Koronaavaayirasii: Lammii Itoophiyaa saamunaa harkaa haala huccuutiin kalaqe

Madda suuraa, FISAL
Covid-19 dhiibbaa inni gama hedduun sadarkaa addunyaatti qaqqabsiiseen alattis haala jireenyaa ummataas geeddaree jira.
Haaluma kanaanis, harka keenya kan kanaan dura dhiqannuu caalaa akka dhiqannu, haguuggii afaanii yookiin maaskii akka kaawwannu, meeshaalee akka bilbila harkaa keenya dafnee dafnee akka qulqulleessinu ta'eera.
Haalawwan kunneenis karaawwan weerara kana ittiin ofirraa ittisnu keessaayi. Keessattuu tibba dhukkubni kun umamuunsaa dhagahameettis irra deddeebiin harka keenya siriitti akka dhiqannuuf duula cimaatu gaggeeffamaa ture.
Haa ta'u malee, bakkee tokko tokkootti saamuunaan harkaan dhiqachuuf kaa'ame dhabamuun namoonni ni rakkatu.
Kanaafu namni haala kana hubate kalaqa tokkoon as bahe.
Kalaqni kunis kalaqawwan Itoophiyaa keessatti hojjatamuun bara darbe keessa Waajjira abbeentaa biyyattiin galmaa'an saddeet keessaa tokko ta'u, dhaabbatichatti qorataan abbeentaa (talent) Obbo Geetachoo Xaafaa BBC'tti himaniiru.

Hojii dhunfaa irratti kan bobba'e Fayisal Yaasin gosa barnootaa 'Business Administration' digrii lammaffaa argateera.
Hojii kalaqaa isaatiifiis moggaasa 'my soap' jedhu kenneefiira. Kalaqni isaa kunis vaayirasii Covid-19 dabalee kanneen biroolleen ittiisuuf akka gargaaru kan himamee yoo ta'u, saamunaan kunis yeroo tokkicha qofa faayidaarra oluun gatama.
Haa ta'u malee, qabannaaf haala mijatuun kan hojjatameedha. Innis gosa huccuu keemikaala keessa buufameen kan qophaa'eedha.
Attamiin qophaa'aa?
Jalqabarratti haala saamunaa dhangala'aatiin kan hojjatamuudha.
Dhangala'aan kunis alkoolii, Sodiyeem lawuret salfeeti (SLS), cuunfaa qulluubbii adiifi girisiliin kan qabuudha. Girisiliinii isaas harki akka hinsaakaroofneef kan gargaaruudha jedha Faayisal.
Dhangala'aa kana hojjachuufis barruulee saayinsiifi qorannoo biyya Veetinaam keessatti taasifamee irraa yaada fudhachu kan himu Faayisal, ''Veetinaam keessatti dhangala'aa qullubbii adiitti fayyadamuun facaatii koronaavaayirasii ittisuuf akka fayyadaman qorannichi ni mullisa'' jedha.
Fayisal akka jedhuuttis dhangala'aan kun hammi isaa kan beekamu yoo ta'u, laaboraatoriitti yaalii taasisuuf adeemsa irratti argama jedhameera.
Isaan boodas haxooftuu dhangala'aa qophaa'ee keessa erga cuubameen booda haala jiidhaa ykk gogaatiin saamsamuun gabaaf dhiyaata.
Waan ta'eefu namni tokko harkasaa dhiqachu yoo barbaaduutti huccuu haxooftu sana fuudhee bishaan keessa buusun ittiin harkasaa haxaawwachuu danda'a akkuma saamunaatti jechuudha.
Hojiin kalaqaa kun kan kaan irraa adda ta'us, haala salphaatti kiisii keessatti qabatamu waan danda'uufiidha.
Faayisal akka jedhuutti saamunaawwan 'haxooftuu' gabaarratti argaman hin jiran. Kan qophaa'an yoo jiraatanillee haala jiidha qabaniin malee gogaan isaanii hinargamu.
Kanaafuu lafa saamunaa baatanii deemuun hindanda'amneetti kun ni gargaara jedha.
Kanaan alattis, saamunaan kun tajaajila nama tokko qofaaf kan oolu yoo ta'u, namni kamiyyuu saamunaa dhuunfaa isaa qabatee socho'u danda'a jechuudha.
Huccuu haxooftu haala gogaan qopheessuun maaf barbaachise?
Haala gogaa ta'ee qopheessuu fakkeenyaaf barattoonni meeshaalee barnootaa isaanii waliin qabatanii akka socha'aniif ni gargaara kan jedhu Faayisal, tokkooshee keessaa harkisuun harkasaanii dhiqachuuf akka oolu hima.
Saamsamaan tokkoo isaas baay'ina 24 waan qabatuuf yeroo hedduuf akka tajaajilu hima.
Kana malees huccuun kun qabannaa ujummoo bishaaniifi karra konkolaataa bakka namoonni hedduun xuxxuqan qabatanii saaquufilleen akka oolu hima.
Walumaa galatti meeshaalee kan akka laaptoppiifi bilbilaa kan tutuqaan itti baayyatulleen ittiin qulqulleessuuf ni tajaajila jedha.
Kalaqa kana uumuuf maaltu kakaase?
Dhimmoota koronaavaayirasii ittisuuf akka hojiirra olfaman oggeessota fayyaatiin gorfaman keessaa tokko harka saamunaan dhiqachuudha.
Bakkeewwan namoonni itti baayyataniif saamunaa tokkicha waliin fayyadamuun ammoo yaaddoo gara biraati. Kanaafi jedha Faayisal saamunaa namni kiisitti baatee socho'u danda'u kan kalaquuf kaka'u kan himu.
Omisha kanas haala walitti fufiinsa qabuun dhiyeessuuf maashina ittiin huccuu mure qopheessuu kan dhaabbatee yoo ta'u, kanaafis gara qarshii kuma 800 baasuu dubbata.
Omisha isaa kanas irra caalaa barattootta irratti xiyyeeffachuun dhiyeessuuf karoora qabaachu hima.
Dabalataanis hospitaalonni, manneen nyaataafi kkf tti balinaan dhiyeessuuf akka yaade himeera.
Gorsawwan ittisa Covid-19n darban keessaa harka haala gaariin saamunaan dhiqachuun carraa vaayirasichaan qabamuu baayyee akka hir'isu gorfama.
Dhukubbichi mul'atee yeroo waggaa tokkoo gadii keessattis addunyaarratti namoonni miliyoona 38 ol ta'an vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, kanneen miliyoona 1.1 ta'an ammoo du'aniiru.
Haaluma walfakkaatunis Itoophiyaattis namoonni 86,430 ta'an vaayirasichaan qabamunsaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, 1,312 ammoo du'usaanii Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Lakkoofsi guyyaa guyyaan dabalaa waan jiruuf hawaasni ofeegannoo barbaachisu akka taasisuuf gaafatameera.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















