Shamarreen waan haaraan uume jechuun waliin dhooftee biliyeenara addunyaa taate, Elizaabeet Holmis, eenyu?

Elizabeth Holmes at court

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Daniel Thomas
    • Gahee, Gabaasaa Bizinasii, Niiw York

Elzaabeet Holmis jedhamti, yeroo tokko "shamarree umuriin hundaa gaditti addunyaarratti duroomuun biliyeenera" jedhamtee turte, akka barruun qabeenya sooressoota addunyaa galmeessu Foorbiis baasetti.

Barruun Forbes dhaadessuu hordofee barruun daldalaan biroo Inc jedhamus "Steve Jobs itti aantu" jechuun fuula isaa duraarratti baase. Steve Jobs kaampanii kompiyutaraafi sooftiweerii Ameerikaa keessatti beekamaa tahe Apple nama hundeessedha.

Bara 2014 keessa, yeroo umuriin ishee waggaa 30 turetti Elzaabeet Holmis addunyaarratti qabeenyaan tokkoffaa taatee turte.

Barnoota Yunvarsiitii Istaanford keessaa kan kutte dubartiin kun, kaampaanii qabeenyi isaa dolaara biliyoona 9 ta'u hundeessite. Kaampanii isheen hudeessite kunis dhukkuba qorachuu keessatti warraaqsa jabaa fida jedhamee ture.

Coba dhiigaa xiqqoo fudhachuudhaan qofa osoo lilmee namatti diruu hin rakkatiin, yeroo gabaabaa keessatti haala fayyaa dhibee akka kaansariifi sukkaaraa qorachuuf gargaara jedhamee abdatamee ture.

Maqaan meeshaa qorannoo fayyaa Elzaabeet Homis kun Theranos jedhama. Edison ammoo qe'ee ykn magaalaa qorannoon tekinoooloojii Elzaabeet itti gaggeeffamudha.

Tekinooloojii fayyaa maqaan dubartii kanaa waliin ka'u irratti namoonni gurgoddoo Henerii Kisiiner irraa kaasee hanga Ruupert Murdok invast irratti godhaniiru.

Haata'u malee, bara 2015 keessa pirojektiin ishee kun walqabachuurra jalaa diigame. Yeroo sanatti ture waan Aadde Elzaabeet Holmis hojjechaa turte kan sobaa ta'uun isaa kan saaxilame.

Tekinooloojii isheen maqaa ol kaastee abbootii qabeenyaa harkisuun maallaqa hojjechaa turte, tasumaa hin hojjetiin hafe. Kanarraa ka'uunis bara 2018 keessa kaampaniin isheen hudeessite diigamuu danda'eera.

Ruupert Murdook

Madda suuraa, Drew Angerer

Umuriin ishee yeroo ammaa ganna 37 kan guute Aadde Elzaabeet Holmis yakkawwan waliin dha'uu 12 amma ittiin himatamteen yakkamtuu taanaan hidhaa hanga waggaa 20tiin adabamuuf taati.

Erga himanni kun irratti banamee dhugaan qabdu maal akka ta'e hanga ammaatti hin dubbatiin jirti dubartiin kun.

Dhaddachi dhimma ishee ilaalu kun ji'a itti aanu kan jalqabu yommuu ta'u, himannaa US vs Elzaabeet Holmis fi kaan gidduutti gaggeeffamu kana namuu itti dhiyeenyaan hordofaa jira. Isheenis himannaa irratti dhiyaate kanarraa bilisa ofiin jechuu hin ooltu jedhamee eegamaa jiras.

Dhum-torbee kanarra ammoo wanti biraan dhaga'amuutti jira.

Abokaatoowwan Aadde Elzaabeet, jaalallee ishee duraanii kan isheen michuu biizinasiillee godhachuun waliin hojjechaa ture Maanesh Balwaaniin, yeroo isheen yakka jedhame raawwatteetti jedhamutti miidhaa saal-qunnamtii irraan gahuun qoor-qalbiishee to'ataa waan tureef haalli sammuushee sirrii hin turre jedhan.

Umuriin isaa waggaa 56 kan ta'e Obbo Balwaaniin, himannaawwan waliin dha'uu walfakkaataniin kan himatame yoo ta'u, himannicha "haalaan rifaasisaadha" jedhe.

Dubartii beektotaa hanga barreessituutti nama hunda gowwoomsite irratti murtii akkamii akka laatan dhimma abbootii murtiiti.

Jalqabbiiwwan dhiibbaa guddaan taasifaman

Mata-duree kitaabaa, dokumentarii HBO, akkasumas sagantaa TV fi filmii itti aananii dhufuuf jiraniif ijoo dubbii ta'ullee, Aade Elzaabeet tekinooloojii akka hin hojjenne beektu kanaan maaliif akka saamuu barbaadde ammallee ifa miti.

