Dubartootaa: Jaalala koompiitaraa daa'imummaa hanga haadha qabeenyaa dhaabbata teeknoolojii idil-addunyaa

Madda suuraa, Kiristiin
''Bara jireenya kiyyaatti hojiiwwan tekinooloojii hedduu hojjadheera. Kanaafuu, ogummaan kiyya teknooloojistiidha. Waggoota lamaan darbaniif ammoo yeroo kiyya baay'ee sagantaalee kompitaraa ijaaruunan (computer programming) dabarse," jetti UKtti kan dhalatte Yoodiit Tasfaayee.
UK'tti haa dhalattu malee, abbaan ishee hojjataa doonii waan ta'aniif, isaan waliin biyya tokko gara biyya biraatti socho'aa guddatte.
Keessattuu ammoo wayita dooniidhaan imala dheeraa abbaa ishee waliin taasiftuutti, yeroon salphaatti waan hin deemneef sammuun waa hedduu yaadataa akka turte himti.
Doniirratti haallawwan rakkisoo ta'an jiraachuu kan himtu Yoodiit, haala sana keessa darbuuf sammuu isheetti fayyadamaa turuu dubbatti.
Piroogiraamiing akkamiin eegalte?
Umuriin isheen pirograaming itti eegaltes kan yeroo ijjoolleen gara xabaatti hawwataman ta'ulleen isheen kanaan akka kaayyoo kanarra hin sochoone dubbatti.
Jalqabas laaptooppii barsiisaan ishee akka kennaatti kennaniifiin hojii teeknooloojii eegaluu yaadatti.
Sadarkaa amma irra geessee kanas sababii kennaa barsiisaa sanaatiin akka ta'e kaafti.
Barnootaaf gara Ameerikaa Mishigaaniitti wayita ergamtetti ture barsiisan ishee, Kaarl jedhamu kompiitara tajaajile bitanii kan kennaniif.
Barsiisaan ishee mana barnoota sadarkaa lammaaffaa kun jaalala Yoodiit 'computer programming'f qabdu ilaaluun laaptoppii kan biteef.
Daa'imummaan 'kompiitar pirogiraamiing' kan eegalte dhalattuun Itoophiyaa Yoodiit Yasfaayee amma haadha qabeenyaa dhaabbata Teekinoolojii idil-addunyaati.
Dhaabbata 'Open Sensors' jedhamu bara 2013tti hundeessite.
Dhaabbata hundeessite kana akka yeroo itti dabarfannaatti hojjataa kan turte yoo ta'u, amma garuu madda galiishee ta'uu dubbatti.
'Open Sensors' attamiin eegalame?
Mucaan ishee osoo baayyee xiqqoo jirtuu dhibeen asimii qabee baayyee yeroo dhukkubsatteetti yaadni dhaabbata kanaa akka dhufeef himti.
Ishenis sagantaa sooftiweerii haala qilleensaa safaru hojjachuuf safara keessa jiraattutti yaalii taasisaa turte. Bakkeewwan garaa garaattis meeshaa kaa'aa turte.
Kanaanis haala qilleensaa attamiin akka asimiin mucaasheetti ka'uufi yeroosaa baruu dandeesse.
Yoodiit dhimma kana qorataa kan turte yeroo hojiitiin alatti ta'ulleen, yaada isaa garuu interneetii irratti qooduun namoonni addunyaa garaa garaa irraa yaada itti kennuu eegalan jetti.
Achuman isaan keessaa abbaan qabeenyaa tokko haala qilleensaa waajjira isaa fooyyeessuuf fedhii akka qabuufi isheenis dhimmicha qorachuun yaada furmaataa akka dhiyeessituuf gorsa gaafateen.
Hojii haala akkasiitiin eegalameen booda keessa dhaabbata 'Open Sensors' hundeessuun maamiltoonni isaas baayyataa dhufan jetti.
Industirii dubartoonni qubaan lakkaa'aman ...
Dameen teeknooloojii Yoodiit irratti hirmaatte kunis kan dubartoonni baay'inaan keessatti qooda hin fudhannee yoo ta'u, keessattuu dubartoonni Afrikaa irraa dhaqan lakkofsa baay'ee gadi aanaa ta'u himti.
Akka Yoodiit jettutti damee teknooloojii keessatti dubartoonni baay'inaan kan hin mul'anneef sababii baay'inaan dubartoonni hoggansa irra hin jiraanneef.
