Appil saffisa bilbila 'iPhone' moodeelota durii xiqqeessuu isaaf dhiifama gaafate

Madda suuraa, Reuters
Kaampaaniin Appil saffisa Aayifoonii (iphone) moodeelota durii xiqqeesuu isaatiin komii irratti kaa'aa tureef dhiifama gaafateera.
Kaampaanichi amma gatii baatirii haaraa bakka buusuuf kanfaltii gaafatamu hir'isuun bara 2018tti ammoo soofti weerii maamiltoonni fayyummaa baatirii isaanii itti hordofan baasuuf akka ta'e beksiseera.
Maamiltoonni tokko tokko Kaampaanichi saffisa Aayifoonii moodeelota durii kan xiqqeesseef gurgurtaa moodeelota haaraa dabaluu barbaadeeti shakkii jedhu qabu.
Bilbili Aappil tokko tokko baatiriin isaanii dulloomaa waan ta'eef, gabaan ala gochuu amanuun kaayyoon isaa tajaajila yeroo dheeraa akka kennan gochuu ta'uu ibseera.
Dhaabbatichi ergaa marsariitii isaa irratti maxxanseen bilbiloota Aayifoon 6 (iPhone 6 ) wabummaan isaanii darbeef baatirii haaraa bakka buusuuf kanfaltii gaafatamu $79 gara $29 gad buusuu hubachiiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Kaampaanichi ''rakkoole maamilaa furaa, amanamummaa isaan waliin qabu cimsaa, fedhe Aappil irraa warreen shakkii qaban waliin wal amantaa jiru cimsuuf ejjenoowwan fudhachaa akka deemu'' beksiseera,
''Appil keessatti amantaa maamiilli keenya nurraa qabu jechuun nuuf waan hunda jechuu. Amantaa isaanii argachuu fi cimsuuf tattaafiin goonu hin dhaabatu. Hojii jaallannu kana kan hojechaa jirruuf deeggarsaa fi amantaa isin nurraa qabdan irraa kan ka'e dha. Kana yoomiyyuu hin dagannu, akka salphaattis hin laallus'' jedha dhaabatichi.
Appil bilbiloota isaa tokko tokko irratti rakkoo mudateen wal qabatee Ameerikaa keessatti qaamota garaagaraa saddeetiin himanni irratti banameera.
Israa'eelii fi Faraansaayittis dhimmi seeraan qabame jira.

Madda suuraa, Getty Images
Sirna raawwii iOS irratti fooyya'iinsa gochuun baatirii liitiyeem Aayoonii bilbiloota irra jiru cimsuuf hojjechuu isaas beeksiseera.












