jedhamu keessaa bahuushee beeksisan. Iraan qoqqobbii Ameerikaa ittiin rakkataa turte jalatti deebite.