'Haati koo gudeedamtee na deesse, ani sanaan ilaalamuu hin fedhu'

Taasnim

Madda suuraa, SLATER KING

Taasnim, haatishee gudeedamtee ishee deesse. Dhalattee torban lama osoo hin guutin haatishee xalayaa barreessitee lafa keessef- Taasnim gaafa guddatte akka dubbistuuf.

Yaa intala koo Taasnim,

Amma ati guyyaa 10 guuttetta, gaafa kana dubbistu nama guddoo taatee ta'uu mala jettee barreessitee keessef.

Xalayaa haatishee Luusin gaafa sana barreessiteef fuutee imimmaanin fuula dhiqataa dubbisuutti kaate. Taasnim yeroo daa'ima turte haadhashee balaa abiddaan dhabde. Xalayaan haatishee barreessiteef abidda sana keessaa oluusaan ni dinqifatti.

"Haadha koos dhabee, ergaa isheen naa keesse bagan hin dhabin," waan jettu fakkaatti.

Balaan abiddaa haadhashee ajjeese godaannisisaa fuula Taasnimirraa ni mul'ata. Abbaanshee balaa abiddaa keessaa baraaree huccuun maree muka wayii jala kaa'ee ishee oolche.

Luubbuushee oolchus boba'aa manatti firfirsee abidda kan qabsiise isuma. Abiddi ka'e kun haadha Taasmin kan taate Luusii qofa osoo hin taane obboleettiin abbaasheefi akkawoonshees abidduma kanaan du'an.

Abbaanshee nama gumaa akka ta'eefi hidhaan umurii guutuu akka itti murtaa'e Taasmin ni beekti. Garuu diyaarin [galmeen seenaa guyyuu] haatishee barreessitee turteefi poolisiin qorannoof fuudhee ture waggaa 18'f waajjira poolisii keessa ture.

Gaafa tokko Taasmin dhaqxee fuute. Kan isheen argite garuu waan madaa biraa itti kaasu ture. Abbaanshee humnaan haadhashee gudeedee akka dhalatte xalayaa haatishee barreessiteef irraa dubbistee barte.

Luusii- haadha Taasnim
Ibsa waa'ee suuraa, Luusin, akkuma Taasnim deessen yeroo umurii 15 duute

Diyaarin Luusin barreessite waa'ee abjuushee gara fuulduraa qofa osoo hin taane gidiraa abbaan manaashee irraan gahus of keessaa qaba.

Waggaa 12 irraa kaatee nama ishee gudeedefi booda abbaa manaashee ta'e Azhar Ali Mahmoodin gidirfamaafi hiraarfamaa akka turtes barreessiteetti.

Azaar Ali waggaa 10 Luusii angafa; konkolaachisaa taaksis ture. Waan haadhasheerra gahe erga haatishee duutee waggoota heddu booda barreeffama isheen keessee duuterraa gaafa dubbistu lafatu ittiin garagale.

Addunyaarratti namni carra dhabeessi akka koo jiraa jettee yaaduu jalqabde. Ragaan akka agarsiisutti rakkoolee wal-fakkaataa keessa kan darban heddutu jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

UK keessatti namoonni meeqa dubartii gudeedamterraa akka dhalatan beekuun rakkisaa ta'us ragaalen tilmaaman akka agarsiisanitti bara 2021 qofa dubartoonni 3,300 gudeedamuun ulfaa'aniiru.

Labsiin Namoota miidhamanii ijollee haadha gudeedamterraa dhalatan "saaxilamtoota" jechuu galmeessa. Kuni ammoo deeggarsa akka gorsaa, waa'ee miidhama isaanirra gahee odeeffannoo argachuufaa akka argatan isaan gargaara.

Namoota miidhama akkasiirraa dhalataniif deeggarsiwwan dabalataa kanneen alkoolifi qoricha sammuu adoochurraa bilisa bahuufi tajaajila mana jireenyaafi barnootaa akka argataniifi UKfi Weels keessatti waadan galameefira.

Garuu dhaabbanii waa'ee kanaarratti fuulleffatee hojjatu hin jiru yoo ta'e deeggarsi kun gahaa akka hin taane dubbatti Taasnim.

"Waan beektu hunda, waa'ee maatii keetifi waa'ee kee waan beektu hunda si jalaa dukkaneessa. Sababni isaa maqaan nama nama ajjeese, nama nama gudeedetti dhahama. Osoon akka isaa ta'ee guddadhee jedheefaa akkan waan fokkisaa yaadu na taasisa," jetti.

Wantoota haatishee barreessitee keessaa kaan isaa dubbisuun ishee rakkisa. Waa'ee jaalala haatishee isheef qabdu barreessiterratti xiyyeeffachuu barbaaddi.

