Filannoo Itoophiyaa 2021: Appiin paartileefi filattoota walitti fida jedhame attamiin hojjata?

Asxaa Appichaa - muka qilxuu

Madda suuraa, WARKA

Dhaabbanni Intar Afrikaa Giruupp jedhamuun beekamuufi filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa bara 1997tti waltajjiiwwan falmii paartiilee qopheessaa ture bara kana ammoo dhaabbilee biraa lama waliin ta'uun appii filattootaafi paartiilee walqunnamsiisu beeksiseera.

Appiin kunis Waarkaa (Qilxuu) jedhamuun kan moggaafame yoo ta'u, dhaabbilee gargaarsaa Jarman Firedirik Albarti Instiftungi jedhamuufi Ayiis Addis Teknooloojii jedhaman hirmaachisuun hojjatamuu himan. Appichis paartiilee biyyaalessaa 19 kan hammatu ta'ulleen barameera.

Abbaa appichaa kan ta'e Dhaabbanni Intar Afriikaa murtaa'ina yeroo irraa kan ka'e paartilee sadarkaa naannootti dorgoman akka hin hammatiin dubbateera.

Gorsaan kominikeeshinii dhaabbatichaa Dr Sayifuu BakuraTsiyoon BBCtti akka himaniitti, jiddugalli odeeffannoo dijitaalii kun; sagantaalee, maaniifestoo fi ejjannoo paartiilee haala salphaan bakka tokkootti akka argamu taasisa.

Hanga ammaattis ragaa paartilee torbaa hammachuu danda'amuufi kan paartii sadii ammoo dhiheenyatti kan galfamu ta'uu Dr Sayifuun dubbatan.

Marsariitii irratti akka himametti, filannoodhaaf hanga torban lama hafutti deebii paartiilee galchuu akka danda'u ibseera.

Moggaafni Waarkaa jedhamu kan kennammeefis muka Qilxuu biyyattii bakkeewwan garaa garaatti argamuufi beekamu waan ta'eef jechuun BBCtti himaniiru Dr Sayifuun. Afaan Somaaleetiin Waarkaa jechuun 'oduu' jechuu akka ta'elleen kaasaniiru.

Kaayoon appii kanaas bilbilawwan smart irratti haala salphaa ta'een ejjannoo paartilee dhiyeessuu akka ta'e dhaabbatichi BBCf ibseera.

Appichi attamiin hojjataa?

Tajaajiloota appii kanaa keessaa tokko ejjannoo fi fedhii fayyadamtootaa haala salphaatti kan paartilee waliin wal madaalchisuudha.

Gaaffiileen Appii kanaan qophaa'an 25 filannoowwan: ittiin waliigala, ittiin waliingalu ykn ani walaba jedhan qaba.

Gaaffilee appichaan dhiyaatan keessaa:

  • Caasaan federaalaa saba bu'ureeffate itti fufuu qabaa?
  • Sadarkaan miindaa inni gadaanaan kaa'amuu qabaa?
  • Mirgi walabummaa labsachuu heera motummaa keessa bahu qabaa?
  • Finfinneen naannoo mataashee dandeesse haa taatuu? kanneen jedhan keessatti argamu.

Akkasumas abbummaa lafaa, afaan hojii federaalaa, bara aangoo MM fi ulfa baasuu kan ilaallatanis hammatamuu himan.

Gaafatamaan erga gaaffiisaa xumureen booda ejjannoon isaan paartii siyaasaa barbaadamu waliin wal biratti madaalchifamuun, appichi paartii deebiiwwan fayyadamaa waliin caalaa walitti dhiyaatan parsantaan kaa'a.

Kana malees gaaffiiwwan 25nan irratti paartiileen ejjannoo isaanii ni hubachiisu.

Appiin Waarkaa sagantaalee paartiwwanii qabate kunis, seeroota filannoon walqabatan ilaalchisuunis geessituu (link) marsariitii boordii filannootti geessu qaba.

Haata'u malee ragaan paartiileen appicha keessatti hammatamanii hinguutamne. Dhaabbatichi ragaa kana paartiilee irraa walitti qabuutti rakkoon mudachuu Dr Sayifuun ni dubbatu.

Tajaajilichi erga ummataaf dhiyaate baatii tokko akka hinguunnes ibsaniiru.

Appicharraa kan fudhtame

Madda suuraa, Warka

Filannoon booda hoo tajaajilli appichaa itti fufaa?

Pirojaktichi filannoon boodas appichi tajaajila isaa waltajjii marii paartilee siyaasaafi filattoota walitti hidhuun akka itti fufu gochuuf karoora qabaachu himu Dr Sayifuun.

Kunis filannoon boodas kan itti fufu ta'uu ibsaniiru.

Waltajjiiwwan paartiilee fuulaafi fuulaan wal agrsiisan qopheessuu fi galteewwan isaan irraa agraman ammoo appicha keessa galchuu akka karoorfate dhaabbatichi ibseera.

Akkasumas filannoon booda paartileen maal jedhan ykn maal hojjatan kan jedhan fa'i hordofuun appicha keessatti akka olkaa'amu himu.

Appiin kunis haala yaadameen filannoo biyyaalessaa jahaffaaf madda odeeffannoo akka ta'uuf yaadamee ta'ulleen, sababii paartileen ragaa barbaachisu yeroon kennuu hindandeenyeef harkifachuu himaniiru.

Tajaajjilli appichaa intarneetii irratti kan bu'uureeffate waan ta'eef tibba filannootti yaaddoo tajaajiilli adda cituu danda'a jedhu akka qaban Dr Sayifuun ni dubbatu.

''Intarneetiin adda akka hincinne abdii qabna. Kun garuu murtoo mootummaati,'' jedhan.

Appichi hanga ammaatti Afaan Amaaraa qofaan tajaajila kan kennu yoo ta'u, itti fufiinsaan afaanoota gara biraatiinis bal'isuuf karoora qabaachuu dubbatu Dr Sayifuun.

Baasii piroojaktii kanaaf baafame ilaalchisee garuu ragaan ifa tahe hinjiru.