Du’a pirezidaantii Iraan irratti biyyoonni kaan maal jedhan?

Pirezidaantii Iraan Ibiraahim Raa'isii balaa helikoopteraan lubbuu dhaban

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Iraan Raa’isii fi Ministirri Dhimma Alaa Iraan balaa helikoopteraa isaan mudateen du’uu hordofee gaggeesitootni adunyaa gadda isaanitti dhagahame ibsachaa jiru.

Biyyootni LIxaa du’a pirezidaantichaan gadda isaanii ibsaa jiru.

Faransaay karaa Ministera Dhimma Alaa ibsa kenniteen, ‘’Faransaay du’a Pirezidaanti Ibiraahim Raa’isii, Ministira Dhimma Alaa Iraan, Abdollaahiyaan fi namoota isaan waliin turan hordofee Rippaabilika islaamaa Iraaniif gadda itti dhagahame ibsiti,’’ jechuun ibsa baste.

Gamtaa Awurooppaatti Hogganaan Imaammata Alaa Jooseef Boorel, du’a Raa’isii fi qondaalota Iraan balaa helikoopteraan du’aniif gadda itti dhagahame ibsan.

Daarikterri Ejensii Aannisa Atoomawaa Idil-adunyaa Raafaa’el Giroosii Konfiransii nageenya nuukileeraa Veenaatti gaggeessaniin gadda isaanii ibsachuuf callisa daqiiqaa tokkoo taasisaniiru.

Pirezidaantiin Poolaandi Andiree Duudaa, ‘’oduu gaddaa dhagaheen hedduu gaddeera,’’ jedhan.

Duudaan balaa xiyyaaraa bara 2010 lubbuu pirezidaantii Poolaandi yeroosii Leech Kaaziniskii yaadachuun‘’ balaa tasaan gaggeesitoota siyaasaa fi hawwaasaa jajjaboon miira akkamii hawwaasa keessatti akka uumu beekna, kanaaf gadda keenya ibsachuun akkasumas kadhata keenyaan maatii miidhamtootaafi Iraan waliin jirra,’’ jedhan.

Dubbii himaan NATO fuula X [Tiwiitera] isaanii irratti, afaan peershiyaan barreessuun gaddi itti dhahamuu himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Puutin hariiroo biyyoota lameenii cimaa ture itti fufsiisuuf pirezidaantii haaraa yeroof Iraan muudde Mohaammad Mookber waliin mari’ataniiru.

Puutin pirezidaantii duraanii Iraan balaa helikopteraan du’an Raayisii ''michuu itti hirkatan’’ jedhanii ibsan.

Rooyitarsi akka gabaasetti biyyootni lameen michummaa isaanii caalaatti cimsuuf waliin dubbataniru.

Erga Raashiyaan Yuukireen irratti waraana bantee as Iraan michuu raashiyaa meeshaa waraanaan deeggartu jabduudha.

Puutin du’a Raayisii akka dhagahaniin gadda itti dhagahame ibsatanii ''michuu Raashiyaa jabaa’’ fi ''nama siyaasaa cimaadha’’ jedhan.

Miidiyaan mootummaa Iraan akka gabaasetti sirni awwaalchaa pirezidaantii Iraanii fi jila isa waliin balaa helikoopteraan du’anii Kibxata boruu gaggeeffamuu jalqaba.

Reeffi Raa’isii gara Teehraanitti geeffama. Guyyoota torba itti aananiif Iraan keessatti agarsiifni aadaa kamiyyuu akka hin gaggeeffamneef dhorkameera.

Iraan bakka gaggeesitoota balaa kanaan lubbuu dhabanii muudama haaraa raawwateetti.

Pirezidaantii yeroofii Iraan tahuun kan muudaman ammoo gaggeessummaa biyyattii irratti rakkoo homaatu hin uumamu, qondaalli hunduu gahee isaa bahachuu qaba jedhaniiru.