"Waa'ee koo waan hamaa yaaduu hin qabu, sababni isaa akkan akkasitti yaadu hin barbaaddu waan ta'eef," jechuun waan haatishee barreessitee keessetti jajjabaatti.

Nama haadha umuriin gahin gudeedamterraa dhalate

Maqaan isaa Neeyil jedhama; UK keessa jiraata. Daa'imummaasaatti gammadee taphatee guddate, garuu waa'ee haadha isa deessee yeroo hunda gaaffii itti ta'a.

Guyyaa tokko haadhasaa wajjin akka wal-argu abdii qaba ture. Amma umuriinsaa 27. Guyyaa tokko nama haadhasaa achi buuteenshee dhabamu akka barbaadu qacarame harkaa xalayaan isa qaqqabe.

Xalayicha banuu gaafa dubbisu, lafatu ittiin cite. Haatisaa daa'imummaatti bakka bashannanaatti nama hin beekamneen gudeedamte. Kanarraa kan ka'e Neeyil ulfooftee deesse.

Neeyil

Haati namaa bifa akkasiin gudeedamtee gaafa nama deessu, "akka waan namni laphee keessa dhahee onnee kee si keessaa baasetu namatti dhagahama," jedha.

"In qaanofta, keessi kee in gadda, dalga namatti gala," jechuun abdiinsaa akka dukkanaa'e dubbata.

Jaalalaan osoo hin taane haadha gudeedamterraa dhalachuun akkam namatti dhagahama? Haati Neeyil deesse isa arguuf fedha qabdii?

Taasnim ammoo mana hidhaatti abbaashee ilaaluu deemte. Eegdonni mana hidhaa fuudhanii gara keessatti ishee galchanii. Kutaansaa baay'ee cabbaa'a.

Balballi banamee fuulashee duratti abbaashee argite. Kanaan dura argitee waan hin beeknef dheeraa wayii itti fakkaata ture. Garuu abbaanshee gabaabadha.

Azhar Ali Mehmood

Madda suuraa, WEST MERCIA POLICE

Ibsa waa'ee suuraa, Azhar Ali Mehmood yakka ajjeechaafi yaalii ajjeechan himatamee bara 2021 itti murtaa'e

Ishee hammatee, chololeetii biteef. Isheen garuu kana miti kan barbaadde, badii inni hojjateen miidhaa gahe akka hubatuudha malee.

Amma nama haadhashee gudeedefi ishee miidhe ijasheen argiteetti. Isa dhiistee mana hidhaa sanaa baate, ergasiis deebitee isa hin ilaalle.

Neeyisfi obbolaansaa ammoo haadha isaan deesse yeroo jalqabaaf ijaan arguuf buufata baaburaatti bahanii eegaa jiru. Neeyils onneensaa dhahataa jirti. Gaafa haadha keenya ijaan agarre maal goona? Maal jennaan jedhanii yeroo dheeraf yaadaa turan.

Wal-arganii walitti maraman, taa'anii haasa'uu jalqaban. Neeyils guyyaa haatisaa isa ulfoofte sana maaltu akka mudate gaafachuu fedhee garuu ija hin jabaanne.

Dudduuba ishee deebisee waan isheen keessa dabarte yaadachiisuu hin barbaanne. "Haadha na deesse qaba, abbaa na dhalche garuu hin qabu," jedhee of amansiisee dhiiise Neeyil.

Harmee, ati gudeedamteen dhaladhee?

"Harmee koo, ati gudeedamtee na deesse moo?

Saamin ilmashee angafaa konkolaataa keessa ishee cinaa taa'utti garagaltee, "Lakki mucaa koo, ati dhala kooti" jetteen.

Dhugaasaa yoo itti himte, miidhaa isarra gahu yaaddi; garuummoo akkamitti akka dhoksitu wallaalte.

Saamii ilmashee hammattee

Saamin waan bara 2013 isheerratti raawwatee isa ulfoofte dhugaasaa kna itti himte dhoyoodha. Ilmishee amma waggaa 12 guutera.

Namichi inni abbaa kooti jedhee waamu, Arshid Huseen, gaafa Saamin waggaa 14 akkamitti ishee gudeedee akka isa ulfoofte tokko lamaan itti himte.

Namni kun Saamii qofa osoo hin taane dubartoota heddu akkasuma godheera. Dhugaa kana ilmasheetti himtee waan waggaa dheeraf keessasheetti dhibee itti ta'erraa obbaafatte.

Huseeen yakka gudeeddii hojjateef poolisiin qorannoo irratti gaggeessaa jira.

Akkuma Taasminifi Neeyil, Saaminis rakkinashee namni hubatuuf waan hin jirreef baay'ee yeroo dheeraf yaadda'aa turte.

Namichi Saamii yeroo isheen umrii 14 gudeede amma hidhaan umurii waggaa 35 itti murtaa'ee mana hidhaa jira.