Zayita qurxummii dubartoonni bareedina fuulaaf fayyadaman quba qabduu?

Dubartiin Abii jedhamtu kan umuriin ishee 29 ta'u kilinika miidhaginaa Kibba Maanchistar keessatti argamutti wal'aansa bareedina kana warra argatan keessaa ishee tokko.
Yeroo wal'aansi kun isheef kennamu akka heddu ishee dhukkube himte. Gogaan fuula ishee akka miidhaguuf zayita (jiinii isparmii) qurxummii saalmoon jedhamu keessa baafame lilmoodhaan kennameefi jira.
Dhaalli sanyii ('gene') namaa kan qurxummii wajjin wal fakkaata jedhu qorattootni.
Zayitiin qurxummii kanaa erga qaama namaa keessa seenee booda pirootiinota 'kolaajiinii(collagen) fi elaastiin (elastin)' jedhaman akka uumuuf gargaara akka yaada ogeeyyiitti.
Pirootinoonni gosti lamaan kun gogaan boca isaa eeggatee akka miidhagu gargaaru.
Abiin gogaan ishee miidhagaa fi fayyaa akka ta'u barbaaddi. Akkasumas finnisni fi godaannisni gogaa ishee irratti mul'atu akka balleessu barbaaddi.
"Rakkoolee kana furuun barbaada" jetti.
Jiiniin isparmii qurxummii irraa baafame wal'aansa gogaatiif fayyaduu isaa hedduun mala kana "dinqiidha" jechaa jiru.
Namoonni bebbeekamoo fi artistootni waa'ee wal'aansa kanaa dubbachuun isaanii caalaatti akka beekamu taasiseera.
Weellistuun lammii Biriteen Chaarlii XCX faayidaa zayita qurxummii gogaa ishee keessa lilmoodhaan naqachuun qabu ibsitee,
Hordoftoota ishee miliyoona 9 ta'an inistaagiraamii irraa qabduuf akka qooddetti ''akka vitaaminii fudhachuutti'' jette.
''Kanaan dura yaala baqaqsanii hodhuun pilaastikii (filler) gogaa koo wal'aanaa ture.Amma barri filler dhumeera," jette weellistuun kun.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taatuu beekamtuun Kiim Kaardaashiyaani fi Kilooy Kaardaashiyaanis waa'ee wal'aansa kana yeroo jajan dhaga'ameera.
Taatuu Jeenifer Aniston gaaffiifi deebii Jimmi Kimmel waliin taasifteen jijjiirama ishee gogaaa ishee ibsiteetti.
''Mee na ilaalaa zayitni qurxummii gogaa bareedaa naaf hin kennine?" jechuun gaafatti.
Akka Suuzaan Maansfiildi, ogeettiin gogaa dhaabbata Dermafocus jedhamu keessa hojjattu jettutti, ''yeroo kana miidhaa dulloomni gogaa irratti fidu duubatti deebisuu dandeenyu irra geenyerra."
Kunuunsi gogaa jijjiirameera. Qorannoon fi yaalii saayinsii akka agarsiisutti, ispaarmiin qurxummii irraa baafame gogaa haaromsuu danda'a.
Gogaan suntuuruu fi goddaanisa fuulatti bahullee ni hir'isa.
"Hojiin keenya elemantii qaama namaa keessa jiru guddisaniiol baasuudha. Kanatu wal'aansicha adda taasisa," jetti Suuzaan.
Garuu gatiin wal'aansa kanaa qaala'aa dha. Qoricha lilmoo tokkoof gatii doollara 250 hanga 700 kan gaafatudha. jijiirama fiduuf yoo xiqqaate torban walitti aanuuf qoricha kana lilmoo fudhachuun ni gorfama.
Akkasumas ji'a jahaa hanga sagaliitti haaromsi gogaa akka hojjetamu gochuun barbaachisaadha.
Doktarri Abiy Helena Denki jedhamti. Ji'oota 18 darban keessatti wal'aansi kun caalaatti jaallatamaadha jetti.
