Appil suuraa iccitii maamila isaa qoodusaatiif miiliyoonaan beenyaa kaffale

Madda suuraa, Getty Images
Kubbaaniyyaan teeknooloojii guddichi Ameerikaa Appil, sababa hojjetaansaa maamila mobaayila hojjisiifachuuf fidde suuraashee miidiyaa hawaasaa irratti qoodeef beenyaa doolaara miiliyoona hedduu kaffaluu hime.
Bilbila iPhone kan qabdu maamilli Appil tokko, bilbillishee jalaa miidhamnaan suuqii suphaa mobaayiloota Appil tokkotti geessite.
Yeroo booda waan hin eegnee fi waan hin beekne miidiyaa hawaasaa isheerratti argite.
Suuraan isheen mobaayila isheerraa qabdu hedduun maxxanfamee wayita argitu akkaan rifatte.
Dhimmi kun jalqaba wayita miidiyaadhaan ba'uu eegalu maqaan Appil hin eeramne ture.
Boodarra garuu isa ta'uun wayita baramu kubbaaniyyaan kun ifatti dhiifama gaafateera.
Appil ibsa baaseen,''Iccitii dhuunfaa maamiloota keenyaa eeguun duudhaa keenya isa ijoodha. Namoonni wayita bilbila isaanii hojjechiifatan iccitii fi odeeffannoon dhuunfaasaanii akkamiin eegamuufii danda'a kan jedhurratti qajeelfama baasneerra,'' jedheera.
Taateen kun kan mudate bara 2016 yoo ta'u, Appil yeroo sanarraa eegalee haalicha itti dhiyeenyaan hordofaa akka ture beeksiseera.
Dhimma kana jalqaba kan gabaase barruu the Telegraph jedhamuudha.
Barattuu Yuuniversitii Oreegoon kan taate maamilli Appil kun, bilbilashee akka suphamuuf barbaaddu gara mana suphaa Apple, Pegatron Technology Service ergitee turte.
Appil namoota yakka kana keessaa harka qaban jedhe, hojjettoota suphaa Appil irra hojjetan, lama hojiirraa gaggeesseera.
Dhimma kanaan lammata maqaansaa akka hin kaane kan gaafatee ture Appil, garuu erga manni suphaa Appil, Pegatron Technology Service, kubbaaniyyichaaf beenyaa kaffalee booda maqaansaa dhimma kana waliin ifatti ka'uu jalqabe.
Waggaa lama duras hojjetaan mana suphaa Appil keessa hojjetu tokko kuusaa faayilaa mobaayilii maamilaa keessa seenuun suuraashee gara mobaayilasaatti ergachuun gabaafamee ture.
Wayituma sana Appil dhimmicha qorachaa akka jiruu fi nama badii kana raawwate hojiirraa akka gaggeesse ibsee ture.
Haalli Appil waliin walqabatee irra deddeebiin mudatu kun, namoota mobaayila hojjechiisuuf suuqiitti geessuu hin qabnu jedhaniif dhugeeffannaa ta'eef.
Bulchiinsota Ameerikaa keessaa 20 kan ta'an 'mirgi mobaayila suphuu(Right to Repair)' jiraachuu qaba yaada jedhu wiixineessanii jiru.
Akkaataa wiixinee kanaan kubbaaniyyaawwan teeknooloojii gurguddoon wayita bilbila oomishan, meeshaalee suphuuf oolan qaama sadaffaa suphaa teeknooloojii hojjetuuf dabarsanii akka kennuuf dirqamu.