Magaalaa Waashingitan DC keessatti maatii qabeenya qabaniifi haala mijataa keessatti guddatte Aadde Elzaabeet. Akka namoonni ishee beekan jedhanitti, kan kabaja namaaf qabdudha garuu ijoollumaasheetti qofa-galeettii ykn kaanirraa adda of baasuu jaallatti turte.

Maanguddoon umuriin isaa ganna 81 ta'e kalaqaan beekamuufi abbaa qabeenyaa Richaard Fuwiiz, Aadde Elzaabeet kanarra akka geessu kan taasisu dhiibbaan guddaan duuba jiraachuu mala jechuun yaada.

Maatiin isaa hollaa ishee akka turan kan dubbatu abbaan qabeenyaa kun, dhiibbaan maatiin waan tokko milkeessuu qabda dirqama jechuun namarraa eegan gara kanaatti geessuu danda'a yaada jedhu qaba.

Maatiin Elzaabeet Homis bara hojii isaanii waajira Kaappitol Hiil keessatti kan dabarsan yoo ta'u, "maqaa gaarii horachuutti baayyee kan gammadan" fi " walitti dhufeenya qabaachuun" kan jiraatanidha jechuun BBCtti hime.

Akaakileen karaa abbaa dubartii kanaa raacatii Fleischmann Yeast jedhamu kan seenaa industirii daabboo Ameerikaa keessatti jijjiirama fide argatedha. Kanaaf, maatiin kun waa'ee maqaa hidda maatiisaanii kanaaf baayyee dhimmamoodha jedhan.

Elzaabeet yeroo umuriin ishee waggaa sagal turte, "Jireenyashee keessatti wanta haaraa, kan hanga ammaatti dhalli namaa bira ni ga'ama jedhee hin yaadiin tokko argachuun barbaada," jechuun abbaasheetiif xalayaa barreessitee turte.

Bara 2002 yeroo Yunvarsiitii Istaanfoord keessatti Keemikaal Injiinaring barachaa turtetti, yaada uffata dhukkuba namni uffate sun qabu qorachuun akka barbaachisaa isaatti farra baasu/dhukkuba gadhiisu jedhu tokko fiddee turte.

Prof Filiis Gaardeener

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo umuriin ishee waggaa 18 ta'u waan yaadde sun hin ta'u ittiin jedhanillee diddee itti fufuun waggaa itti aanutti kaampaniin ofiin hudeessu qabaachuun qaba yaada jedhuun itti fufte.

Yunvarsiitii Istaanford keessatti Kilinikaal Farmaakoloojiist kan ta'e Filiis Gaardner, yeroo Elzaabeet Holmis waa'ee yaada uffata dhibee namaa qoratuu kaastee turtetti ishee waliin mariyachuu kan yaadatu yoo ta'u, "waan hojjetu miti" jedhee itti himuusaa ni yaadata.

"Karaakoo jalqabde ture," jechuun BBCtti hime Dr Gaardner.

"Dandeettii ofiisheetti baayyee kan amantu fakkaatti. Beekumsakootti itti hin gammadne ture. Kun ammoo kan nama mufachiisu ture."

Ji'ootaan booda Elzaabeet Holmis yeroo umuriin ishee waggaa 19 guututti Yunvarsiitii Istaanfoord irraa barnoota addaan kutuun Theranos jalqabde.

Pirojektii ishee Theranos jette kanaan ammoo dhiga xiqqoo qubarraa fudhatamtu qofaan dhibee qorachuun jijjiirama warraaqsaati jedhame qabattee jalqabde.

Namoonni gurguddoonis yaada kanaan hedduu harkifamanii osoo karaa maallaqa kanaaf baasan ittiin odiit taasisan hin yaadiin invastii gochuutti seenan.

Sekireetaariin Qabeenyaa US George Schultz, Dursaan humna Galaanaa Janaraal James Mattis (kan boodarra bulchiinsa Tiraamp keessatti tajaajila ture), akkasumas Ameerikaa keessatti maatiin hunda caalaa dureessa jedhaman warri Waltons, warreen ishee deeggaran keessatti argamu.

Deeggarsi qaamoleen kanneenii akkuma amallishee addaa sun ishee gargaare fudhatama akka horattu taasiseeraaf.

"Yaada ajaa'ibaa akkasii qabaachuusheefi invastarootaafi saayintistoota kanneen hunda amansiisuu danda'uushee nan beekan ture," jedhe bara 2015 keessa laaqanarratti kan ishee arge diiniin duraanii Mana Barumsaa Fayyaa Harvaard Dr. Jeffrey Flier.

"Kan ofiin jettutti kan amantu turte, garuu waa'ee tekinooloojiishee ilaalchisee gaaffileen baay'ee yeroon ishee gaafadhetti waan sirriitti hubatte hin fakkaatu ture," jedha Dr Flier.

