Dhuguma addunyaarratti Muslimni baayyachaa, Kiristaanni hir'achaa jira?

Musliima Hajjiif gara Maccaadeemanii Masgiida guddicha keessa taa'anii Qur'aana dubbisaa jiran

Madda suuraa, Pew Research Center

Qorannoon haaraa Wiirtuu Qorannoo Piiw [Pew Resaech Center] baase akka agarsiisutti, addunyaarratti ummata hordoftoota amantaa Kiristaanaa ta'an baay'ee qabaachuudhaan naannoon Afrikaa Sahaaraa-gadii Awurooppaa caaleera.

Wiirtuun qorannoo kun baayyinni ummata amantoota gara garaa addunyaa waggoota kudhan - 2010 hanga 2020 gidduutti akkamiin akka deemaa ture ilaaleera.

Waggoota kudhan darban kana keessa Kiristaanummaan miseensota miliyoona 122n guddate. Haata'u malee, akka waliigalaatti yeroo ilaalamu addunyaarratti baayyinni ummataa Kiristaana ta'e hir'ateera.

Akkas ta'ee garuu Kiristaanni addunyaarratti hordoftoota biliyoona 2.3 qabaachuun isa hunda caaludha. Kana jechuun Kiristaanni baayyina ummataa addunyaa keessaa %29 qabata jechuudha.

Qorannoon Waxabajji 9, 2025 ifoome akka agarsiiisutti, amantaa hordofan dhiisaa deemuufi lakkoofsi ummataa guddachuun lakkoofsi ummta addunyaa akka jijjiiramu dhiibbaa taasiseera.

"Musliimota du'an caalaa Musliimonni daa'imman baay'ee argatanitu caala," jedhu qorataan Wiirtuu Qorannoo Piiw Konraad Hakkeet.

"Namoonni erga guddatanii Musliima ta'uu ykn umurii gaheessummaatti Islaamummaa dhiisuun jijjiirama baayyina Muslimaarratti inni qabu baayyee xiqqaadha."

Lakkoofsa ummataa, qorannoo dimogiraafii, qorannoo ummataafi galmeewwan ummataa dabalatee qorattoonni maddeen ragaa 2,700 iirratti hundaa'un qorannoo isaanii gaggeessan.

Biyyoota addunyaa 201 ta'anirraa namoota 100,000 filachuun amantii hordofan gaafataniiru.

Kana malees, qorannoon kun ragaa wal hormaataafi dheerina umurii fudhachuun waggoota bara 2010 hanga 2020tti jiru ilaalaniiru.

Musliimoni baayyinaan kan argaman naannoo guddinni ummataa guddaa ta'e keessatti. Naannoowwan kunneenis, Baha Giddu-galeessaa, naannoo Kaaba Afrikaadha.

Ummanni Musliimaa hunda caalaa naannoon keessatti heddummaatu Eeshiyaa Paasfik yoo ta'u, naannoo ummanni Musliimaa hunda caalaa guddaa tae' keessa jiraatudha. Naannoo kanatti waggoota kudhan 2010 hanga 2020 qorannoon kun itti gaggeefame gidduutti %16.2 dabaleera.

Gama kaaniin, Kiristaanni %1.8 kan hir'ate yoo ta'u, kun ammoo sababiin guddaan ummanni Kiristaana hin taane lakkoofsi isaanii dabaleenidha. Kiristaanni Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa, Laatiin Ameerikaa, Awustiraaliyaa fi Niiwu Ziilaand keesstti suuta xiqqaataa dhufeera.

Dubartii kadhannaa jirtu

'Kiristaanonni amanataasaanii dhiisaa jiru'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kiristaanni Eeshiyaa-Paasfikiifi naannole Baha Giddu-galeessaafi Kaaba Afrikaarraa kan hafe guutummaa addunyaarratti caalaa ta'ee akkuma itti fufueen jira, akka qorannoon kun mul'isetti.

Amma addunyaarratti gareen namoota amantaa tokkottillee of hin ramadne Kiristaanaa fi Musliimatti aanee %24.2 qabatee guddinaan sadaffaarra jira.

"Wanti akkasii kun [namoonni amantaa tokkottillee of ramaduu dhiisuun] biyyoota Awurooppaafi Ameerikaa Kaabaa, akkasumas Awustiraaliyaafi Niiwu Ziilaand keessatti baratamaadha. [Biyyoota] kanneen keessatti namoonni Kiristaanummaan guddatan amma amantaa hordofan himatan hin qaban," jedha gabaasni qorannoo kanaa.

