Namichi ispermiisaa arjoomuun ijoolleen 550 ol akka dhalatan sababa ta'e akka dhaabu akeekkachiifame

Ispeermii olkaa'ame

Madda suuraa, Getty Images

Namichi lammii Daach sanyii kormaa yookiin ispeermiisaa addunyaa bakka garaagaraatti arjoomuun dhalachuu ijoollee 550 oliif sababa ta'e akka irraa of qusatu akeekkachiifame.

Namni umuriinsaa waggaa 41ta'e fi Jonathan jedhamu kun ispermiisaa gumaachuu yookiin raabsuu kan itti fufu yoo ta'e paawodnii kuma 88,000 oliin adabamuu akka danda'u ibsame.

Ga'eessi kun Nezarlaandis keessatti akka sanyii kormaasaa hin arjoomne kanaan dura bara 2017 dhorkamee ture.

Wayita sana sabab ispeermii inni gumaacheen ijoolleen 100 caalan karoora malee dhalatanii turan.

Hojiisaarraa dhorkamus inni garuu gochasaa kanarraa of hin qusanne, dhoksaadhaan karaa onlaayinii biyyoota alaatti arjoomuu itti fufe.

Manni murtii Za Heeg keessatti argamu kilinikaawwan ispermiisaa itti kenne hunda akkanni eeru gaafachuun, hunda keessaa ispeermiinsaa akka qulqulleeffamu ajajeera.

Ga'eessi kun dubartoota hedduu goyyoomsuun beekama.

Akkaataa seera fayyaa Daachitti namni tokko ispeermiisaa arjoomuun ijoolleen 25 ol dhalachuu hin qaban, kunis maatii 12 irraati.

Garuu namni kun erga bara 2007 ispermii gumaachuu eegalee hanga ammaatti dhalachuu ijoollee 550-600 ta'aniif sababa ta'eera jedhe manni murtii.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan seeraa Thera Hesselink akka jedhanitti manni murtii ''murtee darbe kana booda himatamaan kun ispermiisaa maatii haaraaf akka hin kennine,'' dhorkameera.

Namni kun maatii kamiyyuu sababa ispermii arjoomuun akka quunnamuu hin dandeenyes ibsameera.

Akkasumas tajaajila kennu kana beeksisuus ta'e dhabbiileen kaan akka isa waliin hojjetan affeeruu irraa ittifameera.

Namni kun wayita ispermii kennu maatii irraa fudhatan dogoggorsee kennaaf.

Akka ispermii inni arjoomeen ijoolleen hanga eeyyamamee ol dhalatan dhugaa jiru dhoksuun arjoomuu itti fufe.

Manni murtiis gochaan kun xiinsammuu daa'immaniirratti miidhaa qabaachuu erga hubatee booda murtee kana dabarsuu ibse.

Namoonni ispermii arjooman hammam akka arjoomuu qaban akka daangessan itti himeera, isaan garuu ajaja kana hin kabajan.

Namoonni kunneen tajaajilasaanii akka daangessan kan himameef, ijoolleen ispermii nama tokkoon dhlatan akka baayyatanii, lakkoofsi isaanii wallaalamee booda wal fuuchuutti hin seenneefi.

Nezarlaandis rakkoo kanaaf guddoo saaxilamteetti.

Bara 2019 doktarri biyyattii ispermii arjoomeen dhalachuu ijoollee 49'f sababa ta'uun himatamee ture.