"Maamiloonni koo edduun garaagarummaa guddaa akka argan dubbatu. Gogaan isaanii sirriifi fayyaa ta'ee itti dhagahama.
''Dargaggoota fakkaatu. Maamiltoonni koo muraasni garuu garaagarummaa guddaa hin argine, ta'us garuu gogaan isaanii haaraa ta'ee itti dhaga'ama."
Abin wal'aansa kanaan gammadeerti. "Lilmoo fudhachuun nama dhukkubsa" jettus garuu bu'aa argitetti gammaddirti.
Bakki ija ishee jalli sababa wal'aansa kanaan dhiita'ee ture qulqullaa'eera.
Wal'aansi kun bu'a qabeessa akka ta'e himamus, akka malee dhaadheffamuu akka hin qabnee fi hanga saayinsiin bu'aa ifa ta'e argamsiisutti eeguun akka barbaachisu ogeeyyiin akeekkachiisu.
Akka ogeessi gogaa Awustiraaliyaa Dr. Johon Pagliyero jedhanitti, bu'uura jiiniiwwan namaa kan ta'an niwuukilootaayidoonni(nucleotides) jiiniiwwan qurxummii irraa argamu kanaan miidhamuu danda'u.
''Ragaa amanamaa hin qabnu. Akka ogeessa fayyaa tokkootti bu'a qabeessummaa isaa beekuuf waggoota akka fudhatu ibsuu barbaada.
Wal'aansi kun nageenyaafi bu'a qabeessa ta'uu isaa mirkaneessuuf qorannoowwan amanamoo ta'an gaggeeffamuu qabu. Sun ammoo hanga ammaatti hin taane, "jedhan

Madda suuraa, SM
Niworki kan jiraattu Shaarlote Birkiliin fubvartii ganna 31ti. Cidha isheetiif jettee wal'aansi akka hojjetamuuf taasiste.
Wal'aansa kana waggaa tokko dura kan fudhatte yoo ta'u, battaluma sanatti infeekshiniin qabamte. Gogaan ishee gurraacha'ee iji ishee jallish dhidhiita'eera.
"Wanti na mudate faallaa waanan eege ture. Miidhaa biraa qaba. Isaanis gogaa diimachuu, dhiita'uu fi gurraacha'uufaa dabalata. Miidhaan kun yeroodhaaf kan ta'udha," jetti.
Namoota tokko tokko irratti alarjiikii uumuun ni mudata. Zayitiin qurxummii gogaa isaanii keessatti sirnaan xuuxamuu dhiisuu danda'a.
Yeroo dheeraaf gogaan namaa dallansuu ykn infekshiniin uumamuu danda'a.
Biyyoota akka Yunaayitid Kingidam keessatti kilinikoonni miidhaginaa wal'aansa kana kennan jiraatanis akka dhaabbilee wal'aansa birootti qajeelfama hin qaban.
Bulchiinsi Nyaataa fi Qoricha Ameerikaa illee eeyyama wal'aansaa isaanii hin raggaasifne.
"Maaliifan akkasitti of darare jedheen yaada," jetti Shaarleet.
Miidhaa irra gahe irraa dandamachuuf doolaara kumaatamaan lakkaa'amu baasteetti.
Ji'oota 10f wal'aansa erga argatte boodas madaan gogaa ishee irratti mul'ate ammallee hin baane. Amma booda yaala kana irra deebitee akka hin yaalle dubbatti.
"To'annoon waan hin jirreef namni kamiyyuu oomisha kamiyyuu fayyadamuu danda'a. Kun balaa qaba," jedhu pirezidaantiin Kolleejjii Fayyaa Miidhaginaa Biriteen Dr. Soofii Shoortar.
Maamiltoota isaanii kanneen bifa uumamaa qabaachuu barbaadaniif wal'aansa kana kan dhiyeessan yoo ta'u, filannoowwan biroo akka jiranis ni kaasu.















