Tekinooloojii: Sagaleewwan siyaasa, fayyaafi teekinooloojii Itoophiyaa gara Clubhouse'tti ce'aa jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
"Hundi keenya waa'ee biyya keenyaa dhiphanneerra," jedha Finlaand kan jiraatu xiinxalaan siyaasaa fi nageenyaa Adam Kaasee Abbabaa (PhD).
Waraana, qaala'insa jireenyaa fi biyyi rakkoolee hawaasummaa biroo hamaa keessa jirtu Itoophiyaan garam deemti? Rakkoo biyyattiif falli akkamiin argamaaf? kanneen jedhaniifi gaaffileen yaaddessoo ta'an hedduun jiru.
Bakka buna waliin dhuganitti, taaksii keessatti, yeroo laaqana nyaatan, waajjira keessatti, manneen rifeensaatti walumaagalatti bakka namoonni walitti qaban hundatti haala yeroo Itoophiyaa kaasuun waan hin oolledha.
Miidiyaaleen hawaasaas waltajjii marii birooti. Feesbuukiirratti waa'een Itoophiyaa ni odeeffama, tiwiitara irratti waa'een Itoophiyaa ni odeeffama.
Dr. Adam waa'een siyaasa Itoophiyaa mariin yeroo jiraatu ni hirmaata, ni barreessa, miidiyaalee hawaasummaa irrattis yaada isaa ni kenna.
"Namni hundumtuu waa'ee Itoophiyaa yaaddoo keessa jira," kan jedhu Dr. Adam, mariiwwan 'Clubhouse' lama irratti mari'ataa ture.
Mariiwwan lamaanuu waraana naannoo Tigraay keessatti uumamerrattidha. Hirmaattonni naannolee Tigraay, Amaaraa fi kanneen biroo keessaa babbahan yaada wal jijjiiraniiru.
"Clubhose haasaa namni tokkoo fi lama waliin taasisan caalaa waltajjii bal'aa namaaf kenna. Hundumtuu haala biyyattii keessa jirurratti waan dhiphateef garee namoonni hedduu keessa jiran seenuun mari'achuun caalaa hawwataa taasisa," jechuun marii keessatti hirmaate ibsa.
Clubhouse ifatti erga jalqabee waggaa guuteera. Namoonni hundeessan Pool Deevinsa fi Rohaan Seet jedhamu.
Fayyadamtoonni appilikeeshinii Clubhouse mobaayila isaaniirratti buufatan kamiyyu, dhimma kamirrattiyyu garee marii ijaarrachuu ni danda'u. Namoota akka garee sanatti makamaniif barbaadaniifis erguufiin affeeruun ni anda'ama.
Appilikeeshiniin kun yeroo jalqaba gadi dhiifametti ijoo dubbii ta'ee ture. Osoo saansuur hin godhiin waltajjii mariin irratti taasifamu ta'uu isaatiif namoonni hedduun gara Clubhouse'tti akka makaman hawwateera.
Biyyoonni namoonni bilisaan mari'achuun isaanitti hin tolle akka Chaayinaa appilikeeshinicha dhorkaniiru.
"Clubhouse dogoggora qulqulleessuuf carraa ni kenna," jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Erga dhiyeenya kanaatii dhimmoonni biyyaa Itoophiyaa fi Itoophiyaatiin alatti mariiwwan Clubhouse qophaa'an baay'achaa dhufaniiru.
Dhimmoonni akka fayyaa, tekinooloojii, koornayaa, og-barruu, muuziqaa, kkf… mariiwwaan Clubhouse irratti gaggeeffaman ta'aniiru.
Dr. Adam Clubhouse'tti kan makame dhiibbaa hiriyoota isaatiinidha.
Miidiyaaleen hawaasummaa biroorraa haala adda ta'een Clubhouse mariif, gaaffii kaasuuf, akkasumas yaada ofii gadi fageenyaan ibsuudhaaf akka mijatu dubbata.
Mariiwwan irratti hirmaate dhimmoota siyaasaa wayitaawaa irratti kan xiyyeeffatan waan ta'aniif hirmaattonni miira jajjabaa irratti akka mul'isan ni yaadata.
"Tiwiitaraan ykn karaa biraatiin dubbachuu fi barreessuun ni danda'ama. Clubhouse kan adda godhu waltajjii marii ykn haasaa ta'uu isaati. Yaadonni ni ka'u. Gaaffileenis ni dhiyaatu. Ibsa irratti kennuunis ni danda'ama.
Kanaaf, waltajjii carraa foyyaa'aa ta'e namaaf kennu akka ta'e amana Dr. Adam.
Miidiyaaleen hawaasummaa waan gaariif akkuma dhimmi itti bahamu, gahee hin malles ni taphatu. Namoonni irratti wal arrabsu, yaada hammaataa ta'es irratti ni dhiyeessu, odeeffannoo sobaallee ni tamsaasu.
Marsariitii appilikeeshinii Clubhouse irratti kan ibsame 'people are at the center of every moment' kan jedhudha. Namoonni wiirtuu taateewwan hundaati akka jedhuuti.
"Clubhouse akka billaati. Billaan wanti gaariin ittiin hojjetamuuf ykn namni ittiin ajjeefamuu ni danda'a," jechuun tajaajila appilikeeshiniin kun kennu amala fayyadamtootaatiin akka murtaa'u ibsa Dr. Adam.
Miidiyaan hawaasummaa kamiyyu gaarii ykn hamaa kan ta'u akka itti fayyadama isaatiin ta'uu hima.
Waltajjiiwwan mariin siyaasaa hunda hirmaachisaniifi yaada irratti hundaa'e taasifamu murtaa'oo ta'uu isaaniirraa kan ka'e Clubhouse sirnaan faayidaarraa oollaan qaawwa jiru kan guutuu danda'u jedhee amana.
