Waa'ee Appiiwwan ulfa ittisuuf gargaaran-Natural Cyles fi Clue- hagam beekna?

To'annoo da'umsaa

Madda suuraa, Getty Images

Akka mala to'annoo da'umsaatti US keessatti beekamtii argatee hojiirra ooluuf kan yaadamaa jiru appiin 'Natural Cycles' jedhamu, morkataansaa kan 'Clue Birth Control' jedhamu beekamtii argachuusaa irratti himata dhiyeesse.

Appiin 'Clue Birth Control' jedhamu, appii duraan ture kan sagantaa marsaa laguu ji'aa ittiin hordofan 'Clue' jedhamurraa kan argameedha.

Hundeessaan appii 'Natural Cycles' , 'appiin Clue Birth Control' guyyaa laguu ji'aa qofarratti kan hundaa'eedha jechuun beekamtii inni argate kuffise.

Beekamtiin kennamuuf adeemsi keessa darbames gadi fageenyaafi of-eeggannoodhaan kan ilaalame miti jedhe.

Appiin Clue jedhamu garuu aanga'oonni dhimma kana to'atan, mala ittisaa fi to'annoo da'umsaa ''isa nageenyummaan isaa mirkanaa'ee fi naga qabeessa ta'e'' jechuun akka beekamtii kennaniif hima.

Appiin kun bara 2021 US keessatti hojii jalqabuuf jedha.

Appiiwwan lameenuu mala ittisa da'umsaa kan aadaadhaan ture irratti dabalataan tajaajila kennuuf kan kaayyeffataniidha.

Lameenuu guyyaa ulfi uumamuu danda'u ka'umsa godhachuun hojjetu.

Kunimmoo guyyaa marsaa laguu nama sanaarratti kan hundaa'u waan ta'eef, namaa namatti adda addummaa qabaata.

Appiin 'Natural Cycles charges' bilisaan kan galmaa'amu(Subscribe) yoo ta'u, kan Clue illee akkasuma ta'ee garuu appiiwwan fooyya'oo ta'aniif kan nama affeeruudha.

Akka ragaa appii Clue jedhamuutti malli ittisa ulfaa kun da'umsa ittisuu keessatti dhibbeentaa 92 bu'a qabeessa.

Gama kaaniin appiin 'Natural Cycles' jedhamu ammoo dhibbeentaa 93% akka bu'a qabeessa ta'e hima.

Akkuma dawaa da'umsa ittisu, kan yeroo ammaa kennamaa jiruu milkaa'aa ta'uusaa ibsee jira.

"Yaaliin kilinikaa 'Clue Birth Control' qorattoota Yuuniversitii Joorji Taawoniin kan gaggeeffameedha. Qorannoon muuxannoo fayyaa fooyyee qaburratti hundaa'uun gaggeeffames erga haalaan irratti mari'atameen booda maxxanfameera'' jetti dubbi himtuun Clue.

Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa gadi fageenyaa fi of-eeggannoodhaan erga madaalee booda bu'a qabeessa ta'uusaa himeera jette.

Clue Birth Control

Madda suuraa, Clue

Ibsa waa'ee suuraa, Appiin ittisa da'umsaa 'Clue' jedhamu bilbiloota Apple fi Android irratti ni argamu-Garuu jalqaba US keessatti qofa

Marsaa laguu ji'aan faana bu'anii guyyaasaa hordofuun yeroo hanqaaquun fartilaayizeeshiniif qophaa'e adda baasuuf gargaara.

Yeroon laguu nama sanaa yeroo walfakkaataatti kan dhufuu fi kan hin jijijjiiramne ta'uun yoo beekame, waqtii hanqaaquun hormaataaf qophaa'u adda baasuuf gargaara.

Guyyaa lakkaa'anii bira ga'uun alattis akkaataan ittiin hanqaaquun hormaataa qophaa'uu baran jira, innis tampireecharri dabaluu, kana appiin 'Natural Cycles' jedhmus ni hordofa.

Hammeentaan hoormooniis mallattoo kan biraadha.

Garuu jijjiiramoonni kunneen sirriitti hin bikkaman taanaan ni dagatamu, salphaatti hin hubataman.

Hoogganaan 'Natural Cycles' Dr Elina Berglund, akka jedhanitti argannoonsaanii jalqabaa appii kan isaanii fi appii Clue gidduu adda addummaa jiru baruudha.

Akkasaan jedhanitti appiin Clue jedhamu laguu ji'aa qofarratti hundaa'ee hojjeta, tampireecharaa fi dhimmoota kaan bikkuu hin danda'u.

Dr Elina Berglund

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Berglund appiin isaanii kaan caalaa ragaa guutuu kan walitti qabatu ta'uu himan

Qondaalli damee fayyaa appii Clue Lynae Brayboy, appiin isaanii maamila waliin suduudaan michuu ta'aa akka deemu dubbatan.

Jalqaba yeroon walquunnamtii saalaa gochuuf balaa qabu guyyoota 16 ta'uu, garuu suuta suuta ammoo guyyoota 11 ta'uu barsiisaa deema jedhan.

Guyyaa laguun mul'atu shanan dabalatee guyyoota 28 marsaan laguu itti naanna'uun dhufu keessatti guyyaan eerame kun walquunnamtii saalaa raawwachuuf guyyaa maloonni ittisa da'umsaa biroon barbaachisaniidha jedhan.