Shamarree namoonni TikTok isaanii gaarummaaf akka itti fayyadaman gorsitu - Magfiraa Minawwar

Madda suuraa, OMN
Magfiraa Minawwar jedhamti. Maqaan isheen miidiyaa hawaasummaarratti ittiin beekamtu Maki Oro.
Dhalattee kan guddatte Godina Harargee Lixaa magaalaa Cirootti yoo ta’u waggaa afur dura gara Masirii imaltee amma achi jiraatti.
Magfiraan gara caalu Feesbuukiirratti waa’ee rakkoo hawaasaa fi dhimmoota hawaasi Oromoo keessa jiru irratti dhimmamtee dubbachuun beekamti.
Akka jettutti umrii xiqqaadhaan biyyaa baate, miidiyaa hawaasaarratti kallattiin galtee dubbachuuf ija laafti turte.
''Kallattiin seenee dubbachuu waanan sodaadhuuf viidiyoo waraabeen Feesbuukiirratti gadhiisaan ture,'' jechuun akkatti miidiyaa hawaasaa eegalte yaadatti.
Boodarra ija jabina horattee gama TikTok illee ceetee viidiyoowwan gaggabaaboo hojjechuu eegalte, qabiyyeen ammas dhimma uummataati.
Magfiraan barnootashee kutaa 10 akka xumurteen sababa rakkoo garaagaraaf [rakkoon maal akka ta’e himuurraa of qusatte] biyyaa baqatte.
Gara Masirii wayita deemtus haalli ture salphaa hin turre, mana namaatti qacaramtee (hojjettuu manaa taatee) namaaf hojjechuu eegalte.
''Garuu haala rakkisaa keessattillee taatu carraa miidiyaa hawaasummaa harkaa qabu fayyadamee waa’ee ummata kiyyaa dubbachuurraa boodatti hin jenne,'' jette.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guyyaa guutuu hojii hojjechaa oolti, wayita boqonnaashee, sanuu dubartii ishee hojjechiistu eeyyamsiiftee, viidiyoo akka waraabdu himti.
''Namni wayituma an uffadhee bareedee as ba’u arga. Akkan itti viidiyoo waraabu anatu beeka. Waan hojii biraa hin qabne fakkaachuu danda’a,'' jetti Magfiraan.
Rakkoo kana hunda keessatti hanga humnashee uummatasheef sagalee ta’uurraan kan hafe miidiyaa hawaasummaa kanarraa faayidaa dhibii akka hin arganne himti.
Qormaata jireenyaan alatti miidiyaaleen hawaasummaashee irra deddeebiin jalaa cufamuun rakkataa akka turte himti.
''Keessattuu TikTok akkaawuntii 14 kan hunduu hordoftoota hedduu qaban narratti cufsiisaniiru. Kun hunduu an balleessee yookiin faallaa seera miidiyaa hawaasaa deemee miti. Jibba uummata kiyyarraa qabaniif narratti duulanii narratti cufsiisan,'' jette.
''Namoonni an eenyummaasaanii hin beekne hedduun narratti qindaa’anii hamilee na buusuuf yaalanis an garuu kaayyoo kiyyattin ciche. Isaan narratti gubu, animmoo deebiseen banadha. Haala kanaanin jira ammallee.''
Sababa kanaaf baatii ja’aaf ugguramtee, osoo TikTok hin hojjetin akka turte himte.
Miidiyaa hawaasaa [TikTok] faayidaaf oolchuu...
Shamarree Magfiraa Minawwar TikTok irratti namoota hordoftoota lakkoofsa olaanaa qaban keessaati.
Miidiyaa hawaasummaa kana akka namoota kaanii shira, daba, arrabsoo fi walitti bu’iinsa uumuuf osoo hin taane waan hawaasa fayyadun ittiin hojjedha jetti.
Magfiraan umriin xiqqoo taatus hordoftoota hedduu waan qabduuf dhimmi isheen kaastu namoota hedduu bira ga’a.
''Carraa kanatti fayyadameen uumata kiyyaaf sagalee ta’a. Rakkoo siyaasaa fi diinagdee hawaasa kiyya harkaa qabuuf akka xiyyeeffannaan kennamun lallaba,'' jette.
Magfiraan waahillan ishee kaan waliin ta‘uun ummata Oromoo Booranaa rakkoo hongeen miidhamaa jiru tumsuuf xiyyeeffannaa kennitee hojjetaa jiraachuu himte.
''Akkaawuntii bannee namoonni akka irratti galchan karaa TikTok hojjetaa turre. Namoonni biroon xiyyeeffannaasaanii garas akka godhanis dhiibbaa uumeera. Gareen tokko akka garas imalus mijeessineerra,'' jette.
TikTok miidiyaalee hawaasummaa jiran keessaa kan yeroo ammaa namoota hedduu of jalatti qabuudha. Irra-jireessaan dargaggootatu itti fayyadama.
Akkuma namoonni itti baay'atan wanti hojjetamus isa badaatu heddummaata, naamusa uffannaarraa qabee hanga qabiyyee qaanii ta’e dabarsuutti.
Magfiraan isa kana sirriitti hubatti, kanaaf haala kanaan faallaa ta’uu feeti.
''An waan saba jajjabeessu, waan tokkummaa sabaa cimsu, waan saba kiyya fayyadu karaa naamusa sabichaa eegeen hojjedha. Wanti naamusa hin qabne bu’aa hin buusu. Wanti jibbiinsaa fi arrabsoo ammoo itti fufiinsa hin qabaatu,'' jetti.