Angafti fayyaadha- Marii Fayyaa
Dr. Fitsum Xilaahun Ameerikaatti ogeessa wal'aansa kaleeti. Marsariitii marii fayyaa 'Ye Xeenaa Wag' jedhu jaalleewwan ogummaa isaa waliin gaggeesseera.
Waggaa tokkoo fi walakkaa dura kan jalqabame mariin hawaasaa kun, dhimmoota fayyaa irratti odeeffannoo sirrii dhiyeessuuf kan jalqabame. Ogeessonni fayyaa akka waliin mari'ataniifi walii walii isaanii gorsan gargaara.
Mariin 'Ye Xeenaa Wag' kun miseensota Feesbuukiirratti kuma 36, Tiwiitararratti kuma 4, Telegiraamiirratti kuma 2 qaba. Hanga ammaattis Poodkastii kutaalee 40 darbeera.
Amma ammoo torban lama keessatti takkaa mariin 'Ye Xeenaa Wag' Clubhouse irratti gaggeeffamaa jira.
Dr. Fitshuma akka jedhutti, ogeessota sektara fayyaa keessatti muuxannoo qaban affeeruun ibsa akka irratti kennan taasifama.

Madda suuraa, Youtube
"Clubhouse hirmaachisaadha. Fakkeenyaaf, Poodkastiin yeroo hojjetamu anaa fi Dr. Ermiyaas [Jaalleewwan Ye Xeenaa Wag] qofa turre. Clubhouse irratti garuu dhaggeeffataanis nama dubbatu ni ta'a. Kanaaf, sa'aatii dheeraaf haasofnullee hin nuffisiisu."
'Ye Xeenaa Wag' kanaan duraa keessatti marii Clubhouse irratti gaggeeffameen waa'een talaallii Joonsan and Joonsan, odeeffannoo sobaa dhaabuu fi fayyaan sammuu ka'aniiru.
Ministeera fayyaa fi Centre for Disease Control (CDC) irraa ogeessonni affeeramanii talaallicha ilaalchisee odeeffannoo burjaajessoo ta'an irratti akka ifatoominni jiraatu carraan kennamuuf dubbata Dr. Fitsum.
Waa'ee fayyaa qofa yeroo baay'ee dhaga'uun nuffisiisaa ta'uu waan maluuf, kana ilaalcha keessa galchuun 'Ye Xeenaa Wag' tiif Clubhouse dhaabbata 'Jaaz House' jedhu waliin walta'insa uumeera. Kanaaf, mariin Clubhouse muuziqaadhaan dabalaameeti.
"Clubhouse kan adda taasisu ogeessota affeeruu fi dhaggeeffattoonni ogeessota kallattiin gaafachuu danda'uu isaaniiti. Clubhouse akka warra buna dhugaa haasa'aa jiraniitti deemanii makamuutti namatti dhaga'ama," jedha Dr. Fitshum.
Clubhouse fayyadamtoota Apple fi Andirooyidiin ala warra jiran qaqqabuuf appilikeeshiniin akka isa daangessu amana.
Karaa biroon ammoo namoonni eenyummaa isaanii isa sirrii beeksisanii waan itti makamaniif Clubhouse iftoominni isaa namatti tola.
Appiin Clubhouse maal?
Clubhouse erga gadhiifamee waggaa guuteera aappiin kun. Wantoota aappii guddaa jechiisiisan waan guute fakkaata.
Akka guddaatti haasawamuufi, fayyadamtoota guddoo beekaman, walfalmisiisuu, ugguraafi gatii guddaatti tilmaamamuu - isaan kana.
Addunyaa maratti dubbii ta'eera - bakka itti jalqabe Ameerikaadhaa haga Chaayinaa, Biraazilii haga Tarkii. Biyya kamuu jiraadhu, yeroo gabaabaatti dhagayuuf deemta waa'ee appii kanaa.
Tujaaronni addunyaa kanaafi namoonni bebbeekamoon muraasni appicharra jiru. Elon Musk fi hundeessaan Facebook Maark Zukerberg, akkasumas raapparoonni Drake fi Kanye West, akkasumallee Oppiraah Winfireey fayyadamaa jiru.
Appichi haasawaafi beekamtiin qofatti hin hafne - maallaqnis hordofaanii jira. Akka jecha Financial Times UKtti, ogeeyyiin diinagdee Clubhouse doolaara biiliyoona 1 akka baasu dubbachuu gabaaseera.
Clubhouse akkamiin dalaga?
Clubhouse kaanirraa kan adda isa godhu, barreeffama, suuraa fi viidiyoo dhabuu isaati - appichi sagalee (audio) duwwaadha.
Kana malees, waanti hunduu kallattumaan taha yookaan dabra.
Kutaa varchuwaal ofiikee uummachuu dandeessa, yookaan ammoo kana namoonni kaan keessatti haasawanitti galuu dandeetta.
Lakkoofsi namoota haasawanii murtaawaadha. Namoonni kaan filannoo dhaggeeffachuu qofa qabu.
Tahus harkakee baasuun, dubbachuuf gaafachuu dandeetta.
Appicha fayyadamuun sagalee waraabuun boodarra dhaggeeffachuun hin tahu. Haasaa kallattiidhaan waan jiru caqasuu qofadha.
Matadureewwan irratti qabdu akka si jala hin dabarre barbaadda taanaan, matadureewwan fedhii qabdu filachuun ergaan si dhaqqaba. Achis gaafa namoonni dhimmicharratti haasawa jalqaban ergaan sii dhufa.
















