Isparmii barataa dhibee qabu tokkoon daa'imman 200 akkamiin dhalatan?

Ispeermii arjoomtotaa Awurooppaa keessa itti fayyadamu

Madda suuraa, Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Ispeermii arjoomtotaa Awurooppaa keessa itti fayyadamu

Namni qacceen isparmii isaa kaansarii akka hordofsiisu osoo hin beekamin arjoome boodarra isparmiisaatiin Awurooppaatti daa'imman 197 dhalachuu qorannoon mirkaneesse.

Ijoolleen kanaan dhalatan kuun kan du'an yoo ta'u, muraasa qofatu umrii isaaniitti du'a kaansarii damdamachuu danda'a jedhama.

Isparmiin kun kiliinikoota UK keessatti gurguramuu baatus maatiin Briitish muraasni tajaajila wal hormaata fayyaaf Denmaark deeman fayyadamanii turan.

Baankiin Isparmii Awurooppaa kan Denmaark'tu isparmii kana gurgure jedhu maatiin miidhamtootaa.

Isparmichaann biyyoota hedduu keessatti daa'imman hedduutu dhalate.

Dhimma kanarratti BBC dabalatee biroodkaastaroota ummataa Awurooppaa 14'n qoratameera.

Isparmiin kun kan arjoomame nama maqaan isaa hin himamne gaafa barataa ture (2005) kaasee arjoomaa tureeni.

Isparmii kana dubartootni waggoota 17f itti fayyadaman. Arjoomaan kun ofiisaa fayyaa dha jedhamee isparmiinsaa calallii darbe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Garuu, seelota DNA isaa osoo hin dhalatiinuu caasaa addaa qabu turan.

Qaccee sanyii TP53 jedhamu ni miidhe. Qacceen sanyiin kun seelonni qaamaa akka to'annoon ala bahanii kaansarii hin hordofsiifne kan godhu.

Seeliin isparmii arjoomtota kaanii rakkoo kaansarii uummachuu hin qabu. Kan isa kanaa garuu 20% balaa kaansariitti guddachuu qaba.

Daa'imman kanaan dhalatan garuu seelonni qaama isaanii hundi to'annoon ala guddatu.

Kun 'Lii Fraawumeenii seendram' yoo jedhamu carraa 90% kaansarii hordofsiisuu qaba. Keessumaa yeroo daa'imummaa akkasumas kaansarii harmaa.

Qorataan kaansarii kaansarii Inistitiyuutii qorannoo London Prof Kileer Tarnibaal, "Qorannoo obsa fixachiisaa" ta'uu BBC'tti hime.

"Maatii qaccee sanyii kanaa bira gahuun nama qora ture. Balaa kanaa wajjiin umrii guutuu jiraachun baay'ee ulfaata."

Qorannoon qaamaa MRI fi kan sammuu bara baraan godhamuu qaba.

Altiraasaawondiin garaas akkasuma ka'umsa kaansarii adda baasuf. Haawwan balaa kaansarii hir'isuuf yeroo heddu harmisaanii akka muramu fedhu.

Baankiin Isparmii Awurooppaa "arjoomaa fi maatiin isaa dhibee hin qaban" jedhe.

Calallii qaccee sanyiitiin rakkoo seelota kaansarii uuman "dursanii adda hin baafaman."

Garuu rakkoo kana barraan battalumatti isparmii kana kennuu dhaaban.

Daa'imman du'an

Hakiimonni Awurooppaa daa'imman sababa kanaan kaansarii waliin dhalachuu argan yaaddoo qaban ibsan.

Daa'imman 67 hakiimonni kunneen quba keessaa 23 rakkoo kana qabu. Kudhan kaansarii qabaachuu qorannoon barame.

Ragaaleen biyyootarraa argaman garuu kanaa ol ta'uu danda'u jedhama. Daa'imman meeqa akka rakkoo kana dhaaluu danda'an immoo hin beekamu.