Faayidaan TikTok isa kanaan alatti hagas mara hin jiru kan jettu Magfiraan, yoo faallaa kanaan hojjetan ammoo inumaa balaa qabaata jette.
Naamusa, duudhaa fi miidiyaa hawaasummaa…
Namoonni wayita TikTok banatan qabiyyee naamusaan ala ta’e kan saba walitti buusu yookiin daba hojjechuudhaan akka waan hordoftoonni hedduun argamanitti hubatu.
Magfiraan garuu TikTok waan bu’aa buusu qofaaf karaa naamusaa fi duudhaa hawaasa ishee eegeen dalaguun hordoftoota hedduu horachuu himti.
''Namni tokko jalqabuma wayita Tiktok banatu kaayyoo qabaachuu qaba. Nama arrabsuun beekamtii arganna kan jedhan yoo ta’e achumatti kufan,'' jetti.
Haala safuu fi duudhaa hawaasaa hin faallessineen miidiyaa hawaasummaa fayyadamuu qabu jette.
''Oromoon safuu qaba. Safuu sana eessattuu eeguun dirqama. Yoo safuusaa hin eegin dhimmasaas hojjechuu hin dandeessu.''
Shamarree Magfiraan namni miidiyaa hawaasummaarra jiru hunduu akkaataa uffannaa, haalaa fi amalaa akkasumas qabiyyee dabarsaniin naamusa gaarii calaqqisiisuu akka qaban gorsiti.
Dhihoo kana biyya Masrii teessee baay'ina namoota kallattiin galanii hordofaniin dorgomtee kanneen waliin dorgomte caalte.
''Guyyaa sana namoota kuma 67tu kallattiin na hordofaa turan. Dorgommiin sun tapha (Challenge) namni TikTok irratti waliin taphatuudha,'' jechuun taatee guyyaa sanaa ibsite.
''Taphni kun bu’aa addaa hin qabu. Garuu al-takkaatti namoota kuma 67 argachuun ammoo bu’aa kamuu caala. Kanaaf anaaf guyyaan sun guyyaa addaa ture. Namni dilli sun ana jaallateeti, waanan dabarsu jaallateeti kan dhufe,'' jette.
Shamarree Magfiraa fuulduraafis hamilee argatte kanatti gargaaramuun cimtee hojjettee dorgommiiwwan gama TikTok’n gaggeeffaman hedduu irratti hirmaachuuf karoora akka qabdu himte.
'Shamarran keenya ofitti amannaan galma yaadan ga'uu danda’u'
Shamarree Magfiraan ijoollummaatti maatiishee biraa baatee rakkoo baqaaf saaxilamtus carraa miidiyaa hawaasummaatti fayyadamuun beekamtuu taateetti.
''Dubartoonni Oromoo ka narra jajjabduutu jirti. Dubartiin sammuu cimaa qabdi. Mala yookiin siistama jireenyaa akkaan beekti. Garuu ija laafuutu teellaatti hambisa,'' jechuun hanqina dubatootaa kaaste.
Dubartoonni jajjaboon sababa ofitti amanummaa dhabuutiin dandeettii isaanii ukkaamsanii irra taa’aa jiran gadi bahanii akka mul’isan dhaamte.
''Dandeettii ajaa’ibaa baatanii, namni maal nuun jedhaadhaaf mana taa’u. Sodaa dhiisanii dandeettiisaaniitti fayyadamuun waan hedduu sirreessuu qabu,'' jette Magfiraan.
Kana yeroo jettu ammoo safuu cabsuu akka hin taane, guddisaa fi duudhaa hawaasichaan taliigamuu qabu jechuun dhaamsa dabarsiti.
''Sodaa ofirraa balleessanii, ofitti amanamummaa horatanii karaa naamusa hin cabsineen miidiyaa hawaasummaarratti bu’aa buusuun akka danda’amu gama TikTok kiyyaa dhufanii yaa ilaalan,'' jette.
'Hawaasa kiyyaaf gumaachuun fedha'
Shamarree Magfiraa Minawwar barnoota kutaa 10ffaa irraa gara 11ffaatti dabartee biyyaa baqatte.
Barnootashee bakkaan ga'attee, jireenyashee fooyyeffannaan kana caalaa deeggarsa hawaasa isheerratti akka xiyyeeffattu himte.
''Karoora dilan qaba. Mana barumsaan itti baradheef mana kitaabaa tokko ijaaruuf karoorfadheera. Miidiyaa hawaasaa kiyya kana guutummaatti hawaasa kiyyaaf gumaachuuf karooran qaba,'' jechuun karoorashee ibsite.
Magfiraan biyya Masriitti mana namaatti qacaramtee waan hojjettuuf barnootashee itti fufuu hin dandeenye.
Barnoota barachuu mitii, miidiyaa hawaasummaayyuu dhokattee yookaan yeroo boqonnaasheetti fayyadamti.
''Asitti yoo nan baradha jette hojjechuu hin dandeessu. Hojjettu malee ammoo gatii barnootaa kaffalachuun ni ulfaata. Gara biyya sadaffaatti yoon darbu mul'ata kiyya kana bakkaan nan ga'adha,'' jechuun abdiidhaan akka jirtu ibsite.
Kana malees osooma Masirii jirtuu karaa TikTok dorgommiiwwan dhufan hundarratti hirmaattee of fooyyessuuf qophooftee jiraachuus himteetti.












