Apple: siimkaardii tokkorratti lakkoofsa bilbilaa lama?

Bilbila iphone XS

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, eSIM n gabaa iphone ni jijjiira laataa?

Tibbana eSIM warra teekinooloojii hordofan birattti ijoo dubbii tahee jira. Garuu, eSIM n maali?

Bilbiloota smartphone jedhaman ni fooyyessa laataa? Gatiinsaa attami? Baayyee nama baasisaa?

Jaarmiyaan bilbilaafi koompitaraa Apple bilbila gosa haaraa iPhone XS jedhamu beeksiseera. Siimkaardii eSIM waliin dhufes SIM warra duriirraa maaliin akka adda tahan baruuf gaafachaa jiru.

eSIM n maal dalaga laata?

SIM kaardii mobaayilii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Teekinoolojii durii, nagaatti

eSIM n siimkaardii elektiriikii qubeen 'e' embedded yookiin kan keessa awwaalamee jiru jechuu dha.

Kana dura siimkaardii pilaastikii bilbila keessa kaa'amu fayyadamaa turre, eSIM n waan bicuu tuqaa bilbila wajjin awwaalamtu dha.

eSIM n hojjachuuf garuu netwoorkii gaarii barbaada. Bilbilawwan Apple haaraa bahan kunneen yoo bitachuu feetan netwookii dorgomaa tahe qabaachuu keessan mirkaneessaa.

eSIM n siimkaardii isa duriirra maaliin adda baha?

Nama wayyaa keelloo uffatuu moobaayilii wal-fakkaatoo qabatee jiru.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, eSIM n hariiroo hawaasummaafi jireenya dhuunfaa ni foyyeessa laataa?

Siimkaardii eSIM yoo fayyadamtaniifi lakkoofasa bibilaa geeddaruu yoo feetan siimkaardii isa keessa jiru baasuunn isin hin barbaachisu.

Akkam jennaan, eSIM, lakkoofsa bilbilaa lama al-tokkotti kaardii tokkorratti akka fayyadamtan isin dandeessisa.Fakkeenyaaf lakkofsa tokko dhimma daldalaaf, isa kaan dhimma dhuunfaa fayyadamuu dandeessu. Garuu yeroo tokkotti lachuutiin bibiluu hin dandeessan.

Haatahu malee siimkaardii tokko irratti sagalee ergaa fi daataa gargaara fayyadamuu dandeessu.

Yoo feetan immoo siimkaardii biyya biraattii fayyadamtan itti ida'uu dandeessu.

Apple iPhone XS n guutummaan guutuutti teekinooloojii haaraa fayyadamaa?

Sa'aatii apple harka dubartii irratti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, eSIMs fi sa'aatiin waliif uumaman

Kana dura teekinoolojii wal fakkaataa Saamsangiin bara 2016 fayyadameera, sa'aatiin Apple Watch 3 jedhamu illee kanatti gargaarameera. eSIMs n garuu baayyee xiqqoofi meeshaale rukkina guddaan hojjetan kan akka sa'aatiif mijataa tahuusaati

Bilbilloonni Google illee eSIM fayyadamaa haa tahu malee addunyaa maratti hojii irra hin oolan.

Gulantaa siimkaardiin itti hir'isaa dhufe

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gulantaa siimkaardiin itti hir'isaa dhufe

eSIM saaphana bilbilaa addunyaawaa GSMA n kan deeggarame dha. Iddoowwan addunyaa maratti fayyadama irra ooluu ni danda'a

Haa ta'uutii biyyooti hanga yoonaa eSIM fudhatan :Ostiriyaa,Kaanaadaa,Kirooshiyaa, Cheek Riipabiliik,Jarman,Haangaarii, Indiyaa, Ispeen, UK fi US qofa dha.

Chaayinaan garuu bilbiloota kunneen irratti sirreefama taasisuun ammas siimkaardii lama fudhatu fayyadamuutti cichiteetti.

Gama fayydamtootaanis deebii garaagraa argateera, ''Bu'aan ani argu tokko yoo jiraate yoo hojii kee geeddartu rakkoo Siimkaardii hin qabaattu sarara bilbilaa lama qabaachuu hin qabdu.'' jedhan ogeessi teekinoolojiifi aktivistii Beelindaa Paarmaar dha.

''Kuni warra oomishan gargaara, waa'ee maamiloota garuu eenyutu yaadas'' jetteetti