Yookoo Doktor: Bilbilaan wal'aansa fayyaa argatanii dhukkubarraa fayyuun ni danda'amaa?
Tajaajilli karaa bilbilaan ogeessa fayyaa waliin haasa'uun yaala argachuu 'Tele medicine' jedhamu, biyyoota guddatanitti yeroo dheeraaf dhimma itti bahamaa jiraatus Itoophiyaatti hedduu hin baratamne.
Tajaajila yaala fayyaa karaa bilbilaatiin kennamu kana hojiirra oolchuuf dhaabbanni 'Yookoo Doktor' jedhamu yeroo ammaa Afaan Oromootiin Tajaajila kennaa jira.
Hundeessaa fi daayirektarri 'Yookoo Doktor' Obbo Abdii Dingataa, dhimma yaala fayyaa karaa bilbilaatiin kennamuu kanarratti BBC waliin turtii taasisaniiru.
BBC- Yookoo Doktor akkamitti hundaa'e?
Abdii- Dhaabbata yookoo Doktor kana osoo hin hundeessin dura karaa TV tiin waa'ee fayyaa hawaasa barsiisaa turre. Ergasii yaada' Tele medicine' jedhamu kanaan akkamitti uummata quunnamnee barsiisna kan jedhu yaanneeti kan Yookoo Doktor Hundeessine.
Yookoo Doktor tibba koronaavaayirasiin dhufe sanadha kan hundeessine. Sababnisaas tibba sana namni mana yaalaa dhaquu hedduu sodaatee ture.
Sodaa guddaan namootni sababa koronaavaayirasiitiin mana yaalaa hafanii miidhaa biraaf saaxilamuu waan danda'aniif akkamitti dhukkubsattoonni bilbilaan ogeessota fayyyaa argatanii yaala fayyaa argachuu danda'u jenneeti kan eegalle.
BBC- Namni tokko gara keessanitti bilbilee akkamitti Bilbilaan yaalamuu danda'a?
Abdii- Barannoon amma duraa namni yoo dhukkubsate mana yaalaa dhaqee ilaalameeti kan yaalamu. Amma garuu karaa bilbilaatin 7024 irratti gaafa bilbilan doktoroota sarara irratti isaan eegantu jira.
Si'a tokkoon ogeessota fayyaa 8 sarara irra jiraatu. Namoonni yeroo bilbilan kallattiidhaan Doktoroota argatanii waa'ee dhibee isaanii itti himatu.
Doktoroonnis waan maamilli isaanitti himuun dabalatatti gaaffilee gaafatanii ni qulqulleefatu. Saniin jalqaba dhibee isaanii adda baasna.
Yoo manatti yaalamu danda'a ta'e akka manatti yaalamu goona. Yoo mana yaalaa dhaquu qaba ta'emmoo dhibee kana eessatti yaalamuu danda'a kan jedhu itti himna.
Namoonni tokko tokko 'bilbilaan maal nuu godhu?' jedhanii yaadu. Garuu odeeffannoo xiqqoon fayyaa namaarratti gatii guddaa qabdi.
Fakkeenyaaf namni tokko qoricha bitatee galee yeroo mana gahu akkamitti akka fudhatu dagachuu mala. Yeroo kana nutti bilbilee gaafachuu danda'a, kunumtuu salphaa miti.
BBC- Erga tajaajila yaala fayyaa bilbilaanii kana eegaltanii ji'oota sagal ta'eera. Uummanni hangam isin fudhatee jira?
Abdii- 'Tele medicine' kuni uummata keenya keessatti sirritti hin baratamne. Barsiifata uummanni keenya qabuun namni dhukkubsate mana yaalaa deemee raajii yoo hin kaane, yoo lilmoo hin waraannanne waan yaalame itti hin fakkaatu.
Dhukkuboonni irra hedduun garuu gorsa ogeessaatiin, waan mana keessatti gochuu qabuun yaalamuu kan danda'aniidha.
Sababa hubannootiin jalqaba duubatti harkifannaatu ture. Amma garuu uummata barsiisaa dhufnee maamilli keenya dabalaa jira.
Erga jalqabnee asitti namoota kuma shan caalaan karaa bilbilaatiin yaalleerra, gorsa fayyaatis kennineerra.
Namoota gorsa dabalataa qaaman barbaadanis gara waajjiraatti waamnee tajaajila kennaafii jirra.

