Yunivarsiitiin addunyaa jalqabaa dubartii Musliimaan akkamiin hundeeffame?

Madda suuraa, Chris Griffiths
Beekumsi guyyaa 'akkasii' ykn bakka 'kanatti' jalqabe jechuu hin dandeenyu. Ilmoon namaa waa barachuuf fedhii hamma qabaatetti iddoon itti baratan waan dhibamee beeku hin fakkaatu.
Yunivarsiitiin iddoo barumsi olaanaa itti kennamuu yoo tahu barattoonni dandeettii waa xiinxaluu isaanii gabbifatanii dadhabbii hojii isaaniif digrii badhaafamanii eebbifamanii bahu.
Yunivarsitiin saaqaa addunyaa kanaa Oksifard, Keembiriij ykn Haarvaard fa'a isinitti fakkaachuu mala.
Inumaa barnooti yunivarsiitii Awurooppaa ykn Ameerikaa keessatti akka hin jalqabne galmeen seenaa ni hima.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dameen aadaafi barnoota irratti xiyyeefatu UNESCO'n yunivarsiiti jalqabaa Al-Qaraawwiyyiin jedhamu ardi Afrikaa, bara 859 Morokootti hundeeffame jechuun galmeesseera.
Yunivarsiitii Al-Qaraawwiyyiin kana galmeen taateewwaniifi dhimmoota dinqisiisoo Genius Book of Records, yunivarsiitii akka addunyaatti kan jalqabaa tahuu dabalataan, erga hundeeffamee hanga ammaatti walitti fufinsaan barnoota kennaa jiraachuusaas galmeesseera.
Yunivarsiitiin saaqaa tahuun rekardii addunyaa qabatee jiru kuni hundeeffamee hanga har'aa barnoota kennuun dabalataan dhaabbata barnootaa olaanaa akka addunyaatti yeroo jalqabaaf barattootaaf digrii kenne dha.
Jaarraa 9ffaa irraa qabee yunivarsiitiin magaalaa Feez Madiinaa keessa jiru kuni hayyoota, imaamotaafi qareeyyii beekumsa durii akka muuxataniif ofitti waamaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gamoon fakkii ija namaa hawwatuufi oguma arkiteekcharii Islaamaan miidhage kuni hundeeffamnisa seenaa ajaa'ibaa qaba.
Jalqaba jaarraa 9ffaa keessa magaalaan Morokoo Feez reef namoota biyyoota garagaraa irraa dhufaniin of ijaaruu jalqabde.
Faatimaa al-Fihriin obboleettishee Mariyam wajjin yerooma kana magaalaa Feez keessatti qubatan.
Abbaan isaanii du'uun booda obbolaan kunneen qabeenya abbaasaaniirraa dhaalan hawaasa haaraa itti makamaniif deebisanii kennuu barbaadan.
Gamoon Masjiidaafi Yunivarsiitii Al-Qaraawwayyiin qabate akkasiin hundeeffame.
Mariiyam maallaqa abbaasheerraa dhaalte hunda ijaarsa Masjiida Andaalishiyaatiif kennite - masjiidni kuni keessi isaa kan akkaan faayame yoo tahu yeroo salaataa namoota hanga 20,000 qabata.
Gama biraan Faatimaan ammoo maallaqaafi humnashee hunda barnoota jiraattota magaalaa Feez'dhaaf kennite.
Faatimaan mul'ata ishee kanaaf nama kennamte gatii turteef yeroo gamoon kuni ijaaramu soomaa turte(maddeen garagaraa waggaa 18f soomteetti jedhu.)
Masjiidni Al-Qaraawwayyiin mana barumsaa Quraanaafi mana kitaabaa xiqqoo dabalatee baname, waggoota keessatti geeddaramaa dhaabbata barnootaa beekamaatti guddachuun damee garagaraan digrii kennuun namoota kallatti garagaraa irraa ofitti hawwachuu itti fufe.
Yeroo jalqabu madrasaan(manni barnootaa) barumsa amantaa qofa qaraasisaa ture, booda garuu qo'annoo afaanii, seera, muuziqaa, suufizimii, fayyaafi astiroonomii barsiisuu eegale.
Bara 1947tti Al-Qaraawwayyiin sirna barnootaa mootummaa keessatti hammatame. Kan duraan Al-Qaraawwayyiin jedhamaa ture bara 1965tti Yunvarsiitii Al-Qaraawwayyiin jedhamuun labsame.
Yunivarsiitii kana keessatti aadaan akkaataa barsiisa durii itti fufee jira. Barattoonni akkaataa taa'umsaa halqaa jedhamuun sheekii marsanii barreefamoota dubbisaa marii'atu.
Gamoo akkaan faayame kana keessatti filoosoofarii Musliimaa Ibiin Raashaad; Pooppi Siilviistar (jaarraa 10ffaa keessatti nama yunivarsiitii kanatti qo'achuun booda lakkoofsa Arabaa Awurooppaatti beeksise); namni jaarraa 13ffaafi 14ffaa keesssa waa'ee amantii qo'ate Ibiin al-Haaji al-Abaadiir; dippiloomaatii warra Barbar Andaaluusii, Liyoo Afrikaanas akkasumas Maayimooniis - filoosofariin warra Yihudotaa waa'ee seeraafi naamusaa barreessaa ture madrasaa kanaa wajjin hidhata akka qabu himama.
Yunivarsiitiin jalqabaa Awurooppaa Bolonyaa, Xaaliyaan keessatti argamu Al-Qaraawwayyiin hundeeffamuu waggaa 200 booda bara 1088tti hundeeffame.
Mootummaan Morokoo, Maariiniid bara 1359 ture, mana kitaabaa madrasaa kanaa babal'isuun kitaabilee 20,000 ol kan harkaan barreefamaniifi Bara Gidduugalaa irraa walitti funaanaman dabaalaman. Barreefamooti iddoo biraatti hin argamne 4,000 olis keessa jiru.