Namoonni amantaa isaanii dhiisan caalmaatti kan isaan miidhan lakkoofsa ummata Kiristaanaa addunyaadha.

"Kiristaana keessatti namoonni baay'ee amanticha keessatti guddatan gaafa umurii gaheessummaarra gahan amantaa tokkoonillee adda of baasuu dhiisaa jiru," jedhu Hakeet.

Qorannoon Pew kun yeroo jalqabaatiif daataa biyyoota 117 namoota umuriin isaanii waggaa 18 hanga 54 jiru fudhatee yeroo umuriin isaanii gaheessa ta'u amantaa itti dhalatan haala itti jijjiirtan ilaaleera.

Haaluma kanaan, Ameerikaa Kaabaa keessatti bara 2010 fi 2020 gidduutti namoonni amantaa tokkottillee of hin ramadne %13 dabaluun, amma warri Kiristaanummaa dhiisanii amantii tokkollee hin himanne %30.2 irra gaheera.

Yeroodhuma wal fakkaatutti namoonni Kiristinnaa dhiisanii amantaa tokkollee akka hin qabnetti himatan Laatiin Ameerikaa-Kariibiyaan keessatti %4.1, Awurooppaa keessatti ammoo %6.6n dabaleera.

Eeshiyaa Paasfik lakkoofsa ummataa amantaa hin qabne addunyaarratti guddaa ta'e kan qabu yoo ta'u, namoota addunyaarrratti warra amantaa hin qabne keessaa %78 naannoo kana keessa jiraatu.

Addunyaarratti ummanni amantaa hin qabne, %67 Chaayinaa keessa jiraatu.

Haata'u malee, amantaa wal xaxaa Chaayinaa keessa jiru Pew qorannoo irratti gaggeesse sirriitti adda baasuun isaa rakkisaa akkka ture Hakeet ni dubbatu.

Musliimonni kadhannaarra yeroo jiranitti

Madda suuraa, Sohail Khan

Budiizimiin ammoo waggoota kudhan darban waliin yeroo ilaalamu amantaawwan gurguddoo bara 2020 keessa hordoftoonni isaanii calaa hir'tanidha. Akka ragaa argameetti waggoota kudhan yeroo qorannoo kana keessa ummata milyoona 19 ta'uun gadi bu'eera.

Hunduun amantaa addunyaarra jiran keessaa %14,9 qabachuun addunyaarratti sadarkaa afuraffaarratti argama. Hordoftoonni amantaa Hiduu garri caalu (%95) Indiyaa keessa jiraatu.

Bara 2010 hanga 2020 gidduutti Hinduun naannoo Baha Giddugaleessaa-Afrikaa Kaabaa gara caalu sababa godaansaan %62n dabaleera.

Ameerikaa Kaabaa keessatti ammoo baayinni hordoftoota Hinduu %5n dabalaeera.

Garee amantaalee addunyaa ummanni Jewishii xiqqoo akka ta;eefi bara 2010 hanga 2020tti %6 akka guddate qorannoon kun mirkaneesseera. Haluma kanaan miliyoona 14 irraa gara miliyoona 15tti guddateera.

Ragaa qorannichaa gabaabinaan

  • Kiristaanni garee amantii addunyaa kanarraa isa guddaadha
  • Islaamni bara 2010 hanga 2020 gidduutti garee amantii saffisaan guddachaa turedha.
  • Uummata addunyaa keessaa harka afur keessaa tokkotti kan dhiyaatu amantii hin qaban
  • Afrikaan Sahaaraa gadii Awurooppaa caalee naannoo Kiristaanonni baay'inaan keessa jiraatan ta'aa dhufeera
  • Biyyoota 35 keessatti lakkoofsi namoota amantii hin qabne dabaleera
  • Chaayinaan namoota amantaa hin qabne kan US fi Jaappaan keessa jiran walitti qabamanii dachaa 7ncaalu qabdi
  • Nezerlaand, Niwuu Ziilaandii fi Uraagaay amma ummata guddaa kan amantii hin qabne qabu
  • Biyyoonni dinagdeen guddatan kutaaleen ummataa amantii qaban xiqqachaa waan deemu fakkaata
  • Kiristaanni garee amantii addunyaa kanarraa wal qixa faffaca'ee jirudha
  • Muslimoonni addunyaa kanarra jiran harki caalaan isaanii umriin isaanii waggaa 50 gadi ta'uun ibsameera.
  • Kiristaanonni dhibbeentaa 84 naannoo amantiin Kiristaanummaa baay'inaan jiru keessa jiraatu