Madda suuraa, Yookoo Doktor
BBC- Yookoo Doktor tajaajila yaala fayyaa karaa bilbilaatiin kennu kanaaf ogeessota fayyaa meeqa qaba? Ogummaa akkamii kanneen qabanidha?
Abdii- Nuti jalqaba kan eegalle ogeessota yaala waliigalaatiini. Garuu fedhii maamiloota keenyaa yoo ilaallu irra caalaan isaanii ogeessota dhimma tokkorratti Ispeeshaalaayiz godhan barbaadu.
Ammaaf ogessota waliigalaa (General Practitioner) jaha qabna. Ispeeshaalistoota lamaa fi barataa ispeeshaalitii tokko qabna.
Fedhiin maamiloota keenyaa dabalaa yeroo deemu ogeessota fayyaa Ispeeshaalistii ta'an dabaluun nuuf baay'ee salphaadha.
Tajaajila bilbilaa baay'ee ammayyaa'aa ta'e qabna. Doktoroonni bakka jiran taa'anii server keenya seenanii maamiloota keenya wal'aanu.
Kana malees maamilli tokko bilbilee fakkeenyaaf ispeeshaalistii Onnee yoo barbaade gara doktora sanaatti akka darbu goona.
BBC- Fayyaa Hawaasa eeguurratti Yookoo Doktor gumaacha hammamii qaba jettu?
Abdii- Ummanni keenya osoo mana isaatii hin bahin doktoroota waliin waa'ee fayyaa isaa akka haasa'u haala mijeessineerra.
Dhaabbanni fayyaa addunyaa doktorri tokko nama kuma tokkoof jedha. Biyya keenyatti garuu doktorri tokko nama kuma kudha afuriifi. Kanaaf uummanni keenya doktora argachuunuu rakkoo yeroon ta'u jira.
Rakkoo kana uummata keenyarraa furuuf jecha nuti hakiimota amma qabnu toorarra sa'aatii 24 waan jiraniif uummanni manumasaa taa'ee marii akka godhu, waa'ee fayyaasaa akka gaafatu, yeroo fi qabeenyasaa osoo hin qisaasessine manumatti Ispeeshaaliistii barbaadun yaalla.
BBC- Namni gara keessan bilbilee yaala fayyaa argate kaffaltii akkamitti raawwata?
Abdii- Maamilli keenya kaffaltii kan raawwatu karaa Itiyoo telekoomitiini. Namni tokko gaafa bilbilee Doktora waliin haasa'u daqiiqatti birrii 4 Itiyoo telekoomtu bilbila irraa kuta.
Namni tokko daqiiqaa 10 keessatti waa'ee dhibeessaa haasa'ee mari'atee yaalamee xumuruu ni danda'a. Kanaaf birrii 40 hanga 100 hin caalleen yaala argachuu danda'a jechuudha.
BBC- Gara Fuuladuraatti galmi keessan maali?
Abdii- Galmi keenya tajaajila yaala fayyaa bilbilaa (Tele medicine) guddisuudha. Biyyoota guddatanitti namni mana yaalaa dhaquun dura vidiyo konfaransiidhaan hakiimasaa dubbisa. Achumarra taa'anii qorannoo tokko tokko godhu.
Nutis biyya keenyatti tajaajila kana gara vidiyoo konfaransiidhaan kennuutti ceesisuuf yaanna. Galmi keenya uummanni keenya bakkuma jiru taa'ee manumasaaniitti kara bilbilaa fi vidiyoo konfaransiidhaan yaala barbaachisaa akka argatanidha.
Amma tajaajilli keenya bilbilaan qofa waan ta'eef sagalee malee bifa nama sanaa hin beeknu gaafa vidiyoo konfaransiitti ceene kallattiidhaan maamila keenya waliin walargaa yaaluuf haalduree xumuraa jirra.
Uummanni keenya teekinoolojii nuti qopheessine kanatti fayadamanii doktora isaanii dubbisu akka danda'an, gaaffii waa'ee qorichaa, fayyaa isaanii, bakka itti yaalamuu qabanii fi gaaffii kamuu bilbilanii nugaafachuu akka qabanin dhaama. Bakkuma jirtanitti fayyaa ta'aa.
