Ammatti yoo xiqqaate daa'imman 197 ta'an arjooma ispeermii nama kanaan dhalataniiru jedhamee amanama.

Garuu, biyyoota hundarraa daataan waan walitti hin qabamneef lakkoofsichi kana caaluu mala.

Qorattuun kaansarii Hospitaala Yunivarsiitii Riyuun Dr Edwiig Kaaspar, kan Faransaay, nama ragaa jalqabaa dhiyeessitedha.

"Daa'imman hedduun kaansarii godhatanii jiru" jedhan. "Daa'imman kaansarii gosa lama horatan jiru. Kuun kichumatti du'ani."

Waggaa 14 dura Faransaayirraa haati isparmii arjoomame kanaan daa'ima horatte, Seelyin, kan maqaan ishee jijjiirame, kiliinika Beeljiyemi jirurraa mucayyoo ishee akka qorachiiftu itti himame.

Akkamiin akka isparmii fayyaalessi akka hin ta'in akka kennameef gaafatti.

"Hireen olaanaan kaansarii akka harkaa nu qabdu nan beeka. Dura dhaabbachuu malee fala hin qabnu."

Isparmiin arjoomame kun kiliinikoota 67 biyyoota 14 keessatti faayidaarra oole. UK keessatti hin gurguramne.

Garuu, dubartoonni UK muraasni kilinika Denmaarkitti tajaajilaman jiru. Dubartoota kanneenitti rakkoon kun himameera.

Maatiiwwan yaaddoo qaban kilinikoota itti tajaajilamanii fi dhaabbilee wal hormaata fayyaa akka dubbisan itti himame.

BBC'n eenyummaa nama isparmii arjoomee ibsuu hin fedhu.

Sababni isaas qajeelummaarraa ka'ee waan arjoomeef. Kanneen UK saaxilamoo ta'uun beekamus ibsuu hin feene BBC'n.

Addunyaarratti seerri isparmiin arjoomame si'a meeqaaf akka tajaajilu kaawu hin jiru. Biyyoonni mata mataatti garuu daangessanii qabu.

'Waa hunda calaluu hin dandeessu'

Duraan hogganaa baankii isparmi Shiifiild kan turee fi ammaan tana Prezdaantii itti aanaa Faakaltii Baayolojii Meedisinii fi Fayyaa Yunivarsiitii Maanchistar kan ta'an, Prof Alan Paasey, biyyoonni baankiiwwan isparmii guguddootti fayyadamu, UK'n walakkaa alaa galchiti jedhe.

Biyyoonni immoo ni gurguratu, rakkoon achii eegala jedhu. Seerri idil-addunyaa kana bulchummoo hin jiru jedhan.

"Waa hunda calaluun hin dandeessu. Namoota arjoomuu fedhan keessaa 1% ykn 2% qofa simanna. Kanaa gadi yoo goone namumti arjoomuu hin jiru. Kanatu rakkoo dha."

Balaa akkanaa hir'isuuf hojii baay'eetu hafa jetti jaarmiyaa tola ooltummaa waan kanarratti hojjetu, 'Progres Ejukeeshinaal Trast' jedhamuuf, daarektara kan taate Saaraa Naarkiroos.

"Daa'imman isparmii arjoomamuun dhalatan dhibbaan lakkaawaman dhiibbaa hawaasummaa fi qor-qalbii akkamiif akka saaxilaman hin beeknu.

''Waan nama naasisu ta'uu danda'a," jetti BBC'tti yoo dubbattu.

Baankiin Isparmii Awurooppaa kan jedhu: "Haawwan fi jaalalleewwan gargaarsa akkanaa malee dhala hin godhannes akka jiran beekamuu qaba.

"Yoo isparmii arjoomameen dhala godhachuun namarra jiraate akkaataa qajeelfama fayyaatiin arjoomtonni calalamanii ta'uun filatamaa dha."