Tekinooloojiishee kana idileen akka hin madaaliin kan himu Dr Flier, "Waan adda ta'e fakkaata garuu ani waan waliin dha'uuti jedhee yaadni naaf hin dhufne," jedha.

Pireziantii duraanii US Biil Kilitan waliin waltajjiirratti bara 2015

Madda suuraa, Getty Images

Dr Flier dhuma irratti akka isheen Jaallan Boordii mana barumsaa fayyaatti makamtu taasiseera garuu akkana gochuu isaatti gaabbuu dubbata. Boodarra erga shakkiin yakka waliin dha'uun irratti argamee isheenuu ari'amteetti.

Shakkiin kun kan jalqabame bara 2015 yeroo namni eeruu kennu tokko waa'ee meeshaa qorannoo fayyaa guddaadha jedhame Theranos ilaalchisuun yaaddoo qabaachuu kaasetti ture.

Himanni irratti banamee, michoonni daldalaa waliin turanis irraa citan. Bara 2016 keessa ammoo US tti qaamni dhimmicha to'atu Aadde Elzaabeet Holmis hojii qorannoo dhiigaa jettu waggoota lamaaf akka dhaabu godhe.

Bara 2018 keessa ammoo Theranos diigame.

Miidhaa ykn miidhamaa?

Baruma sana Bitootessa keessa, Elzaabeet Holmis himannaa maallaqa dolaara miliyoona 700 waliin dha'uun invastarotarraa walitti qabde jechuun qaamni maallaqa to'atu irratti baneef kaffaltii raawwatteetti.

Ji'a sadii booda garuu himannaa yakka telekoomunikeeshinii akka hin taanetti fayyadamuu jedhuun Mr Baalwaanii waliin to'annaa jala oolfamte.

Elzaabeet beekaa qorannoo dhukkubsattootaaf taasifamu gara-dabarsuu, akkasumas hojii dhaabbatichaa akka malee jajachuun warra maallaqaan deeggaraniif gabaasti jechuun himatan Abbootiin alangaa.

Aadde Elzaabeet Holmis wabiidhaan gadhiifamtee bara 2019 keessa Wiliyaam Biilii Ivaans waliin gaa'ela dhaabbatan. Mr. Wiiliyaam nama umuriin isaa waggaa 27 ta'e yoo ta'u, qabeenya Evans Hotel Group jedhuufi hoteelota biroo kan dhaaledha. Jarri lamaan bara kana ji'a Waxabajjii keessa ilma argataniiru.

"Reefuu kan deessu ta'uun ishee adeemsa murtiirratti dhiibbaa qabaata jedhee hin yaadu, garuu abbaan seeraa yoo isheen yakkamtuu taatee argamte ilaalcha keessa galchuu mala," jedhan itti-aanaan abbaa alangaa Los Anjeles Emilii D Baaker.

Maanesh Balwaanii

Madda suuraa, Getty Images

Dhimmi waliin dhahuu Theranos kun mana murtii yeroo ga'e kanatti, dubartiin kun yaadumashee ganamaatti cichitee jiraachuunshee namoonni garamitti ba'a jedhanii akka eegan taasiseera.

Akka waraqaa himannaa mana murtiitti dhiyaatetti, yaadni abukaatonni Elzaabeet Holmis dhiyeessuuf jiran waa'ee Theranos, "himannaan maqa-balleessii jiraachuu ni amanti" dhugaas waan tureef "investarootaaf ammoo karaa seera qabeessa ittiin biizinasii maddisiisanidha," kan jedhu ta'a.

Kana malees, abukaatonni kunneen amalli jaalallee ishee duraanii Mr Balwaaniin ittiin ishee to'ataa ture jedhame "dandeettii murtee taasisuu ishee haqeera," jechuus danda'u.

Bara dhufu kophaatti dhimmi isaa ilaalamuuf jira kan jedhame qondaalli ol-aanaa duraanii Theranos waggoota kudhanii oliif akkamitti akka uffattu, maal akka nyaattuufi eenyutti akka dubbatullee to'ataa tureera. Kanaaf, ogeessa xiinsamuu dhimma miidhaa saal-qunnamtiirratti beekumsa addaa qabu akka ragaa ba'uufis ni yaamu.

Aadde Elzaabeet Holmis ammoo ejjennoo mataashee fudhattii kan jedhu ammatti ifa miti.

"Dhimma seeraa yakka waliin dhahuu ilaalchisee wanti bayyee rakkisaan namni sun beekaa waliin dhahuuf gochuu isaa mirkaneessuudha," jedha Mr. Bakeer.

"Kanaaf, abbootiin alangaa barreeffamootaafi iimeeliiwwan ishee fayyadamuun tekinooloojichi akka hin hojjenne osoo beektuu ni hojjeta jetteeti kan jedhuun falmuu qabu."