''Yeroo baay'ee dubartoonni hojiisaa waan hin dandeenyeef ykn waan hin jiraanneef osoo hin taane, yeroo baay'ee carraawwan guddinaa waan hin saaqamneefidha,'' jetti.
Haata'u malee, ''ani dubartii waanan ta'eef miirri hin danda'u jedhu natti uumamee hin beeku. Akka carraas ta'ee manni barnootaa itti baradhe kan miira ni dandeessu jedhuun nu guddisesedha,'' jechuun dubbatti.
Yoodiit milkaa'ina hojii ishee kanaatiif damee kanaan lammii Itoophiyaa deeggarsa doolaara miilyoona afur argatte ta'uun seenaa hojjetteetti.
Dameen teeknooloojii akkuma damee biraa sochoosuuf maallaqa barbaada kan jettu Yoodiit, yeroo baayyees baajanni dhaabbilee dubartoota gurraachaan hogganamaniif kennamu baayyee gadaanaa akka ta'e kaafti.
''Jalqabarratti wayita eegallu maqaafi suuraa dhiiraatiin ture walgahiiwwan garaa garaa irratti hirmaachaa kan turre. Kanaafuu, yeroo baayyee dhiiran itti fakkaadha ture. Anis eenyummaa kiyya akka hin barreef ture kana kan godhe,'' jetti Yoodiit rakkoo jiru wayita ibsitu.
Addunyaa teknooloojii keessattis namoonni baayyeenis maqaa sobaatti akka fayyadaman kaafti.
Walumaagalatti dubartoonni hin danda'an yaadni jedhu akka cubbuutti ilaalamuu qaba kan jettu Yoodiit, ''Namni kamuu hin dandeessu yoo jedhamu miira dadhabbiitu itti dhagahama.
"Akkasumas, nageenya sammuufi fayyaa dhabsiisa. Kanaafuu, ni dandeessuu jechuun nama jajjabeessuun barbaachisaadha,'' jetti.
Yoodiit, ''pirgraamingiin alattis daa'imas godhadheera,'' jetti.
''Ijoollee dubaraa lama godhadheera. Keessattuu tibba Covid-19tti isaan waliin dabarsuun muxxannoo addaa argadheera,'' jetti.
Yoodiit dhaabbilee garaa garaa keessa kan hojjatte yoo ta'u, dhaabbata mataashee akka hundeessituuf kan ishee kakaase garuu waan daa'imman godhatteef ta'uu dubbatti.
Yoodiit attamin deeggarsa doolaara mil. 4 argatte?
Damee teeknooloojiitiin deeggarsa maallaqaa argachuun baayyee cimaa ta'uu kan kaaftu Yoodiit, industirichis dargaggoota warra adiitiin kan guutamedha jetti.
''Kanaafuu ragaan nama akka kiyyaa gurraacha ta'erraa eegamuufi kanneen biraa irra eegamu walfakkaataa miti,'' jetti.
Haata'u male, haalli akkasii akka jiru osoo beekamuu ragaaleefi wantoota barbaachisan maraan dhaabbata ofii cimsachu akka qabaatan dubbatti. ''Nutis isuma raawwanna,'' jetti.
Deeggarsa maallaqaa argachuun isaanii ammoo qulqullina hojiisaanii waan mirkanneessuuf, gammachuu olaanaa akka kenneef himti.
Kana malees, ''maqaan ittiin maamiltoota biraa argachuu dandeenyuufi hojii keenya kan itti fufsiisuun arganneerra,'' jechuun himti.
Wayita ammaa kanattis hojiin ykn amalli waajjiraalee geggeedaramaa waan jiraniif dhaabbileeniifi mindeesitoonnis waliin geedaramuu akka qabaatan gorsiti
''Keessattuu, wayita ammaatti sababii Covid-19n walqabatee haala qilleensa waajiraalee keessaa to'achuufi qorachuun caalaa barbaadamaa ta'aa dhufeera.
Kaayyoon keenya muummeen, eddoowwan namoonni itti walitti qabaman kamitti qilleensi fayya qabeessaafi qulqulluu ta'uusaa qulqulleessuudha,'' jechuun maalummaa hojiishee dubbatti.
Gara fuulduraattis hojiishee biyyoota Afriikaa adda addaa keessatti babaliisuuf karoora qabaachuu himti Yoodiit.
















