Teeknoolojiin haaraa sobduu adda baasuuf kalaqame

Piroofesar Ya'eel Haneeyin

Madda suuraa, TOMER NEUBERG

Yunivarsitii Tel Aviiv, Israa’el jiru irraa Piroofesar Ya’eel Haneeyin fi waayillisaa Piroofesar Dinoo Levii garee hogganan waliin mala haaraa ittin soba addaan baasan uumaniiru.

Namoota soban gosa lama addaan baasuu isaanii himu- tokko namoota yeroo soban utuu hin yaadin nyaara isaani sochoosan, kaan ammo yeroo soban sochii hidhii isaani to’achuu hin dandeenye.

Softiweeriin isaanii kunii fi algooriizimiin ittiin hojjetu soba %73 ta’u akka adda baasuu fi sirna kana boodarra foyyessuu akka barbaadan himu. “Yeroo sobakee dhoksuuf yaaltu, wanti tokko inni ati of eeggattu tokko sochii qaamakeedha,” jetti Prof Levii.

“Ta’us garuu teknoolojii kanaan sobakee dhoksuun bayyee, baayyee cima.”

Malootni nama sobu addaan baasuuf fayyadan waggootii dheeraaf turaniiru. Fakkeenyi jalqabaa seenaa keessatti galmaa’ee jiru, kan Dhaloota Kiristoos Dura bara 1000’tti, Chaayinaa keessatti, namni shakkame tokko afaan isaa ruuzii gogaan akka guutuu godhamudha.

Yeroo muraasa booda ruuziin kun ilaalamee yoo gogaa akka ta’etti ture, namni kun akka sobee fi yakkamaa ta’etti fudhatama. Kun kan taasifamuuf namni tokko yoo sobeera ta’e, waan sodaatuuf, afaan isaa ni goga yaada jedhuuni.

Jalqaba jaarraa 20ffatti, maashinootni soba adda baasan pooliigiraafsi jedhaman kalaqamani. Kunneen keessaa kan caalaatti beekamu isa “analoog pooligiraaf” jedhamudha.

Mashiinni kun liilmoo halluun guutame sadii ykn afur kan waraqaa socho’urra sosocha’u qaba.

Namni shakkame, meeshan miira to’atu quba, harkaa fi qaama isaatti hidhamee, maashiniin kun hanga hargansuu, rukkuttaa onnee, dhiibbaa dhiigaa fi dafqa nama kanaa yeroo isaan gaaffii gaafataman deebisanitti safara.

Ta’us garuu mashiniin kun hagam sirritti adda baasa, akkasumas gowwomsuun ni danda’amaa kan jedhu irratti yaaddoon jira.

Maashina nama sobu adda baasu

Madda suuraa, Getty Images

Kanaaf qorattoonnii fi dhabbileen teeknoolojii addunyaarra jiran teeknoolojii sirna pooligiraafii ammayyaa fi olaanaa ta’e uumuuf hojjachaa jiru.

Neezarlaand, Roteerdaam, Yunivarsitii Eraasmus irraa Dr Sebaastiyaan Ispiir fi gartuun isaa namni tokko yoo sobaa jira ta’e adda baasuuf mashinii MRI fayyadamu.

Kanas kan godhan yeroo namni tokko gaaffii gaafatamuuf deebii kennutti sammuu isaa to’achuun jijjiiramni halluu yoo jiraate adda baasu.

“Namni tokko yeroo sobu ykn dhugaa dubbatu kutaaleen sammuu adda addaa maashinii keenya irratti caalaatti yemmuu si’aatan argina,” jedha Dr Ispiir.

Teeknoolojiin cimaa soba adda baasuuf amma fayyadaarra oolu tokko dhabbata Yutaah, US, jiru Converus jedhamu irraa maashini EyeDetect jedhamudha. Kun soba adda baasuuf sochii ija fedhii malee ta’u kan to’atudha.

Namni shakkame gaaffi gaafatameef deebii dhugaa ykn soba, yookin ammo eyyee ykn lakki jechuun deebii akka kennan itti himama. Yeroo deebii kennaniitti sooftiweeriin ija isaanii to’atu isaan ilaalee, deebii isaani qorata.

Sana booda deebiin isaa daqiiqaa shan keessatti adda ba’a, bu’aan isaa %86-88’tti sirri akka ta’e himama.

Dhaabatti Converus akka jedhutti mashiniin EyeDetect kun amma biyyootii 50 keessatti maamiltoota 600’n hojiirra oolaa jira. Dabalataanis dhaabbilee seeraa US 65 fi addunyaa maratti 100’n fayyadamama jedhu.

Hogganaan dhaabbaticha Tood Mikeelsan akka jedhutti qorannoon kun anga’ootaa fi dhabbilee hedduun hojiirra oolaa jira.

Qorattoonni poolisiis mashinii EyeDetect kana fayyadamuun dhimma yakkaa irratti gaaffii gaafachuu danda’u.

Ta’us garuu, maashinii soba addaan baasu fayyadamuu fi dhiisuun gama seeraan, biyyarraa biyyatti adda adda akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.

US keessatti, seerri jiru bulchiinsa (state) tokkorraa isa biraan addadha.

Fakkeenyaaf, Kaalifoorniyaa keessatti himata tokko irratti qamooleen lamaan yoo walii galan, ragaa mana murtiitti dhiyeessuuf maashinii soba adda baasuu fayyadamuun ni eeyyamama. Niw Yoork keessatti garuu haala kaminuu maashinii kana fayyadamuun hin eeyyamamu.

Poolisiin US’s shakkamaa ykn nama to’annoo jala olfame tokko qorannoo mashinii akka fudhatuuf dirqisisuu hin danda’ani.

Qorattoonni Yunivarsitii Tel Aviiv teeknoolojiin amma jiru boodarra kaameeraa fi softiweer, sochii maashaa fuulaa fayyadamuun, nama sobduu ta’e fagoorraa ykn karaa interneetaan adda baasuuf fayyadun bakka bu’uu mala jedhu.

“Baankii, qorannoo poolisii, buufata xiyyaaraa ykn gaaffii fi deebii qacarrii hojii taasifamuu irratti, kaameeraa maashaa fullaa to’atu fayyadamuun haasaa dhugaa isa sobarra adda baasuun ni dandeenya,” jechuun Prof Levii tilmaama ishee kenniteetti.