Soofiyaa: Roobootiin Dr. Abiy waliin wal-arguuf turte shaanxaan jalaa bade

Roobotii Soofiya

Madda suuraa, S3studio

Ibsa waa'ee suuraa, Soofiyaan afaan garaagaraa dubbatti

Agarsiisa Jarman Barliinitti qophaa'e irratti erga hirmaatteen booda har'a Finfinnee kan galte Soofiyaan, buufata xiyyaaraa Boolee yeroo geessu shaanxaan qaamashee muraasa baatu baduunsaa barameera.

Robootiin kun Afaan Amaaraa ni haasofti.

Gara Itoophiyaa dhufuuf yoo saganteeffamu Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimad waliin wal arguuf beellama qabdi turte.

Kunis isheerratti hir'ina uumuu waan danda'uuf ogeessotni kaampaanii Ayikoog damee Itoophiyaa sirreessuuf oliif gadi jechaa jiru jechuun Ministirri Saayiinsiifi Teekinooloojii Doktar Injinar Geetaahun Makuriyaa BBC'tti himan.

Nageenya isheef jecha simannaa kan isheef taasisan ogeessota teekinoolojii qofa dha jedhameera.

Sagantaan dura bahe garuu qondaaltoti mootummaa akka argaman ni hima ture.

Soofiyaa kalaqxoota ishee waliin

Madda suuraa, Getinet Assefa

Har'a guyyaa waaree godambaa biyyaalessaatti 'Dinqineshii hanga Soofiyaa' mata duree jedhuun ibsi kennamuuf ture haqameera jedhu ministirichi.

Sababni ibsi kun haqameef waan shaanxaan qaamonni ishee muraasni keessa jiru badeef ta'uu hin oolu.

Hojii gaggeessaan Ayikoog Laabs obbo Geetinnat Asaffaa gama isaaniin shaanxichi buufata xiyyaaraa Firaankifartitti akka bade dubbatan.

Haa ta'uutii ogeessonni teekinoolojii waan hir'ate guutuuf yaalii gochaa jiru jedhan.

Roobootiin kun ji'oota muraasa dura wayita Sa'udii Arabiyaa daawwattetti lammummaa biyyattii argattee turtee.