Madda suuraa, Chris Griffiths
Barreefamooti murteessoo fi manneen kitaabaa biyyoota Arabaa baayyee keessa jiran sababa waraanaan badaniiru.
Manni kitaabaa Yunivarsiitii Mosuul Iraaq keessatti argamullee waggoota kurnan muraasa dura barbadaa'eera.
Manni kitaabaa Al-Qaraawwayyiin barreefamoota seenaa Islaamaa keessatti waggoota hedduu lakkoofsisan qabatee jira. Yeroo ammaa kana mana kitaabaa addunyaa Arabaa keessatti iddoo guddaa qabu dha.
Mushaaf Al Kariim(kooppiin Quraanaa durii), seenaan Nabii Muhaammad jaarraa 10ffaa keessa barreefame akkasumas kitaabni barnootaa hayyuu jaarraa 12ffaa Ibin Tufaayiliin katabaman mana kitaabaa kana keessatti kunuunsaan qabamanii jiru.
Bara 2012-2016 yeroo gamoon kuni haarofame barreeffamoonni seen-qabeessa tahan kunuunfamanii dhaloota aanutti akka darbaniif laaboraatoriin teeknoolojii olaanaa mana kitaabicha keessa galfameera.
Bara 2017 haaromsi yunivarsiitii kanaa yeroo xumuramu ragaan dippiloomaa Faatimaa al-Fihriinis gabatee mukaarratti bocames argame, amma turistootaan akka daawwatamu agarsiisaaf dhiyaateera.

Madda suuraa, Chris Griffiths
Manni kitaabaa kuni baaxii jaarraa 16ffaa'n kan haguugame yoo tahu, balballi koopparii irraa furtuu afuriin malee hin banamu.
Cufantaan akkasii kuni barreefamoota akkaan qaalii ta'an eeguuf faayidaarra oola ture. Ogeessa mana kitaabichaa qofatu furtuu of harkaa qabaata.
Masjiidni kuni namoota amantaa Islaamaa hin hordofneef banaa waan hin taaneef turistoonni qaama gamoo kanaa hanga muraasa qofa arguu danda'u.
Baankiin Arabaa Kuweet, Ministeera Aadaa Morookoodhaaf maallaqa haaromsaa kennuun booda bara 2016tti garri tokkeen madrasaa kanaa turistootaaf banaa taheera.
Kanaanis turistoonni kutaalee barattootaa, doormii akkasumas bobbocaafi ededaa akkaan faayame daawwachuu danda'u.
Bara 2012tti gamoon yunivarsiitii kanaa arkiteekichar beekamtuu biyyatti Aziizaa Chaawoniin akka haaroomfamu ministirri aadaa biyyattii maallaqa ramade.
Galtee biyyaattii keessatti argaman, mahaandisootaafi namoota oguma hojii harkaa qaban fayyadamuun haaromfame.
Yunivarsiitii kana dubartiin waggaa 1000 dura haa hundeessituyyuu malee sababa dhiibbaa aadaan barattoonni dubartootaa yunivarsiitii kanatti yeroo dhihoon asitti dha kan baay'inaan galanii barachuu jalqaban.
Yeroo ammaa kana amantaafi koorniyaa otoo hin qoodiin hundumaaf banaa dha.
Faatimaan dubartii addunyaa kanaafi dhaabbata yunivariistii jedhamu nama walitti fiddde tahuun dabalataan kitaabota Al-Qaraawwaayiin keessatti qophaa'an akkasumas argannoowwan saayinsii hiikamanii yunivarsitiiwwan Awurooppaa haaraa banamaa turaniif jildii, jildiidhaan akka ergaman gochaa turte.
Haa tahu malee waa'een ishee yunivarsiitiiwwan kunneen keessatti waan barsiifamaa jiru hin fakkaatu.
Barnooti yunivarsiitii Afrikaa keessatti haa jalqabuyyuu malee yeroo ammaa kana yunivariitiiwwan Afrikaa dhaabota olaanoo addunyaa 1-10 keessallee hin jiran.
Dhaabbanni gahumsa yunivarsiitiiwwanii waggaa, waggaan gabaasu QS World University Rankings gahumsa barnoota kennan irratti hundaa'uun yunivarsiitiiwwan Ameerikaa fi UK akka addunyaa sadarkaa jalqabaarra jiru jedha.
Bara 2025tti yunivarsiitiiwwan Afrikaa muraasni tarree yunivarsiitiiwwan addunyaa 600 keessa galaniiru.
Haaluma kanaan dhaabonni olaanaa Afrikaa Kibbaafi Masrii Afrikaa keessaa gulantaa warra jalqabaa 10 keessa jiranidha.












